FAARFANNAA 53
Lallabuuf Qophaaʼuu
- 1. Bariʼe. - Deemuu qabna, - Misiraachoo lallabuuf. - Garuu dukkana, - Roobuus jalqabeera. - Haguuggannee deebinee rafuu - Hawwina. - (BUUSAA) - Ilaalcha gaarii yoo qabaanne, - Sirriittʼ yoo qophoofne, - Akka milkoofnu yoo kadhanne, - Ni jabaanna. - Yasuus maleekota nuu erga. - Miti kophaa keenya. - Hirʼyaa gaariis of biraa qabna, - Ni milkoofna. 
- 2. Gammachuu - Ni arganna, - Dagachuu baannaan kana. - Carraaqqii goonu - Yihowaan ni arga; - Jaalala keenya ni yaadata - Ni beekna. - (BUUSAA) - Ilaalcha gaarii yoo qabaanne, - Sirriittʼ yoo qophoofne, - Akka milkoofnu yoo kadhanne, - Ni jabaanna. - Yasuus maleekota nuu erga. - Miti kophaa keenya. - Hirʼyaa gaariis of biraa qabna, - Ni milkoofna. 
(Dabalataan, Lal. 11:4; Mat. 10:5, 7; Luq. 10:1; Tit. 2:14 ilaali.)