LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb17 Guraandhala ful. 5
  • ‘Waggaa Waaqayyo Biratti Jaallatamee Fudhatame Labsaa’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Waggaa Waaqayyo Biratti Jaallatamee Fudhatame Labsaa’
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
mwb17 Guraandhala ful. 5

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ISAAYAAS 58-62

‘Waggaa Waaqayyo Biratti Jaallatamee Fudhatame Labsaa’

“Waggaa Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame” kallattiidhaan waggaa kan argisiisu miti

61:1, 2

  • Waggaan kun, waggaa namoonni garaa qajeelaa qaban bilisummaa Yihowaan labsuu irraa faayidaa akka argataniif carraa itti isaaniif bane argisiisa

  • Jaarraa jalqabaatti waggaan Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame kun kan jalqabe, Dh.K.B. bara 29 yeroo Yesuus tajaajila isaa jalqabetti yommuu taʼu, Dh.K.B. bara 70⁠tti hanga Yerusaalem ‘guyyaa Waaqayyo itti ijaa baafatuʼitti’ balleeffamtetti itti fufeera

  • Bara keenyatti, guyyaan jaallatame kun bara 1914⁠tti yommuu Yesuus samii irratti mootii taʼetti kan jalqabe siʼa taʼu, kan xumuramu immoo yeroo rakkinaa isa guddaatti dha

Lakkoofsa baraa Dh.K.B. bara 29 yeroo jaallatamee fudhatamee jalqabee hanga Dh.K.B. bara 70⁠tti, akkasumas 1914 hanga rakkina isa guddaatti

Yihowaan “qilxuu qajeelinaa” kennuudhaan saba isaa eebbisa

61:3, 4

  • Mukeetii addunyaa irratti argaman keessaa yeroo baayʼee mukeetii guguddaan kan biqilan bosona mukeetiin itti wal deggeran keessatti dha

  • Hiddi isaanii wal keessa lixee waan wal hidhuuf qilleensa guddaa illee damdamachuu ni dandaʼu

  • Mukeetiin guguddaan kun warra rakkataniif gaaddidduu taʼu; baalawwan mukeetii kana irraa harcaʼan immoo, biyyoon jala isaatti argamu akka gabbatu godhu

Miseensonni gumii Kiristiyaanaa addunyaa maratti argaman hundi, dibamtoota lafa irratti hafanii fi “qilxuu qajeelinaa” taʼan irraa gargaarsaa fi eegumsa argatu

Mukeetii guguddaa hidda cimaa gad fagoo taʼe qaban biqiltuuwwaniif gaaddisa taʼu
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi