LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 8 ful. 11
  • Fakkeenyota Barumsa Dabarsan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fakkeenyota Barumsa Dabarsan
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Fakkeenyaan Malee Isaanitti hin Dubbatu Ture”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Qabxiilee Ijoo Fakkeenyaan Ibsaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Fakkeenyota Waaʼee Mootummichaa Dubbatan
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Malawwan Dandeettii Barsiisuukee Fooyyessuuf Si Gargaaran Sadan
    Tajaajila Mootummaa—2012
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 8 ful. 11

QOʼANNAA 8

Fakkeenyota Barumsa Dabarsan

Caqasa kenname

Maatewos 13:34, 35

YAADA IJOO: Fakkeenyota salphaa, dhaggeeffattoota kee hawwatanii fi qabxiiwwan barbaachisoo taʼan barsiisanitti fayyadamuudhaan barumsi kee humna akka qabaatu godhi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Fakkeenyota salphaa taʼan filadhu. Akkuma Yesuus, wantoota guguddaa taʼan ibsuuf wantoota xixinnootti, wantoota ulfaataa taʼan ibsuuf wantoota salphaa taʼanitti fayyadami. Yaadawwan xixinnoo hedduu barbaachisoo hin taanee fi fakkeenyicha wal xaxaa godhan itti hin dabalin. Dhaggeeffattoonni kee fakkeenyicha keessaa wantoota barumsichaa wajjin wal hin simneen xiyyeeffannaan isaanii akka hin hihhiramneef, fakkeenyichi guutummaatti barumsichaa wajjin kan wal simu taʼuu isaa mirkaneessi.

    Gorsa gaarii

    Hubataa taʼi. Wantoota naannoo kee jiran hubadhuu ilaali, barreeffamoota Kiristiyaanaa qoʼadhu, akkasumas barsiisota ogeeyyii taʼan dhaggeeffadhu. Kana yommuu gootu fakkeenyota barumsi kee humna akka argatu gochuuf itti fayyadamuu dandeessu yaadannoo qabadhu. Fakkeenyota kana faayila kee keessa kaaʼadhu.

  • Wantoota dhaggeeffattoota kee fayyadan yaadi. Fakkeenyota wanta dhaggeeffattoonni kee jaallatanii fi guyyaa guyyaadhaan hojjetan irratti hundaaʼan filadhu. Fakkeenyonni kee kan nama qaanessan ykn mufachiisan akka hin taane of eeggadhu.

  • Qabxii ijoo taʼe barsiisi. Fakkeenyi kee qabxiiwwan xixinnoo irratti utuu hin taʼin, qabxiiwwan guguddaa irratti akka xiyyeeffatu godhi. Dhaggeeffattoonni kee fakkeenyicha qofa utuu hin taʼin, qabxii barumsichaa yaadachuu isaanii mirkaneessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi