Qayyabannaa 9
Sagalee Jijijjiiruu
BAKKA sirrii taʼetti jabeessitee dubbachuunkee, dhaggeeffattoonni wanta dubbachaa jirtu akka hubatan gargaara. Hanga sagalee, saffisaafi akka haalasaatiif taʼutti sagaleekee gegeddaruun, haasaankee dhaggeeffachuuf kan namatti tolu akka taʼu godha. Kana malees, dhaggeeffattoonni wanta dubbachaa jirtuuf maaltu akka sitti dhagaʼamu akka hubatan gargaara. Haasaa dhiheessituuf ilaalchi ati qabdu, ilaalcha isaan barumsichaaf qabanirratti jijjiirama fiduu dandaʼa. Yaanni kun waltajjiirraa yommuu dubbattu ykn nama tajaajilarratti argattee wajjin yommuu mariʼattus ni hojjeta.
Sagaleen namaa, kennaa dinqisiisaa akka haalasaatti gegeddaramuu dandaʼudha. Sirriitti yoo itti fayyadamte, haasaa garaafi miira dhaggeeffattootaa tuqu, akkasumas hojiidhaaf isaan kakaasu dhiheessuu dandeessa. Taʼus, bakka itti sagaleekee dabaltu ykn hirʼistu, akkasumas bakka itti saffisakeefi akka haalasaatiif taʼutti sagaleekee gegeddartu yaadannoo keerratti mallattoo waan gooteef qofa mala haasaa kana hojiirra oolchuu dandeessa jechuu miti. Mallattoo akkasii hordoftee sagaleekee kan jijijjiirtu yoo taʼe, haasaankee kan nama hin gammachiisne taʼa. Haasaankee hojiidhaaf kan nama kakaasuufi kan nama gammachiisu akka taʼu gochuu mannaa, dhaggeeffattoonni akka dhiphatan godha. Karaa sirrii taʼeen sagalee jijijjiiruun keessa ofiitii madduu qaba.
Mala haasaa kanatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuun, dhaggeeffattoonni nama haasaa dhiheessurratti utuu hin taʼin barumsicharratti akka xiyyeeffatan godha.
Sagalee Jijijjiiruu. Karaan sagalee qoonqookee keessaa baastu itti gegeddartu inni tokko hanga sagaleekee jijijjiiruudha. Kana jechuun garuu darbanii darbanii sagalee dabaluu ykn hirʼisuu jechuu miti. Akkas gochuun ergaa barumsichaa dhoksuu dandaʼa. Irra deddeebitee sagaleekee ol kaastee kan dubbattu yoo taʼe, haasaankee kan nama hin gammachiisne taʼa.
Hangi sagaleekee barumsa dhihaachaa jiruuf mijaaʼaa taʼuu qaba. Abboommii ariifachiisaa Mulʼata 14:6, 7 ykn Mulʼata 18:4 ykn haasaa amantii cimaa qabaachuu gaafatuufi Baʼuu 14:13, 14rratti argaman yommuu dubbistu, sagaleekee ol kaastee dubbisuunkee gaarii taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, yaada Ermiyaas 25:27-38rra jiruufi ergaa balaaleffannaa dabarsu yommuu dubbistu, sagaleekee jijijjiiruun yaadawwan achi keessatti argaman tokko tokko caalaatti ifa gochuuf gargaara.
Kaayyoo haasaakees tilmaama keessa galchi. Dhaggeeffattootakee hojiidhaaf kakaasuumoo, ijoo barumsichaa ifa gochuufii barbaadda? Karaa sirrii taʼeen sagaleekee ol kaasuun kaayyookee galmaan gaʼuuf si gargaara. Haataʼu malee, akkasumaan sagaleekee ol kaastee dubbachuun kaayyookee galmaan sii gaʼuu hin dandaʼu. Maaliif? Tarii wanti ati dubbattu sagaleekee akka ol kaastu utuu hin taʼin, miira haalasaatiif taʼu akka argisiistu kan gaafatu taʼuu dandaʼa. Waaʼee kanaa Qayyabannaa 11rratti ilaalla.
Bakka sirrii taʼetti sagaleekee hirʼistee dubbachuunkee, dhaggeeffattoonni hawwiidhaan akka si dhaggeeffatan kakaasuu dandaʼa. Haataʼu malee, yeruma sana sagaleekee ol kaastee miira hoʼaadhaan dubbachuun si barbaachisa. Sagalee hirʼisanii saffisaan dubbachuun, dhiphina ykn sodaa argisiisuu dandaʼa. Sagalee hirʼisanii dubbachuun, wanti dubbatamaa jiru tokko hamma yaada isa kaanii barbaachisaa akka hin taane argisiisuu dandaʼa. Hanga xumuraatti sagaleekee hirʼistee kan dubbattu yoo taʼe, wanta dubbachaa jirtu kan shakkitu ykn akka itti hin amanne, akkasumas akka itti hin gammanne fakkeessuu dandaʼa. Kanaaf, eessatti sagaleekee hirʼisuun akka si barbaachisu hubachuu qabda.
Saffisakee Jijijjiiri. Yommuu namootaa wajjin dubbannu, utuu hin dhiphatin yaada keenya dabarsuu dandeenya. Wanta nu dinqisiisu ariitiidhaan dubbanna. Wanta dubbanne namoonni akka yaadatan yommuu barbaannummoo, suuta jennee dubbanna.
Haataʼu malee, namoonni haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo hin qabne tokko tokko saffisa ittiin dubbatan hin jijijjiiran. Maaliif? Jechoota yaadasaanii ittiin ibsanirratti garmalee waan xiyyeeffataniifidha. Tarii jechoota kana guutummaatti barreessu taʼa. Haasaasaanii dubbisaan dhiheessuu baataniyyuu, jechoota kana sammuutti qabataniiru taʼa. Kanaan kan kaʼes, hanga dhumaatti saffisni haasaasaanii kan wal fakkaatu taʼa. Yeroo hunda tooriirratti hundaaʼuudhaan haasaa dhiheessuun, gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuuf gargaara.
Adurreen suuta adeemaa jirtu yommuu saree argitu akkuma fiigdu, atis dingata sagaleekee hin dabalin. Matumaa wanti ati dubbattu dhagaʼuuf hanga rakkisaa taʼuutti saffisaan hin dubbatin.
Sagaleekee jijijjiiruuf qofa, darbitee darbitee sagaleekee dabaluufi hirʼisuu hin qabdu. Akka kanaan haasaa dhiheessuunkee, barumsichi kan nama gammachiisu akka taʼu gochuu mannaa, dhaggeeffattoonni xiyyeeffannaadhaan akka hin dhaggeeffanne gochuu dandaʼa. Saffisa ittiin dubbattu kan murteessu, wanta ati dubbattu, miira ittiin dubbattuufi kaayyoo keeti. Haasaakee saffisa barbaachisaa taʼeen dhiheessi. Akkuma yommuu namootaa wajjin dubbattu gootu, wanta si dinqisiise saffisaan dubbadhu. Yaada baayʼee barbaachisaa hin taane ykn seenaa balʼinaan ibsuun barbaachisaa hin taane yommuu dubbattus, akkas gochuunkee barbaachisaadha. Kunis, haasaankee kan namatti toluufi ergaa gaarii kan dabarsu akka taʼu godha. Karaa garabiraammoo, ragaa amansiisaa, yaada ijoofi yaada xumuraarra yommuu geessu saffisa ittiin dubbattu hirʼisuunkee gaariidha.
Akka Haalasaatiif Taʼutti Sagaleekee Gegeddari. Namni tokko meeshaa muuziqaatiin saʼaatii tokkoof ykn isaa oliif taphachaa jira haa jennu. Namni kun jalqaba sagalee guddaa, achiis sagalee xinnoo, darbee darbee saffisaan, achiis suuta jedhee muuziqaa taphata. Hangiifi saffisni sagalee jijijjiiramuyyuu, sagaleen “muuziqaa” akka haalasaatiif taʼutti hin gegeddaramu taanaan, muuziqichi namatti hin tolu. Haaluma wal fakkaatuun, akka haalasaatiif taʼutti sagalee keenya hin gegeddarru taanaan, haasaan keenya kan namatti hin tolle taʼa.
Akka haalasaatiif taʼutti sagalee gegeddaruun afaan hundaa keessatti faayidaa wal fakkaatu akka hin qabne beekuun barbaachisaadha. Afaanota afaan Chaayinaa wajjin wal fakkaatan keessatti, sagalee gegeddaruun hiika jecha tokkoorratti jijjiirama fiduu dandaʼa.
Afaanota olitti ibsamanirraa adda taʼan keessattillee, akka haalasaatiif taʼutti sagalee gegeddaruun ergaa garaagaraa dabarsuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, jecha tokko dheeressanii waamuufi sagalee ol kaasuudhaan ergaasaa jabeessuun ni dandaʼama. Yookiinimmoo, akka haalasaatiif taʼutti sagalee gegeddaruun hanga ykn fageenya waan tokkoo kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Dhuma hima tokkoorratti sagalee ol kaasanii dubbachuun gaaffii kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Afaanota tokko tokko keessattimmoo dhuma hima tokkoorratti sagalee hirʼisanii dubbachuun gaaffii kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Dinqisiifannaafi miirri hoʼaan sagalee guddaadhaan ibsamuu dandaʼu. Gaddaafi dhiphina ibsuufimmoo sagalee xiqqeessanii dubbachuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Miirawwan asirratti ibsaman, namni haasaa dhiheessu tokko garaa namootaa tuquuf isa gargaaruu dandaʼu. Miira akkasii ibsuu yommuu barbaaddu, jechoota qofa waamuunkee gaʼaa miti. Kanaaf karaa miira kana argisiisuun dubbadhu.
Buʼuura Kaaʼuu. Sagalee jijijjiiruuf buʼuurri kaaʼamuu kan qabu yoomi? Yaadawwan haasaa keetiif taʼan yeroo filattu jalqabuu dandeessa. Haasaankee ragaa dhiheessuu ykn gorsa kennuurratti kan xiyyeeffate yoo taʼe, sagaleekee jijijjiiruuf carraa baayʼee hin argattu. Kanaaf tooriikee gamaaggamuudhaan, haasaankee kan namatti toluufi beekumsa kan namaa dabalu akka taʼu godhi.
Haasaa dhiheessaa utuu jirtuu haasaankee kan nama nuffisiisu akka taʼee waan sitti dhagaʼameef jijjiirama tokko gochuu barbaadde haa jennu. Yeroo kanatti maal gochuu dandeessa? Mala itti haasicha dhiheessitu jijjiiri. Akkamitti? Malli tokkoffaan, yaada caqasichaa ofiin dubbachuu mannaa, dhaggeeffattoonni Macaafa Qulqulluu baasanii akka si hordofan afeeruudha. Yookiin hima tokko tokko gara gaaffiitti jijjiiruufi gidduutti takka turuudhaan dhaggeeffattoonni dhimma sanarratti akka xiyyeeffatan godhi. Fakkeenya salphaas itti dabaluu dandeessa. Namoonni haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo qaban malawwan kanatti fayyadamu. Muuxannoo baayʼee qabaattus qabaachuu baattus, yommuu kutaakee qophooftu malawwan kanatti fayyadamuu dandeessa.
Sagalee jijijjiiruun haasaan tokko miʼaa akka qabaatu godha. Bakka sirrii taʼetti sagaleekee jijijjiiruun, haasichi kan namatti toluufi dhaggeeffattoonni gammachuudhaan akka dhaggeeffatan kan godhu taʼa.