LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 18 ful. 21
  • Barumsa Dabalataa kan Kennu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barumsa Dabalataa kan Kennu
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miira Hoʼaa Qabaachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Hubannaa Dhaggeeffattootaa Kan Guddisu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Garaa Tuquuf Carraaquu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 18 ful. 21

QOʼANNAA 18

Barumsa Dabalataa kan Kennu

Caqasa kenname

1 Qorontos 9:19-23

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoonni kee wanta buʼaa qabu tokko akka baratan akka itti dhagaʼamu gochuudhaan yaada isaanii kakaasi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Wanta dhaggeeffattoonni kee sana dura beekan yaadi. Wantuma isaan sana dura dhagaʼan irra deebitee dubbachuu mannaa, barumsicha kallattii kan biraatiin akka ilaalan isaan gargaari.

    Gorsa gaarii

    Qabxiiwwan baramoo taʼan saffisaan ibsi, yaadawwan haaraa taʼan garuu suuta jedhii dhiheessi.

  • Qorannaa godhi, akkasumas irratti xiinxali. Qabxiiwwan ijoo taʼan fakkeenyaan ibsuuf, yeroo dandaʼamutti yaadawwan baayʼee hin beekamne ykn taʼeewwan haaraa taʼanitti fayyadami. Waaʼee barumsa keetii, akkasumas walitti dhufeenya barumsichaa fi odeeffannoowwan caqasuu yaadde gidduu jiru gad fageenyaan yaadi.

    Gorsa gaarii

    Barumsicha yommuu qoʼattu, gaaffiiwwan akka ‘maal, maaliif, yoomi, eessa, eenyuu fi akkamitti’ jedhan of gaafachuudhaan gad fageenyaan yaaduuf fedhii kee kakaasi. Haasaa kee yommuu dhiheessitu hundatti, gaaffiiwwan kana keessaa tokko tokko kaasuu fi deebii kennuudhaan barumsa kee miidhagsi.

  • Faayidaa barumsa keetii argisiisi. Qabxiiwwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan jireenya dhaggeeffattoota kee guyyaa guyyaa keessatti akkamitti akka isaan gargaaran ibsi. Haalawwan, ilaalchawwanii fi gochawwan dhaggeeffattoota kee ilaallatan irratti ibsa kenni.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi