LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • kr boq. 9 ful. 98-109
  • Buʼaa Lallabuun Argamsiise—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Buʼaa Lallabuun Argamsiise—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’
  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hojiidhaaf Waamicha Dhiheessuufi Gammachuu Akka Argatan Abdii Kennuu
  • Mootiin Keenya Hojii Haamaa Hunda Caalu Geggeessaa Jira
  • Buʼaan Hojiin Midhaan Haamuu Argamsiisu Dursee Fakkeenyaan Ibsameera
  • Tajaajiltoonni Yihowaa Hundi Sababa Itti Gammadan Qabu
  • ‘Baʼa Biiftuutii Hamma Lixasheetti’
  • Midhaan Bilchaatee Haamaan Ga’eera
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Midhaan Hafuuraa Sassaabuu Isa Guddaarratti Guutummaatti Hirmaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Inni Kam Akka Tolu Hin Beektu!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Hojii Makaraarratti Gammachuudhaan Hirmaachuu!
    Yihowaa Faarfadhaa
Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
kr boq. 9 ful. 98-109

BOQONNAA 9

Buʼaa Lallabuun Argamsiise​—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Yihowaan sanyiin dhugaa Mootummichaa akka guddatu akka godhe ilaalla

1, 2. (a) Duuka buutonni Yesus wanta inni dubbate hubachuun kan isaanitti ulfaate maaliifi? (b) Yesus waaʼee midhaan haamuu akkamii dubbate?

YOMMUU Yesus, ‘Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Midhaan bilchaatee [“addaatee,” NW] haamaan gaʼeera’ jedhu, bartoonnisaa wanta inni dubbate hubachuu hin dandeenye turan. Kallattii Yesus isaanitti argisiisuun yommuu ilaalan, garbuu addaate utuu hin taʼin garbuu magariisa reefuu biqilaa jiru argan. Haamaan kan gaʼu jiʼoota hedduu booda waan taʼeef, duuka buutonnisaa, ‘Haamaa maaliiti?’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa.—Yoh. 4:35.

2 Haataʼu male, Yesus waaʼee haamaa midhaanii dubbachaa hin turre. Kanaa mannaa fakkeenya kanatti fayyadamee waaʼee haamaa hafuuraa, jechuunis waaʼee namoota sassaabuu barumsa barbaachisaa lama isaan barsiisuu barbaadee ture. Barumsi kun lamaan maalidha? Waaʼee kanaa caalaatti beekuuf, seenaa kana gadi fageenyaan haa qorru.

Hojiidhaaf Waamicha Dhiheessuufi Gammachuu Akka Argatan Abdii Kennuu

3. (a) Yesus, ‘Midhaan addaatee haamaan gaʼeera’ akka jedhu wanti isa kakaase maal taʼuu dandaʼa? (Miiljalee ilaali.) (b) Yesus wanta dubbate kana ifa kan godhe akkamitti?

3 Yesus duuka buutotasaa wajjin dhimma kanarratti kan mariʼate Dh.K.B. dhuma bara 30⁠tti, magaalaa Siikaar ishee Samaariyaatti argamtu biratti ture. Bartoonnisaa gara magaalattii yommuu deeman, Yesus boolla bishaanii bira taaʼee dhugaa hafuuraa dubartii tokkotti himaa kan ture siʼa taʼu, isheenis yeruma sana faayidaa barumsichaa hubatteetti. Duuka buutonnisaa yommuu deebiʼan, dubartiin sun wanta baratte sana namoota ollaasheetti himuuf daftee gara magaalaa Siikaar deemte. Wanti isheen dubbatte fedhiisaanii waan kakaaseef, namoonni ollaashee hedduun Yesusiin argachuuf yeruma sana gara boolla bishaanichaa dhaqan. Yesus tarii, ‘Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Midhaan ammuma iyyuu bilchaatee, haamaan gaʼeera’ kan isaaniin jedhe, yeroo sanatti namoota Samaariyaa hedduu maasii midhaanii boodaan garasaa dhufaa jiran ilaaluudhaan taʼuu dandaʼa.a Achiis waaʼee midhaan haamuu utuu hin taʼin, waaʼee haamaa hafuuraa dubbachaa akka jiru ifa isaaniif gochuuf, “Inni haamu . . . ija midhaanichaas jireenya bara baraatiif walitti in qaba” isaaniin jedhe.—Yoh. 4:5-30, 36.

4. (a) Yesus midhaan haamuu ilaalchisee wantoota akkamii lama barsiise? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

4 Barumsi barbaachisaan Yesus waaʼee haamaa hafuuraa barsiise lamaan kamfaʼi? Tokkoffaa, hojichi ariifachiisaadha. Yesus ‘Midhaan bilchaatee haamaan gaʼeera’ yommuu jedhu, duuka buutonnisaa hojicharratti akka hirmaatan waamicha isaaniif dhiheessuusaa ture. Itti dabalees hojichi hangam ariifachiisaa akka taʼe isaan hubachiisuuf, “Inni haamu ammayyuu gatii isaa argachaa jira” (NW) jedheera. Haamaan yeruma sanayyuu jalqabee waan tureef yeroo itti duubatti jedhan hin turre! Lammaffaa, warri hojicha hojjetan gammachuu qabu. Yesus warri facaasaniifi warri haaman, “walii wajjin akka gammadan” dubbateera. (Yoh. 4:35b, 36) Yesus ‘warri Samaariyaa baayʼeen isatti akka amanan’ yeroo argetti baayʼee gammadeera. Duuka buutonnisaas hojii midhaan haamuurratti garaa guutuudhaan yommuu hirmaatan gammachuu guddaa argatu. (Yoh. 4:39-42) Seenaan jaarraa jalqabaa kun, wanta yeroo karaa hafuuraa hojiin haamaa guddaan itti hojjetamu kana keessatti raawwatamaa jiru akka gaariitti waan argisiisuuf ergaa guddaa nuuf dabarsa. Bara keenyatti haamaan yoom jalqabe? Hojii kanarratti kan hirmaatanoo eenyufaʼi? Hojichi buʼaa akkamii argamsiise?

Mootiin Keenya Hojii Haamaa Hunda Caalu Geggeessaa Jira

5. Hojii midhaan haamuu addunyaa maratti raawwatamu kan geggeessu eenyudha? Mulʼanni Yohannis hojiin kun ariifachiisaa taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?

5 Mulʼata Yohannis ergamaan argerratti, Yihowaan Yesus hojii namoota sassaabuu addunyaa maratti raawwatamaa jiru akka geggeessu akka isa muude ibseera. (Mulʼata 14:14-16 dubbisi.) Mulʼata kanarratti, Yesus gonfoo akka kaaʼateefi haamtuu akka qabate ibsameera. ‘Gonfoon warqee Yesus mataatti kaaʼate’ Mootii taʼee bulchaa akka jiru argisiisa. ‘Haamtuun qaramaan Yesus harkatti qabatemmoo’ shoora inni Haamtuu taʼuudhaan qabu argisiisa. Yihowaan karaa ergamaa tokkoo “yeroon lafti itti haamamtu gaʼeera” (NW) jechuudhaan hojichi ariifachiisaa taʼuusaa ibseera. Dhugumayyuu ‘yeroon haamaa waan gaʼeef’ duubatti jechuun hin barbaachisu! Yesus ajaja Waaqayyoo isa “haamtuu kee ergi” jedhu fudhachuudhaan haamtuusaa kan erge siʼa taʼu, lafti jechuunis namoonni lafarra jiraatan ni haamaman. Mulʼanni nama dinqisiisu kun yeroo ammaattis ‘midhaan addaatee haamaadhaaf akka gaʼe’ nu yaadachiisa. Mulʼanni kun hojiin haamaa addunyaa maratti raawwatamu yoom akka jalqabame hubachuuf nu gargaaraa? Eeyyee!

6. (a) ‘Waqtiin midhaan haamuu’ kan jalqabe yoomi? (b) ‘Lafti haamamuu’ kan jalqabde yoomi? Ibsi.

6 Mulʼanni Yohannis, Mulʼata boqonnaa 14⁠rratti argamu, Yesus Haamtuu taʼuusaafi gonfoo kaaʼachuusaa (lakkoofsa 14) waan ibsuuf, hojiin haamaa bara 1914 booda, jechuunis erga inni Mootii taʼee booda kan raawwatamu taʼuusaa argisiisa. (Dan. 7:13, 14) Sana booda xinnoo turee, Yesus hojii haamaa akka jalqabu ajajameera (lakkoofsa 15). Fakkeenya Yesus, “Yeroon itti midhaan sassaabamu dhuma biyya lafaa ti” jechuudhaan waaʼee haamaa qamadii dubbaterrattis yaanni kanaa wajjin wal fakkaatu tartiibaan ibsameera. Kanaaf, waqtiin midhaan sassaabuufi dhumni biyya lafaa kan jalqabe yeroo tokkotti, jechuunis bara 1914⁠tti ture. Sana booda, “yeroo midhaan sassaabamutti” haamaan ni jalqabe. (Mat. 13:30, 39) Fakkeenya kanarraa kaʼuudhaan, midhaan sassaabuun kan jalqabame Yesus Mootii taʼee bulchuu erga eegalee waggoota muraasa booda akka taʼe hubachuu dandeenya. Jalqabarratti, Yesus bara 1914 hanga jalqaba bara 1919⁠tti duuka buutotasaa warra dibamoo qulleesse. (Mil. 3:1-3; 1 Phe. 4:17) Achiis bara 1919⁠tti, “yeroon lafti itti haamamtu” ni jalqabe. Yesus yeruma sana, hojjetaa amanamaa haaraa muudametti fayyadamuudhaan obboloonni keenya hojiin lallabaa ariifachiisaa taʼuusaa akka hubatan godhe. Mee wanta yeroo sanatti raawwatame haa ilaallu.

7. (a) Obboloonni keenya hojiin lallabaa ariifachiisaa taʼuusaa akka hubatan kan isaan gargaare qorannaa akkamii gochuusaaniiti? (b) Obboloonni keenya maal akka godhan jajjabeeffamanii turan?

7 Adoolessa 1920⁠tti Masaraan Eegumsaa akkas jedhee ture: “Qorannaa Macaafa Qulqulluurratti goonerraa akka hubannetti, ergaa mootummichaa akka lallabdu mirgi guddaan waldaadhaaf kan kenname fakkaata.” Fakkeenyaaf, obboloonni misiraachoon Mootummichaa addunyaa maratti lallabamuu akka qabu raajii Isaayaasirraa hubataniiru. (Isa. 49:6; 52:7; 61:1-3) Hojiin kun akkamitti akka raawwatamu beekuu baatanis, Yihowaan karaa akka isaaniif banu amantii qabu turan. (Isaayaas 59:1 dubbisi.) Obboloonni keenya hojiin lallabaa ariifachiisaa taʼuusaa ilaalchisee hubannaa guddaa argachuunsaanii sochii lallabaasaanii akka dabalan isaan jajjabeesseera. Sana booda maal godhan?

8. Bara 1921⁠tti, obboloonni keenya hojii lallabaa ilaalchisee dhugaa akkamii lama hubatan?

8 Muddee 1921⁠tti, Masaraan Eegumsaa beeksisa akkas jedhu baasee ture: “Waggaan kun waggoota darban hunda caalaa gaarii ture; bara 1921⁠tti namoonni hedduun dhugaa dhagaʼaniiru.” Barruun kun itti dabaluudhaan, “Haataʼu malee, wanti hojjetamuu qabu hedduun jira. . . . Kanaaf hojii kana gammachuudhaan haa hojjennu” jedheera. Obboloonni hojii lallabaa ilaalchisee yaadawwan barbaachisoo Yesus bartootasaatti hime lamaan, jechuunis hojichi ariifachiisaa taʼuusaafi warri hojjetanis gammachuu kan qaban taʼuusaanii akka hubatan qalbeeffadhaa.

9. Bara 1954⁠tti, Masaraan Eegumsaa waaʼee hojii midhaan haamuu maal jedhee ture? Maaliif? (b) Waggoota 50n darbanitti addunyaa maratti lakkoofsi babalʼistootaa hammam dabaleera? (Chaartii “Guddina Addunyaa Maratti Argame” jedhu ilaali.)

9 Bara 1930⁠nitti obboloonni, namoonni tuuta sonaan baayʼee hoolota kan biraa jedhaman ergaa Mootummichaa akka fudhatan erga hubatanii booda, hojiin lallabaa caalaatti cimee itti fufeera. (Isa. 55:5; Yoh. 10:16; Mul. 7:9) Buʼaansaa maal ture? Bara 1934⁠tti namoonni ergaa Mootummichaa lallaban 41,000 kan turan siʼa taʼu, bara 1953⁠ttimmoo 500,000 taʼaniiru! Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1954, “Hojii guddaa midhaan sassaabuu addunyaa maratti raawwatame kana kan hojjete hafuura Yihowaafi humna Dubbiinsaa qabudha” jechuunsaa sirrii ture.b—Zak. 4:6.

GUDDINA ADDUNYAA MARATTI ARGAME

Biyya

1962

1987

2013

Awustiraaliyaa

15,927

46,170

66,023

Biraaziil

26,390

216,216

756,455

Faransaay

18,452

96,954

124,029

Xaaliyaanii

6,929

149,870

247,251

Jaappaan

2,491

120,722

217,154

Meksiikoo

27,054

222,168

772,628

Naayijeeriyaa

33,956

133,899

344,342

Filippiinsi

36,829

101,735

181,236

Yuunaayitid Isteetis

289,135

780,676

1,203,642

Zaambiyaa

30,129

67,144

162,370

GUDDINA LAKKOOFSA QAYYABANNAA MACAAFA QULQULLUU

1950

234,952

1960

646,108

1970

1,146,378

1980

1,371,584

1990

3,624,091

2000

4,766,631

2010

8,058,359

Buʼaan Hojiin Midhaan Haamuu Argamsiisu Dursee Fakkeenyaan Ibsameera

10, 11. Fakkeenya waaʼee ija sanaaficaa dubbatamerratti guddina sanyichi godhe ilaalchisee yaadawwan ibsaman kamfaʼi?

10 Yesus raajii waaʼee Mootummichaa fakkeenyaan dubbaterratti, buʼaa hojiin midhaan haamuu argamsiisu ibseera. Mee fakkeenya ija sanaaficaafi fakkeenya raacitii haa ilaallu. Fakkeenyonni kun keessumaa yeroo dhumaa kanatti raawwiisaanii kan argatan akkamitti akka taʼe ilaalla.

11 Fakkeenya ija sanaaficaa. Namni tokko ija sanaaficaa facaase. Iji kun guddatee muka simbirroonni manʼee irratti ijaarratan taʼe. (Maatewos 13:31, 32 dubbisi.) Guddina sanyii kanaa ilaalchisee yaadawwan fakkeenya kanarratti ibsaman maalfaʼi? (1) Hammi guddinasaa baayʼee kan nama ajaaʼibsiisudha. ‘Iji biqilaa lafaa hundarra xinnaatu’ kun, guddatee muka “damee gurguddaa”qabu taʼa. (Mar. 4:31, 32) (2) Sanyichi akka guddatu hin shakkisiisu. “[Sanyichi] yommuu facaʼu, biqilee in guddata.” Yesus sanyiin kun, “In guddata” jedhe malee “Tarii guddachuu dandaʼa” hin jenne. Kanaaf guddachuusaa akka itti hin fufne wanti godhu hin jiru. (3) Mukti guddachaa jiru kun warra garasaa dhaqan ni hawwata, akkasumas daʼoo isaaniif taʼa. “Simbirroonni dhufanii gaaddisa damee isaa jalatti mannʼee ijaarratu.” Wantoonni kun sadan, midhaan hafuuraa haamuu isa yeroo harʼaa hojjetamaa jirurratti kan raawwataman akkamitti?

12. Fakkeenyi ija sanaaficaa, hojii midhaan haamuu yeroo harʼaatti hojjetamu isa kam argisiisa? (Chaartii “Guddina Lakkoofsa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu” jedhus ilaali.)

12 (1) Hamma guddina mukichaa: Fakkeenyi kun guddina ergaa Mootummichaafi gumii Kiristiyaanaa kan argisiisudha. Hojjettoonni hinaaffaa qaban, bara 1919 jalqabee gumii Kiristiyaanaa isa deebiʼee hundeeffame keessatti walitti qabamaa turaniiru. Yeroo sanatti lakkoofsi hojjettootaa muraasa kan ture taʼus, hojichi saffisaan guddateera. Guddinni jalqaba jaarraa 20⁠ffaatii kaasee hanga harʼaatti argamaa jiru baayʼee kan nama ajaaʼibsiisudha. (Isa. 60:22) (2) Guddinnisaa shakkii hin qabu: Gumiin Kiristiyaanaa guddachuusaa akka itti hin fufne wanti godhu hin jiru. Diinonni Waaqayyoo mormii akka kattaa cimaa taʼe hedduu yoo irra kaaʼaniyyuu, iji xinnoon kun gufuu hunda ofirraa garagalchuudhaan guddachuusaa itti fufeera. (Isa. 54:17) (3) Daʼoo: “Simbirroonni” muka sanarratti manʼee ijaarratan, namoota miliyoonaan lakkaaʼaman, garaa qajeelaa qabaniifi biyyoota 240 taʼan keessaa walitti qabamanii miseensa gumii Kiristiyaanaa taʼuudhaan ergaa Mootummichaa fudhatan argisiisu. (His. 17:23) Namoonni kun bakka kanatti nyaata hafuuraa, boqonnaafi eegumsa argatu.—Isa. 32:1, 2; 54:13.

Simbirroota garaa garaa muka sanaaficaa irra qubatanii jiran

Fakkeenyi ija sanaaficaa, namoonni gumii Kiristiyaanaa keessatti argaman daʼoofi eegumsa akka argatan argisiisa (Keeyyata 11fi 12 ilaali)

13. Fakkeenya waaʼee raacitii dubbatamerratti guddina ilaalchisee yaadawwan ibsaman kamfaʼi?

13 Fakkeenya raacitii. Dubartiin tokko daakuutti raacitii xinnoo naqxee yommuu waliin maktu guutummaan bukoo sanaa ni bukaaʼa. (Maatewos 13:33 dubbisi.) Fakkeenya kanarratti wantoonni guddinaa wajjin haala wal qabateen ibsaman maalfaʼi? Mee lamaansaanii haa ilaallu. (1) Guddinni jijjiiramni akka dhufu godha. Raacitichi ‘guutummaa bukichaa’ waliin gaʼuudhaan ‘akka bukaaʼu’ godha. (2) Guddinni bakka hunda waliin gaʼa. Raacitichi “daakuu safartuu sadii” hunda, jechuunis guutummaan daakichaa akka bukaaʼu godheera. Wantoonni kun lamaan, haamaa hafuuraa isa yeroo harʼaatti geggeeffamaa jirurratti kan raawwataman akkamitti?

14. Fakkeenyi raacitii ilaalchisee dubbatame hojii midhaan haamuu yeroo harʼaatti hojjetamu kan argisiisu akkamitti?

14 (1) Jijjiirama: Raacitichi ergaa Mootummichaa kan argisiisu siʼa taʼu, daakuun sunimmoo ilmaan namootaa argisiisa. Akkuma lamaansaanii erga walitti makamanii booda raacitiin daakuurratti jijjiirama fidu, ergaan Mootummichaa garaa namoota ergaa kana fudhataniirrattis jijjiirama ni fida. (Rom. 12:2) (2) Bakka hunda waliin gaʼa: Raacitichi tamsaʼuunsaa ergaan Mootummichaa babalʼachuusaa argisiisa. Raacitichi hamma daakuu sana hunda waliin gaʼutti bukoo sana keessa tamsaʼa. Haaluma wal fakkaatuun ergaan Mootummichaas “hamma handaara lafaatti” babalʼateera. (HoE. 1:8) Fakkeenyi kun biyyoota hojiin keenya ittifame keessattillee namoonni hedduun hojiin lallabaa keenya akkamitti akka raawwatamu kan hin hubanne taʼanis, ergaan Mootummichaa akka babalʼatu argisiisa.

15. Yaanni Isaayaas 60:5, 22⁠rra jiru raawwatamaa kan jiru akkamitti? (Saanduqa “Yihowaan Akka Dandaʼamu Godheera” jedhuufi fuula 105⁠rratti argamu, akkasumas saanduqa “‘Inni Xinnaan Saba Aango Qabeessa’ Kan Taʼe Akkamitti?” jedhuufi fuula 108-109⁠rratti argamus ilaali.)

15 Yesus fakkeenya kana dubbachuusaa gara waggaa 800 dura, Yihowaan karaa Isaayaas hojiin midhaan haamuu bara keenyatti hojjetamu hammam balʼaa akka taʼuufi gammachuu guddaa akkamii akka argamsiisu haala irraanfatamuu hin dandeenyeen dubbateera.c Yihowaan namoonni iddoo ‘fagoodhaa’ gara jaarmiyaasaatti akka yaaʼan ibseera. Yihowaan “dubartii” Kiristiyaanota dibamoo yeroo ammaatti lafarra jiran argisiistutti yommuu dubbatu akkas jedheera: “Ati kana yommuu argitu fuulli kee in ifa, onneen kees gammachuu irraa kan kaʼe naʼee in dhaʼata; qabeenyi galaana keessa jiru hundinuu kan kee in taʼa, badhaadhummaa saba lafa irraas siif in fidu.” (Isa. 60:1, 4, 5, 9) Yaanni kun dhugumaan raawwiisaa akka argate hin shakkisiisu! Yeroo ammaatti obboloonni waggaa heduudhaaf Yihowaa tajaajilan, lakkoofsi babalʼistoota Mootummichaa biyyasaanii keessatti xinnoo ture gara kumaatama hedduutti akka guddate yommuu argan baayʼee gammadu.

Tajaajiltoonni Yihowaa Hundi Sababa Itti Gammadan Qabu

16, 17. Sababiin ‘inni facaasuufi inni haamu akka waliin gammadan’ godhu inni tokko maalidha? (Saanduqa “Tiraaktota Lamaan Amaazon Keessatti Garaa Namoota Lamaa Tuqan” jedhus ilaali.)

16 Yesus bartootasaatiin, “Inni haamu . . . ija midhaanichaas jireenya bara baraatiif walitti in qaba; kunis inni facaasuu fi inni haamu walii wajjin akka gammadaniif in taʼa” jedheera. (Yoh. 4:36) Hojii midhaan haamuu addunyaa maratti raawwatamurratti ‘waliin gammaduu’ kan dandeenyu akkamitti? Karaawwan hedduudhaan waliin gammaduu dandeenya. Mee amma sadansaanii haa ilaallu.

17 Tokkoffaa, Yihowaan hojicharratti gaʼee akka qabu beekuun nu gammachiisa. Yommuu ergaa Mootummichaa lallabnu, sanyii facaasaa jirra. (Mat. 13:18, 19) Namni tokko duuka buutuu Kiristos akka taʼu yommuu gargaarrummoo, midhaan haamaa jirra. Yihowaan sanyii Mootummichaa akkamitti akka ‘biqilchuufi akkamitti akka guddisu’ yommuu arginu baayʼee gammanna. (Mar. 4:27, 28) Sanyiin facaasnu tokko tokko kan biqilu yeroo booda waan taʼeef namoota kaantu haama. Tarii muuxannoo obboleettii Joʼaan jedhamtuu wajjin wal fakkaatu qabdu taʼa. Joʼaan obboleettii waggaa 60 dura cuuphamteefi Biritaaniyaatti argamtudha. Akkas jetteetti: “Namoonni waggoota hedduu dura yeroo jalqabaatiif isaaniif lallabuudhaan sanyii dhugaa akkan isaanitti hime natti himan na mudataniiru. Ani beekuu baadhus, yeroo booda obboloonni garabiraan Macaafa Qulqulluu isaan qayyabsiisuudhaan tajaajiltoota Yihowaa akka taʼan isaan gargaaraniiru. Sanyiin ani facaase guddatee haamamuunsaa baayʼee na gammachiisa.”—1 Qorontos 3:6, 7 dubbisi.

YIHOWAAN AKKA DANDAʼAMU GODHEERA

YESUS, “Namaaf kan hin dandaʼamne, Waaqayyoof in dandaʼama” jedheera. (Luq. 18:27) Baayʼeen keenya kun dhugaa taʼuusaa jireenya keenya keessatti argineerra. Qaamonni addaddaa hojiin lallabaa keenya akka dhaabatu gochuuf carraaqqii hedduu kan godhan taʼus, Yihowaan hojii kana akka hojjennu nu gargaareera.

Zaakaree

Zaakaaree Ileegbee (umriinsaa waggaa 66, bara 1963⁠tti cuuphame) Beeniinitti hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa ittifamuunsaa akkamitti obboloota akka gargaare yommuu ibsu akkas jedheera: “Bara 1976⁠tti lakkoofsi babalʼistoota biyyattii 2,300 yommuu turetti, hojiin keenya kan ittifame siʼa taʼu, mootummaan ittisni kun afaan biyyichatti dubbatamu hundaan raadiyoodhaan akka himamu ajaje. Sana dura wanti akkasii takkaa dhagaʼamee hin beeku ture. Beeniin keessatti afaan 60 ol kan dubbatamu taʼus, yeroo sanatti sagantaan raadiyoo kan darbu afaan shaniin qofa ture. Kanaaf ittisni kun afaan biyyattiitti dubbatamu hundaan yommuu darbu, namoonni kumaan lakkaaʼamaniifi baadiyyaa fagoo keessa jiraatan yeroo jalqabaatiif waaʼee keenya dhagaʼan. Namoonni kun, ‘Dhugaa Baatonni Yihowaa eenyu? Hojiinsaanii kan ittifamehoo maaliifi?’ jedhanii yaaduu jalqaban. Yeroo booda yommuu gara naannoowwan sanaa dhaqnu, namoonni hedduun yeroo gabaabaa keessatti dhugaa fudhatan.” Yeroo harʼaa Beeniin keessatti Dhugaa Baatota Yihowaa 11,500 ol taʼantu argama.

Maariyaa

Maariyaa Ziiniik (umriinshee waggaa 74, bara 1957⁠tti cuuphamte) akkas jetteetti: “Yommuu umriinkoo gara waggaa 12 taʼu, guutummaan maatii keenyaa Yukreenii gara Saayibeeriyaa Raashiyaatti godaane. Mootummaan Tokkummaa Sooviyeet durii guutummaa biyyattiitti akka hin lallabne nu dhowwuuf carraaqqii cimaa godhus, lakkoofsi keenya ittuma dabalaa deeme. Ariʼatamni cimaan utuu jiruu lakkoofsi keenya baayʼee dabaluusaa arguunkoo, hojiin kun kan Yihowaa taʼuusaa na amansiiseera. Eenyuyyuu hojii kana dhaabsisuu hin dandaʼu!” Obboleettiin Maariyaa jedhamtu kan biraan tokkos (umriinshee waggaa 73, bara 1960⁠tti cuuphamte) akkas jetteetti: “Mootummaan Sooviyeet obboloonni keenya Saayibeeriyaatti akka geeffaman gochuunsaa, namoonni fagaatanii argaman hedduun dhugaa dhagaʼuuf carraa akka argatan godheera.”

Kaasus

Kaasus Maartiin (umriinsaa waggaa 77, bara 1955⁠tti cuuphame) akkas jedheera: “Yommuun dhugaa dhagaʼu Ispeen keessa Dhugaa Baatota Yihowaa 300 qofatu jira ture. Bara 1960⁠tti, hacuuccaan nurra gaʼu ittuma hammaachaa deeme. Mootummaan biyyattii, poolisoonni hojii Dhugaa Baatota Yihowaa humnaan akka dhaabsisan ajaja kenne. Yeroo sanatti guutummaa biyyattii keessatti misiraachicha lallabuun wanta hin dandaʼamne fakkaata ture. Karaan hundumtuu waan nutti cufame fakkaata ture. Haataʼu malee, yeroo ammaatti Ispeen keessa Dhugaa Baatota Yihowaa gara 111,000tu jira. Mormiin utuu jiruu guddina akkasii arguunkoo, Yihowaan nuu wajjin jiraannaan wanti hin dandaʼamne akka hin jirre amantaakoo naa cimseera!”

18. Qorontos Isa Duraa 3:8⁠rratti wanti gammachuudhaaf sababii taʼu akkamii ibsameera?

18 Lammaffaa, yaada Phaawulos, “[Namni] adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata” jechuudhaan dubbate yommuu yaadannu hojjettoota gammachuu qaban taanee itti fufuu dandeenya. (1 Qor. 3:8) Mindaan kun buʼaa hojichi argamsiiserratti utuu hin taʼin, hamma hojjennerratti hundaaʼee kan nuuf kennamudha. Yaanni kun obboloota naannoo namoonni hedduun dhugaadhaaf fedhii hin qabnetti lallaban baayʼee kan jajjabeessudha. Dhugaa Baatuun Yihowaa garaa guutuudhaan hojii sanyii facaasuurratti hirmaatu hundi, Waaqayyo duratti ‘ija baayʼee godhachaa’ waan jiruuf sababii itti gammadu qaba.—Yoh. 15:8; Mat. 13:23.

19. (a) Raajiin Yesus Maatewos 24:14⁠rratti dubbate, gammachuu keenyaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? (b) Bartoota gochuurratti yoo milkaaʼina argachuu baannellee maal yaadachuu qabna?

19 Sadaffaa, hojiin keenya raajiin tokko akka raawwatamu waan godhuuf ni gammanna. Deebii Yesus gaaffii duuka buutonnisaa, “Nutti himi, kun yoom taʼa? Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?” jechuudhaan gaafataniif kenne hubadhaa. Mallattoo sana keessaa inni tokko hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu akka taʼe isaanitti himeera. Kana yommuu jedhu waaʼee hojii duuka buutota gochuu dubbachuusaa turee? Matumaa! “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama” jedheera. (Mat. 24:3, 14) Kanaaf hojiin lallabaa, jechuunis hojiin sanyii facaasuu mallattoo sana keessaa isa tokkodha jechuudha. Kanaan kan kaʼes, yommuu misiraachoo Mootummichaa lallabnu, nama tokko duuka buutuu gochuu yoo dadhabnellee, ‘dhugaa baʼaa’ akka jirru yaadachuu qabna.d Eeyyee, namoonni deebii akkamiiyyuu yoo kennan, raajiin Yesus dubbate raawwiisaa akka argatu gochuurratti ni hirmaanna; kunimmoo hojii kanarratti ‘hidhata Waaqayyoo’ taanee tajaajiluudhaan ulfina akka argannu godha. (1 Qor. 3:9) Dhugumayyuu gammaduuf sababa gaʼaa qabna!

‘Baʼa Biiftuutii Hamma Lixasheetti’

20, 21. (a) Yaanni Miilkiyaas 1:11⁠rratti argamu raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti? (b) Hojii midhaan haamuu wajjin haala wal qabateen maal gochuuf murteessiteetta? Maaliif?

20 Yesus ergamoonnisaa jaarraa jalqabaatti turan hojiin midhaan haamuu ariifachiisaa taʼuusaa akka hubatan gargaareera. Bara 1919 jalqabee, duuka buutonnisaa yeroo harʼaa jiranis dhugaa kana akka hubatan gargaareera. Kanaan kan kaʼes sabni Waaqayyoo hojiisaanii ciminaan hojjechuusaanii itti fufaniiru. Dhugumayyuu hojiin midhaan haamuu ittifamuu akka hin dandeenye mirkanaaʼeera. Akkuma Miilkiyaas raajichi dubbate, yeroo harʼaatti hojiin lallabaa ‘baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixasheetti’ hojjetamaa jira. (Mil. 1:11, hiika bara 1899) Eeyyee, namoonni sanyii facaasaniifi midhaan haaman baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixa biiftuutti eessayyuu yoo jiraatan waliin gammadaa jiru. Akkasumas baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixasheetti, jechuunis ganamaa kaasee hamma galgalaatti ykn guyyaa guutuu miira ariifannaatiin tajaajilaa jirra.

21 Gara waggaa 100 dura lakkoofsi saba Waaqayyoo inni xinnoo ture yeroo harʼaatti “saba aango-qabeessa” taʼuusaa yommuu arginu, dhugumayyuu ‘onneen keenya gammachuurraa kan kaʼe naʼee in dhaʼata.’ (Isa. 60:5, 22) Gammachuun kuniifi jaalalli Yihowaa isa “abbaa midhaanichaa” taʼeef qabnu, hojii midhaan haamuu isa yeroo kamiyyuu caalaa balʼinaan hojjetamaa jiru kana fiixaan baasuurratti hirmaachuuf kan nu kakaasu akka taʼu ni hawwina!—Luq. 10:2.

a Yaanni Yesus ‘midhaan akka addaate’ ibse, marxoo adii namoonni Samaariyaa garasaa dhufaa jiran marxifatanis kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

b Waaʼee waggoota sanaafi sana booda turanii caalaatti beekuuf kitaaba, Dhugaa Baatota Yihowaa—Labsitoota Mootummichaa Taʼan jedhamu fuula 425-520⁠rra jiruufi waaʼee hojii midhaan haamuu bara 1919 hanga 1992⁠tti raawwatamee ibsu akka dubbistu si jajjabeessina. (Ingiliffa)

c Waaʼee raajii yaada hedduu qabate kanaa caalaatti barachuuf kitaaba Raajii Isaayaas—Ifa Ilmaan Namootaatiif Ife Jildii 2, fuula 303-320 ilaali. (Amaariffa)

d Barattoonni Macaafa Qulqulluu yeroo sanaa dhugaa barbaachisaa taʼe kana hubatanii turan. Zaayansi Waach Taawor Sadaasa 15, 1895 akkas jedhee ture: “Qamadii xinnoollee walitti qabuun yoo dandaʼame, akka gaariitti akka dhugaa baʼame ragaa taʼuu dandaʼa. . . . Hundinuu wangeela lallabuu dandaʼu.”

Mootummichi Isiniif Hammam Dhugoomeera?

  • Midhaan hafuuraa haamuu wajjin haala wal qabateen Mootummichi maal raawwateera?

  • Fakkeenyi ija sanaaficaafi raacitii, tajaajila keessan akka raawwattan kan isin jajjabeesse akkamitti?

  • Tajaajila keessanitti gammaduuf sababii akkamii qabdu?

TIRAAKTOTA LAMAAN AMAAZON KEESSATTI GARAA NAMOOTA LAMAA TUQAN

Antooniyoo Simoo‵iinsi

Antooniyoo Simoo‵iinsi

ANTOONIYOO SIMOOʼIINSI, inni jaarsa gumii umrii waggaa 91 taʼe, abbaansaafi abbaan manaa adaadaasaa karaa tiraaktota Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan lamaa akkamitti dhugaa akka dhagaʼan dubbateera. Hiriyoota gaaʼelaa isa gaafachuu dhufan tokkoon, “Seenaa kana dhagaʼuu barbaadduu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis “Eeyyee ni barbaanna” jedhanii deebisaniif. Innis taaʼee gammachuudhaan seenaasaa itti himuu jalqabe.

“Abbaankoo Zeenoon, Waldaa Cuuphaa keessatti tajaajila ture. Bara 1931⁠tti, dubartii miseensa waldaasaanii taate tokko gaafachuuf iddoo fagoo bosona Amaazon keessatti argamu tokko dhaqe. Manasheettis tiraaktota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan lama arge. Tiraaktota kana waldaa keessaa kan argatte taʼus, eenyu achi akka kaaʼe garuu hin beektu turte. Tiraaktiin inni tokko waaʼee ibidda qilillee, inni kaanimmoo waaʼee duʼaa kaʼuu kan dubbatudha. Abbaankoo wanta dubbisetti garaansaa baayʼee tuqame. Yeroo kanatti wanta soddaansaa Guyilheermeen, ‘Ani ibidda qililleetti hin amanu. Waaqni jaalalaa iddoo akkasii qopheessuu hin dandaʼu’ jechuudhaan yeroo baayʼee itti himaa ture yaadate. Abbaankoo tiraaktii kana Guyilheermeenitti argisiisuuf hawwuudhaan saʼaatii saddeetiif bidiruusaatiin deemee gara Maanaakeeree ishee mandara Maanaawus jedhamtutti dhihoo jirtuu dhaqe.”

Antooniyoo Simoo‵iinsi suuraa gumiiwwan jalqabaa lamaan Maanaakurii, Amazoonaas Isteet, Biraazilitti hundeeffamanii baatee

Biraaziil keessatti gumii yeroo jalqabaatiif Bulchiinsa Amaazonitti hundeeffame

“Abbaankoofi Guyilheermeen tiraakticha erga dubbisanii booda, lamaanuu ‘Kun dhugaadha!’ jedhan. Yeruma sana waajjira damee Biraaziilitti barreessuudhaan barreeffamni akka isaaniif ergamu gaafatan. Abbaankoo waldaa keessatti tajaajiluusaa kan dhiise siʼa taʼu, sana booda inniifi Guyilheermeen naannoo fagaatee argamu sanatti ergaa Macaafa Qulqulluu namootatti himuu jalqaban. Namoonni naannoo sanaas ergaa kana kan fudhatan siʼa taʼu, waggaa tokko gidduutti Maanaakeereetti gumiin tokko ni hundeeffame. Utuma baayʼee hin turin mandarattii keessaa namoonni 70 taʼan walgaʼiirratti kan argaman siʼa taʼu, yeroo kanatti Biraaziil keessatti gumii guddaan isa ture.” Antooniyoon takka turee, “Ergaan Mootummichaa akkamitti gara Amaazon akka dhufe dhagaʼuun nama hin gammachiisuu?” jedhee gaafate. Dhugumayyuu baayʼee nama gammachiisa. Sanyiiwwan xixinnoon lamaan, jechuunis tiraaktonni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan xixinnoon lamaan, bosona guddaa Amaazon keessatti facaafaman biqilanii hidda dagaagfachuudhaan gumiin guddaan tokko akka hundeeffamu godhaniiru. Yeroo ammaatti gumiin Maanaakeeree inni erga hundeeffamee waggaa 83 taʼe, Biraaziilitti gumiiwwan Bulchiinsa Amaazon keessa jiran 143 taʼan keessaa isa tokko qofadha!

‘INNI XINNAAN SABA AANGO QABEESSA’ KAN TAʼE AKKAMITTI?

“INNI hundumaa irra gad deebiʼaanis [“xinnaan,” hiika bara 1899] saba aango-qabeessa in taʼa; ani Waaqayyoo dha; yeroo isaatti kana hundumaa, dafee nan raawwadha.” (Isa. 60:22) Raajiin kun raawwiisaa kan argate akkamitti? Raajiin kun raawwatamuunsaa Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argamaniifi waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilan kan tuqe akkamitti?

Baryee Neelsan

Baryee Neelsan (umriinsaa waggaa 84, bara 1943⁠tti cuuphame) akkas jedheera: “Obboleessa dibamaa bara 1920⁠nitti kolportarii ture tokko nan yaadadha. Harki walakkaan biyya Siwiidin naannoo tajaajilaasaa akka taʼu kan isaaf ramadame siʼa taʼu, innis kana fudhatee tajaajilasaa jalqabe; obboleessi kunis taʼe obboloonni amanamoo taʼan kaan hojiisaaniirraa eebba argataniiru. Yeroo harʼaatti babalʼistoota 22,000 ol taʼantu jiru. Amma umriinkoo kan sokke taʼus, ajajamuudhaan Yihowaa tajaajiluukoo itti fufuun barbaada. Maaltu beeka, ammas Yihowaan wanta nama ajaaʼibsiisu nuuf raawwachuu dandaʼa.”

Atiyiin Estarhusee

Atiyeen Estarhuseen (umriinsaa waggaa 83, bara 1942⁠tti cuuphame) akkas jedheera: “Afriikaa Kibbaatti lakkoofsi saba Yihowaa inni bara 1942⁠tti gara 1,500 ture, yeroo harʼaa 94,000 ol taʼuusaa arguunkoo baayʼee na ajaaʼibsiisa. Miseensa jaarmiyaa balʼaa kanaa taʼuun amantii namaa kan cimsudha!”

Keet Gaada

Keet Gaadan (umriinsaa waggaa 82, bara 1948⁠tti cuuphame) akkas jedheera: “Biritaaniyaatti lakkoofsi babalʼistootaa bara 1948⁠tti 13,700 ture, yeroo harʼaa gara 137,000 taʼuusaa arguunkoo hojiin kun hojii Yihowaa taʼuusaa na hubachiiseera. Humna namaatiin utuu taʼee kun hin dandaʼamu ture; Yihowaan garuu Waaqa ‘wanta dinqisiisaa godhudha.’”—Bau. 15:11.

Ulriike Kirolop

Ulriike Kirolop (umriinshee waggaa 77, bara 1952⁠tti cuuphamte) akkas jetteetti: “Waraana Addunyaa Lammaffaa booda hinaaffaa Dhugaa Baatonni Yihowaa ariʼatama Naaziirraa oolan argisiisanirraa gumiiwwan Jarmanitti argaman jajjabina guddaa argataniiru. Namoonni jajjabina argachuun kan isaan barbaachisu siʼa taʼu, Dhugaa Baatonni Yihowaa nu dura turan waraana suukanneessaa sanarratti waan hin hirmaanneef sodaa tokko malee namoota jajjabeessina turre. Waggoota 60 darbanitti hafuurri qulqulluun saba Waaqayyoo akkamitti geggeessaa akka ture argeera. Yeroo ammaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 164,000 ol biyya keenyatti kan argaman taʼuunsaa baayʼee kan nama ajaaʼibsiisudha!”

Maariyaa Birinatiskaayaa

Maariyaa Birinatiskaayaan (umriinshee waggaa 77, bara 1955⁠tti cuuphamte) akkas jetteetti: “Hidhaarraa ooluuf jecha halkan dukkana keessan cuuphame. Yeroo booda abbaan manaakoo Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuusaatiin iddoo hojiin humnaa itti hojjetamutti geeffame. Anis of eeggannoodhaan Raashiyaatti mandaran keessa jiraadhutti lallabuu kanan itti fufe siʼa taʼu, ollaankoo hedduunis dhugaa fudhataniiru. Yeroo sanatti lakkoofsi obbolootaa xinnoo ture. Yeroo harʼaa Raashiyaa keessatti Dhugaa Baatota Yihowaa 168,000 ol taʼan yeroon argu baayʼeen gammada!”

Kimiloo Yaamaanoo

Kimikoo Yaamaanoon (umriinshee waggaa 79, bara 1954⁠tti cuuphamte) akkas jetteetti: “Bara 1970⁠tti lakkoofsi babalʼistoota Jaappaan 10,000 akka guute yommuu beeksisni himame gammachuurraa kan kaʼe imimmaankoo toʼachuu hin dandeenye; kana malees, ‘Hamman lubbuudhaan jirutti, siif amanamaa taʼuun barbaada’ jedheen akka haaraatti Yihowaadhaaf waadaa gale. Amma lakkoofsi babalʼistootaa 216,000 ol taʼuusaa yommuun argu hangam akkan gammadu tilmaamuu dandeessu!”

Daani‵el Odooga

Daaniʼel Odoogan (umriinsaa waggaa 83) akkas jedheera: “Bara 1950⁠tti yommuun cuuphame, Naayijeeriyaa keessa babalʼistoota 8,000 qofatu jira ture. Yeroo harʼaa gara babalʼistoota 351,000tu argama! Walgaʼiiwwan gurguddaarratti, namoota hedduu yommuun ilaalu Haagee 2:7⁠n yaadadha. Dhugumayyuu Yihowaan saba hunda sochoosuudhaan badhaadhummaa saba lafarraa gara manasaatti fidaa jira. Lallabuunkoo karaan, ‘Yihowaa sin galateeffadha!’ itti jedhu waan taʼeef, ammayyuu hamma naa dandaʼame hojii lallabaarratti hirmaachuuf carraaqqii gochaan jira.”

Kaarlos Siilvaa

Kaarlos Siilvaan (umriinsaa waggaa 79) akkas jedheera: “Bara 1952⁠tti siʼan cuuphame Biraaziil keessa Dhugaa Baatota Yihowaa 5,000tu ture. Waggaa sana, jimnaaziyamii Saaʼoo Paawulootti walgaʼii guddaa goone. Bakka konkolaataa dhaaban konkolaataa lama qofatu ture. Obboleessi tokko Istaadiyomii Paakaaʼembuutti quba qabee, ‘Gaaf tokko istaadiyomii kana waan guunnu sitti fakkaataa?’ jedhee na gaafate. Kun wanta taʼuu hin dandeenye fakkaatus, bara 1973⁠tti istaadiyomiin kun namoota 94,586 taʼaniin guutame! Amma Biraaziil keessa obboloonni 767,000 ol taʼan kan jiran siʼa taʼu, kun guddina nama ajaaʼibsiisudha!”

Kaarlos Kaasaares

Kaarlos Kaasaares (umriinsaa waggaa 73) akkas jedheera: “Bara 1954⁠tti yeroon cuuphame, Meksiikoo keessa babalʼistoota 10,500 taʼantu argama ture. Hojjettoonni hedduun waan barbaachisaniif, umriikoo waggaa 21⁠tti daawwataa olaanaa aanaa taʼeen muudame. Raajiin Isaayaas 60:22⁠rratti argamu yommuu raawwatamu ijakootiin arguunkoo eebba guddaadha. Yeroo harʼaa babalʼistoonni 806,000 ol taʼan kan argaman siʼa taʼu, isaanis namoota miliyoona tokkoo ol taʼan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa jiru. Kun baayʼee kan nama ajaaʼibsiisudha!”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi