LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 26:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Ani karaa nyaata ittiin argattan yommuun cufu,*+ dubartoonni kudhan iddoo ibiddaa tokkittii keessatti nyaata keessan tolchanii madaalliidhaan isiniif ni hiru;+ isinis ni nyaattu, garuu hin quuftan.+

  • Keessa Deebii 28:49
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 49 “Yihowaan andaara lafaa irraa saba biyya fagoodhaa dhufe tokko si irratti ni kaasa;+ inni akkuma risaan wanta adamsu irra buʼutti tasa si irra buʼa;+ sabni sunis saba ati afaan isaa hin dhageenye,+

  • Keessa Deebii 28:51
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 51 Isaan hamma ati haxaaʼamtee baddutti ilmoolee horii keetii fi firii lafa keetii ni nyaatu. Isaan hamma si balleessanitti, midhaan, daadhii wayinii yookiin zayitii haaraa, jabbii yookiin ilmoo hoolaa tokko illee siif hin hambisan.+

  • Ermiyaas 37:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Kanaafuu, Zedeeqiyaan Mootichi Ermiyaas Mooraa Eegdotaa+ keessatti akka hidhamu ajaje; daabboon magaalattii keessa jiru hundi hamma dhumuttis+ daandii warra daabboo tolchanii irraa guyyaa guyyaadhaan daabboon tokko tokko isaaf ni kennama ture.+ Ermiyaasis Mooraa Eegdotaa keessa jiraachuu isaa itti fufe.

  • Hisqiʼel 4:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Achiis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kunoo ani Yerusaalem keessaa karaa nyaanni ittiin argamu nan cufa;*+ isaanis daabboo isaaniif kennamu madaalliidhaan madaalanii dhiphina guddaadhaan nyaatu,+ bishaan isaaniif kennamus madaalliidhaan madaalanii sodaadhaan dhugu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi