Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
© 2022 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
BITOOTESSA 6-12
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SEENAA BARAA 23-26
“Waaqeffannaan Mana Qulqullummaa Akka Gaariitti Gurmaaʼe”
it-2-E 241
Leewwota
Hojiin Leewwotaa akka gaariitti kan gurmaaʼe bara Daawititti ture; Daawit Leewwota warra hojiicha ol aantummaadhaan toʼatan, geggeessitoota, abbootii murtii, karra eegdotaa fi ajajjoota mana kuusaa godhe isaan muudeera; warra hafan baayʼee immoo mana qulqullummaatti luboota akka deggeraniif, mooraawwan irratti, kutaawwan nyaataa kennaawwan wajjin wal qabatan irratti, aarsaawwan irratti, sirna qulqulleessuu raawwachuu, madaaluu, safaruu fi hojii eegumsaa adda addaa irratti ramadeera. Leewwonni muuziqaa taphatan ramaddii lubootaa wajjin haaluma wal fakkaatuun garee 24tti gurmaaʼanii dabareedhaan tajaajilu turan. Dabareen hojii isaanii kan murtaaʼu carraa buusuudhaan ture. Gareen karra eegdotaas karri akka eegan isaaniif ramadamu haaluma wal fakkaatuun murtaaʼa ture.—1Se 23, 25, 26; 2Se 35:3-5, 10.
it-2-E 686
Luba
Luboonni tajaajila mana qulqullummaatiif geggeessitoota adda addaa jalatti gurmaaʼanii turan. Hojiin kan isaaniif ramadamu carraa buusuudhaan ture. Tokkoon tokkoon gareewwan lubootaa 24 waggaatti siʼa lama torbee tokko tokkoof tajaajilu turan. Akkuma yeroo manni qulqullummaan murteeffame godhame, tibba ayyaanotaatti yeroo namoonni aarsaawwan kumaan lakkaaʼaman dhiheessanitti luboonni hundi kan tajaajilan fakkaata. (1Se 24:1-18, 31; 2Se 5:11; 2Se 29:31-35 wajjin wal bira qabii ilaali; 30:23-25; 35:10-19.) Lubni tokko hojiin inni hojjetu hanga hojii luboota dabaree isaaniitiin hojjetanii wajjin walitti hin buunetti yeroo kan biraattis tajaajiluu dandaʼa. Akka afoolli Yihudootaa jedhutti yeroo Yesuus lafa irra ture luboonni baayʼatanii turan; kanaafuu tajaajila torbanichatti garee lubootaa tokkoof ramadame maatiiwwan garicha keessa jiraniif hihhiruun barbaachisee ture; akka kanaan maatiin tokko akka baayʼina miseensota isaatti guyyaa tokkoof ykn isaa oliif tajaajila.
it-2-E 451-452
Muuziqaa
Daawit qophii mana qulqullummaa Yihowaaf godhee wajjin haala wal qabateen Leewwota 4,000 tajaajila muuziqaatiif adda baasee ture. (1Se 23:4, 5) Isaan keessaa 288 kan taʼan ‘Yihowaa faarfachuuf leenjii kan argatanii fi dandeettii guddaa kan qaban’ turan. (1Se 25:7) Guutummaan qophii kanaa namoota dandeettii muuziqaa guddaa qaban sadiin geggeeffama ture; isaanis Asaaf, Hemaanii fi Yedutuun (Eetaanis jedhamee kan waamamu taʼuu hin oolu) turan. Namoonni kun sanyii ilmaan Leewwii sadanii jechuunis, Geershom, Qehaatii fi Meraarii waan taʼaniif maatiiwwan Leewwii gurguddaan sadan qophii muuziqaa mana qulqullummaa keessatti bakka buufamanii turan. (1Se 6:16, 31-33, 39-44; 25:1-6) Ilmaan namoota kana sadanii walumaa galatti 24 yommuu taʼan, hundi isaanii namoota 288ttan dandeettii muuziqaa guddaa akka qabanitti ibsaman keessa jiru turan. Ilmaan kun tokkoon tokkoon isaanii garee muuziqaa tokko akka geggeessaniif carraadhaan muudamanii turan. Tokkoon tokkoon isaanii jalatti ilmaan isaanii dabalatee Leewwonni “dandeettii guddaa” qabanii fi filataman 11 jiru turan. Akka kanaan Leewwonni dandeettii muuziqaa guddaa qaban 288 ([1 + 11] × 24 = 288) akkuma lubootaa garee 24tti gurmaaʼanii turan. Leewwonni ‘barachaa jiran’ 3,712 hafan gareewwan kanatti hihhiramanii kan turan yoo taʼe, tokkoon tokkoon gareewwan 24n kanaa giddu galeessaan namoota 155 dabalataa qabatu jechuudha; kana jechuun tokkoon tokkoon Leewwota dandeettii muuziqaa qabaniif Leewwonni sadarkaa garaa garaadhaan baratanii fi leenjiʼaa jiran 13 jiru jechuudha. (1Se 25:1-31) Malakata kan afuufan luboota waan taʼaniif, Leewwota muuziqaa taphatan malees isaaniis dabalataan jiru turan.—2Se 5:12; Lak 10:8 wajjin wal bira qabii ilaali.
it-1-E 898
Karra Eegdota
Mana Qulqullummaa Keessatti. Daawit Mootichi duʼuu isaa yeroo muraasa dura karra eegdota 4,000 dabalatee, Leewwotaa fi hojjettoota mana qulqullummaa sirriitti gurmeesseera. Karra eegdonni akka garee isaaniitti al takkaa guyyaa torbaaf dabaree dabareedhaan tajaajilu. Mana Yihowaa eeguu fi yeroo sirriitti taʼetti balbaloonni banamuu fi cufamuu isaanii hordofuun itti gaafatamummaa isaaniiti. (1Se 9:23-27; 23:1-6) Eegumsa irratti hirmaachuu malees isaan keessaa tokko tokko buusii sabichi mana qulqullummaatiif fidu walitti qabu turan. (2Mo 12:9; 22:4) Yeroo booda yommuu Yehoyaadaa lubni ol aanaan Yoʼaas mootii akka taʼuuf isa muudetti eegdonni addaa Yoʼaas mucichaa Ataaliyaa Mootittii ishii humnaan aangoo fudhate irraa akka eeganiif balbala mana qulqullummaa irratti ramadamanii turan. (2Mo 11:4-8) Yeroo Yosiyaas Mootichi waaqeffannaa waaqolii sobaa balleessetti, karra eegdonni miʼoota waaqeffannaa Baʼaaliif tajaajilan mana qulqullummaa keessaa baasuu irratti gargaarsa godhanii turan. Achiis miʼoonni kun magaalichaa alatti baafamanii gubaman.—2Mo 23:4.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Waaqeffannaa Dhugaan Gammachuu Siif Argamsiisa
10 Yommuu obboloota keenyaa wajjin faarfannu Yihowaa waaqeffachaa jirra. (Far. 28:7) Israaʼelonni faarfannaa akka kutaa waaqeffannaa iddoo guddaa qabuutti ilaalu turan. Daawit Mootichi mana qulqullummaa keessatti faarfattoota taʼanii akka tajaajilaniif Leewwota 288 muudee ture. (1 Sen. 25:1, 6-8) Yeroo harʼaatti faarfannaa galataa faarfachuudhaan jaalala Waaqayyoof qabnu ibsuu dandeenya. Kana gochuuf dirqama sagalee gaarii qabaachuun nu hin barbaachisu. Mee yaadi: “Hundi keenya yeroo baayʼee [yeroo dubbannu] ni gufanna”; kun taʼuun isaa garuu gumii irrattis taʼe tajaajila irratti dubbachuu irraa duubatti akka jennu nu hin taasisu. (Yaq. 3:2) Haaluma walfakkaatuun, sagaleen keenya gaarii akka hin taane nutti dhagaʼamuun isaa faarfannaadhaan Yihowaa jajachuu irraa duubatti akka jennu akka nu taasisu heyyamuu hin qabnu.
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
w11-AM 6/1 14-15
Waaqayyo Jaarmiyaa Qabaa?
▪ Kiristiyaanonni dhugaan hojii tokko raawwachuuf gurmaaʼaniiru. (Maatewos 24:14; 1 Ximotewos 2:3, 4) Yesuus barattoonni isaa namoota hundaaf misiraachoo Mootummichaa akka lallaban isaan ajajee ture; jaarmiyaan addunyaa maraa tokko utuu hin jiraatin hojii kana raawwachuun wanta hin yaadamnedha. Kana fakkeenyaan ibsuuf, eenyuuniyyuu utuu gargaarsa hin gaafatin nama tokko sooruu dandeessa; haa taʼu malee, namoota kumaan lakkaaʼaman, darbees miliyoonaan lakkaaʼaman sooruuf garee miseensonni isaa akka gaariitti qindaaʼanii fi waltaʼiinsaan hojjetan tokko qabaachuun si barbaachisa. Kiristiyaanonni dhugaan ergama isaanii raawwachuuf “harka wal qabatanii” ykn tokko taʼanii Waaqayyoon tajaajilaa jiru. (Sefaaniyaa 3:9) Jaarmiyaan tokkummaa qabuu fi waltaʼiinsaan hojjetu utuu hin jiraatin, hojii biyyoota hedduu, afaanota hedduu fi namoota sanyii gara garaa qabanii wajjin wal nama qunnamsiisu hojjechuun ni dandaʼamaa? Deebiin isaa ifadha.
▪ Kiristiyaanonni dhugaan karaa wal jajjabeessuu fi wal deggeruuf isaan dandeessisuun gurmaaʼaniiru. Namni kophaa isaa gaara baʼu tokko, gaara isa kam akka baʼu ofuma isaatiin murteessuu dandaʼa; akkasumas namoota gaara baʼuu irratti muuxannoo hedduu hin qabne gargaaruun isa irraa hin eegamu. Haa taʼu malee, balaan yoo isa irra gaʼe ykn wanti tokko yoo isa mudate namni isa gargaaru waan hin jirreef rakkina cimaan isa mudachuu dandaʼa. Namoota irraa adda of baasuun ogummaa dhabuu argisiisa. (Fakkeenya 18:1) Kiristiyaanonnis ajaja Yesuus isaaniif kenne raawwachuuf wal gargaaruu fi wal deggaruu qabu. (Maatewos 28:19, 20) Gumiin Kiristiyaanaa, Kiristiyaanonni hundi ergama isaanii raawwachuu isaanii akka itti fufanii fi abdii akka hin kutanneef qajeelfama Kitaaba Qulqulluu, leenjii fi jajjabina baayʼee barbaachisaa taʼe isaaniif kenna. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa haala gaariitiin gurmaaʼan, qajeelfama irraa argannuu fi uumaa keenya waaqeffachuuf nu dandeessisan hin jiran taanaan namni tokko karaa Yihowaa barachuuf eessa deemuu dandaʼa?—Ibroota 10:24, 25.
▪ Kiristiyaanonni dhugaan tokkummaadhaan Waaqa tajaajiluuf haala isaan dandeessisuun gurmaaʼaniiru. Hoolonni Yesuus sagalee isaa yommuu dhagaʼan geggeessaa isaa jalatti “tuuta tokko” taʼu. (Yohaannis 10:16) Hoolonni Yesuus qajeelfamni eenyuuyyuu utuu isaan hin barbaachisin waldaalee Kiristiyaanaa fi gareewwan adda addaa ofuma isaaniitiin sochoʼan keessatti faffacaʼanii kan argaman miti ykn barumsa amantiitiin kan qoqqoodaman miti. Kanaa mannaa hundi isaanii ‘wanti dubbatan tokko dha.’ (1 Qorontos 1:10) Tokkummaadhaan jiraachuuf qajeelfamni dambii taʼu barbaachisaadha; dambiin akkasii akka jiraatuuf immoo dirqama jaarmiyaan jiraachuu qaba. Eebba Waaqayyoo argachuu kan dandaʼu waldaa obbolummaa tokkummaa qabu qofadha.—Faarfannaa 133:1, 3.
Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman jaalalli dhugaan isaan Waaqayyoo fi dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qaban, jaarmiyaa ulaagaalee olitti ibsamanii fi ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu kan biroo guutuu tokkotti akka harkifaman gochaa jira. Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman saba gurmaaʼee fi tokkummaa qabu taʼuudhaan fedha Waaqayyoo raawwachuuf carraaqaa jiru. Waaqayyo, “Ani isaan gidduu nan jiraadha, akkasumas isaan gidduu nan deddeebiʼa, ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu” jedhee waadaa galeera. (2 Qorontos 6:16) Atis jaarmiyaa isaa wajjin taʼuudhaan Yihowaa yoo waaqeffatte eebba dinqisiisaa kana ni argatta.
BITOOTESSA 13-19
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SEENAA BARAA 27-29
“Gorsa Abbaan Tokko Jaalalaan Ilma Isaaf Kenne”
w05-AM 2/15 19 key. 9
Eenyummaan Kiristiyaanaa Keenya Akka hin Banne Of haa Eeggannu
9 Amantiin Kitaaba Qulqulluu irratti qabdu beekumsa irratti kan hundaaʼe akka taʼu godhi. Eenyummaan keenya inni tajaajiltoota Yihowaa taʼuu keenya beeksisu Kitaaba Qulqulluu irratti hin hundoofne taanaan baduu dandaʼa. (Filiphisiyus 1:9, 10) Dargaggeessas taʼe maanguddoo Kiristiyaanni hundi wanti inni itti amanu dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa mirkaneeffachuu qaba. Phaawulos, “Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa; wanta gaarii taʼe jabeessaa qabadhaa” jechuudhaan obboloota isaa gorseera. (1 Tasalonqee 5:21) Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan warri isaanii Yihowaa waan tajaajilaniif qofa isaanis Kiristiyaanota dhugaa taʼuu akka hin dandeenye beekuu qabu. Daawit ilma isaa Solomooniin, “Waaqa abbaa keetii beeki; garaa guutuu . . . isa tajaajili” jedhee gorseera. (1 Seenaa Baraa 28:9) Solomoon inni yeroo sanatti dargaggeessa ture abbaan isaa amantii Yihowaa irratti qabu yeroo cimsatu ilaaluun isaa qofti gaʼaa hin ture. Ofuma isaatiin Yihowaa beeku qaba ture; akkasis godheera. “Ammas saba kana akkan geggeessuuf ogummaa fi beekumsa naaf kenni” jedhee cimsee Yihowaa kadhateera.—2 Seenaa Baraa 1:10.
Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajiluu Keessan Itti Fufaa
13 Barumsi kanarraa argannu ifadha. Sochiiwwan gaarii nama gammachiisan, jechuunis walgaʼiirratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuun keenya kan nu galateeffachiisudha. Taʼus, garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluun waan dabalatu qaba. (2 Sen. 25:1, 2, 27) Kiristiyaanni tokko akkaataan jireenyaa biyyaa lafaa tokko tokko baayʼee kan isa gammachiisu yoo taʼe, ‘wantoota gara booddee jiran’ jaallachuusaa itti fufuudhaan ejjennoo gaarii Waaqayyo duratti qabu dhabuu dandaʼa. (Luq. 17:32) ‘Mootummaa Waaqayyootiif kan mallu’ taʼuu kan dandeenyu dhugumaan ‘waan hamaa jibbinee, wanta gaarii taʼetti qabamnee yoo jiraanne’ qofadha. (Rom. 12:9; Luq. 9:62) Kanaaf hundi keenya wanti addunyaa Seexanaa keessa jiru kamiyyuu, faayidaa kan qabu ykn gaarii fakkaatullee, fedhii Mootummichaa garaa guutuudhaan raawwachuurraa akka nu hin dhowwine of eeggachuu nu barbaachisa.—2 Qor. 11:14; Filiphisiiyus 3:13, 14 dubbisi.
‘Ija Jabaadhaa Hojjedhaas!’
20 Daawit Mootichi, hojiin ijaarsa mana qulqullummaa hamma xumuramutti Yihowaan isaa wajjin akka taʼu Solomooniin yaadachiisee ture. (1 Sen. 28:20) Solomoon wanta abbaan isaa dubbate sammuu fi garaa isaa keessatti qabatee waan tureef, ijoollummaan isaa fi muuxannoo dhabuun isaa gufuu akka isatti taʼu hin heyyamne. Ija jabina guddaa argisiisuudhaan hojiitti kan seene siʼa taʼu, gargaarsa Yihowaatiin mana qulqullummaa dinqisiisaa taʼe sana waggaa torbaa fi walakkaa gidduutti ijaaree xumureera.
21 Yihowaan akkuma Solomooniin gargaare, nutis ija jabina akka argisiisnuu fi hojii maatii keessattis taʼe gumii keessatti qabnu raawwachuu akka dandeenyu nu gargaaruu dandaʼa. (Isa. 41:10, 13) Waaqeffannaa Yihowaa irratti ija jabina kan argisiisnu yoo taʼe, ammas taʼe gara fuulduraatti eebba isaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kanaaf, ‘ija jabaadhaa, hojjedhaas!’
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Yeroo Michummaan Balaadhaaf Saaxilamutti Michuu Dhugaa Taʼuu
Daawit michoota yeroo rakkisaa taʼetti amanamummaadhaan isa deggeran kan biraas qaba ture. Michoota kana keessaa tokko Hushaayi siʼa taʼu, Kitaabni Qulqulluun ‘michuu Daawit’ taʼuu isaa ibsa. (2 Sam. 16:16; 1 Sen. 27:33) Hushaayi mana mootummaa keessatti aangoo kan qabu taʼu hin oolu; michuu mootichaa isatti dhihaatu siʼa taʼu, yeroo tokko tokko dhimmoota iccitii taʼan raawwachiisa ture.
Yeroo Abiishaalom ilmi Daawit teessoo abbaa isaa fudhatetti, Israaʼelonni hedduun Abiishaalom duukaa kan buʼan taʼus, Hushaayi garuu akkana hin goone. Daawit yeroo baqachaa turetti, Hushaayi gara isaa deemee ture. Daawit ilmi isaa fi namoonni inni amanu kaan isa ganuu isaaniitiin baayʼee miidhamee ture. Haa taʼu malee, Hushaayi amanamaa taʼee kan itti fufe siʼa taʼu, lubbuu isaa balaadhaaf saaxiluudhaan wanta mooticha irratti yaadame fashaleesseera. Hushaayi kana kan godhe waanuma mana mootummaa keessatti aangoo qabuuf hin turre. Michuu amanamaa taʼuu isaa argisiiseera.—2 Sam. 15:13-17, 32-37; 16:15–17:16.
BITOOTESSA 20-26
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 1-4
“Solomoon Mootichi Murtoo Ogummaa Irratti hin Hundoofne Godhe”
it-1-E 174 key. 5
Raayyaa
Yeroo bulchiinsa Solomoonitti seenaa raayyaa waraanaa Israaʼelotaa keessatti wanti haaraa taʼe raawwatameera. Bulchiinsi isaa kan warra kaanii irra nagaa qabeessa taʼus fardeenii fi gaariiwwan fardaa baayʼee walitti qabatee ture. (GAARII FARDAA [CHARIOT] isa jedhu ilaali.) Fardeen kun baayʼeen isaanii Gibxii irraa bitamanii kan dhufanidha. Fardeenii fi gaariiwwan fardaa kanaaf guutummaa Israaʼel keessatti magaalota ijaaruun barbaachisee ture. (1Mo 4:26; 9:19; 10:26, 29; 2Se 1:14-17) Haa taʼu malee Yihowaan wanta Solomoon raawwate kana matumaa hin eebbisne, kanaafuu yeroo Solomoon duʼee fi mootummaan Israaʼel bakka lamatti qoqqoodametti raayyaan waraanaa Israaʼelis inni xiqqaate. Yeroo booda Isaayyaas akkana jedhe barreessera: “Warra gargaarsa argachuuf gara Gibxiitti gad buʼaniif, warra fardeenitti abdataniif, warra gaariiwwan fardaa hedduu taʼanitti, fardeen waraanaa ciccimoo taʼanittis amanamaniif wayyoo. Haa taʼu malee, isaan Isa Qulqulluu kan Israaʼel hin eeggatan, akkasumas Yihowaa hin barbaaddatan.”—Isa 31:1.
it-1-E 427
Gaarii Fardaa
Israaʼel keessatti hanga bulchiinsa Solomoonitti gaariiwwan fardaa waraanaa baayʼeen hin jiran turan. Kun kan taʼe akeekkachiisa Waaqayyo mootiin tokko akkuma waan nageenyi sabichaa isaanii irratti hundaaʼetti fardeen akka hin baayʼifanne kenneen kan kaʼedha. Gaariiwwan fardaatiif fardeen waan barbaachisaniif dhorkaan kun lakkoofsa gaariiwwan fardaas daangesseera. (Kes 17:16) Saamuʼel baʼaa mootonni sabicha irratti feʼan yeroo isaan akeekkachiisu, “Inni ilmaan keessan fudhatee gaarii fardaa isaa keessa kaaʼa” jedheera. (1Sa 8:11) Abishaalomii fi Adoniyaan yeroo humnaan aangoo fudhachuuf yaalanitti lamaan isaanii iyyuu gaarii fardaa fi namoota isaan dura fiigan 50 qopheeffatanii turan. (2Sa 15:1; 1Mo 1:5) Daawit mootichi yeroo mootii Zoobaa injifatetti fardeen boojiʼe keessaa kan hambise 100 qofa ture.—2Sa 8:3, 4; 10:18.
Solomoon Mootichi raayyaa waraanaa Israaʼel yeroo ijaaraa turetti lakkoofsa gaariiwwan fardaa gara 1,400tti ol guddiseera. (1Mo 10:26, 29; 2Se 1:14, 17) Yerusaalemiin dabalatee, magaalonni kan biroon magaalota gaarii fardaa akka taʼanitti beekaman meeshaalee waraanaa kana kunuunsuuf haala mijataa adda taʼe qabu turan.—1Mo 9:19, 22; 2Se 8:6, 9; 9:25.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 12/1 19 key. 6
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Lammaffaa Seenaa Baraa
1:11, 12. Yihowaan, Solomoon garaadhaa ogummaa fi beekumsa argachuu akka barbaadu gaaffii inni dhiheesse irraa hubateera. Nutis kadhannaan Yihowaatti dhiheessinu dhugumaan wanti garaa keenya keessa jiru maal akka taʼe ifa godha. Kanaaf qabiyyee kadhannaa keenyaa qoruun ogummaadha.
BITOOTESSA 27–EBLA 2
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 5-7
“Garaan Koo Yeroo Hunda Achi ni Taʼa”
w02-AM 11/15 5 key. 1
Walitti Qabamuu Keessan hin Dhiisinaa
Daawit yeroo booda Yerusaalemitti mootii taʼee yeroo turetti ulfina Yihowaatiif mana qulqullummaa dhaabbataa taʼe ijaaruuf fedhii cimaa akka qabu ibseera. Haa taʼu malee Daawit nama waraanaa waan tureef Yihowaan, ‘ati maqaa kootiif mana hin ijaartu’ isaan jedhe. Kanaa mannaa, ilmi isaa Solomoon bakka isaa mana qulqullummaa akka ijaaruuf filatame. (1 Seenaa Baraa 22:6-10) Solomoon waggaa torbaaf walakkaadhaaf erga ijaaree booda Dh.K.D. bara 1026tti manni qulqullummaa ni eebbifame. Yihowaan, “Kadhannaa kee fi wawwaannaa ati fudhatama argachuuf na duratti dhiheessite dhagaʼeera. Ani maqaan koo yeroo hunda akka ittiin waamamu gochuudhaan mana ati ijaarte kana qulqulleesseera; ijji koo fi garaan koos yeroo hunda achi ni taʼa” jechuudhaan gamoo kanatti akka gammade ibseera. (1 Mootota 9:3) Hammuma Israaʼelonni isaaf amanamoo taʼanii jiraatan Yihowaan mana kanaaf surraa isaa kennuu isaa itti fufa. Wanta sirrii taʼe gochuu isaanii yoo dhaaban garuu Yihowaan surraa isaa manicha irraa ni kaasa, ‘manichis tuullaa diiggaa ni taʼa.’—1 Mootota 9:4-9; 2 Seenaa Baraa 7:16, 19, 20.
it-2-E 1077-1078
Mana Qulqullummaa
Seenaa. Manni qulqullummaa kun hamma raayyaan waraanaa Baabilon Nebukadnezaariin geggeeffamu isa balleessetti, jechuunis hamma Dh.K.D. bara 607tti tureera. (2Mo 25:9; 2Se 36:19; Er 52:13) Israaʼelonni waaqeffannaa sobaa waan hordofaniif, Yihowaan saboonni kaan Yihudaa fi Yerusaalemiin akka haleelan, yeroo tokko tokko immoo qabeenya mana qulqullummaa akka saaman heyyameera. Manni qulqullummaa yeroo itti dagatame hedduus qaba. Yeroo Rooboʼaam ilmi Solomoon bulchaa turetti Shishaaq mootiin Gibxii (Dh.K.D. 993) qabeenya mana qulqullummaa saameera; kunis kan taʼe manni qulqullummaa eebbifamee gara waggoota 33 qofa boodadha. (1Mo 14:25, 26; 2Se 12:9) Aasaa Mootichi (Dh.K.D. 977-937) mana Yihowaadhaaf kabaja qaba ture; haa taʼu malee Yerusaalemiin oolchuuf, Benhadaad tokkoffaan mootiin Sooriyaa walii galtee Baʼaashaa mootii Israaʼelii wajjin gale akka diiguuf qabeenya mana qulqullummaa keessaa meetii fi warqii mattaʼaa isaaf kenneera.—1Mo 15:18, 19; 2Se 15:17, 18; 16:2, 3.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w10-AM 12/1 11 key. 7
“Garaa Namaa” kan Beeku Isadha
Kadhannaa Solomoon irraa jajjabina argachuu dandeenya. Namoonni miira keessa keenyaa, jechuunis ‘madaa fi dhiphina’ keenya guutummaatti hubachuu hin dandaʼan. (Fakkeenya 14:10) Haa taʼu malee Yihowaan garaa keenya beeka, waaʼee keenyas sirriitti beeka. Kadhannaadhaan miira garaa keenya keessa jiru baasne Yihowaatti himachuun keenya baʼaa keenya nuuf salphisa. Kitaabni Qulqulluun, “inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa” jedha.—1 Pheexiros 5:7.
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
w93-AM 2/1 31
Gaaffii Dubbistootaa
Israaʼel durii keessatti Ayyaanni Faasikaa waggaa waggaadhaan kan kabajamu jiʼa jalqabaa Niisaan (Abiib) guyyaa 14ffatti ture. Seera Lakkoofsa 9:10, 11 irratti qophiin adda taʼe tokko akka godhame ibsameera. Caqasichi akkas jedha: “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Isin gidduudhaa yookiin dhaloota keessan isa gara fuulduraa keessaa namni tokko reeffa tuquudhaan yoo xuraaʼe yookiin karaa fagoo yoo deeme illee namni sun Yihowaadhaaf aarsaa Faasikaa qopheessuu qaba. Isaan jiʼa isa lammaffaatti [Iyyaar ykn Ziif jedhamu], jiʼicha keessaas guyyaa 14ffaatti yeroo dimimmisaaʼu isa haa qopheessan. Maxinoo fi baala hadhaaʼaa wajjin isa haa nyaatan.’”
Qophiin kun namni Israaʼel ykn maatiin tokko Ayyaana Faasikaa filannaawwan jiran lamaan keessaa yeroo isaaf mijatetti akka kabaju, jechuunis Niisaan 14 ykn Ziif 14 keessaa isa tokko akka filatu akka hin heyyamne hubadhu. Qophiin nyaanni Ayyaana Faasikaa jiʼa lammaffaatti akka nyaatamu godhame murtaaʼaadha. Qophiin kun lammii Israaʼel gaafa Niisaan 14 akka seerichaatti xuraaʼaa taʼeef ykn yeroo sanatti bakka ayyaanichi itti kabajamu irraa fagaatee jiruuf qofa kan godhamedha.
Qophiin kun balʼinaan hojii irra akka oole galmeeffamee kan argamu yeroo Hisqiyaas inni mootii amanamaa ture Ayyaanni Maxinoo deebiʼee kabajamuu akka jalqabu godhe qofattidha. Yeroo kanatti luboonni qophaaʼoo waan hin turee fi sabichis waan walitti hin qabamneef jiʼa isa jalqabaatti kabajuuf yeroon hin jiru ture. Kanaafuu ayyaanichi jiʼa isa lammaffaa guyyaa 14ffatti kabajame.—2 Seenaa Baraa 29:17; 30:1-5.
Haalawwan akka amma as irratti ibsame jiraniin alatti Israaʼelonni Ayyaana Faasikaa yeroodhuma Waaqayyo murteessetti kabaju turan. (Baʼuu 12:17-20, 41, 42; Leewwota 23:5) Yesuusii fi barattoonni isaa Ayyaana Faasikaa akka Seera isaatti kabaju turan malee salphisanii hin ilaalle. Luqaas, “Guyyaan Ayyaana Maxinoo aarsaan Faasikaa itti dhihaatu ni gaʼe; kanaafuu Yesuus, ‘Dhaqaa, Faasikaa akka nyaannuuf nuu qopheessaa’ jedhee Pheexirosii fi Yohaannisiin erge” jedhee gabaaseera.—Luqaas 22:7, 8.
Guyyaa kanatti Yesuus ayyaana waggaa waggaadhaan kabajamuu fi Kiristiyaanonni Irbaata Gooftaa jedhanii waaman hundeesse. Kiristiyaanonni Irbaata Gooftaa irratti argamuun isaanii baayʼee murteessaadha. Dhugaa Baatota Yihowaadhaaf waggaa keessaa guyyaan guyyoota hunda caalu guyyaa kanadha. Wanti Yesuus dubbate sababa kun itti taʼe argisiisa. Yesuus, “Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” jedheera. (Luqaas 22:19) Kanaafuu Dhugaa Baatonni Yihowaa hundi guyyaa ayyaana kanaatti beellamawwan kan biroo qabachuu dhiisuuf jiʼoota dursanii karoora baafachuu qabu. Waggaa kana Irbaanni Gooftaa Kibxata Ebla 6, 1993 erga aduun lixxee booda kabajama.
Haalawwan addaa hin eegamne kan akka dhibee fayyaa ykn imala irraa saʼaatiidhaan deebiʼuu dadhabuu jiraniin kan kaʼe Kiristiyaanni tokko ayyaana kana irraa hafu dandaʼa. Maarree yeroo akkasiitti maal godhamuu qaba?
Ayyaanicha irratti maxinoo fi wayiniin warra ayyaanicha irratti argaman fuuldura akka darbu godhama; namoonni hafuura qulqulluudhaan dibamanii fi jireenya samiitiif filataman maxinoo fi wayinii kana irraa ni hirmaatu. (Maatewos 26:26-29; Luqaas 22:28-30) Kiristiyaanni waggaa waggaadhaan maxinoo fi wayinii kana irraa fudhachaa ture tokko waggaa kanatti dhukkubsatee mana ykn hospitaala yoo ciise, jaarsolii keessaa inni tokko maxinoo fi wayinii kana bakka inni jiru isaaf geessuudhaan caqasoota dhimma kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban irratti erga isa waliin mariʼatee booda maxinoo fi wayinicha irraa akka fudhatu isaaf dhiheessu dandaʼa. Kiristiyaanni dibame tokko gumii isaa irraa fagaatee kan jiru yoo taʼe gumii naannoo inni jirutti dhihoo taʼe irratti argamuuf qophii gochuu dandaʼa.
Haalawwan kun akka argisiisanitti Kiristiyaanni dibame tokko Irbaata Gooftaa ajaja Seera Lakkoofsa 9:10, 11 irratti kennamee fi fakkeenya 2 Seenaa Baraa 30:1-3 fi 15 irra jiru wajjin haala wal simuun guyyaa 30 (jiʼa baatii tokko) guutuu dabarsee carraa itti kabajuuf dirqamu baayʼee xinnoodha.
Warri kutaa “hoolota kan biroo” Yesuus taʼanii fi lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuuf abdii qaban maxinoo fi wayinii kana irraa akka hirmaatan hin ajajamne. (Yohaannis 10:16) Waggaa waggaadhaan Irbaataa Gooftaa irratti argamuun isaanii barbaachisaa taʼus maxinoo fi wayinii sana irraa hin hirmaatan. Kanaafuu obboloota kana keessaa namni tokko dhibee fayyaadhaan ykn imalaan kan kaʼe halkan sana gumii kami wajjin iyyuu ayyaanicha irratti argamu yoo hin dandeenye dhuunfaadhaan caqasoota barbaachisoo dubbisuu (caqasoota guyyaa Yesuus ayyaanicha itti hundeesse wajjin wal qabatan dabalatee), akkasumas Yihowaan qophii addunyaa maratti godhamaa jiru akka eebbisu kadhachuu dandaʼa. Yeroo akkasitti jiʼa tokko booda walitti qabamuuf ykn marii Kitaaba Qulqulluu gochuuf qophii addaa akkamii iyyuu gochuun hin barbaachisu.
EBLA 10-16
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 8-9
“Ogummaadhaaf Bakka Guddaa Kenniteetti”
w99-AM 11/1 20 key. 4
Arjummaa Guddaa
Dhugaadhaa, mootuun Sheebaas Solomooniin daawwachuuf jecha yeroo fi humna hedduu aarsaa gooteetti. Mootuun Sheebaa bakka yeroo ammatti bulchiinsa Yeman jedhamee beekamu keessa jiraachaa kan turte taʼuu hin oolu; kanaaf Yerusaalemiin gaʼuuf gaalaan kiilomeetira 1,600 imalteetti. Akkuma Yesuus jedhe, “andaara lafaatii” dhufte. Mootuun Sheebaa hamma kana kan dhamaatee maaliifi? Sababiin ishiin akkas itti goote inni guddaan “ogummaa Solomoon dhagaʼuuf” ture.—Luqaas 11:31.
w99-AM 7/1 30 key. 4-5
Daawwannaa Eebba Guddaa Argamsiise
Kanas taʼe sana, mootuun Sheebaa “namoota hedduu of duukaa buustee, zayitii baalsaamii, warqii hedduu fi dhagoota gatii guddaa qaban gaalotatti feetee Yerusaalem geesse.” (1 Mootota 10:2a) Namoonni tokko tokko ‘namoonni hedduun ishii duukaa akka buʼan’ ibsaman loltoota ishii eegan dabalachuu akka dandaʼu dubbatu. Mootuun kun aangoo guddaa waan qabduuf, akkasumas meeshaalee gatii guddaa qabanii fi doolaara miliyoona kudhaniin lakkaaʼamu baasan qabatee waan deemtuuf loltoota ishii eegan qabaachuun ishii kan nama ajaaʼibsiisu miti.
Haa taʼu malee mootuun kun beekamummaan Solomoon “maqaa Yihowaatiif ulfina akka fide” dhagaʼuu ishii hubadhu. Kanaafuu imalli ishii imaluma daldalaa hin turre. Sababiin ishiin gara isaa dhaqxe inni guddaan ogummaa Solomoon dhagaʼuu fi tarii immoo waaʼee Waaqa isaa Yihowaa wantoota tokko tokko barachuuf taʼuu akka hin oolle haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Mootuun kun sanyii Seem ykn Kaam warra Yihowaa waaqeffachaa turanii taʼuu waan hin oolleef, waaʼee amantii akaakiliiwwan ishii beekuu barbaadee taʼuu dandaʼa.
w99-AM 7/1 30-31
Daawwannaa Eebba Guddaa Argamsiise
Mootuun Sheebaa ogummaa Solomoonii fi badhaadhina mootummaa isaatiin baayʼee dinqisiifamuu ishiitiin kan kaʼe “wanta jettu wallaalte.” (1 Mootota 10:4, 5) Namoonni tokko tokko gaalee kana “hafuurri ishii keessatti hin hafne” jechuu akka taʼetti fudhatu. Kana malees hayyuun tokko of wallaaltee kuftee taʼuu akka dandaʼu dubbateera! Sanas taʼe kana mootuun kun wanta argitee fi wanta dhageesseen baayʼee dinqisiifamteetti. Tajaajiltoonni Solomoon ogummaa mootichaa dhagaʼuu waan dandaʼaniif gammadoo akka taʼan dubbatteetti, akkasumas Solomooniin mootii godhe waan muudeef Yihowaa jajatteetti. Achiis mootuun kun kennaawwan gatii guddaa qaban isaaf kennite, warqiin ishiin isaaf kennite qofti gatii yeroo harʼaatiin yommuu shallagamu Doolaara Ameerikaa 40,000,000 taʼa. Solomoonis “wanta mootuun Sheebaa barbaaddee fi isa gaafatte akkamii iyyuu ishiidhaaf ni kenne.”—1 Mootota 10:6-13.
it-2-E 990-991
Solomoon
Kana malees mootuun kun bareedina mana qulqullummaa fi mana Solomoon, nyaataa fi dhugaatti maaddii isaa irratti dhihaatu, uffannaa keessummeessitoota isaa, akkasumas aarsaa mana qulqullummaatti dhaabbataadhaan dhihaatu yommuu argitu, “wanta jettu wallaalte.” Kanaafuu, “Kunoo, ogummaa kee isa guddaa keessaa walakkaan isaa illee natti hin himamne. Ati oduu ani dhagaʼe irra baayʼee ni caalta” jette. Achiis tajaajiltoonni mootii akkasii tajaajilan gammadoo akka taʼan dubbatte. Kunis Yihowaan haqaa fi qajeelummaa akka argatan akka godhuuf Solomooniin Israaʼelota irratti muuduudhaan jaalala isaanitti argisiisuu isaatiif Yihowaa akka jajattuu fi akka eebbistu ishii godheera.—1Mo 10:4-9; 2Se 9:3-8.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 1097
Teessoo
Teessoo bulchitoota Israaʼel keessaa kan waaʼeen isaa balʼinaan ibsame teessoo Solomoon hojjete qofadha. (1Mo 10:18-20; 2Se 9:17-19) Teessoon kun gamoowwan Gaara Mooriyaa isa Yerusaalem jiru irratti argaman keessaa isa tokko keessatti, jechuunis “Galma Teessoo,” keessatti kan argamu taʼuu hin oolu. (1Mo 7:7) Teessichi ‘teessoo guddaa ilka arbaa irraa hojjetamee warqii qulqulluudhaan uwwifame siʼa taʼu, duuba isaatiin wanta isa golboobu qaba, akkasumas wanta harka irra kaaʼatan qaba ture.’ Wanti teessoon mootii kun irraa hojjetame inni guddaan ilka arbaa taʼuu dandaʼus, malli ijaarsaa mana qulqullummaa ijaaruuf gargaare akka argisiisutti teessoon kun muka irraa hojjetamee warqii qulqulluudhaan kan uwwifamee fi ilka arbaatiin kan miidhagfame taʼuu hin oolu. Namni tokko teessicha yeroo ilaalu guutummaatti warqii fi ilka arbaa irraa kan hojjetame itti fakkaata. Seenaan isaa kortoowwan gara teessichaatti ol baasan jaʼa erga caqasee booda, “bocawwan leencotaa lamas wanta harka irra kaaʼatan bira dhaabbatanii jiru turan. Kortoowwan jaʼan sana irras bocawwan leencotaa 12 dhaabbatanii jiru turan; isaanis tokkoon tokkoon fiixee kortoowwan jaʼan sanaa irra jiru turan” jedha. (2Se 9:17-19) Mallattoon leencaa aangoon bulchiinsa tokkoo sirrii taʼuu isaa argisiisa. (Uma 49:9, 10; Mul 5:5) Leenconni 12 lakkoofsa gosoota Israaʼel 12 wajjin qixxee taʼuun isaanii, Israaʼelonni bulchaa teessicha irra taaʼe sanaaf akka bitamanii fi akka isa deggaran kan argisiisan taʼuu dandaʼu. Ejjenni miillaa warqii irraa tolchamee fi teessichaa wajjin wal qabatus jira. Teessoon dheeraan warqii fi ilka arbaa irraa hojjetamee fi duubaan wanta isa golboobu qabu, akkasumas fuuldura isaatiin boca leencota surraa qabeyyii taʼan qabu kun, teessoo yeroo sana akka ture yaadamuu fi arkiyooloojiistootaan argame, akkasumas siidaa irratti ykn dhagaa irratti bocame kam irra iyyuu ni caala. Akkuma barreessaan seenaa baraa hubatetti, “Mootummaan wanta akkanaa hojjete kan biraan hin jiru ture.”—2Se 9:19.
EBLA 17-23
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 10-12
“Gorsa Ogummaa Qabu Irraa Fayyadamaa”
Waaqayyo Duratti Fudhatama Argachuu Dandaʼa Ture
Yeroo kanatti Rehobiyaam kiyyoo keessa akka gale isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa! Wantoota namoonni sun gaafatan yoo isaaniif guute, inni, maatiin isaa fi abbootiin taayitaa isaa, jireenya badhaadhummaa isaanii hirʼisuu fi wanta namoota irraa barbaadamu hirʼisuu qabu taʼa. Karaa biraatiin immoo, wanta isaan gaafatan yoo guutuu baate sabichi jeequmsa kaasa taʼa. Maal godha laata? Mootiin haaraan kun jalqaba irratti maanguddoota Solomooniif gorsitoota turanii wajjin mariʼate. Sana booda garuu Rehobiyaam dargaggoota hiriyoota isaa taʼan irraa gorsa gaafate. Achiis gorsa hiriyoota isaa fudhachuudhaan sabicha hacuuccaadhaan bulchuuf murteesse. Akkana jedhee deebise: “[Waanjoo] isa kan isaa caalaa ulfaatu isin irra nan kaa’a; abbaan koo qacceedhaan isin reebe, ani immoo qaccee isa akka torbaanqabaa nama waraanuun isin nan reeba.”—2 Sen. 10:6-14.
w01-AM 9/1 29
Murtoo Ogummaa Qabu Gochuu kan Dandeessu Akkamitti?
Dabalataanis Yihowaan Kiristiyaanota bilchaatoo waaʼee murtoo goonuu haasofsiisuu dandeenyu nuuf qopheesseera. (Efesoon 4:11, 12) Taʼus yeroo warra kaan mariisisnu akka namoota hamma wanta dhagaʼuu barbaadan argatanitti namoota garaa garaa haasofsiisanii taʼuu hin qabnu. Namoonni akkasii dhuma irratti gorsa dhagaʼuu barbaadan sana hordofu. Kana malees fakkeenya akeekkachiisaa Rooboʼaam yaadachuu qabna. Murtoo cimaa gochuu yeroo qabutti jaarsolii bara bulchiinsa abbaa isaatti tajaajilaa turan irraa gorsa gaarii argate. Taʼus Rooboʼaam gorsa isaanii hordofuu mannaa hiriyoota isaa warra isaa wajjin guddatan mariisise. Achiis gorsa isaanii hordofee murtoo gadhee waan godheef bulchiinsa isaa gara caalaa ni dhabe.—1 Mootota 12:1-17.
Gorsa yeroo barbaadutti namoota muuxannoo jireenyaa fi beekumsa Kitaaba Qulqulluu qaban, akkasumas qajeelfama Kitaaba Qulqulluutiif kabaja qaban mariisisi. (Fakkeenya 1:5; 11:14; 13:20) Kan dandaʼamu taanaan qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu dhimmichaa wajjin walitti dhufeenya qabanii fi odeeffannoo walitti qabatte irratti xiinxaluuf yeroo ramadi. Wanta tokko ifa Dubbii Yihowaatiin ilaaluu yommuu jalqabdu murtoon inni sirriin ifa sii taʼuun isaa hin oolu.—Filiphisiyus 4:6, 7.
it-2-E 768 key. 1
Rooboʼaam
Rooboʼaam of tuulaa fi abbaa irree taʼuun isaa sabichi garri caalaan isaa akka isa jibbu godhe. Gosoonni mana Daawit deggaruu isaanii itti fufan, gosa Yihudaa fi Biiniyaam qofadha; luboonnii fi Leewwonni mootummoota kana lamaan keessa jiranii fi namoonni dhuunfaa gosoota kurnan keessa jiran tokko tokkos isa deggeruu isaanii itti fufanii turan.—1Mo 12:16, 17; 2Se 10:16, 17; 11:13, 14, 16.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 966-967
Jinniiwwan Reʼee Fakkaatan
Iyyaasuu 24:14 irratti wanti Iyyaasuun dubbate akka argisiisutti, Israaʼelonni yeroo Gibxii turan hamma tokko waaqeffannaa sobaa warra Gibxiitiin faalamanii turan; Hisqiʼel immoo Israaʼelonni sana boodas yeroo dheeraadhaaf gocha waaqeffannaa sobaa kana raawwachuu isaanii akka itti fufan argisiiseera. (His 23:8, 21) Hayyoonni tokko tokko kana irraa kaʼuudhaan, lafa onaa keessatti ‘jinniiwwan reʼee fakkaataniif aarsaa dhiheessuu akka hin qabne’ ajajni kennamuun isaa (Lew 17:1-7), akkasumas Yeroboʼaam “iddoowwan ol kaʼoodhaaf jinniiwwan reʼee fakkaatanii fi jabbilee hojjete sanaaf” luboota muuduun isaa (2Se 11:15), Israaʼelonni waaqeffannaa reʼee isa Gibxiitti, keessumaa immoo Gibxii gara gadiitti beekamaa taʼe hordofaa akka turan argisiisa jedhu. Herodotas kitaaba isaa isa lammaffaa fuula 46 irratti waaqeffannaan Giriikotaa Paanii fi saatar warra waaqolii bosonaa halalummaadhaan beekamanii waaqeffannaa Gibxootaa irraa akka dhufe ibseera; yeroo booda fakkiin waaqolii kanaa gaanfa, eegee reʼee fi miilla reʼee kan qabu akka taʼetti kaafamuu jalqabe. Namoonni tokko tokko aadaan Dh.K.B. bara 500-1000tti namoota Kiristiyaanota ofiin jedhan biratti babalʼatee turee fi Seexana eegee, gaanfaa fi kottee saʼaa akka qabuutti kaasuudhaan beekamu kan dhufe waaqolii walakkaan isaanii horii taʼe kana irraa akka taʼe yaada kennu.
Haa taʼu malee, qaamonni “rifeensa qaban” (seʽi·rimʹ) jedhaman kun dhugumaan maal akka taʼan hin ibsamne. Namoonni tokko tokko kallattiidhaan reʼoota akka taʼan ykn waaqolii tolfamoo bifa reʼootaa qaban akka taʼan kan yaadan taʼus, kana argisiisu jechuu taʼuu dhiisuu dandaʼa; caqasoonni kan biroonis akkas akka taʼan hin argisiisan. Maqaan as irratti ibsame kun sammuu namoota waaqolii sobaa kana waaqeffatanii keessatti waaqoliin kun reʼee akka fakkaatan ykn rifeensa akka qabanitti akka ilaalaman kan argisiisu qofa taʼuu dandaʼa. Yookiin maddoota kana irratti “reʼoonni” kan itti hojjetaman waaqolii tolfamoo hundaaf tuffii argisiisuuf taʼuu dandaʼa; kunis akkuma barreeffamoota hedduu irratti jechi waaqolii tolfamoo jedhu jalqaba irratti hiikni isaa “faltii” jechuu taʼe jechuudha; kana jechuun garuu waaqolii tolfamoon kallattiidhaan faltii irraa hojjetaman jechuu miti.—Lew 26:30; Kes 29:17.
EBLA 24-30
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 13-16
“Yihowaatti Amanami—Yoom?”
Dargaggootaa—Amanannaa Warra Kaanii Argachuu kan Dandeessan Akkamitti?
12 Aasaa Mootichi yeroo dargaggeessa turetti nama gad of qabuu fi ija jabeessa ture. Fakkeenyaaf, abbaan isaa Abiyaan erga duʼee booda Aasaan mootii taʼe; achiis waaqolii tolfamoo biyyattii keessa jiran hunda balleessuu jalqabe. Kana malees, “namoonni Yihudaa Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaa akka barbaaddatan, akkasumas Seerichaa fi ajaja isaa akka eegan isaanitti hime.” (2 Sen. 14:1-7) Akkasumas nama Itoophiyaa kan taʼe Zeeraan loltoota 1,000,000 fudhatee Yihudaa yommuu weeraretti, Aasaan akkana jedhee Yihowaa kadhate: “Yaa Yihowaa, warri ati gargaartu hedduu yoo taʼan yookiin humna kan hin qabne yoo taʼan siif jijjiirama hin qabu. Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nuti sitti waan amanamneef . . . ati nu gargaari.” Jechoonni namatti tolan kun, Aasaan Yihowaan isas taʼe saba isaa oolchuu akka dandaʼu amanannaa guddaa akka qabu argisiisu. Aasaan Abbaa isaa isa samii amanateera, ‘Yihowaanis warri Itoophiyaa akka moʼaman’ godheera.—2 Sen. 14:8-12.
Dargaggootaa—Amanannaa Warra Kaanii Argachuu kan Dandeessan Akkamitti?
13 Loltoota 1,000,000 wajjin wal loluun baayʼee nama sodaachisa, taʼus Aasaan Yihowaatti waan amanameef milkaaʼina argachuu dandaʼeera. Kan nama gaddisiisu garuu, Aasaan rakkinni kan biraan yommuu isa mudatetti Yihowaatti utuu hin amanamin hafeera. Mootii Israaʼel isa hamaa kan taʼe Baaʼaashaan yommuu isa doorsisutti, mootii Sooriyaa gargaarsa gaafate. Murtoon kun miidhaa guddaa isa irraan geessiseera! Yihowaan karaa Hanaanii raajichaa Aasaadhaan akkana jedhe: “Ati Waaqa kee Yihowaatti amanamuu dhiistee, mootii Sooriyaatti waan amanamteef, raayyaan waraanaa mootii Sooriyaa si harkaa miliqeera.” Kanaafuu, Aasaan yeroo sanaa kaasee waraana irraa boqonnaa hin arganne. (2 Sen. 16:7, 9; 1 Mot. 15:32) Kana irraa barumsa maalii arganna?
Dargaggootaa—Amanannaa Warra Kaanii Argachuu kan Dandeessan Akkamitti?
14 Gad of qabuu fi Yihowaa amanachuu keessan itti fufaa. Yommuu cuuphamtanitti Yihowaa irratti amantii fi amanannaa guddaa akka qabdan argisiistaniittu. Yihowaanis miseensa maatii isaa akka taatan gammachuudhaan isin simateera. Wanti amma gochuun isin barbaachisu Yihowaatti amanamuu keessan itti fufuu dha. Murtoowwan jireenya keessan irratti jijjiirama fidan yommuu gootanitti Yihowaatti amanamuun salphaa dha; taʼus, murtoowwan kaan yommuu gootanitti hoo? Bashannana, hojii fi galma keessan dabalatee, murtoo yommuu gootan Yihowaa amanachuun keessan baayʼee barbaachisaa dha! Ogummaa keessanitti hin amanaminaa. Kanaa mannaa, qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu murtoo gochuuf isin gargaaran argachuuf carraaqaa; achiis qajeelfama sana hojii irra oolchaa. (Fak. 3:5, 6) Akkas yoo gootan, Yihowaa gammachiisuu dandeessu, obboloota gumii keessa jiran irraas kabaja argachuu dandeessu.—1 Ximotewos 4:12 dubbisi.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajilaa!
7 Tokkoon tokkoon keenya guutummaatti Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya beekuuf of qoruu qabna. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Yihowaa gammachiisuuf, waaqeffannaa dhugaa deggeruu fi saba isaa dhiibbaa gadhee irraa eeguuf murteesseeraa?’ Aasaan Maʼakaa ishii biyyattii keessatti “haadha mootii” turte aangoo ishii irraa buusuuf ija jabinni hammamii isa barbaachisee akka ture yaadi! Tarii nama wantuma ishiin raawwatte godhu hin beektu taʼa; taʼus atis akkuma Aasaa hinaaffaa akka qabdu argisiisuu dandeessa. Fakkeenyaaf, miseensi maatii kee ykn michuun kee tokko cubbuu hojjetee qalbii jijjiirrachuu waan dideef yoo gumiidhaa baafame maal goota? Nama sanaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu dhiisuudhaan tarkaanfii ni fudhattaa? Garaan kee maal gochuuf si kakaasa?