LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 1 ful. 4
  • Ittiin Lixa Gaarii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ittiin Lixa Gaarii
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yaada Seensaa Fedhii Kakaasu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 1 ful. 4

QOʼANNAA 1

Ittiin Lixa Gaarii

Caqasa kenname

Hojii Ergamootaa 17:22

YAADA IJOO: Ittiin lixni kee fedhii kan kakaasu, barumsa kee adda baasee kan beeksisuu fi dhaggeeffattoonni kee barumsichaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qaban maaliif akka taʼe kan argisiisu taʼuu qaba.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Fedhii namootaa kakaasi. Gaaffii, yaada, muuxannoo, ykn oduu fedhii dhaggeeffattoota keetii kakaasu filadhu.

    Gorsa gaarii

    Namoonni si dhaggeeffatan fedhiin isaanii maal akka taʼee fi maaltu akka isaan yaaddessu dursii yaadi, achiis ittiin lixa kee bifa sanaan qopheeffadhu.

  • Barumsa kee ifa godhi. Ittiin lixni kee barumsichaa fi kaayyoo isaa dhaggeeffattoota keetiif ifa kan godhu taʼuu isaa mirkaneeffadhu.

  • Barumsichi maaliif barbaachisaa akka taʼe ifa godhi. Wanti ati dubbattu, wanta dhaggeeffattoota kee barbaachisu wajjin akka wal simu godhi. Barumsichi dhuunfaatti isaan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe hubachuu qabu.

    Gorsa gaarii

    Haasaa yommuu qophooftu, ‘Obbolootaa fi obboleettota gumii keessa jiran maaltu isaan mudachaa jira?’ jedhii of gaafadhu. Achiis ittiin lixa kee wanta isaan barbaachisu wajjin akka wal simu godhii qopheessi.

TAJAAJILA IRRATTI

Wanta fedhii nama haasofsiistu sanaa kakaasuu dandaʼu beekuuf, wanta inni gochaa jiru ykn naannoo isaa hubadhuu ilaali. Gaaffii tokko gaafachuudhaan ykn waaʼee wantoota inni gochaa jiruu yaada kennuudhaan marii jalqabuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi