LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 58
  • Yihowaadhaaf Amanamaa Taʼii Jiraadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaadhaaf Amanamaa Taʼii Jiraadhu
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Amantaan Sobaa Maqaa Waaqayyoo kan Balleessu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • “Ati Qofti Amanamaa” Dha
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Waaqeffannaa Sobaarraa Fagaadhaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Amantii Ilaalchisee Wanti Misiraachoo Ta‵e Maalidha?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 58
Barumsa 58. Maatiin tokko gantoota namoota walgaʼii naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuuf deemaa jiranitti qoosan bira darbanii tasgabbiidhaan deemaa jiru.

BARUMSA 58

Yihowaadhaaf Amanamaa Taʼii Jiraadhu

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Kiristiyaanonni dhugaan wanti kam iyyuu ykn eenyu iyyuu Yihowaa tajaajiluu akka isaan dhowwu matumaa heyyamuu dhiisuuf murteessaniiru. Atis akka hin heyyamne hin shakkinu. Yihowaan amanamummaa ati argisiistuuf iddoo guddaa kenna. (1 Seenaa Baraa 28:9 dubbisi.) Haalawwan Yihowaadhaaf amanamaa taatee jiraachuun akka sitti ulfaatu godhan kam faʼi? Wanti gama kanaan si gargaaruu dandaʼu hoo maali dha?

1. Warri kaan amanamummaan Yihowaadhaaf qabnu akka qoramu gochuu kan dandaʼan akkamitti?

Namoonni tokko tokko Yihowaa tajaajiluu keenya akka dhiisnu gochuuf yaalu. Namoonni gocha hamaa akkasii raawwatan eenyu faʼi? Namoota dhugaa dhiisanii fi amantii keenya balleessuuf waaʼee jaarmiyaa Yihowaa soba dubbatani dha. Namoonni kun gantoota jedhamu. Kana malees geggeessitoonni amantaa tokko tokko namoonni of hin eegganne dhugaa akka dhiisan gochuuf waaʼee keenya odeeffannoo sobaa babalʼisu. Gantoota wajjin wal falmuun, kitaabotaa fi wantoota isaan weebsaayitii isaanii irratti baasan dubbisuun ykn viidiyoowwan isaan qopheessan ilaaluun balaa qaba. Namoota warri kaan amanamummaadhaan Yihowaa akka hin tajaajille gochuuf yaalan ilaalchisee Yesuus akkana jedheera: “Waaʼee isaanii dhiisaa. Isaan geggeessitoota jaamota taʼani dha. Kanaafuu, jaamaan jaamaatti karaa yoo argisiise lamaan isaanii iyyuu boolla keessa buʼu.”—Maatewos 15:14.

2. Murtoowwan dhuunfaa amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu qoruu dandaʼan kam faʼi?

Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu wanta amantaa sobaa wajjin wal qabatu kam irraa iyyuu fagaachuuf nu kakaasa. Hojiin keenya, dhaabbanni keessa hojjennu ykn sochiin irratti hirmaannu kam iyyuu amantaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu hin qabu. Yihowaan, “Yaa saba koo, [Baabilon Guddittii] keessaa baʼaa” jedhee nu akeekkachiiseera.—Mulʼata 18:2, 4.

CAALAATTI BARADHU

Namni kam iyyuu amanamummaa Yihowaadhaaf qabdu akka laaffisu heyyamuu dhiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu. Baabilon Guddittii keessaa baʼuudhaan amanamummaa Yihowaadhaaf qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼes ilaali.

3. Barsiisota sobaa irraa of eeggadhu

Waaʼee jaarmiyaa Yihowaa wanta sirrii hin taane yeroo dhageenyu maal gochuu qabna? Fakkeenya 14:15 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Wanta dhageenyu hunda amanuu kan hin qabne maaliifi?

Yohaannis Lammaffaa 9-11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Gantoonni yoo nu mudatan maal gochuu qabna?

  • Gantootaa wajjin kallattiidhaan dubbachuu baannus barumsawwan isaaniitiif saaxilamuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

  • Yihowaan dubbii gadhee waaʼee isaa ykn waaʼee jaarmiyaa isaa dubbatamuuf xiyyeeffannaa yoo kennine maaltu isatti dhagaʼama jettee yaadda?

4. Namni tokko cubbuu yommuu hojjetu Waaqayyoof amanamaa taʼii jiraadhu

Namni gumii keessa jiru tokko cubbuu cimaa akka hojjete yoo beekne maal gochuu qabna? Seera Waaqayyo Israaʼel duriitiif kenne irraa barumsa akkamii akka argannu ilaali. Leewwota 5:1 dubbisaa.

Akkuma caqasicha irratti ibsame namni tokko cubbuu cimaa akka hojjete yoo beekne, wanta beeknu jaarsoliitti himuu qabna. Akkas gochuu keenya dura garuu namni dogoggora raawwate sun jaarsolii bira dhaqee cubbuu isaa akka himatu itti himuun keenya gaarii dha. Yoo dide garuu amanamummaan Yihowaadhaaf qabnu wanta beeknu jaarsoliitti himuuf nu kakaasuu qaba. Akkas gochuun keenya . . .

  • Yihowaadhaaf jaalala amanamaa akka qabnu kan argisiisu akkamitti?

  • nama cubbuu hojjete sanaaf jaalala amanamaa akka qabnu kan argisiisu akkamitti?

  • warra gumii keessa jiran kaaniif jaalala amanamaa akka qabnu kan argisiisu akkamitti?

Fakkiiwwan: Obboleessi tokko obboleessa dogoggora raawwate tokko yommuu gargaaru. 1. Obboleessi kun wanti moobaayilii isaa irratti arge isa jeeqeera. 2. Obboleessi kun moobaayilii isaa obboleessa kan biraatti yommuu argisiisu obboleessichi garuu yaada isaa fudhachuu hin barbaanne. 3. Obboleessi kun moobaayilii isaa jaarsolii lamatti argisiisee yommuu isaan haasofsiisu.

Obboleessi tokko dogoggora yoo raawwate isa gargaari!

5. Baabilon Guddittii irraa fagaadhu

VIIDIYICHA taphachiisaa.

VIIDIYOO: Baabilon Guddittii Keessaa Baʼaa! (5:06)

Fakkii viidiyoo ‘Baabilon Guddittii Keessaa Baʼaa!’ jedhu irraa fudhatame. Barattuun Kitaaba Qulqulluu takka hojii bataskaana keessatti hojjechaa turte erga dhaabdee booda qeesii tokko biraa deemaa jirti.

Luqaas 4:8 fi Mulʼata 18:4, 5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneeniif deebii kenni:

  • Amma iyyuu sirna amantaa sobaa irratti hirmaachaan jiraa?

  • Dhaabbata amantaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qabu keessan jiraa?

  • Hojiin koo karaa taʼe tokkoon amantaa sobaa kan deggaru dhaa?

  • Karaan amantaa sobaa irraa fagaachuun itti na barbaachisu kan biraan jiraa?

  • Gaaffiiwwan kana keessaa isa tokkoof illee eeyyee jedhee yoon deebise jijjiirama akkamiin gochuu qaba?

Haala hundumaa keessatti murtoo qalbii qulqulluu siif argamsiisuu fi Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu kee argisiisu godhi.

Obboleettiin takkaa fi mucaan ishii suuqii tokko keessaa baʼaa jiru. Dubartii dhaabbata tola ooltummaa amantaa tokkoon geggeeffamuuf buusii gaafachaa jirtu bira darbaa jiru.

Dhaabbata tola ooltummaa amantaa tokkoon geggeeffamuuf buusii akka gootu yoo gaafatamte maal goota?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Dhugaadhaaf falmuu akkan dandaʼuuf wanta gantoonni waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa dubbatan beekuun qaba.”

  • Kun garuu gaarii dhaa? Maaliif?

MAAL BARATTE?

Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuuf, namoota nu dogoggorsuuf yaalanitti michoomuu irraa of qusachuu qabna.

Irra Deebii

  • Yaadawwan gantootaa dhaggeeffachuu kan hin qabne maaliifi?

  • Obboleessi tokko cubbuu cimaa akka hojjete yoo beekne maal gochuu qabna?

  • Akeekkachiisa amantaa sobaa irraa akka fagaannuuf nuu kenname hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Namoonni waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa oduu sobaa yommuu babalʼisan maal gochuu akka qabdu baradhu.

“Odeeffannoo Guutuu Taʼe Qabdaa?” (Masaraa Eegumsaa, Hagayya 2018)

Dhaabbilee ykn sochiiwwan Baabilon Guddittii deggaran adda baastee beekuu kan dandeessu akkamitti?

“‘Guyyoota Dhumaa’ Kanatti Hojiidhaan kan Qabamtan Taʼaa” (Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 2019, keeyyata 16-18)

Mormitoonni tokko tokko amantii keenya laaffisuuf maal godhu?

Akka hin Gowwoomfamne Of Eeggadhaa (9:32)

Seenaa jireenyaa “Ijoollummaa Kootii Kaasee Waaqayyoon Barbaaddachaan Ture” jedhu irraa, namni qeesii amantaa Shintoo ture tokko hariiroo amantaa sobaa wajjin qabu akkamitti akka addaan kute dubbisi.

“Kitaabni Qulqulluu Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi