LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 10 ful. 13
  • Sagalee Jijijjiiruu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagalee Jijijjiiruu
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Sagalee Jijijjiiruu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Sagalee Ga’aa
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Miira Hoʼaa Qabaachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Amantii Guutuudhaan Dubbachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 10 ful. 13

QOʼANNAA 10

Sagalee Jijijjiiruu

Caqasa kenname

Fakkeenya 8:4, 7

YAADA IJOO: Sagalee kee guddisuu fi xiqqeessuu, ol kaasuu fi gad buusuu, akkasumas saffisa isaa jijijjiiruudhaan yaada isaa ifatti dabarsi, akkasumas miira dhaggeeffattootaa kakaasi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Sagalee kee jijijjiiri. Yaadawwan ijoo taʼan addeessuu fi dhaggeeffattoota kee kakaasuuf, sagalee kee guddisi. Ergaa murtii Kitaaba Qulqulluu keessa jiru yommuu dubbistus akkasuma godhi. Waan tokko abdiidhaan akka eeggatan gochuuf ykn ergaa sodaa ykn yaaddoo qabu yommuu dabarsitu immoo sagalee kee xiqqeessi.

    Gorsa gaarii

    Dhaggeeffattoonni kee akka isaan tuffatte akka isaanitti hin dhagaʼamneef, ammaa amma sagalee guddaadhaan hin dubbatin. Nama diraamaa hojjetu fakkeessuudhaan xiyyeeffannaa ofitti hin harkisin.

  • Ol kaʼiinsaa fi gad buʼiinsa sagalee kee jijijjiiri. Afaan keetti baramaa yoo taʼe, hawwii cimaa ibsuuf, hamma ykn fageenya wanta tokkoo argisiisuuf sagalee kee ol kaasi. Gadda ykn yaaddoo ibsuuf immoo sagalee kee gad buusi.

  • Saffisa sagalee kee jijijjiiri. Ergaa miira namaa kakaasu ibsuuf saffisaan dubbadhu. Qabxiiwwan barbaachisoo taʼan yommuu ibsitu suuta jedhii dubbadhu.

    Gorsa gaarii

    Dhaggeeffattoota kee akka hin naasisneef saffisa kee akka tasaa hin jijijjiirin. Haasaan kee akka gatii hin dhabneef saffisa guddaadhaan hin dubbatin.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi