LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Sagantaa Torban Fulbaana 28 Jalqabu
    Tajaajila Mootummaa—2015 | Fulbaana
    • Sagantaa Torban Fulbaana 28 Jalqabu

      TORBAN FULBAANA 28 JALQABU

      Faarfannaa 10 Fi Kadhannaa

      Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:

      cf boq. 11 key. 8-14 (Daq. 30)

      Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:

      Dubbisa M.Q.: 2 Mot. 23-25 (Daq. 8)

      Lakk. 1: 2 Mot. 23:8-15 (Daq. 3 ykn isaa gadi)

      Lakk. 2: Mootummaan Waaqayyoo Namootaaf Maal Godha?—td 23A (Daq. 5)

      Lakk. 3: Dargaggummaa Keetti Akkamitti Fayyadamuu Qabda?—w14 1/15 ful. 18 key. 5–ful. 19 key. 8 (Daq. 5)

      Walgaʼii Tajaajilaa:

      YAADA IJOO JIʼICHAA: ‘Misiraachoo Guutummaatti Dhugaa Baʼuu.’—HoE. 20:24, NW.

      Faarfannaa 45

      Daq. 10: Phaawulosii Fi Michoonni Isaa Filiphisiiyusitti Guutummaatti Dhugaa Baʼaniiru. Mareedhaan kan dhihaatu. Hojiin Ergamootaa 16:11-15 akka dubbifamu godhi. Seenaan kun tajaajila keenya irratti akkamitti akka nu gargaaru mariʼadhaa.

      Daq. 20: “Birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! Jedhamutti Fayyadamanii Barsiisuu.” Gaaffii fi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata 3 irratti erga mariʼattanii booda, hojiin argisiisni babalʼisaan tokko birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu erga raabsee booda keeyyata tokko irratti yommuu mariʼatan argisiisu akka dhihaatu godhi.

      Faarfannaa 37 Fi Kadhannaa

  • Birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! Jedhamutti Fayyadamanii Barsiisuu
    Tajaajila Mootummaa—2015 | Fulbaana
    • 1. Birooshurri Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu kan qophaaʼe akkamitti?

      1 Akkuma Tajaajila Mootummaa jiʼa Adoolessaa irratti mariʼannee turre, meeshaalee gurguddaa barsiisuuf nu gargaaran keessaa tokko birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu dha. Namni qayyabatu sun kallattiidhaan Macaafuma Qulqulluu irraa akka baratuuf jecha, caqasoonni kennaman yaadni isaanii achi irratti hin ibsamne. Barreeffamoonni qayyabannaadhaaf qophaaʼan hedduun kan qophaaʼan namni tokko dhuunfaadhaan yeroo dubbisuttis hubachuu akka dandaʼu godhamee taʼus, barreeffamni kun kan qophaaʼe barsiisaa tokkoo wajjin akka irratti mariʼatan godhamee ti. Kanaaf, birooshuricha yommuu raabsinu, namni haasofsiisnu misiraachoo Macaafa Qulqulluu barachuun hangam gammachiisaa akka taʼe akka hubatuuf akkamitti akka qayyabatamu itti argisiisuuf yaalii gochuu qabna.—Mat. 13:44.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi