Birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! Jedhamutti Fayyadamanii Barsiisuu
1. Birooshurri Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu kan qophaaʼe akkamitti?
1 Akkuma Tajaajila Mootummaa jiʼa Adoolessaa irratti mariʼannee turre, meeshaalee gurguddaa barsiisuuf nu gargaaran keessaa tokko birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu dha. Namni qayyabatu sun kallattiidhaan Macaafuma Qulqulluu irraa akka baratuuf jecha, caqasoonni kennaman yaadni isaanii achi irratti hin ibsamne. Barreeffamoonni qayyabannaadhaaf qophaaʼan hedduun kan qophaaʼan namni tokko dhuunfaadhaan yeroo dubbisuttis hubachuu akka dandaʼu godhamee taʼus, barreeffamni kun kan qophaaʼe barsiisaa tokkoo wajjin akka irratti mariʼatan godhamee ti. Kanaaf, birooshuricha yommuu raabsinu, namni haasofsiisnu misiraachoo Macaafa Qulqulluu barachuun hangam gammachiisaa akka taʼe akka hubatuuf akkamitti akka qayyabatamu itti argisiisuuf yaalii gochuu qabna.—Mat. 13:44.
2. Guyyaa jalqabaatti birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu akkamitti itti fayyadamuu dandeenya?
2 Guyyaa Jalqabaatti Yommuu Haasofsiisnu: Akkas jechuu dandeessu: “Kanan dhufe namoonni wanti gara fuulduraatti ilmaan namootaa mudatu waan isaan yaaddessuufi dha. Gara fuulduraatti haalawwan amma jiran fooyyaʼuu akka dandaʼan sitti dhagaʼamaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun misiraachoo abdii nuu kennuu dandaʼu qabateera. Gaaffiiwwan Macaafni Qulqulluun deebii kennuuf tokko tokko as irra jiru.” Nama haasofsiistan sanaaf birooshuricha kennaafiitii gaaffiiwwan fuula dhumaa irra jiran keessaa tokko akka filatu isa afeeraa. Achiis keeyyata jalqabaatti fayyadamuudhaan akkamitti akka qayyabatamu itti argisiisaa. Karaa kan biraatiin immoo, gaaffii fedhii namichaa kakaasuu fi barumsa isin filattan irratti hundaaʼe isa gaafadhaatii birooshurichi deebii Macaafni Qulqulluun kennu argachuuf akkamitti akka isa gargaaru itti argisiisaa. Weeb saayitiin jw.org/om viidiyoo barumsa sanaa wajjin wal simu yoo qabaate, babalʼistoonni tokko tokko yommuu birooshurichatti fayyadamanii namoota haasofsiisan viidiyoo sana itti argisiisu.
3. Birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamutti fayyadamanii, qayyabannaa Macaafa Qulqulluun geggeessuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsi.
3 Qayyabannaan Kan Ittiin Geggeeffamu Akkamitti? (1) Namni haasofsiistan sun yaada ijoo isaa irratti akka xiyyeeffatuuf gaaffiiwwan lakkoofsaan kaaʼamanii fi qubee fufurdaadhaan barreeffaman dubbisaa. (2) Keeyyata itti aanee jiru dubbisaa. (3) Caqasawwan dalga ciibsamanii barreeffaman dubbisaa; namni haasofsiistan sun caqasawwan gaaffiiwwan lakkoofsaan ibsamaniif akkamitti deebii akka kennan hubachuu akka dandaʼuuf gaaffiiwwanitti malaan fayyadamaa. (4) Gaaffichi keeyyata kan biraa yoo qabaate, yaada qabxii 2ffaa fi 3ffaa irratti kenname irra deebiʼaa. Viidiyoon gaaffii sanaa wajjin wal simu yoo jiraatee fi nama haasofsiistan sanatti hamma yeroo sanaatti itti hin argisiisne yoo taʼe, maree keessan gidduutti viidiyicha itti argisiisaa. (5) Dhuma irrattis, namni haasofsiistan sun hubachuu isaa mirkaneessuuf gaaffiiwwan lakkoofsaan kaaʼaman gaafadha.
4. Barreeffama kanatti akka gaariitti itti fayyadamuuf kan nu gargaaru maali dha?
4 Barreeffama faayidaa guddaa qabu kanaa wajjin akka gaariitti wal baraa. Yeroo mijaaʼaa taʼe hundatti itti fayyadamaa. Tokkoon tokkoon qayyabannaa dura waaʼee nama qayyabsiistan sanaa, akkasumas caqasawwan barumsicha irra jiranitti fayyadamtanii akkamitti akka gaariitti isaaf ibsuu akka dandeessan yaadaa. (Fak. 15:28; HoE. 17:2, 3) Yommuu muuxannoo fi dandeettii argachaa deemtan, birooshura kana barreeffamoota namoota dhugaa ittiin barsiisuudhaaf itti fayyadamuuf filattan keessaa tokko akka taʼetti ilaaltu!