FAARFANNAA 5
Hojii Waaqayyoo Isa Dinqisiisaa
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
	- 1. Yaa Waaq, taaʼuuf deemuu koo beekta. - Ciisuu fi kaʼuu koo ni argita. - Yaada koo fi keessa koo ni ilaalta, - jecha koo fi adeemsa koos - ati beekta. - Yoon dhoksaan tolfamu argite - Lafee koo tokko tokkoon lakkoofte. - Jalqabni koo si biratti galmaaʼe. - Hojiin kee na dinqa - humna guddaa qabda. - Beekumsi kee dinqii dha, ajaaʼiba; - Lubbuun koo beeka kana hundumaa. - Yoon jedhellee, ‘Dukkanni na haguuga’ - Hafuurri kee achittis na arga. - Eessattan si jalaa dhokadha? - Ija keerraa garaman baqadha? - Awwaala keessas, samii gubbaas taʼu, - Galaana keessas dhokachuu - hin dandaʼu. 
(Dabalataan, Far. 66:3; 94:19; Er. 17:10 ilaali.)