LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 15 ful. 18
  • Amantii Guutuudhaan Dubbachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amantii Guutuudhaan Dubbachuu
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Haala Akka Itti Amantu Argisiisuun Dubbadhu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Miira Hoʼaa Qabaachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Bifa Mariitiin Dhiheessuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Barumsa Dabalataa kan Kennu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 15 ful. 18

QOʼANNAA 15

Amantii Guutuudhaan Dubbachuu

Caqasa kenname

1 Tasalonqee 1:5

YAADA IJOO: Dhugaatti cimsitee akka amantuu fi wanti dubbachaa jirtu barbaachisaa taʼuu isaa argisiisi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Gad fageenyaan qophaaʼi. Ragaan Kitaaba Qulqulluu xumura nama amansiisu tokko irra gaʼuuf akkamitti akka dandeessisu hanga hubattutti barreeffamicha qoʼadhu. Qabxiiwwan guguddaa haasaa keetii jechoota salphaa muraasaan ibsuuf yaali. Faayidaa barumsichi dhaggeeffattoota keetiif argamsiisu irratti xiyyeeffadhu. Hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhu.

    Gorsa gaarii

    Barumsa kee guutummaatti hubachuu fi akka itti dhiheessitu fooyyessuuf sagalee kee ol kaasii shaakali.

  • Jechoota amantii kee ibsanitti fayyadami. Akkuma jirutti barreeffamicha irraa dubbisuu mannaa, jechoota mataa keetiitti fayyadami. Ibsa wanta dhiheessaa jirtu irratti amantii akka qabdu argisiisu filadhu.

  • Yaada kee garaa guutuudhaan cimsii ibsi. Sagalee gaʼaa taʼeen dubbadhu. Kana gochuun kan nama hin mufachiisne yoo taʼe ija dhaggeeffattoota keetii ilaalaa dubbadhu.

    Gorsa gaarii

    Akka itti amanan haala argisiisuun dubbachuun, tooftaa kan hin qabne taʼuu, yaada ofiitti cichuu ykn dirqisiisuu wajjin tokko akka hin taane hubadhu. Yeroo cimsitee dubbattutti illee, dhaggeeffattoota keetiif jaalalaan yaada kee ibsi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi