FAARFANNAA 56
Dhugaa kan Ofii Godhadhu
1. Daandiin jireenyaa, hundarra kan caalu dha,
Filachuun garuu gaʼee kee ti.
Kanaaf fudhadhu gorsa Yihowaan kennu;
Amani waan siin jedhutti.
(BUUSAA)
Kan ofii godhu,
Dhugaa amanii fudhu.
Gammachuu Waaqni
Kennu dhandhami;
Dhugaa kanaan jiraadhu.
2. Yeroof carraaqqiin tajaajilaaf oolchinu,
Mootummaa Waaqaatiif kenninu,
Buʼaa guddaa fi jireenya argamsiisa,
Waan gaarii itti gammannu.
(BUUSAA)
Kan ofii godhu,
Dhugaa amanii fudhu.
Gammachuu Waaqni
Kennu dhandhami;
Dhugaa kanaan jiraadhu.
3. Waaqa duratti, nu hundi ijoollee dha
Qajeelchisaa nu barbaachisa.
Yeroo hundumaa isa faana deemuudhaan,
Ni arganna eebba isaa.
(BUUSAA)
Kan ofii godhu,
Dhugaa amanii fudhu.
Gammachuu Waaqni
Kennu dhandhami;
Dhugaa kanaan jiraadhu.
(Dabalataan, Far. 26:3; Fak. 8:35; 15:31; Yoh. 8:31, 32 ilaali.)