LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 3
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Geggeessitoonni Yihudaa sabicha dogoggoru (1-15)

      • Ijoolleen durbaa Xiyoon warri kolomsan itti murteeffame (16-26)

Isaayyaas 3:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 26:26; Kes 28:49, 51; Er 37:21; His 4:16

Isaayyaas 3:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 13:9

Isaayyaas 3:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 18:21
  • +Kes 18:10, 12; Isa 8:19

Isaayyaas 3:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 9:4, 5; Mik 3:2, 3
  • +Lew 19:32

Isaayyaas 3:7

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “isa isin fayyisu.”

Isaayyaas 3:8

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ija ulfina isaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 33:1, 6; His 9:9

Isaayyaas 3:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu isaaniitiif.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 18:20; Isa 1:10; Yih 7

Isaayyaas 3:10

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “firii hojii isaanii ni nyaatu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lal 8:12; Sef 2:3

Isaayyaas 3:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 5:31; An 1:4

Isaayyaas 3:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 1:23; Er 5:26-28; Mik 2:1, 2; 6:10

Isaayyaas 3:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mik 3:2, 3

Isaayyaas 3:16

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Morma (qoonqoo) isaanii dheereffatanii.”

Isaayyaas 3:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 3:24

Isaayyaas 3:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 8:26

Isaayyaas 3:19

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Faaya mormaa.”

Isaayyaas 3:20

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “sabbata.”

  • *

    Kal., “Mana lubbuu.”

Isaayyaas 3:23

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “uffata jalatti uffatamu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 38:8

Isaayyaas 3:24

Miiljaleewwan

  • *

    Zayitii urgaawaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +As 2:12
  • +Mik 1:16
  • +Fru 2:10

Isaayyaas 3:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fru 2:21

Isaayyaas 3:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fru 1:4
  • +Fru 2:10

Yaada Wal Simu

Isa. 3:1Lew 26:26; Kes 28:49, 51; Er 37:21; His 4:16
Isa. 3:2His 13:9
Isa. 3:3Bau 18:21
Isa. 3:3Kes 18:10, 12; Isa 8:19
Isa. 3:5Er 9:4, 5; Mik 3:2, 3
Isa. 3:5Lew 19:32
Isa. 3:82Se 33:1, 6; His 9:9
Isa. 3:9Uma 18:20; Isa 1:10; Yih 7
Isa. 3:10Lal 8:12; Sef 2:3
Isa. 3:12Er 5:31; An 1:4
Isa. 3:14Isa 1:23; Er 5:26-28; Mik 2:1, 2; 6:10
Isa. 3:15Mik 3:2, 3
Isa. 3:17Isa 3:24
Isa. 3:18Abo 8:26
Isa. 3:23Bau 38:8
Isa. 3:24As 2:12
Isa. 3:24Mik 1:16
Isa. 3:24Fru 2:10
Isa. 3:25Fru 2:21
Isa. 3:26Fru 1:4
Isa. 3:26Fru 2:10
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 3:1-26

Isaayyaas

3 Kunoo, Gooftaa dhugaan, Yihowaan Gooftaan Raayyaa,

Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa gargaarsa akaakuu hundumaa,

Nyaataa fi bishaan hundumaa ni balleessa;+

 2 Nama jabaa fi loltuu,

Abbaa murtii fi raajii,+ nama hooda dubbatuu fi maanguddoo,

 3 Ajajaa 50,+ nama kabajamaa, gorsituu,

Nama falfala raawwachuu irratti dandeettii guddaa qabu, nama dawweessuu irratti dandeettii qabus ni balleessa.+

 4 Ijoolleen bulchitoota isaanii akka taʼan nan godha,

Warri ejjennoo hin qabnes isaan ni bulchu.

 5 Uummanni walii isaa,

Tokkoon tokkoon namaas nama isa kan biraa ni cunqursa.+

Mucaa xinnoon maanguddoo ni miidha,

Namni bakka guddaa hin qabnes nama kabajamaa ni salphisa.+

 6 Tokkoon tokkoon namaa obboleessa isaa isa mana abbaa isaa keessa jiru qabatee,

“Ati waaroo qabda, ajajaa keenya taʼi.

Tuullaa diiggaa kana irrattis bulchi” jedha.

 7 Inni garuu guyyaa sanatti,

“Ani isa madaa keessan walʼaanu* hin taʼu;

Mana koo keessaa nyaatas taʼe uffata hin qabu.

Sabicha irratti ajajaa na hin godhinaa” jedhee morma.

 8 Yerusaalem gufatteetti,

Yihudaanis kufteetti,

Sababiin isaas, isaan dubbiidhaanis taʼe gochaan Yihowaa mormaniiru;

Ija isa ulfina qabeessa taʼe sanaa* durattis mata jabeeyyii taʼaniiru.+

 9 Wanti fuula isaanii irraa mulʼatu isaan irratti ragaa baʼa,

Isaan akkuma Sodoomitti+ cubbuu isaanii ifatti ni dubbatu;

Dhoksuufis yaalii hin godhan.

Of irratti badiisa waan fidaniif, isaaniif* wayyoo!

10 Gaarii akka isaaniif taʼu qajeelotatti himaa;

Isaan wanta raawwataniif badhaasa ni argatu.*+

11 Isa hamaadhaaf wayyoo!

Badiisni isa irra ni gaʼa,

Sababiin isaas, wanti harki isaa raawwate isa irrattis ni raawwatama!

12 Warri saba koo hojjechiisan hamoota dha,

Kan isaan bulchus dubartoota dha.

Yaa saba koo, geggeessitoonni keessan asii fi achi akka joortan ni godhu,

Kallattii daandii keessaniis isin wallaalchisu.+

13 Yihowaan himata isaa dhiheeffachuuf iddoo isaa qabateera;

Saboota irratti murtii dabarsuufis dhaabbateera.

14 Yihowaan maanguddootaa fi bulchitoota saba isaa irratti ni murteessa.

“Isin maasii wayinii gubdaniittu,

Wanti hiyyeessa irraa hattanis mana keessan keessa jira.+

15 Isin saba koo kan caccabsitan,

Fuula hiyyeeyyiis lafa irratti kan daaktan hammam onnattanii ti?”+ jedha Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

16 Yihowaan akkana jedha: “Ijoolleen durbaa Xiyoon kan of tuulan,

Mataa isaanii ol qabanii* kan deeman,

Ija isaaniitiin kan kolomsan, tafa isaanii asii fi achi raasaa,

Sagalee albuu isaaniis dhageessisaa kan deeman taʼuu isaaniitiin kan kaʼe,

17 Yihowaan mataa ijoollee durbaa Xiyoon cittoodhaan ni rukuta,

Akkasumas Yihowaan adda isaanii qullaatti ni hambisa.+

18 Guyyaa sanatti Yihowaan faayawwan isaanii hundumaa irraa ni fuudha: albuu isaanii isa miidhagaa,

Faaya adda irratti hidhamuu fi faaya boca baatii haaraatiin tolfame,+

19 Lootii,* bitawoo fi haguuggii,

20 Faaya mataa, albuu fi qabattoo miidhagfame,*

Miʼa dibataa* fi kudhaama,

21 Qubeellaa fi amartii funyaanii,

22 Uffata guyyaa addaatti uffatamu, uffata irraan uffatamu, waaroo fi boorsaa harkaa,

23 Daawwitii harkaa+ fi uffata quncee talbaa,*

Akkasumas marata mataa fi shaashii.

24 Bakka zayitii baalsaamii,*+ foolii ajaaʼu,

Bakka qabattoo, wadaroo,

Bakka rifeensa miidhagfamee dhaʼamee, moluu,+

Bakka uffata gatii guddaa qabuu, uffata gaddaa,+

Bakka miidhaginaas godaannisatu taʼa.

25 Dhiironni keessan goraadeedhaan,

Namoonni keessan warri jajjaboonis waraana irratti ni kufu.+

26 Karrawwan ishii ni booʼu, ni gaddus,+

Ishiinis gadditee lafa irra ni teessi.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi