BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 42-43
Yoseef Akka Of Toʼatu Argisiiseera
Yommuu Yoseefii fi obboloonni isaa akka tasaa fuulaa fuulatti wal argan miira cimaa Yoseefitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu tilmaamuu dandeessuu? Yeruma sana inni eenyu akka taʼe isaanitti himuu fi isaan salphisuu ykn haaloo isaan irratti baʼuu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, akkuma tasaa kaʼee tarkaanfii akkasii hin fudhanne. Miseensonni maatii keessan ykn namoonni kaan jalʼina haqaa yoo isin irratti raawwatan maal gootu? Seenaan Yoseef yeroowwan akkasitti garaa keenya isa jalʼaa taʼe hordofuu fi waanuma akka tasaa nutti dhufu gochuu mannaa of toʼachuudhaan of tasgabbeessuu akka qabnu nu barsiisa.
Haalawwan si mudatan irratti fakkeenya Yoseef hordofuu kan dandeessu akkamitti?