Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Ebla 2020
EBLA 13-19
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 31
“Yaaqoobii fi Laabaan Kakuu Nagaa Walii Galan”
(Uumama 31:44-46 dubbisi.)
it-1-E 883 key. 1
Gaalʼed
Yaaqoobii fi Laabaan waldhabiinsa isaanii nagaadhaan erga furanii booda kakuu waliif galan. Kana wajjin haala wal qabateen, Yaaqoob “aantii isaatiin” tuullaa dhagaa akka qopheessan isaan ajaje; tarii tuullaan dhagaa kun bifa minjaalaa akka qabaatu kan godhamu yeroo taʼu, nyaanni kakuus isa irratti nyaatame. Laabaan dhagaan kun erga tuulamee booda iddoo kanaaf maqaa Aramaayikii (Sooriyaa) “Yegaar-Sahadutaa” jedhu kan baaseef yeroo taʼu, Yaaqoob immoo maqaa wal fakkaataa Afaan Ibrootaa “Gaalʼed” jedhu moggaaseef. Laabaan akkana jedheera: “Tuullaan [Ibr., gal] kun har’a sii fi ana gidduutti dhuga-baatuu [Ibr., ʽedh] dha.” (Uma 31:44-48) Tuullaan dhagaa (fi utubaan dhagaa) kun namoota achiin darbaniif dhugaa baatuu taʼa. Akkuma lakkoofsa 49 irratti caqasame, “Masaraan Eegumsaa [Ibr., mits·pahʹ]” (NW) kun Yaaqoobis taʼe Laabaan akkasumas maatiiwwan isaanii isaan booda dhufan nagaa isaanii eeganii jiraachuuf walii galuu isaanii ragaa baʼa. (Uma 31:50-53) Yeroo boodas dhagaan dhugaa baatuu sagalee hin qabne taʼee tajaajileera.—Iya 4:4-7; 24:25-27.
(Uumama 31:47-50 dubbisi.)
it-2-E 1172
Miisphaadhas (Masaraa Eegumsaa)
Tuullaa dhagaa Yaaqoob dhaabe yeroo taʼu, “Gaalʼed” (“Tuullaa Ragaa” hiika jedhu qaba), akkasumas “Miisphaadhas (‘Masaraa Eegumsaa’ NW)” jedhamee waamama. Laabaan akkana jedheera: “Waaqayyo yeroo nuyi walittii gargar baanutti, sii fi ana gidduutti eegduu haa ta’u!” (Uma 31:45-49) Tuullaan dhagaa kun Yaaqoobis taʼee Laabaan kakuu nagaa walii galan kana eegaa jiraachuu isaanii Yihowaan kan argu taʼuu isaa ragaa kan baʼu dha.
(Uumama 31:51-53 dubbisi.)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 31:19 dubbisi.)
it-2-E 1087-1088
Taraafiim
Qorannaan arkiʼooloojii Mesophotaamiyaa fi naannoo ishiitti godhame akka argisiisuutti, fakkiiwwan taraafiim nama dhaala maatiichaa fudhatuuf kan kennaman turan. Barreeffamni iddoo Nuuzii jedhamutti argame tokko akka ibsutti, maatiin tokko waaqolii qabaachuun isaa haalawwan tokko tokko keessatti abbaan manaa intalaa, mana murtiitti dhihaatee qabeenyi abbaa haadha manaa isaa akka isaaf kennamuu akka qabu dubbachuuf mirga kennaaf. (Ancient Near Eastern Texts, bara 1974 Piriichardiidhaan kan gulaalame ful. 219, 220, fi milj. 51) Tarii Raahelis kana sammuutti qabachuudhaan taraafiimii kana fudhachuuf mirga akka qabdu ishiitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa; sababiin isaas abbaan ishii abbaa manaa ishii Yaaqoob gowwoomsee ture. (Uma 31:14-16 wajjin wal bira qabii ilaali.) Taraafiimiin mirga dhaalaa argachuuf wanta baayʼee barbaachisaa akka taʼeetti ilaalamaa akka ture wanta Laabaan taraafiimii kana deebisuuf godhe irraa hubachuu dandeenya; Laabaan obboloota isaa fudhatee adeemsa guyyaa torbaa Yaaqoob duukaa buʼeera. (Uma 31:19-30) Yaaqoob wanta Raahel goote kana matumaa hin beeku ture (Uma 31:32); akkasumas taraafiimii kana fayyadamee ilmaan Laabaan irraa dhaala fudhachuuf yaadee akka ture wanti ibsamees hin jiru. Waaqoliin sobaa kun Yaaqoobiin homaa hin fayyadan. Utuu baayʼee hin turin Yaaqoob waaqolii sobaa namoota isa wajjin jiranii hunda muka guddaa naannoo Sheekemitti dhihaate jiru tokkotti yeroo awwaaletti taraafiimii kana balleesseera.—Uma 35:1-4.
(Uumama 31:41, 42 dubbisi.)
(1 Pheexiros 2:18 dubbisi.)
Yihowaan Iddoo Kooluu Itti Galludha
8 Yaaqoob yommuu Haaraan gaʼu eessumnisaa miira hoʼaadhaan kan isa simate siʼa taʼu, yeroo boodas Liyaafi Raahel haadha manaasaa akka taʼan isaaf kenneera. Haataʼu malee yeroo booda Laabaan mindaa Yaaqoob al kudhan jijjiiruudhaan isa hacuuce. (Uma. 31:41, 42) Taʼus Yaaqoob, Yihowaan akka isa kunuunsu amanamuudhaan, jalʼina kana obsee kan jiraate siʼa taʼu, Yihowaanis isa kiiseera. Waaqayyo, Yaaqoob inni abbaa amantii taʼe gara biyya Kanaʼaanitti akka deebiʼu yommuu isaatti himu, Yaaqoob ‘hojjetoota dubartiifi dhiira, bushaayee baayʼee, gaalotaafi harroota’ akka horate ibsameera. (Uma. 30:43) Yaaqoob dinqisiifannaa guddaadhaan, “Gaarummaanii fi amanamummaan ati ana garbicha kee[tti] argisiifte kun hundinuu anatti in guddate; anoo yommuun baʼe ulee koo kana duwwaa qabadheen Yordaanos kana ceʼe; amma garuu buufata lama guutuu nan taʼe” jedhee kadhannaa dhiheesseera.—Uma. 32:10.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 31:1-18 dubbisi.)
EBLA 20-26
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 32-33
“Eebba Argachuuf Walʼaansoo Gochaa Jirtuu?”
(Uumama 32:24 dubbisi.)
Eebba Yihowaa Argachuuf Walʼaansoo Gochuu Keessan Itti Fufaa
6 Yaaqoob inni abbaa Israaʼelootaa ture Yihowaa waan jaallatuuf, wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa waan qabuu fi abdii Yihowaan sanyii isaa akka eebbisu kenne irratti amantii guutuu waan qabuuf qabsoo godheera; akkasumas jabaatee dhaabateera. (Uma. 28:3, 4) Kun Yaaqoob yommuu umuriin isaa gara waggaa 100tti dhihaatee turetti eebba Waaqayyoo argachuuf wanta humni isaa dandaʼu hunda maaliif akka godhe nu hubachiisa; maleekaa foon uffatee wajjin illee walʼaansoo godhee ture. (Uumama 32:24-28 dubbisi.) Yaaqoob humna maleekaa wajjin walʼaansoo gochuuf isa dandeessisu kan argate ofuma isaatiin turee? Akkas akka hin taane beekamaa dha! Qabsaaʼaa gara kuteessa waan tureefi dha; akkasumas walʼaansoo sana irraa akka hin baqanne argisiiseera! Jabaatee dhaabachuu isaatiinis eebba argateera. Maqaan Israaʼel jedhu isaaf moggaafamuun isaas kan isaaf malu dha; (hiikni isaas “Waaqayyoo Wajjin Walʼaansoo kan Godhu [Jabaatee kan Dhaabbatu]” ykn “Waaqayyo Walʼaansoo Godha” jechuu dha.) Yaaqoob badhaasa nutis argachuu barbaannu, jechuunis Yihowaa duratti fudhatama argachuu fi eebba argachuu dandaʼeera.
(Uumama 32:25, 26 dubbisi.)
it-2-E 190
Naafa, Naafa Taʼuu
Naafa Taʼuu Yaaqoob. Yaaqoob yommuu umuriin isaa waggaa 97 taʼetti, halkan tokko guutuu maleekaa Waaqayyoo foon uffatee wajjin walʼaansoo qabaa buleera. Maleekaan sun hamma isa eebbisuutti isaa wajjin walʼaansoo qabuudhaan injifannoo argachuu dandaʼeera. Utuu walʼaansoo gochaa jiranii maleekaan sun buusaa luqqeettuu Yaaqoob kan tuqe yeroo taʼu, buusaan isaas iddoo isaa gadhiisee ture. Kanaan kan kaʼees Yaaqoob okkoluu jalqabe. (Uma 32:24-32; Hos 12:2-4) Sana booda Yaaqoob ‘Waaqayyoo [maleekaa Waaqayyoo] fi namootaa wajjin waldhaansoo qabee dhuma irratti [inni] moʼeera’ (NW); haa taʼu malee akka maleekaan sun dubbatetti, Yaaqoob kan moʼe maleekaa Waaqayyoo sana humna caaluudhaan miti. Kun taʼuu kan dandaʼe kaayyoo Waaqayyoo waan turee fi wanta heyyama isaatiin taʼe waan taʼeef Yaaqoob maleekaa sana wajjin walʼaansoo qabeera; kun immoo Yaaqoob eebba Waaqayyoo argachuu baayʼee akka barbaadu kan argisiisu ture.
(Uumama 32:27, 28 dubbisi.)
it-1-E 1228
Israaʼel
1. Maqaa Waaqayyo yommuu Yaaqoob umuriin isaa waggaa 97 taʼu isaaf kenne dha. Maqaan kun kan isaaf kenname galgala Yaaqoob obboleessa isaa Esaawu wajjin wal arguuf sulula Yaaboq ceʼee maleekaa tokko wajjin walʼaansoo wal qabetti ture. Yaaqoob maleekaa kanaa wajjin hamma dhumaatti walʼaansoo waan qabeef, Waaqayyoo isa eebbisuudhaan maqaa isaa gara Israaʼelitti jijjiireera. Yaaqoob haala kana yaadachuuf iddoo kana Pheniʼel ykn Phenuʼel jedhee moggaase. (Uma 32:22-31; YAAQOB Lakk. 1 (JACOB No. 1) isa jedhu ilaali.) Yeroo booda, Waaqayyo maqaa jijjiirame kana Betʼelitti kan raggaasise yeroo taʼu, Yaaqoob yeroo sanaa jalqabee hamma guyyaa duʼa isaatti yeroo baayʼee maqaa Israaʼel jedhu kanaan waamama ture. (Uma 35:10, 15; 50:2; 1Se 1:34) Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaan Israaʼel jedhu kun siʼa 2,500 ol kan argamu yeroo taʼu, yeroo baayʼee hojii irra kan oole garuu sanyiiwwan Yaaqoob akka sabaatti argisiisuufi.—Bau 5:1, 2.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 32:11 dubbisi.)
(Uumama 32:13-15 dubbisi.)
Dubbiin Gurratti Tolu Walitti Dhufeenya Cimsa
10 Dubbiin gaarummaadhaan dubbatamuufi akka gaariitti waliin haasaʼuun, walitti dhufeenyi nagaa qabu akka itti fufu godha. Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnu fooyyessuuf waan dandeenye gochuun keenya, qunnamtii isaanii wajjin qabnu nuu fooyyessa. Garaadhaa kakaanee warra kaaniif waan gaarii gochuun, isaan gargaaruuf carraa barbaaduun, garaadhaa kakaanee kennaa isaanii kennuufi keessummummaa isaan simachuun, akka gaariitti waliin haasaʼuuf carraa banuu dandaʼa. Kana gochuun keenya nama tokkorratti ‘giimii walitti qabuufi’ amalawwan gaarii inni qabu baasuudhaan isa haasofsiisuun akka nutti salphatu gochuu dandaʼa.—Rom. 12:20, 21, hiika bara 1899.
11 Abbaa amantii kan taʼe Yaaqoob kana hubatee ture. Esaawu inni lakkuusaa taʼe baayʼee isatti aaree waan tureef, Yaaqoob Esaawu na ajjeesa jedhee sodaachuudhaan baqatee ture. Waggoota hedduu booda Yaaqoob ni deebiʼe. Esaawu namoota 400 fudhatee isaa wajjin wal arguu dhufe. Yeroo kanatti Yaaqoob, Yihowaan akka isa gargaaru kadhate. Achiis, Esaawuuf kennaa horii baayʼee of dura erge. Kennaan sun kaayyoosaa galmaan gaʼeera. Yeroo wal argan, garaan Esaawu laafee waan tureef Yaaqoobitti fiigee isa hammate.—Uma. 27:41-44; 32:6, 11, 13-15; 33:4, 10.
(Uumama 33:20 dubbisi.)
it-1-E 980
Waaqayyo, Waaqayyo isa kan Israa’el
Yaaqoob Pheniʼelitti maleekaa tokko wajjin walʼaansoo erga qabee booda maqaan isaa gara Israaʼelitti jijjiirameera; akkasumas obboleessa isaa Esaawu wajjin nagaadhaan erga wal arganii booda jalqaba Suukoot, achii immoo Sheekem keessa jiraateera. Achitti ilmaan Hamoor irraa lafa xinnoo bakka dunkaana isaa itti dhaabbatu ni bitate. (Uma 32:24-30; 33:1-4, 17-19) “Achitti iddoo aarsaa tokkos ijaaree, isas ‘Waaqayyo, Waaqayyo isa kan Israaʼel’ (Waaqayyo Waaqa Israaʼel) jedhee moggaase.” (Uma 33:20) Yaaqoob, iddoo aarsaa sana maqaa haaraa isaaf kennameen moggaasuun isaa, maqaa kana akka fudhatee fi Waaqayyo nagaadhaan Biyyattii Abdachiifamteetti isa deebisuu isaa akka dinqisiifatu kan argisiisuu dha. Ibsi kun Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo tokko qofatti argama.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 32:1-21 dubbisi.)
EBLA 27–CAAMSAA 3
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 34-35
“Miidhaa Hiriyummaa Gadheen Geessisu”
(Uumama 34:1 dubbisi.)
w97-AM 2/1 30 key. 4
Sheekem—Magaalaa Sulula Keessatti Argamtu
Dargaggoonni magaalaa kanaa durba irra deddeebitee gara magaalaa isaanii (kophaa ishii taʼuu hin oolu) dhuftu kana akkamitti ishii simatan? Ilmi geggeessaa biyyichaa “ishee arge, ishee butee wajjin ciisee ishee salphise.” Dhineen Kanaʼaanota naamusa hin qabne kanaa wajjin ooluudhaan rakkinni akka ishii irra gaʼu kan goote maaliifi? Dubartoota hiriyoota ishii taʼan wajjin yeroo dabarsuu barbaaddeetii? Moo akka obboloota ishii tokko tokkoo mata jabeettii fi yaada ishiitiin qofa kan geggeeffamtu waan taateefi? Seenaa Kitaaba Uumamaa irratti argamu dubbisuudhaan, intalli isaanii gara Sheekem dhaquu ishiitiin miidhaa ishii irra gaʼeen kan kaʼe gaddaa fi qaanii Yaaqoobii fi Liyaatti dhagaʼame hubachuuf yaali.—Uumama 34:1-31; 49:5-7; Dabalataan, Masaraa Eegumsaa, Waxabajjii 15, 1985, (Ingiliffa) fuula 31 ilaali.
(Uumama 34:2 dubbisi.)
“Halalummaa Baqadhaa!”
14 Dhineen yommuu Sheekemiin argite saalqunnamtiin raawwadha jettee hin yaanne ta’a. Inni garuu, wanta Kana’aanonni hedduun yeroo fedhiin saalqunnamtii isaanitti dhaga’amu godhan raawwate. ‘Ishee butee wajjin ciisuudhaan waan ishee salphiseef’ carraaqqii Dhineen saʼaatii dhumaatti harkaa baʼuuf goote homaa ishee hin oolchine. Sheekem gara boodaatti Dhinee ‘jaallatus,’ wanta isheerra geessise jijjiiruu hin dandeenye. (Uumama 34:1-4) Sababii kanaan rakkinarra kan bu’e Dhinee qofa hin turre. Hiriyaa gadhee filachuunshee, guutummaa maatichaarratti salphinaafi arrabsoo geessiseera.—Uumama 34:7, 25-31; Galaatiyaa 6:7, 8.
(Uumama 34:7 dubbisi.)
(Uumama 34:25 dubbisi.)
w09-AM 9/1 21 key. 1-2
Yommuu Namoonni Isin Aarsan
Namoonni yeroo baayʼee haaloo kan baʼan miidhaa miiraa isaanitti dhagaʼamu qabbaneessuuf jedhanii ti. Fakkeenyaaf, ijoolleen Yaaqoob, Kanaʼaanitti Sheekem obboleettii isaanii Dhinee dirqisiisee akka gudeede yommuu dhagaʼan, “garaan isaanii in gubate, aaraniis in bobaʼan.” (Uumama 34:1-7) Ijoolleen Yaaqoob lama miidhaa obboleettii isaanii irra gaʼeef haaloo baʼuuf, mala Sheekemii fi maatii isaa miidhuu itti dandaʼan qopheessan. Malli Simiʼoonii fi Leewwiin qopheessan kun waan isaaniif milkaaʼeef, gara magaalaa Kanaʼaan seenuudhaan Sheekemii fi dhiirota magaalichaa hunda ajjeesan.—Uumama 34:13-27.
Maarree dhiiga dhangalaasuun isaanii furmaata argamsiiseeraa? Yaaqoob wanta ijoolleen isaa godhan kana yommuu dhagaʼu akkana jechuudhaan isaan ifate: “Warri biyya kanaa, . . . jibbanii akka ana ajeeffatan gochuu keessaniin dubbiitti na galchitaniittu; lakkoobsi nama kootii muraasa; isaan anatti dacha’anii na rukutu, ani, maatiin koos lafa irraa in balleeffamna.” (Uumama 34:30) Tarkaanfiin haaloo baʼuuf fudhatan kun furmaata argamsiisuu mannaa maatiin Yaaqoob ‘namoonni kun gaaf tokko haaloo nuu irratti baʼuu dandaʼu’ jedhanii sodaadhaan akka jiraatan godheera. Waaqayyo maatii Yaaqoob irratti miidhaan akka hin geenye gochuuf taʼuu dandaʼa, yeroo booda Yaaqoob maatii isaa qabatee gara naannoo Betʼelitti argamu akka deeman isatti himeera.—Uumama 35:1, 5.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 35:8 dubbisi.)
it-1-E 600 key. 4
Dibooraa
1. Guddiftuu Ribqaa turte. Yommuu Ribqaan Yisihaaqitti heerumuuf jecha mana abbaa ishii Batuʼel isa Filisxeem jiru gadhiistee deemteetti Dibooraan ishii wajjin deemteetti. (Uma 24:59) Dibooraan mana Yisihaaq keessatti waggoota hedduu erga hojjettee booda, tarii yommuu Ribqaan duutu taʼuu dandaʼa gara mana Yaaqoob dhufteetti. Haala isaa irra hubachuun akka dandaʼamutti Ribqaan erga Yisihaaqitti heerumtee waggaa 125 booda Dibooraan kan duute yeroo taʼu, muka guddaa Betʼelitti argamu jalatti awwaalamteetti. Maqaan muka kanaaf kenname (Aloonbaakut, “Qilxuu boo’ichaa” jechuudha) maatii Yaaqoob keessatti hangam jaallatamtuu akka taate argisiisa.—Uma 35:8.
(Uumama 35:22-26 dubbisi.)
Gaaffii Dubbistootaa
Israaʼel durii keessatti, hiddi dhalootaa gara Masiihichaatti geessu mirga hangafummaa wajjin kan wal qabatu turee?
Ibsa yaada kana deggeru yeroon itti kennine jira ture. Kun immoo yaada Ibroota 12:16 irra jiru wajjin kan wal simu fakkaata. Caqasichi, Esaawu ‘nyaata tokkoof jedhee mirga hangafummaa isaa [Yaaqoobitti] dabarsee kennuudhaan wantoota qulqulluu utuu hin dinqisiifatin akka hafe’ dubbata. Kun immoo, Yaaqoob “mirga hangafummaa” argachuu isaatiin abaabilii Masiihichaa akka taʼe kan ibsu fakkaata.—Mat. 1:2, 16; Luq. 3:23, 34.
Haa taʼu malee, akka seenaawwan Kitaaba Qulqulluu argisiisanitti, abaabilii Masiihichaa taʼuuf dirqama ilma hangafaa taʼuun barbaachisaa miti. Mee ragaawwan tokko tokko haa ilaallu:
Ilmaan Yaaqoob (Israaʼel) keessaa hangafti Ruuben isa Liyaan isaaf deesse ture. Ijoollee haati manaa isaa Raahel ishiin baayʼee jaallatu booda irratti isaaf deesse keessaa immoo angafni Yoseef ture. Ruuben amala sirrii hin taane yeroo argisiisetti, mirgi hangafummaa Yoseefiif dabarfamee kenname. (Uma. 29:31-35; 30:22-25; 35:22-26; 49:22-26; 1 Sen. 5:1, 2) Taʼu iyyuu, Masiihichi karaa Ruubenis taʼe karaa Yoseef hin dhufne. Kanaa mannaa, karaa Yihudaa isa ijoollee Liyaan Yaaqoobiif deesse keessaa arfaffaa taʼeen dhufe.—Uma. 49:10.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 34:1-19 dubbisi.)