LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr20 Bitootessa ful. 1-8
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Bitootessa 2020

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Bitootessa 2020
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • BITOOTESSA 2-8
  • BITOOTESSA 9-15
  • (Uumama 24:2-4 dubbisi.)
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • BITOOTESSA 16-22
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • BITOOTESSA 23-29
  • (Uumama 27:27-29 dubbisi.)
  • Qabxiiwwan Hiriyaa Gaaʼelaa Keessan Wajjin Ifatti Dubbachuuf Isin Gargaaran
  • BITOOTESSA 30–EBLA 5
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2020
mwbr20 Bitootessa ful. 1-8

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Bitootessa 2020

BITOOTESSA 2-8

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 22-23

“Waaqayyo Abrahaamiin Qoree Ilaale”

(Uumama 22:1, 2 dubbisi.)

w12 7/1 31 key. 4-6

Waaqayyo Abrahaam Ilmasaa Aarsaa Godhee Akka Dhiheessu kan Isa Gaafate Maaliifi?

Yihowaan Abrahaamiin, “Yisihaq ilma kee isa tokkicha isa jaallattu fuudhii . . . qalma gubamu godhii isa anaaf dhiʼeessi!” jedheera. (Uumama 22:2) Yihowaan waaʼee Yisihaq, “Ilma kee isa tokkicha isa jaallattu” jechuusaa hubadhu. Inni, Abrahaam Yisihaqiin hangam akka mararsiifatu beeka ture. Ilmasaa Yesusiin ilaalchisee akkasuma akka isatti dhagaʼamu beeka ture. Yihowaan Yesusiin baayʼee waan jaallatuuf samiirraa al lama, “Ilma koo isa jaallatamaa” jedhee isa waameera.—Maarqos 1:11; 9:7.

Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko, gaaffiin Waaqayyo Abrahaamiif dhiheesse “wanti GOOFTAAN gaafachaa jiru aarsaa guddaa kan gaafatu taʼuusaa akka hubate” kan argisiisu taʼuusaa barreessaniiru. Gaaffiin Waaqayyoo, Abrahaamiin baayʼee gaddisiisee akka ture tilmaamuu dandeenya; Yihowaanis Ilmisaa inni jaallatamaan dhiphatee siʼa duʼu arguun hangam akka isa gaddisiise hubachuun ulfaataadha. Kun waan sanaan dura isa mudatee ture ykn sana booda isa mudachuu dandaʼu caalaa Yihowaa gaddisiisee akka ture hin shakkisiisu.

Kanaaf wanti Yihowaan Abrahaamiin gaafate kan nama suukaneessu taʼus, Waaqayyo namni amanamaan kun ilmasaa aarsaa godhee akka dhiheessu kan hin heyyamne taʼuusaa beekuun keenya barbaachisaadha. Waaqayyo Yisihaq akka hin duune gochuudhaan gaddi guddaan nama abbaa taʼerra gaʼu Abrahaamirra akka hin geenye godheera. Haataʼu malee Yihowaan, ‘ilmasaa utuu hin mararsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee kenneera.’ (Roomaa 8:32) Yihowaan wanti gaddisiisaan akkasii ofiisaarra akka gaʼu kan heyyame maaliifi? ‘Jireenya akka argannuuf’ jedheeti. (1 Yohaannis 4:9) Kun jaalala guddaa Waaqayyo nuuf qabu nu yaadachiisa! Kanaaf jaalala isaaf qabnu argisiisuuf kakaʼuu hin qabnuuree?

(Uumama 22:9-12 dubbisi.)

(Uumama 22:15-18 dubbisi.)

w12 10/15 23 key. 6

Waaqayyoof Abboomamuudhaan Kakuusaarraa Faayidaa Argadhaa

6 Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoota taʼaniif faayidaa argamsiisuuf, “Ani jiraataa dha jedha Waaqayyo Gooftaan” jedhee kakateera. (His. 17:16, hiika bara 1899) Macaafni Qulqulluun, Yihowaan yeroo garaagaraatti al 40 ol kakuu galee akka ture ibsa. Kakuun hunda caalaa beekamaa taʼe, kakuu inni Abrahaamiif gale taʼuu hin oolu. Yihowaan waggoota dheeraa keessatti Abrahaamiif kakuu hedduu kan gale yommuu taʼu, Sanyichi abdachiifame karaa hidda dhalootaa Abrahaam, jechuunis karaa ilmasaa Yisihaq kan dhufu taʼuusaa dubbatee ture. (Uma. 12:1-3, 7; 13:14-17; 15:5, 18; 21:12) Achiis Yihowaan, Abrahaam ilmasaa isa jaallatu aarsaa godhee akka isaaf dhiheessu ajajuudhaan isa qoreera. Abrahaamis yeruma sana kan abboomame siʼa taʼu, ergamaan Waaqayyoo utuu isa hin dhowwine taʼee, Yisihaqiin aarsaa gochuuf jedhee ture. Sana booda Waaqayyo akkas jechuudhaan kakuu gale: “Ati kana waan gooteef, ilma kee isa tokkicha anaaf waan hin mararsiifatiniif, ani maqaa kootiin kakadheera; ani eebba kootiin sin eebbisa, sanyii kees akka urjoota waaqaa, akka cirracha qarqara galaanaas guddisee nan baayʼisa; sanyiin kees karaa kellaa diinota isaa qabatee, mandaroota isaanii kan isaa in godhata. Ati waan anaaf abboomamteef, sabni biyya lafaa irraa hundinuu sanyii keetiin in eebbifamu.”—Uma. 22:1-3, 9-12, 15-18.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Uumama 22:5 dubbisi.)

w16.02 11 key. 13

Yihowaan “Michuu Koo” Jedhee Isa Waameera

13 Abrahaam tajaajiltoota isaa warra isaa wajjin turan irraa adda baʼuu isaa dura, “Isin harrichaa wajjin asuma turaa! Anii fi mucichi immoo achi garas dhaqnee in saganna; isa booddees gara keessanitti in deebina” jedhe. (Uma. 22:5) Abrahaam maal jechuu isaa ture? Abrahaam Yisihaaq aarsaa akka godhamu utuu beekuu akka inni deebiʼu dubbachuudhaan tajaajiltoota isaa gowwoomsaa turee? Lakki, hin turre. Kitaabni Qulqulluun wanta Abrahaam yaadaa ture ilaalchisee hamma tokko hubannaa nuu kenna. (Ibroota 11:19 dubbisi.) Abrahaam, “Waaqayyo warra duʼan keessaa iyyuu nama [Yisihaaqiin] kaasuu akka dandaʼu, . . . yaada irra kaaʼatee ture.” Eeyyee, Abrahaam duʼaa kaʼuutti ni amana ture. Yihowaan, innii fi Saaraan dulluma isaanii keessa humna dhala godhachuuf qaban akka isaaniif haaresse beekeera. (Ibr. 11:11, 12, 18) Abrahaam wanti Yihowaadhaaf hin dandaʼamne tokko illee akka hin jirre hubateera. Kanaafuu, guyyaa qorumsaa sanatti wanti fedhe iyyuu yoo taʼe, abdiin Yihowaan kenne hundi akka raawwatamuuf ilmi isaa inni jaallatamaan gara jireenyaatti akka isaaf deebifamu amantaa qaba ture. Dhuguma iyyuu, Abrahaam ‘warra amanan [“amantii qaban,” NW] hundaaf abbaa’ jedhamuun isaa nama hin dinqisiisu!

(Uumama 22:12 dubbisi.)

w17.02 30 key. 1

Gaaffii Dubbistootaa

Arfaffaa, Yihowaan wantoota nu mudachuuf jedhan hunda beekuun isa hin barbaachisu. Waaqayyo, rakkoo nu mudatu dursee filata yaanni jedhu, waaʼee keenya gara fuulduraa ilaalchisee wanta hunda beekuu qaba jechuu dha. Garuu yaanni kun Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe miti. Dhugaa dha, Waaqayyo waaʼee gara fuulduraa beekuu ni dandaʼa. (Isa. 46:10) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun wantoota gara fuulduraatti taʼan beekuu dhiisuufis filachuu akka inni dandaʼu ibsa. (Uma. 18:20, 21; 22:12) Kanaafuu, dandeettii waaʼee gara fuulduraa beekuuf qabu mirga filannoo keenya haala kabajuun itti fayyadama. Kun Waaqa mirga filannoo keenya kabajuu fi yeroo hunda amala isaa karaa sirrii taʼeen argisiisu irraa kan eegamu mitii?—Kes. 32:4; 2 Qor. 3:17.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Uumama 22:1-18 dubbisi.)

BITOOTESSA 9-15

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 24

“Yisihaaqiif Haadha Manaa Barbaaduu”

(Uumama 24:2-4 dubbisi.)

wp16.3-AM 14 key. 3

“Eyyee Nan Dhaqa”

Abrahaam tajaajilaan isaa Eliiʼezaar dubartoota Kanaʼaan keessaa Yisihaaqiif haadha manaa akka hin filanne isa kaksiiseera. Maaliif? Sababiin isaas warri Kanaʼaan namoota Yihowaadhaaf kabaja hin qabnee fi isa hin waaqeffanne turan. Abrahaam, gocha hamaa raawwataniin kan kaʼe Yihowaan namoota kana adabuuf yeroo murteesse eegaa akka jiru beeka ture. Abrahaam ilma isaa jaalatu Yisihaaq, namoota kana wajjin walitti dhufeenya akka qabaatus taʼe amala isaanii isa namuusaan ala taʼe akka hordofu hin barbaanne ture. Akkasumas ilmi isaa waadaa Waaqayyo gale akka raawwatamu gochuu irratti gahee guddaa akka qabu beeka ture.—Uumama 15:16; 17:19; 24:2-4.

(Uumama 24:11-15 dubbisi.)

wp16.3-AM 14 key. 4

“Eyyee Nan Dhaqa”

Eliiʼezaar namoota keessummummaa isa simataniin, boolla bishaanii Kaaraan biratti argamu yommuu gaʼu Yihowaadhaaf kadhannaa akka dhiheesse isaanitti hime. Kun shamarree Yisihaaqitti heerumtu filachuuf Yihowaan akka isa gargaaru gaafachuu isaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Akkamitti? Eliiʼezaar, shamarreen Waaqayyo Yisihaaqitti akka heerumtu barbaadu gara boolla bishaanii kanaa akka dhuftu Waaqayyoon kadhate. Shamarreen tun yommuu bishaan dhugamu ishii gaafatu bishaan Eliiʼezaar dhugu qofa utuu hin taʼin, bishaan gaalonni isaa dhuganis dhiheessuu qabdi. (Uumama 24:12-14) Dubartiin akkuma jedhametti goote eenyudha ree? Ribqaa dha! Eliiʼezaar waaʼee seenaa kanaa yommuu maatii ishiitti himu yeroo dhageessu wanta ishiitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu yaadaa!

(Uumama 24:58 dubbisi.)

(Uumama 24:67 dubbisi.)

wp16.3-AM 14 key. 6-7

“Eyyee Nan Dhaqa”

Torban muraasa dura, Eliiʼezaar “Shamarreen sun anaa wajjin dhufuuf fedhii hin qabdu yoo taʼe hoo?” jedhee Abrahaam gaafachuudhaan yaaduma kana kaaseera. Abrahaam yoo akkas taʼe “kakaan koo si irraa in bu’a” jechuudhaan isaaf deebise. (Uumama 24:39 NW, 41) Mana Batuʼel keessattis filannoo shamarreen tun gootuuf iddoon kennameera. Eliiʼezaar milkaaʼuu isaatiin baayʼee gammadee waan tureef guyyaa itti aanutti Ribqaa wajjin gara biyya isaa Kanaʼaanitti deebiʼuu kan dandaʼu taʼuu fi dhiisuu isaa isaan gaafate. Haa taʼu malee, maatiin ishii yoo xinnaate guyyoota kudhaniif akka isaan wajjin turtu barbaadanii turan. Kanaaf dhimmicha irratti walii galtee irra gaʼuuf “Intala waamnee wanta isheen jettu in gaafanna!” jedhan.—Uumama 24:57.

Ribqaan amma jireenya ishii keessatti murtoo guddaa gochuuf jetti. Maal isaaniin jetti laata? Gadda abbaa ishii fi obboleessa ishii sababa godhachuudhaan biyya hin beekne sana deemuu dhiisuuf isaan kadhattii laata? Moo dhimma Yihowaan milkeessaa akka jiru ifatti mulʼatu kana irratti qooda qabaachuu ishii akka mirga guddaatti ilaalti? Deebiin ishiin kennite jijjiirama akka tasaa uumame, tarii immoo naasisaa taʼe kana ilaalchisee miirri ishiitti dhagaʼame maal akka taʼe argisiisa. “Eyyee nan dhaqa” jechuudhaan deebii ifa taʼe isaaniif deebiste.—Uumama 24:58.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Uumama 24:19, 20 dubbisi.)

wp16.3-AM 12-13

“Eyyee Nan Dhaqa”

Gaaf tokko gara galgalaa okkotee ishii erga bishaan guuttee booda maanguddoon tokko fiigaa gara ishii dhufe. Achiis “Hadaraa! Gomboo kee keessaa bishaan xinnoo ishee na habuuqqachiisi!” jedhe. Wanti inni ishii gaafate salphaa taʼus, karaa gaarummaa qabuun ishii gaafate. Ribqaan maanguddoon kun karaa dheeraa deemee akka dhufe hubatteetti. Kanaaf daftee okkotee ishii gatiittii ishii irraa buufattee bishaan habuuqqii tokko qofa utuu hin taʼin, hamma dheebuu baʼutti bishaan qulqulluu fi qabbanaaʼaa taʼe maanguddoo sanaaf kennite. Achiis, maanguddoon kun gaalota ciciisanii jiran kudhan akka qabuu fi gabateen bishaan keessaa dhugaan immoo duwwaa taʼuu isaa hubatte. Maanguddoon kun karaa gaarummaa qabuun ishii ilaalaa akka jiru hubatteetti; kanaaf, hamma dandeesse arjummaa isatti argisiisuu barbaadde. Kanaaf, “Gaalota keetiifis hamma isaan dhuganii quufanitti bishaan nan waraaba” isaan jette.—Uumama 24:17-19.

Ribqaan gaalota kurnan kana bishaan obaasuu kan barbaadde bishaanuma xiqqoo utuu hin taʼin, hamma dhuganii quufanitti akka taʼe hubadhaa. Gaalli baayʼee dheebote tokko, bishaan gara liitira 95 taʼu dhuguu dandaʼa. Kanaaf, gaalonni kurnan sun baayʼee dheebotaniiru yoo taʼe, hojii guddaa saʼaatii dheeraa fudhatu hojjechuu qabdi jechuudha. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, gaalonni kun baayʼee waan dheebotan hin fakkaatu. Garuu Ribqaan gaalota sana nan obaasa yeroo jettetti baayʼee dheebochuu fi dhiisuu isaanii ni beekti turtee? Lakki. Maanguddoo keessummaa taʼe kana garaadhaa keessummeessuuf fedhiis taʼe kakaʼumsa guddaa qabdi turte. Innis wanta ishiin jette ni fudhate. Achiis yeroo boolla bishaanii sanaa fi gabatee bishaanii gidduu deddeebiʼaa okkotee ishiitti bishaan waraabduu fi gaalota sanaaf gabatee sanatti naqxu xiyyeeffannaadhaan ishii ilaalaa ture.—Uumama 24:20, 21.

wp16.3-AM 13, milj.

“Eyyee Nan Dhaqa”

Ribqaan bishaan waraabuuf kan deemte gara galgalaa ture. Seenaan isaa Ribqaan iddoo boolla bishaanii sana baayʼee akka turte wanta dubbatu hin qabu. Akkasumas yeroo hojii kana fixxee gara manaatti deebitu warri ishii rafanii akka turan ykn baayʼee turuu ishiitiin kan kaʼe namni ishii barbaacha baʼe akka jiru wanti ibsame hin jiru.

(Uumama 24:65 dubbisi.)

wp16.3-AM 15 key. 3

“Eyyee Nan Dhaqa”

Dhuma irrattis guyyaan seensa keenya irratti caqasne sun ni gaʼe. Yommuu Negeebiin qaxxaamuraa jiranii fi aduun lixaa deemtuutti, Ribqaan namni tokko utuu dirree keessa deemuu argite. Namni kun xiinxalaa kan jiru fakkaata. Seenaan isaa [“hatattamaan gaalicha irraa buute” NW] jedha; tarii hamma gaalichi jilbeenfatuutti illee waan eegde hin fakkaatu; achiis maanguddoo ishii wajjin jiruun “Namichi bakkee keessaa as nutti adeemu sun eenyu?” jettee gaafatte. Namni sun Yisihaaq taʼuu isaa yommuu beektu, mataa ishii haguuggatte. (Uumama 24:62-65) Maaliif? Akkas gochuun ishii nama gara fuulduraatti abbaa manaa ishii taʼuuf kabaja akka qabdu kan argisiisu akka taʼe ifadha. Namoonni yeroo harʼaa jiran tokko tokko haala kanaan bitamuun kan yeroon itti darbe akka taʼe dubbatu. Dhugaa isaa dubbachuuf garuu dhiirotas taane dubartoota amala gad of qabuu Ribqaan argisiiste irraa barumsa guddaa argachuu dandeenya; namni amala baayʼee namatti tolu kana argisiisuu hin barbaanne jiraa?

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Uumama 24:1-21 dubbisi.)

BITOOTESSA 16-22

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 25-26

“Esaawu Mirga Angafummaa Isaa Gurgure”

(Uumama 25:27, 28 dubbisi.)

it-1-E 1242

Yaaqoob

Esaawu isa abbaan isaa baayʼee isa jaallatu, adamsituu jabaa taʼee fi bosona keessa jooraa oolu irraa haala faallaa taʼeen, Yaaqoob, “nama balleessaa hin raawwannee [Ibr., tam] fi dunkaana keessa taaʼu ture;” akkasumas nama horii tiksuu fi haati isaa baayʼee isa jaallattu ture. (Uma 25:27 NW, 28) Jechi Ibrootaa tam jedhu kun iddoo biraa irratti namoota Waaqayyo duratti fudhatama argatan ibsuuf hojii irra ooleera. Fakkeenyaaf, “Namoonni dhiiga namaa dhangalaasuu suusa’an, nama mudaa hin qabne [“nama balleessaa hin qabne” NW] in jibbu,” Yihowaan garuu ‘egereen namoota [balleessaa hin qabnee] nagaa kan qabu’ akka taʼu mirkaneesseera. (Fak 29:10; Far 37:37 NW) Iyoob inni nama amanamaa taʼee jiraate nama ‘hir’ina hin qabnee (balleessaa hin qabne) [Ibr., tam] fi nama yaada qajeelaa’ qabu ture.—Iyo 1:1, 8; 2:3.

(Uumama 25:29, 30 dubbisi.)

(Uumama 25:31-34 dubbisi.)

w19.02 16 key. 11

Galateeffachuu kan Qabnu Maaliifi?

11 Kan nama gaddisiisu, namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman tokko tokko galateeffannaa akka hin qabne argisiisaniiru. Fakkeenyaaf, Esaawu kan guddate warra Yihowaa jaallatanii fi kabajaniin taʼus, wantoota qulqulluu taʼaniif dinqisiifannaa dhabeera. (Ibroota 12:16 dubbisi.) Dinqisiifannaa akka hin qabne kan argisiise akkamitti ture? Esaawu mirga angafummaa isaa utuu itti hin yaadin ittoo waciitii tokko qofaan quxisuu isaa Yaaqoobitti gurgureera. (Uma. 25:30-34) Booda Esaawuun filannaa godhetti baayʼee gaabbee ture. Haa taʼu malee, inni wanta argateef galata hin qabu ture; kanaafuu, eebba mirga angafummaa argachuu yommuu dhabutti gungumuuf sababii hin qabu ture.

it-1-E 835

Angafa, Angafummaa

Jalqaba seenaa namootaatii kaasee ilmaan angafaa maatii keessatti iddoo guddaan kan isaaniif kennamuu fi abbootii isaaniitti aansanii warra mataa maatii taʼan turan. Ilmi angafaa tokko dhaala abbaa isaa dachaa lama argata. (Kes 21:17) Mana Yoseefitti obboloota isaatiif yommuu nyaanni dhihaatu Yooseef iddoo ilmi angafaa taaʼuu qabu Ruuben akka taaʼu godheera. (Uma 43:33) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun akka tartiiba dhaloota isaanitti tarreessuudhaan ilmaan angafaatiif iddoo guddaa kan kennu yeroo hunda miti. Yeroo baayʼee iddoon inni jalqabaa kan kennamu ilma iddoo guddaa qabuu fi amanamaa taʼeefi malee ilma angafaatiif miti.—Uma 6:10; 1Se 1:28; Uma 11:26, 32 fi 12:4 wajjin wal bira qabii ilaali; MIRGA ANGAFUMMAA (BIRTHRIGHT) fi DHAALA (INHERITANCE) isa jedhu ilaali.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Uumama 25:31-34 dubbisi.)

(Ibroota 12:16 dubbisi.)

w17.12 15 key. 5-7

Gaaffii Dubbistootaa

Mee Ibroota 12:16 irra deebinee haa ilaallu; akkana jedha: “Namni halaleenis taʼe, namni akka Esaawu isa nyaata tokkoof jedhee mirga hangafummaa isaa dabarsee kenne sanaa wantoota qulqulluu hin dinqisiifanne isin gidduutti akka hin argamne of eeggadhaa.” Yaanni caqasa kanaa maali?

Yeroo kanatti Phaawulos ergamaan, waaʼee hidda dhaloota Masiihichaa dubbachaa hin turre. Kanaa mannaa, ‘miilla isaaniitiif daandii qajeelaa akka qopheeffatan’ Kiristiyaanota gorsaa ture. Kana gochuun isaanii, halalee taʼuudhaan “gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa utuu hin argatin akka hin hafne” isaan gargaara. (Ibr. 12:12-16) Taʼuu baannaan garuu akkuma Esaawu taʼu. Inni ‘wantoota qulqulluu utuu hin dinqisiifatin hafuudhaan’ kallattiidhaan wantoota fooniitiif moʼameera.

Esaawu kan jiraate bara mataawwan maatii maatii isaaniitiif akka lubaatti tajaajilaa turanitti waan taʼeef, innumti iyyuu darbee darbee maaticha bakka buʼuudhaan aarsaa dhiheessuuf mirga argatee taʼuu dandaʼa. (Uma. 8:20, 21; 12: 7, 8; Iyo. 1:4, 5) Haa taʼu malee, Esaawu ilaalcha foonii waan qabuuf ittoo xinnoodhaaf jedhee mirga kana hunda dabarsee kenne. Tarii rakkina sanyii Abrahaam irra akka gaʼu raajiidhaan dubbatame jalaa miliquuf jedhee kana godhe taʼa. (Uma. 15:13) Kana malees Esaawu dubartoota Waaqayyoon hin beekne lama fuudhee warra isaa gaddisiisuudhaan, fedhii foonii akka qabu, akkasumas wanta qulqulluudhaaf dinqisiifannaa akka hin qabne argisiiseera. (Uma. 26:34, 35) Dhuguma iyyuu, Esaawu Yaaqoob isa dubartii Waaqayyoon waaqeffattu fuudhuuf carraaqqii godhe irraa guutummaatti adda ture!—Uma. 28:6, 7; 29:10-12, 18.

(Uumama 26:7 dubbisi.)

it-2-E 245 key. 6

Soba

Kitaaba Qulqulluu keessatti sobni miidhaa geessisu hundi kan balaaleffatamu akka taʼe beekamaadha; kana jechuun garuu odeeffannoo dhugaa taʼe tokko namoota isaaniif hin malletti ykn isaan hin ilaallannetti himuuf dirqama qabna jechuu miti. Yesuus akkana jechuudhaan gorsa kenneera: “Wanta qulqulluu taʼe sarootaaf hin kenninaa. Miilla isaaniitiin akka hin dhidhiinnee fi deebiʼaniis akka isin hin ciccirre callee keessan booyyee duratti hin darbatinaa.” (Mat 7:6) Yesuus haalawwan miidhaa geessisuu akka dandaʼan beeku tokko tokko irratti, gaaffii gaafatame ilaalchisee odeeffannoo guutuu taʼe kennuu irraa ykn kallattiidhaan deebii kennuu irraa kan of qusate kanaafi. (Mat 15:1-6; 21:23-27; Yoh 7:3-10) Abrahaam, Yisihaaq, Rahaabii fi Eliyaas namoota Yihowaa hin waaqeffanneef deebii sirrii kennuu dhiisuun isaanii ykn odeeffannoo guutuu taʼe kennuu dhiisuun isaaniis akkuma kanatti ilaalamuu qaba.—Uma 12:10-19; boq. 20; 26:1-10; Iya 2:1-6; Yaq 2:25; 2Mo 6:11-23.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Uumama 26:1-18 dubbisi.)

BITOOTESSA 23-29

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 27-28

“Yaaqoob Eebba Argachuu Qabu Argateera”

(Uumama 27:6-10 dubbisi.)

w04-AM 4/15 11 key. 4-5

Ribqaa—Dubartii Waaqayyoon Sodaattuu fi Nama Hojii Taate

Kitaabni Qulqulluu Esaawu Yaaqoobiin tajaajilu akka qabu Yisihaaq beekuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee wanta dubbatu hin qabu. Kanas taʼe sana, Ribqaanis taate Yaaqoob eebba kana argachuu kan qabu Yaaqoob akka taʼe beeku turan. Ribqaan, Yisihaaq ilmi isaa Esaawu bineensa adamsee fiduudhaan nyaata isaaf hojjetee yoo isaaf fide akka isa eebbisu dubbachuu isaa akkuma dhageesseen utuu yeroo hin gubin tarkaanfii tokko fudhachuu yaadde. Kutannoonii fi hinaaffaan dargaggummaa ishiitti qabdu amma iyyuu ishii wajjin jira. Yaaqoob reʼoota xobbaallaa lama akka ishiidhaaf fidu isa ajajje. Achiis nyaata abbaan manaa ishii baayʼee jaallatu qopheessite. Yaaqoob eebba kana argachuuf Esaawu fakkaatee dhihaachuu qaba. Yaaqoob garuu yaada ishii ni morme. Abbaan isaa akka isa gowwoomsan yoo beeke, na abaaruu dandaʼa jedhee sodaatee ture. Ribqaan garuu “Yaa ilma ko, abaarsi kee anaaf haa ta’u!” jechuudhaan wanta kana akka godhu isa jajjabeessite. Achiis nyaaticha qopheessitee Yaaqoob Esaawuun akka fakkaatu gootee gara abbaa manaa ishiitti isa ergite.—Uumama 27:1-17.

Ribqaan akkas kan goote maaliif akka taʼe hin ibsamne. Namoonni hedduun gocha ishii kanaan ishii ceephaʼu; haa taʼu malee Kitaabni Qulqulluun wanti goote kun sirrii akka hin taane hin dubbatu; kana malees Yisihaaq eebbicha kan fudhate Yaaqoob akka taʼe yommuu beeku ishii hin ceephaane. Kanaa mannaa itti dabalee Yaaqoobiin eebbiseera. (Uumama 27:29; 28:3, 4) Ribqaan wanta Yihowaan ijoollee ishii ilaalchisee dubbate ni beekti. Kanaaf kana kan goote eebba Yaaqoob argachuu qabu akka argatu gochuufi. Kunis fedha Yihowaa wajjin kan wal simu akka ture ifatti hubachuu ni dandeenya.—Roomaa 9:6-13.

(Uumama 27:18, 19 dubbisi.)

w07-AM 10/1 31 key. 2-3

Gaaffii Dubbistootaa

Kitaabni Qulqulluun haalli kun kan taʼe akka tasaa taʼuusaa kan dubbatu taʼus, Ribqaa fi Yaaqoob akkas kan godhan maaliif akka taʼe garuu hin ibsu. Wanti Ribqaa fi Yaaqoob godhan wanta fudhatama qabu ykn wanta balaaleffatamuu qabu akka taʼe Kitaaba Qulqulluu keessatti hin ibsamne; kanaaf haala kana sobaa fi gowwomsaadhaaf akka sababaatti dhiheessuu hin qabnu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun yaada haala kana sirriitti hubachuuf nu gargaaru qabateera.

Tokkoffaa, Seenaan isaa eebba abbaa isaa argachuu kan qabu Yaaqoob malee Esaawu akka taʼe hin dubbatu. Haalli kun uumamu isaa yeroo muraasa dura Yaaqoob karaa seera qabeessa taʼeen mirga angafummaa Esaawu isa mirga isaatiif dinqisiifannaa hin qabnee fi beela isaa baʼuuf jedhee mirga isaa gurgure irraa biteera. Esaawu ‘angafummaa isaa tuffateera.’ (Uumama 25:29-34) Kanaaf Yaaqoob eebba abbaa isaa argachuuf mirga guutuu taʼe qaba ture.

(Uumama 27:27-29 dubbisi.)

it-1-E 341 key. 6

Eebba

Bara abbootiin amantii turanitti yeroo baayʼee abbaan tokko duʼuu isaa yeroo muraasa dura ilmaan isaa ni eebbisa ture. Haalli kun wanta barbaachisaa taʼee fi iddoo guddaan kennamuuf ture. Yaaqoob Esaawuun waan eebbisaa jiru isatti fakkaatee Yaaqoobiin eebbiseera. Yisihaaq Esaawuun eebbisuu isaa dura obboleessa isaa Yaaqoob eebbisuudhaan surraa fi badhaadhummaa akka argatu dubbate. Yisihaaq ofuma isaatiif iyyuu ijji isaa jaamee, akkasumas dulloomee waan tureef, kana kan godhe Yihowaan akka isa eebbisu kadhannaa cimaa dhiheessuudhaan akka taʼe hin shakkisiisu. (Uma 27:1-4, 23-29; 28:1, 6; Ibr 11:20; 12:16, 17) Yeroo booda Yisihaaq kallattiidhumaan Yaaqoobiin dabalee eebbiseera. (Uma 28:1-4) Yaaqoob duʼuu isaa dura ilmaan Yooseef lamaanii fi ilmaan isaa eebbiseera. (Uma 48:9, 20; 49:1-28; Ibr 11:21) Haaluma wal fakkaatuun, Museenis duʼuu isaa dura guutummaa saba Israaʼel eebbiseera. (Kes 33:1) Wanta yeroo booda taʼe irraa hubachuun akka dandaʼamutti namoonni eebbisaa turan kun raajii dubbachaa akka turan hubachuu ni dandeenya. Haalawwan tokko tokko keessatti, namichi eebbisu harka isaa nama isa eebbifamu sana irra kaaʼee isa eebbisa.—Uma 48:13, 14.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Uumama 27:46-28:2 dubbisi.)

w06-AM 4/15 6 key. 3-4

Qabxiiwwan Hiriyaa Gaaʼelaa Keessan Wajjin Ifatti Dubbachuuf Isin Gargaaran

Yisihaaqii fi Ribqaan ifatti waliin dubbachuu amaleeffatanii turanii? Ilmi isaanii Esaawu dubartoota Heet lama erga fudhee booda maaticha keessatti rakkinni cimaan ni uumame. Ribqaan “irra deddeebitee” (NW) Yisihaaqiin akkana jetti turte: “Sababii durboota Heet kanaaf, ani jireenya koo nan jibbe; Yaaqoobis [ilmi inni quxisuun] immoo durboota Heet . . .  keessaa niitii yoo fuudhe, jireenyi maal anaaf godha ree?” (Uumama 26:34; 27:46) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, wanta ishii yaaddessu ifatti isatti himti turte.

Yisihaaq, Yaaqoob isa lakkuu Esaawu taʼeen dubartoota Kanaʼaan keessaa haadha manaa akka hin fuune isatti himeera. (Uumama 28:1, 2) Ribqaan wanta dubbachuu barbaadde dubbatteetti. Hiriyoonni gaaʼelaa kun rakkina maatii cimaa taʼe hiikuuf ifatti waliin dubbachuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa wanta tokko irratti yoo walii galuu dadhaban hoo? Maal gochuu dandaʼu?

(Uumama 28:12, 13 dubbisi.)

w04-AM 1/15 28 key. 6

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Uumama—Kutaa 2⁠ffaa

28:12, 13—Abjuun Yaaqoob waaʼee “yaabbannoo” ilaalchisee arge maal argisiisa? “Yaabbannoon” dhagaa irra hojjetame fakkaatu kun, samii fi lafa gidduu hariiroon yaadaa akka jiru argisiisa. Maleekonni Waaqayyoo yaabbannoo kana irra ol baʼuu fi gadi buʼuun isaanii immoo maleekonni Yihowaa fi namoota surraa isaa argatan gidduutti tajaajilawwan barbaachisoo taʼan akka raawwatan argisiisa.—Yohaannis 1:51.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Uumama 27:1-23 dubbisi.)

BITOOTESSA 30–EBLA 5

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 29-30

“Yaaqoob Haadholii Manaa Fuudhe”

(Uumama 29:18-20 dubbisi.)

w03-AM 10/15 29 key. 6

Yaaqoob Wantoota Hafuuraatiif Dinqisiifannaa Guddaa Qaba Ture

Dhiirri tokko yommuu haadha manaa kadhimatu warra ishiitiif gabbarsuu kennuu qaba. Seera Musee keessatti namni intala durbaa sossobee ishii wajjin ciise abbaa ishiitiif sheeqilii 50 kennuu akka qabu ni dubbata ture. Haayyuun Goordan Weenhaam jedhaman qarshiin haala kanaaf baʼu “gabbarsuu gatii guddaa qabu” akka taʼee fi kennaan gabbarsuu kaaniif kennamu garuu “baayʼee xinnoo” akka taʼe amanu. (Keessa Deebii 22:28, 29) Yaaqoob qarshii kaffalu hin qabu ture. Kanaaf Yaaqoob Laabaaniin waggaa torba tajaajiluuf walii gale. Goordan Weenhaam akkana jedhaniiru: “Baabilon ishii durii keessatti hojjetoonni humnaa jiʼatti kan isaaniif kaffalamu sheeqilii walakkaa ykn sheeqilii tokko waan tureef (waggaa torbaatti sheeqilii 42 hanga 84 taʼa jechuu dha) gabbarsuun Yaaqoob Laabaaniif dhiheesse gabbarsuu gatii guddaa qabu ture.” Laabaanis mamii tokko malee yaada kana fudhateera.—Uumama 29:19.

(Uumama 29:21-26 dubbisi.)

w07-AM 10/1 8-9

Dhiphina Obboleettota ‘Manni Israaʼel Irraa Argame’

Liyaan Yaaqoobiin gowwoomsuu yaaddee turtee? Moo kana kan goote abbaa ishiitiif ajajamuuf dirqamteeti? Yeroo kanatti Raahel eessa turte? Wanta raawwatamaa ture hoo ni beekti turtee? Taanaan, maaltu ishiitti dhagaʼame? Abbaa ishii isa mata jabeessa taʼeef ajajamuu dhiisuu hoo ni dandeessi turtee? Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf deebii nuuf hin kennu. Wanti Raahelittis taʼe Liyaatti dhagaʼame maaliyyuu yoo taʼe gochi haxxummaa kun Yaaqoobiin aarseera. Yaaqoob dhimma kana irratti akka walii hin galle kan dubbate Laabaanitti malee ijoollee isaatti miti: “Ani Raaheliif jedhee siif hin hojjennee? Yoos ati maaliif haxxummaa ana irratti hojjette ree?” jedhee isa gaafate. Maarree Laabaan deebii akkamii kenne? “Biyya keenyatti ishee angafa dura ishee quxisuu hin kennan; ishee kanaaf torban misirrummaa raawwadhu, yommus ishee kaanis siif in kennina; ati garuu deebitee waggaa torba anaaf in hojjetta!” isaan jedhe. (Uumama 29:25-27) Haala kanaan Yaaqoob haadholii manaa lama kan fuudhe yeroo taʼu, kunis yeroo booda hinaaffaa guddaa fideera.

it-2-E 341 key. 3

Gaaʼela

Qophii Cidhaa. Israaʼel keessatti cidhaaf qophiin baramaa fi dhaabbataa taʼe jiraachuu baatus, qophiin yeroo cidhaatti godhamu garuu baayʼee kan nama gammachiisu ture. Guyyaa cidhichaatti misirrittiin mana ishii keessatti qophiiwwan tokko tokko gooti. Jalqaba qaama ishii dhiqachuudhaan zayitii urgaaʼu dibatti. (Rut 3:3 wajjin wal bira qabii ilaali; His 23:40.) Yeroo tokko tokko durboota ishii tajaajilaniin gargaaramuudhaan, qabattoo midhagfamee fi waaroo adii yeroo baayʼee haala qabeenya ishii irratti hundaaʼee xilfiidhaan miidhagfamu uffatti. (Er 2:32; Mul 19:7, 8; Far 45:13, 14) Kan dandeessuu yoo taʼe immoo, faayaalee garaa garaatiin of miidhagsiti, (Isa 49:18; 61:10; Mul 21:2), sana booda immoo uffata haphii mataa ishiitii hamma miilla ishiitti haguugu of irra buusti turte. (Isa 3:19, 23) Laabaan utuu Yaaqoob hin beekiin Raaheliin dhiisee Liyaa kan isaaf kenne haala kanatti fayyadamee isa gowwoomsuudhaan akka taʼe kana irraa hubachuu ni dandeenya. (Uma 29:23, 25) Ribqaan yommuu Yisihaaqiin argitu mataa ishii haguuggattee turte. (Uma 24:65) Kunis misirrittiin aangoo misirrichi qabuuf akka bitamtu kan argisiisu ture.—1Qo 11:5, 10.

(Uumama 29:27, 28 dubbisi.)

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Uumama 30:3 dubbisi.)

it-1-E 50

Guddifachaa

Raahelii fi Liyaan ijoollee tajaajiloonni isaanii Yaaqoobiif daʼan akkuma ijoollee ofii isaanitti ilaalu turan. (Uma 30:3-8, 12, 13, 24) Ijoolleen kun akkuma ijoollee kallattiidhaan haadholii manaa Yaaqoob irraa dhalatan kaanii dhaala argatu turan. Ijoolleen kun abbaadhaan tokko waan taʼanii fi haadholiin ijoollee kanaa qabeenya giiftolii isaanii waan taʼaniif, ijoolleen kun qabeenya Raahelii fi Liyaa turan jechuu ni dandeenya.

(Uumama 30:14, 15 dubbisi.)

w16.09 10 key. 7

7 Raahel haati manaa Yaaqoob ishiin jaallatamtuun, Yihowaan abdii abbaa manaa ishiitiif kenne akkamitti akka raawwatu arguuf hawwii guddaa qabdi turte. Haa taʼu malee, gufuun furmaata hin qabne fakkaatu jira ture. Ishiin ijoollee hin qabdu. Bara sanatti immoo haalli kun akka rakkina guddaatti ilaalama ture. Raahel jabina miiraa fi qaamaa haala abdii nama kutachiisuu fi toʼannaa ishiitii ala taʼe kanaa wajjin qabsoo gochuu ishii itti fufuuf ishii gargaaru kan argatte akkamitti? Ishiin matumaa abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, caalaatti cimsitee kadhachuudhaan walʼaansoo gochuu ishii itti fufteetti. Yihowaan wawwaannaa Raahel garaadhaa dhiheessite dhagaʼeera; yeroo boodas ijoollee ishiidhaaf kennuudhaan ishii eebbiseera. Raahel yeroo tokko injifannoodhaan, ‘Ani jabeessee walʼaansoo qabee harka nan caale [ykn nan moʼe]’ jechuun ishii kan nama dinqisiisu miti!—Uma. 30:8, 20-24.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Uumama 30:1-21 dubbisi.)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi