LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Saanhediriin, Achiis Philaaxos Duratti Gaaffiidhaaf Dhihaate
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus Phonxos Philaaxos dura dhaabatee

      BOQONNAA 127

      Saanhediriin, Achiis Philaaxos Duratti Gaaffiidhaaf Dhihaate

      MAATEWOS 27:1-11 MAARQOS 15:1 LUQAAS 22:66–23:3 YOHAANNIS 18:28-35

      • SAANHEDIRIIN GANAMAAN DHADDACHA TAAʼE

      • YIHUDAA ASQOROTUUN OF FANNISUUF YAALE

      • YESUUS AKKA ISATTI MURTEEFFAMUUF PHILAAXOSITTI ERGAME

      Pheexiros yeroo sadaffaadhaaf Yesuusiin gane. Yeroo kanatti lafti bariʼuuf jedha. Miseensonni Saanhediriin dhaddacha sobaa Yesuusiin ilaalchisee taaʼan xumuraniiru. Dhaddachi seeraan alaa halkaniin taaʼan kun fudhatama akka argatu gochuuf, Jimaata ganamaan walitti qabaman. Yesuus isaan duratti dhiheeffame.

      Ammas dhaddachichi, “Ati Kiristoos yoo taate nutti himi” jedhee Yesuusiin gaafate. Innis, “Utuma ani isinitti himee illee, isin matumaa hin amantan. Kana malees, utuun isin gaafadhee isin hin deebistan” jedheen. Haa taʼu malee, raajiin Daaniʼel 7:13 irratti dubbatame isa akka argisiisu ija jabinaan isaanitti hime. “Ammaa jalqabee Ilmi namaa mirga Waaqayyoo isa humna qabeessa taʼe sanaa ni taaʼa” jedhe.—Luqaas 22:67-69; Maatewos 26:63.

      Isaanis, “Maarree ati Ilma Waaqayyoo ti jechuu dhaa?” jedhaniin. Yesuusis, “Ani akkan taʼe isinumti iyyuu dubbachaa jirtu” jedheen. Deebii Yesuus kenne kun Waaqayyoon arrabseera jedhanii isa ajjeesuuf karaa kan banu fakkaata. “Kana caalaa ragaa dabalataa maaliitu nu barbaachisa?” waliin jedhan. (Luqaas 22:70, 71; Maarqos 14:64) Achiis, Yesuusiin hidhanii Phonxos Philaaxos isa Bulchaa lammii Roomaa taʼetti isa ergan.

      Yihudaa Asqorotuun, Yesuus gara Philaaxositti yeroo geeffamu arguu hin oolu. Yesuusitti akka murteeffame yommuu hubate hamma tokko ni gaabbe, akkasumas abdii kutate. Taʼus, yaada geddaratee gara Waaqayyootti deebiʼuu mannaa saantima meetii 30 fudhatee ture deebisuuf deeme. Dura buutota lubootaatiin, “Ani dhiiga nama qulqulluu dabarsee kennuudhaan cubbuu hojjedheera” jedhe. Isaan garuu gara jabinaan, “Maaltu nu dhibe ree? Dhimma mataa kee ti!” isaan jedhan.—Maatewos 27:4.

      Yihudaan saantima meetii 30 kana mana qulqullummaa keessatti erga bittinsee booda of ajjeesuuf yaaluudhaan balleessa dabalataa raawwate. Yihudaan of fannisuuf yommuu yaalu, dameen muka inni funyoo itti hidhee cabuu hin oolu. Dhagaa mukicha jala jiru irratti waan kufeef qaamni isaa ni tarsaʼe.—Hojii Ergamootaa 1:17, 18.

      Yesuus gara masaraa Phonxos Philaaxositti kan geeffame siʼa taʼu, yeroon isaa amma iyyuu ganama dha. Yihudoonni isa fuudhanii deeman garuu ol seenuu didan. Kana kan godhan nama Yihudii hin taanetti siquun nu xureessa jedhanii waan yaadaniifi dha. Kun guyyaa jalqabaa Ayyaana Maxinoo isa Niisaan 15 kabajamuu fi kutaa Ayyaana Faasikaa akka taʼetti ilaalamu irraa akka hin nyaanne isaan dhorkuu dandaʼa.

      Philaaxos gad baʼee, “Namicha kana irratti himata maalii dhiheessitu?” jedhee gaafate. Isaanis, “Namichi kun utuu balleessaa hin hojjenne taʼee, dabarsinee sitti hin kenninu turre” jedhanii deebisaniif. Philaaxos namoonni kun dhiibbaa isa irratti gochaa akka jiran isatti dhagaʼamee taʼuu hin ooluu, “Isin ofii keessanii isa fudhadhaatii akka seera keessaniitti itti murteessaa” jedheen. Yihudoonni, “Nuti eenyyuun iyyuu akka ajjeesnu seerri nuuf hin heyyamu” jechuun isaanii hammeenya isaanii kan argisiisu dha.—Yohaannis 18:29-31.

      Yihudoonni yeroo Ayyaana Faasikaatti Yesuusiin yoo ajjeesan uummata biratti jeequmsi kaʼuu hin oolu. Yesuus mootummaa warra Roomaa irratti yakka akka hojjetetti yoo himatan garuu, gama kanaan dhimmichi warra Roomaa waan ilaallatuuf Yihudoonni uummata biratti itti hin gaafataman.

      Geggeessitoonni amantii Philaaxos biratti Yesuusiin kan himatan Waaqayyoon arrabseera jedhanii miti. Akkana jedhanii sobaan isa himatan: “Namichi kun [1] utuu saba keenya karaa irraa jalʼisuu, [2] Qeesaariif gibira akka hin kaffalle utuu dhowwuu fi [3] inni mataan isaa Kiristoos mooticha akka taʼe utuu dubbatuu isa arganne.”—Luqaas 23:2.

      Philaaxos bakka buʼaa warra Roomaa waan taʼeef, himanni Yesuus mootii taʼuu isaa ibsu isa yaaddessee taʼuu qaba. Kanaaf Philaaxos ammas gara manaatti ol seenee Yesuusiin waamee, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” jedhee gaafate. Yaadni kun karaa gara biraadhaan, ‘Seera warra Roomaa cabsitee Qeesaar irratti kaʼuudhaan ani mootii dha kan ofiin jettu maaliifi?’ jechuu dha. Wanta Philaaxos waaʼee isaa dhagaʼe mirkaneeffachuuf taʼuu hin oolu Yesuus, “Ati ofuma keetiin kakaatee kana na gaafatte moo, warra kaantu waaʼee koo sitti hime?” jedhee gaafate.—Yohaannis 18:33, 34.

      Philaaxos, Yesuusiin ilaalchisee wanta taʼe beekuuf hawwuudhaan akkana jedhee gaafate: “Ani Yihudii dhaa ree? Sabuma keetii fi dura buutota lubootaatu dabarsee natti si kenne. Ofii, wanti ati goote maali dha?”—Yohaannis 18:35.

      Yesuus dhimma ittiin himatame, jechuunis waaʼee mootii taʼuu isaa callisee irra darbuu hin barbaanne. Kanaaf, haala Philaaxosiin ajaaʼibsiisuun deebii akka kenne hin shakkisiisu.

      LAFA DHIIGAA

      Yihudaan saantima meetii 30 mana qulqullummaa keessatti yommuu bittinsu

      Dura buutonni lubootaa saantima meetii Yihudaan mana qulqullummaa keessatti bittinsee deeme waan godhan wallaalan. Akkana jedhan: “Saantimni kun gatii dhiigaa waan taʼeef, kutaa mana qulqullummaa buusiin itti kuufamu keessa kaaʼuun seeraan dhorkamaa dha.” Kanaaf keessummootaaf bakka awwaalchaa akka taʼuuf qarshichaan lafa namicha suphee dhaʼu tokkoo bitan. Kanaan kan kaʼes, “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamama.—Maatewos 27:6-8.

      • Miseensonni Saanhediriin ganamaan dhaddacha kan taaʼan maaliifi?

      • Yihudaan haala akkamiitiin duʼe? Saantima meetii 30n sanaan maaltu godhame?

      • Philaaxos Yesuusiin akka ajjeesisuuf, Yihudoonni himata akkamii isa irratti dhiheessan?

  • Philaaxosis Taʼe Heroodis Balleessaa Isa Irratti Hin Arganne
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Heroodisii fi loltoonni isaa yommuu Yesuusitti qoosa

      BOQONNAA 128

      Philaaxosis Taʼe Heroodis Balleessaa Isa Irratti Hin Arganne

      MAATEWOS 27:12-14, 18, 19 MAARQOS 15:2-5 LUQAAS 23:4-16 YOHAANNIS 18:36-38

      • PHILAAXOSII FI HEROODIS YESUUSIIN QORATAN

      Yesuus mootii taʼuu isaa Philaaxosiin dhoksuuf hin yaalle. Taʼus Mootummaan isaa mootummaa Roomaa irratti miidhaa akka hin geessisne akkana jedhee ibse: “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti. Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa utuu taʼee, Yihudootatti dabarfamee akkan hin kennamneef tajaajiltoonni koo anaaf lolu turan. Amma garuu Mootummaan koo addunyaa kana irraa miti.” (Yohaannis 18:36) Yesuus Mootummaa qaba; taʼus addunyaa kana irratti kan argamu miti.

      Philaaxos dhimmicha kanumaan hin dhiisne. Kanaaf, “Maarree ati mootii dhaa?” jedhee isa gaafate. Yesuus akkana jedhee deebisuudhaan, Philaaxos yaada xumuraa dhugaa taʼe irra akka gaʼu isa taasise: “Ani dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf dhaladheera; kanaafis gara addunyaa dhufeera. Namni dhugaa cinaa dhaabatu hundi sagalee koo ni dhagaʼa.”—Yohaannis 18:37.

      Yesuus kanaan dura Toomaasiin, “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana” jedhee ture. Amma immoo Philaaxosumti iyyuu kaayyoon Yesuus gara lafaatti itti ergame, ‘dhugaadhaaf’ keessumaa immoo dhugaa waaʼee Mootummichaa ibsuuf dhugaa baʼuuf akka dhufe dhagaʼe. Yesuus lubbuu isaa kan isa dhabsiisu yoo taʼe illee, dhugaa kanaaf amanamaa taʼuuf murteesseera. Philaaxos, “Dhugaan maali dha?” jedhee kan gaafate taʼus, ibsi dabalataa hamma isaaf kennamutti hin eegne. Nama kana irratti murtii dabarsuuf odeeffannoo gaʼaa akka argate isatti dhagaʼame.—Yohaannis 14:6; 18:38.

      Philaaxos gara namoota masaraa mootummaa alatti isa eegaa jiranitti deebiʼe. Dura buutota lubootaa fi namoota isaanii wajjin jiraniin, “Ani namicha kana irratti yakka tokko illee hin arganne” jedhe. Yeroo kanatti Yesuusiin of bira dhaabee taʼuu hin oolu. Namoonni kun murtii kanatti aaruudhaan, “Inni, guutummaa Yihudaa keessatti, Galiilaadhaa jalqabee hanga asiitti barsiisee namoota kakaasaa jira” jedhan.—Luqaas 23:4, 5.

      Jibbi Yihudoonni argisiisan kun Philaaxosiin ajaaʼibsiisee taʼuu qaba. Dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni sabichaa iyyuu isaanii yommuu itti fufan Philaaxos, “Wanta meeqaan yommuu si irratti ragaa baʼan hin dhageessuu?” jedhee Yesuusiin gaafate. (Maatewos 27:13) Yesuus garuu deebii tokko iyyuu hin kennine. Himanni buʼuura hin qabne akkasii yommuu isa irratti dhihaatu Yesuus callisuun isaa Philaaxosiin ni ajaaʼibsiise.

      Yihudoonni, Yesuus kana kan godhe “Galiilaadhaa jalqabee” akka taʼe ibsan. Philaaxos odeeffannoo kana argachuun isaa Yesuus nama Galiilaa akka taʼe isa hubachiise. Kun, Philaaxos Yesuusitti murteessuu irraa karaa itti walaba of baasu isaaf argamsiise. Bulchaan Galiilaa Heroodis Antiiphaas (ilma Heroodis isa Guddichaa) Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem dhufeera. Kanaaf, Philaaxos Yesuusiin gara Heroodisitti erge. Heroodis Antiiphaas kun, isa morma Yohaannis Cuuphaa kuchisiise dha. Yeroo booda, Heroodis Yesuus dinqiiwwan hojjechaa akka jiru yommuu dhagaʼe, Yohaannis waan duʼaa kaʼee fi Yesuus inni jedhamu Yohaannis isatti fakkaatee sodaatee ture.—Luqaas 9:7-9.

      Heroodis amma Yesuusiin arguuf carraa argachuu isaatti gammadeera. Kan gammade garuu Yesuusiin gargaaruu ykn himanni isa irratti dhihaate dhugaa taʼuu fi dhiisuu isaa qulqulleeffachuu waan barbaadeef miti. Heroodis “yommuu inni dinqiiwwan tokko tokko hojjetus arguuf hawwaa” waan tureefi dha. (Luqaas 23:8) Yesuus garuu wanta Heroodis arguuf hawwe hin hojjenne. Heroodis yommuu gaaffii isa gaafatu, Yesuus deebii tokko iyyuu hin kennine. Heroodisii fi loltoonni isaa aaranii Yesuusiin ni ‘salphisan.’ (Luqaas 23:11) Uffata bareedaa isatti uffisanii itti qoosan. Achiis Heroodis deebisee gara Philaaxositti isa erge. Heroodisii fi Philaaxos sana dura diinota walii kan turan taʼus, amma michoota walii taʼan.

      Yesuus yommuu deebiʼu, Philaaxos dura buutota lubootaa, geggeessitoota Yihudootaa fi namoota kaan walitti sassaabee akkana jedhe: “Ani garuu isin duratti isa qoree, himata isin nama kana irratti dhiheessitaniif wanta buʼuura taʼu tokko illee hin arganne. Heroodisis homaa waan isa irratti hin arganneef gara keenyatti deebisee isa ergeera; namni kun wanta isa ajjeesisu tokko illee hin hojjenne. Kanaaf, adabeen isa gadhiisa.”—Luqaas 23:14-16.

      Philaaxos, dura buutonni lubootaa hinaaffaadhaan dabarsanii akka isa kennan waan hubateef, Yesuusiin hiikuu barbaade. Carraaqqii Yesuusiin hiikuuf gocha jiru akka itti fufu haalli taasisu gara biraanis ni uumame. Utuu inni barcuma murtii irra taaʼee jiruu, haati manaa isaa ergaa akkana jedhu isatti ergite: “Ani sababii isaatiin eda halkan abjuudhaan [Waaqayyo biraa taʼuu hin oolu] baayʼee dhiphachaa waanan buleef nama qajeelaa sana waan tokko iyyuu akka hin goone.”—Maatewos 27:19.

      Philaaxos Yesuusiin hiikuu kan barbaade maaliifi?

      • Yesuus “dhugaa” waaʼee mootii taʼuu isaa ibsu kan dubbate akkamitti?

      • Philaaxos waaʼee Yesuus xumura akkamii irra gaʼe? Sabichi deebii akkamii kenne? Philaaxos hoo maal godhe?

      • Heroodis Antiiphaas Yesuusiin arguu kan hawwe maaliifi? Isa irratti hoo maal raawwate?

      • Philaaxos Yesuusiin hiikuu kan barbaade maaliifi?

  • Philaaxos, “Namichi Kunoo Ti!” Jedhe
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus gonfoo qoraattii mataatti kaaʼatee, uffata dhiilgee uffatee yommuu Philaaxos gad isa baasu

      BOQONNAA 129

      Philaaxos, “Namichi Kunoo Ti!” Jedhe

      MAATEWOS 27:15-17, 20-30 MAARQOS 15:6-19 LUQAAS 23:18-25 YOHAANNIS 18:39–19:5

      • PHILAAXOS YESUUSIIN HIIKUUF YAALE

      • YIHUDOONNI BARBAAN AKKA HIIKAMU GAAFATAN

      • YESUUSITTI NI QOOSAME, NI DHIPHIFAMES

      Philaaxos namoota duʼa Yesuus barbaadan kanaan akkana jedhe: “Ani . . . himata isin nama kana irratti dhiheessitaniif wanta buʼuura taʼu tokko illee hin arganne. Heroodisis homaa . . . isa irratti hin arganne.” (Luqaas 23:14, 15) Amma immoo, Philaaxos Yesuusiin gargaaruuf mala kan biraatti fayyadame. Namoota kanaan akkana jedhe: “Akka barsiifata keessaniitti guyyaa Faasikaatti nama tokko isiniif nan hiika. Kanaaf, Mootii Yihudootaa sana akkan isiniif hiiku barbaadduu?”—Yohaannis 18:39.

      Philaaxos namicha Barbaan jedhamuu fi yakka saamichaa, mootummaa irratti namoota kakaasuu fi ajjeechaatiin hidhamee jiru beeka. Kanaaf, “Ani eenyuun akkan isiniif hiiku barbaaddu? Barbaaniin moo Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana?” jedhee gaafate. Namoonni kun dura buutonni lubootaa waan isaan kakaasaniif Yesuus utuu hin taʼin, Barbaan akka hiikamu gaafatan. Philaaxos ammas, “Lamaan isaanii keessaa eenyuun akka ani isiniif hiiku barbaaddu?” jedhee gaafate. Namoonni kunis, “Barbaaniin” jedhan!—Maatewos 27:17, 21.

      Philaaxos aaree, “Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana maal godhu ree?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan. (Maatewos 27:22) Qaanii tokko malee namni qulqulluu taʼe kun akka ajjeefamu barbaadan. Philaaxos akkana jedhee isaan kadhate: “Maaliif? Namichi kun balleessaa maalii hojjete? Ani wanta isa ajjeesisu tokko illee isa irratti hin arganne; kanaaf, adabeen isa gadhiisa.”—Luqaas 23:22.

      Philaaxos carraaqqii garaa garaa godhus, namoonni aariidhaan finiinan kun sagalee tokkoon, “Isa fannisi!” jedhanii iyyuu jalqaban. (Maatewos 27:23) Namoonni geggeessitoota amantiitiin kakaafaman kun dhiiga dhangalaasuu barbaadaniiru! Dhiigni isaan akka dhangalaʼu barbaadan garuu dhiiga nama yakkamaa ykn nama nama ajjeesee miti. Dhiiga nama qulqulluu, guyyaa shan dura yommuu inni gara Yerusaalem dhufe akka Mootiitti simatamee ti. Yeroo kanatti barattoonni Yesuus achitti argamaniiru taanaan, afaan isaanii hin saaqqanne ykn of dhoksaniiru.

      Philaaxos carraaqqiin inni namoota kana amansiisuuf godhe akka hin milkoofne hubate. Jeequmsi kaaʼuuf akka jedhu waan hubateef, bishaan fudhatee namoota kana duratti harka isaa dhiqachuudhaan, “Ani dhiiga namicha kanaatiif itti hin gaafatamu. Isinumatu itti gaafatama” isaaniin jedhe. Kun illee namoonni kun yaada isaanii akka jijjiiran isaan hin taasisne. Kanaa mannaa, “Dhiiga isaatiif kan itti gaafatamu nuu fi ijoollee keenya dha” jedhan.—Maatewos 27:24, 25.

      Bulchaan kun wanta sirrii akka taʼe beeku gochuu mannaa, fedha isaanii guutuuf filate. Kanaaf, Philaaxos Barbaaniin isaaniif hiike. Yesuusiin garuu uffata isaa irraa baasisee isa garafsiise.

      Loltoonni kun Yesuusiin haala suukanneessaa taʼeen erga garafanii booda, gara masaraa bulchaa biyyaatti geessan. Miseensonni loltootaa walitti qabamanii miidhaa dabalataa isa irraan gaʼan. Gonfoo qoree irraa hojjetame mataa isaa irra kaaʼanii mataa isaatti asii gad dhiiban. Kana malees, loltoonni kun harka isaa mirgaatti ulee shomboqqoo isa qabsiisanii uffata diimaa dhiiga fakkaatuu fi maatiin moototaa uffatan isatti uffisanii, “Yaa Mootii Yihudootaa, nagaan siif haa taʼu!” jedhanii isatti qoosan. (Maatewos 27:28, 29) Kana irras darbee hancufa itti tufan, akkasumas isa kakkabalan. Shomboqqoo jabaa harka Yesuus irra jiru fuudhanii yommuu mataa isaa ittiin rukutan qoreewwan “gonfoo” mataa isaa irra jiru irratti argaman caalaatti mataa isaa keessa seenu.

      Philaaxos, Yesuus wanta suukanneessaa isa irratti raawwatame hunda keessattis ciminaa fi tasgabbii argisiisuun isaa baayʼee waan isa ajaaʼibsiiseef, isa hiikuuf carraaqqii kan biraa gochuudhaan itti gaafatamummaa irraa walaba of gochuu waan barbaadeef akkana jedhe: “Kunoo, ani balleessaa tokko illee akka isa irratti hin arganne akka beektaniif isa gad isiniif nan baasa” jedhe. Philaaxos yeroo kanatti Yesuusiin kan gad baase namoonni kun dhaqna isaa isa dirmammaaʼee fi dhiigaa jiru yommuu argan garaa laafu jedhee yaadeetii laata? Philaaxos, Yesuusiin namoota gara jabeeyyii taʼan kana dura dhaabee, “Namichi kunoo ti!” jedhee dubbate.—Yohaannis 19:4, 5.

      Yesuus kan reebamee fi kan madaaʼe taʼus, ciminaa fi tasgabbii argisiiseera. Wanti Philaaxos dubbatee fi kabaja, akkasumas gadda of keessaa kan qabu fakkaatu haala kana akka inni hubate argisiisa.

      GARAFFII

      Alangaa ittiin garafan

      Akkaataa itti warri Roomaa nama garafan ilaalchisee Doktoor William D. Edwards, barruu The Journal of the American Medical Association (Barruu Waldaa Fayyaa Ameerikaa) jedhamu irratti akka armaan gadiitti ibsaniiru:

      “Meeshaan beekamaan garafuuf itti fayyadaman alangaa gabaabaa (filaagram ykn filaagilum jedhama) gogaa qeentee ykn dachaa irraa foʼamee tolfamee fi dheerina garaa garaa qabu, akkasumas darbee darbee sibiilawwan xixiqqaa biyyii fakkaatanii fi lafeewwan hoolaa qara qaban kan itti hidhamani dha. . . . Loltoonni Roomaa nama adabamu sana, hanga dandaʼan irra deddeebiʼanii yommuu garafan sibiilawwan xixiqqoon biyyii fakkaatan sun qaamni namichaa garmalee akka dirmammaaʼu taasisu. Alangaan sunii fi lafeewwan hoolaa qara qaban ribuuwwan gogaa jalatti argaman tatarsaasu. Garaffiin yommuu itti fufaa adeemu immoo gogaan inni tatarsaʼe gad seenaa waan adeemuuf ribuuwwan lafee irratti argaman bira gaʼu. Kun immoo foon isaa akka tatarsaʼuu fi akka hollatu taasisa.”

      • Philaaxos Yesuusiin hiikuu fi itti gaafatamummaa irraa walaba of gochuuf kan yaale akkamitti?

      • Garaffiin maalfaa dabalata?

      • Yesuus erga garafamee booda miidhaa akkamiitu dabalataan irratti raawwatame?

  • Yesuus Ajjeefamuuf Dabarfamee Kenname
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus muka dhiphinaa ulfaataa baachuu yommuu dadhabe, loltuun tokko Simoon inni Qareenaa akka isaaf baatu ajaje

      BOQONNAA 130

      Yesuus Ajjeefamuuf Dabarfamee Kenname

      MAATEWOS 27:31, 32 MAARQOS 15:20, 21 LUQAAS 23:24-31 YOHAANNIS 19:6-17

      • PHILAAXOS YESUUSIIN HIIKUUF YAALE

      • YESUUSITTI NI MURTEEFFAME; BAKKA ITTI AJJEEFAMUTTIS NI GEEFFAME

      Yesuus miidhaa suukanneessaan kan isa irratti raawwatamee fi kan itti qoosame taʼus, carraaqqiin Philaaxos isa hiikuuf godhe dura buutonni lubootaa fi namoonni isaanii wajjin jiran Yesuusiif garaa akka laafan hin goone. Yesuusiin ajjeesisuuf murteessaniiru. Kanaaf, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyuu isaanii itti fufan. Philaaxosis, “Ani balleessaa tokko illee isa irratti waanan hin arganneef, isinumti fuudhaatii isa fannisaa” isaaniin jedhe.—Yohaannis 19:6.

      Himanni Yihudoonni Yesuus mootummaa warra Roomaa irratti yakka hojjeteera jedhanii dhiheessan duʼaaf kan geessisu taʼuun isaa Philaaxosiin amansiisuu hin dandeenye. Amantii wajjin wal qabsiisuudhaan yoo himata dhiheessan hoo? Himanni isaanii fudhatama akka dhabe yommuu hubatan, himata kanaan dura miseensota Saanhediriin duratti dhiheessan akkana jechuudhaan deebisanii dhiheessan: “Nuti seera qabna; inni ilma Waaqayyoo waan of godheef, akka seera keenyaatti duʼuu qaba.” (Yohaannis 19:7) Himanni kun Philaaxosiif haaraa dha.

      Philaaxos gara masaraa mootummaa isaatti deebiʼee nama miidhaa suukanneessaa isa irratti raawwatame damdamatee fi haati manaa isaa iyyuu abjuudhaan waaʼee isaa argite kana karaa itti hiiku barbaaduu jalqabe. (Maatewos 27:19) Waaʼee himata haaraa Yihudoonni namni hidhame kun “ilma Waaqayyoo” of godheera jechuudhaan dhiheessan kanaa hoo maal jechuutu dandaʼama? Philaaxos, Yesuus nama Galiilaa taʼuu isaa beeka. (Luqaas 23:5-7) Taʼus, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. (Yohaannis 19:9) Philaaxos, Yesuus kanaan dura jiraachaa akka ture, tarii immoo Waaqa biraa akka dhufe yaadee taʼinnaa?

      Yesuus, mootii akka taʼee fi Mootummaan isaa garuu kan addunyaa kanaa akka hin taane kanaan dura Philaaxositti himee ture. Kanaaf, dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa kennuun isaa faayidaa waan hin qabneef Yesuus ni callise. Philaaxos, Yesuus deebii isaaf kennuu dhiisuun isaa ulfina isaa akka tuqetti waan isatti dhagaʼameef aariidhaan, “Deebii anaaf hin kennituu? Ani si hiikuufis taʼe si fannisuuf aangoo akkan qabu hin beektuu?” jedhe.—Yohaannis 19:10.

      Yesuusis akkana jedhee deebiseef: “Waaqayyo biraa utuu siif hin kennamne taʼee, ana irratti aangoo tokko illee hin qabaattu turte. Namichi dabarsee sitti na kenne, cubbuu guddaa kan qabu kanaafi.” (Yohaannis 19:11) Yesuus akkana kan jedhe nama tokko yaadatti qabatee taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kanaa mannaa, Qayyaafaa fi namoonni isaa wajjin jiran, akkasumas Yihudaa Asqorootuun Philaaxos caalaa kan itti gaafataman taʼuu isaanii ibsuu isaa ti.

      Amalli Yesuus argisiisee fi wanti inni dubbate waan isa dinqisiiseef, akkasumas Yesuus Waaqa biraa kan dhufe taʼuu dandaʼa jedhee waan sodaateef, Philaaxos ammas Yesuusiin hiikuuf yaale. Yihudoonni garuu himata Philaaxosiin sodaachisu gara biraa dhiheessan. “Ati namicha kana yoo gadhiiste michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu hundi Qeesaariin ni morma” jedhaniin.—Yohaannis 19:12.

      Bulchaan kun ammas Yesuusiin gad baasee, teessoo murtii irra taaʼee, “Ilaa, mootii keessan!” isaaniin jedhe. Yihudoonni garuu yaada isaanii hin jijjiirre. “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan. Philaaxosis, “Mootii keessan fannisuu?” jedhee isaan gaafate. Bulchiinsi warra Roomaa yeroo dheeraadhaaf isaan hacuucaa ture; taʼus dura buutonni lubootaa afaan guutanii, “Nuti Qeesaar malee mootii kan biraa hin qabnu” jedhanii deebisan.—Yohaannis 19:14, 15.

      Philaaxos, dhiibbaa Yihudootaatiin waan moʼameef, Yesuus akka ajjeefamuuf dabarsee kenne. Loltoonni, uffata isa diimaa Yesuus irraa baasanii uffata isaa isa inni irra keessatti uffatu itti uffisan. Yesuusiin yommuu fuudhanii deeman, muka dhiphinaa irratti isa fannisan isa baachisan.

      Amma, Jimaata ganama, Niisaan 14 dha. Yesuus, Kamisa bariidhaa jalqabee hirriba hin arganne; haalli suukanneessaan garaa garaas isa irratti raawwatamaa tureera. Kanaaf, mukicha baatee deemuuf humna dhabe. Loltoonni, kara deemaan Simoon jedhamuu fi Qareenaa ishii Afriikaatti argamtu keessaa dhufe mukicha baatee bakka Yesuus itti ajjeefamutti akka geessu isa dirqisiisan. Namoonni hedduun isa hordofaa kan jiran yommuu taʼu, isaan keessaa tokko tokko gaddaan qoma isaanii rurrukuchaa booʼaa jiru.

      Yesuus dubartoota booʼaa jiraniin akkana jedhe: “Yaa intaloota Yerusaalem, anaaf booʼuu dhiisaatii, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif booʼaa; sababiin isaas yeroon namoonni, ‘Dubartoonni dhabduu taʼan, kan daʼanii hin beekne fi kan hoosisanii hin beekne gammadoo dha’ itti jedhan ni dhufa. Yeroo sanatti isaan gaarotaan, ‘Nu irratti kufaa!’ tullootaanis ‘Nu dhoksaa!’ jechuu jalqabu. Yeroo mukti jiidhaa taʼee jirutti wantoota kana yoo godhan, yeroo mukti gogutti immoo maaltu taʼa laata?”—Luqaas 23:28-31.

      Yesuus asirratti waaʼee saba Yihudii dubbachaa jira. Yesuusii fi Yihudoonni isatti amanan muraasni waan jiraniif sabichi muka amma tokko jiidhaa taʼetti fakkeeffameera. Namoonni kun sabicha keessaa yommuu baafaman garuu, kan hafu akkuma muka gogaa saba karaa hafuuraa duʼe qofa dha. Waraanni warra Roomaa, saba Yihudii balleessuudhaan murtiin Waaqayyoo akka raawwatamu yommuu godhu booʼicha guddaatu taʼa!

      • Geggeessitoonni amantii Yesuus irratti himata akkamii dhiheessan?

      • Sodaan Philaaxos caalaatti dabalaa kan deemee maaliifi?

      • Dura buutonni lubootaa, Philaaxos Yesuus irratti duʼa akka murteessu kan godhan akkamitti?

      • Yesuus waaʼee muka ‘jiidhaa’ fi muka ‘gogaa’ yommuu dubbatu maal jechuu isaa ti?

  • Mootiin Balleessaa Hin Qabne Muka Irratti Dhiphate
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus yakkamaa isa cinaatti fannifameen, “Anaa wajjin Jannata keessa taata” jedhe

      BOQONNAA 131

      Mootiin Balleessaa Hin Qabne Muka Irratti Dhiphate

      MAATEWOS 27:33-44 MAARQOS 15:22-32 LUQAAS 23:32-43 YOHAANNIS 19:17-24

      • YESUUS MUKA DHIPHINAA IRRATTI FANNIFAME

      • BARREEFFAMNI MATAA YESUUSII OLITTI FANNIFAME AKKA ISATTI QOOSAN TAASISE

      • YESUUS LAFA JANNATA TAATU IRRA JIRAACHUU ILAALCHISEE ABDII KENNE

      Yesuus iddoo magaalichatti dhihoo, innii fi saamtonni lama itti fannifamanitti geeffame. Bakki kun Golgootaa ykn “Bakka Buqqee Mataa” jedhamee waamama. Bakka kana “fagoo dhaabatanii” ilaaluun ni dandaʼama.—Maarqos 15:40.

      Namoonni duuti itti murteeffame kun sadan uffanni irraa baafameera. Wayinii qumbii fi hadhooftuun itti makame isaaniif kennan. Wantoota kana walitti makanii kan qopheessan dubartoota Yerusaalem taʼuu hin oolan. Warri Roomaa qoricha dhukkuba namatti dhagaʼamu hadoochu namoota akka ajjeefaman itti murteeffameef kennuu hin dhowwan. Yesuus garuu erga dhamdhamee booda dhuguu dide. Maaliif? Yeroo dhiphinni guddaan isa irra gaʼaa jiru kanatti, wanta dhukkubni akka isatti hin dhagaʼamne godhu fudhachuu mannaa, hamma duʼaatti amanamaa taʼuu waan barbaadeefi dha.

      Yesuus muka irratti fannifame. (Maarqos 15:25) Loltoonni mismaara harkaa fi miilla isaa keessa baasanii muka irratti kan rukutan yommuu taʼu, kun immoo foonii fi ribuuwwan isaa waan kukkutuuf baayʼee akka isa dhukkubu taasisa. Mukichi yommuu ol dhaabamuu fi ulfaatinni qaama isaa bakki mismaarri seenee caalaatti akka balʼatu waan taasisuuf dhukkubni isatti dhagaʼamu baayʼee cimaa taʼa. Taʼus, Yesuus loltoota kanatti hamaa hin dubbanne. Kanaa mannaa, “Yaa Abbaa, isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama godhiif” jedhee kadhate.—Luqaas 23:34.

      Warri Roomaa barreeffama yakkamaan tokko ittiin himatame barreessanii mataa isaa olitti fannisu. Kanaaf, yeroo kanatti Philaaxos barreeffama, “Yesuus nama Naazireet, Mootii Yihudootaa” jedhu mukicha irratti fannise. Barreeffamichi afaan Ibrootaa, afaan Laatiinii fi afaan Giriikiitiin waan barreeffameef namoonni hedduun dubbisuu dandaʼu. Wanti Philaaxos godhe kun, Yihudoota warra Yesuus akka ajjeefamu isa kakaasan akka tuffate argisiisa. Dura buutonni lubootaa aaran, “‘Ani Mootii Yihudootaa ti’ akka inni jedhe barreessi malee, ‘Mootii Yihudootaa’ jettee hin barreessin” jedhaniin. Inni garuu ammas dhiibbaa isaan isa irratti godhaniin moʼamuu waan hin barbaanneef, “Egaa, ani wantan barreesse barreesseera” jedhee deebiseef.—Yohaannis 19:19-22.

      Dura buutonni lubootaa aaran kun himata sobaa kanaan dura miseensota Saanhediriin duratti dhiheessan dubbatan. Namoonni karicha irra darban mataa isaanii raasuudhaan isatti qoosaa akkana jedhanii isa arrabsan: “Muu, ati yaa isa mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu nana, mee muka irratti fannifamte irraa buʼii of oolchi.” Haaluma wal fakkaatuun, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa, “Nuti kana arginee akka isatti amannuuf, mee Kiristoos Mootiin Israaʼel amma muka irratti fannifame irraa haa buʼu” waliin jedhan. (Maarqos 15:29-32) Balleessaa tokko malee kan fannifame Yesuus qofa taʼus, saamtonni bitaa fi mirga isaatti fannifamanii jiran illee isa arrabsan.

      Loltoonni Roomaa arfanis Yesuusitti qoosan. Loltoonni kun daadhii wayinii dhangaggaaʼaa dhuganii taʼuu dandaʼa; amma Yesuus hiixatee isaan harkaa fudhachuu kan hin dandeenye taʼus, daadhicha isa duratti qabanii isatti qoosuu hin oolan. Warri Roomaa barreeffama mataa Yesuusii olitti argamu ilaalaa, “Ati Mootii Yihudootaa yoo taate of oolchi” jedhanii isatti qoosan. (Luqaas 23:36, 37) Mee yaadi! Namni karaa, dhugaa fi jireenya taʼuu isaa mirkaneesse miidhaan isa irratti raawwatamaa, akkasumas itti qoosamaa jira. Yesuus garuu, Yihudoota dhaabatanii isa ilaalan, loltoota Roomaa isatti qoosanii fi yakkamtoota isa cinaatti fannifaman lamaanitti hamaa tokko illee utuu hin dubbatin dhiphina isa irra gaʼe hunda dandaʼeera.

      Loltoonni uffata Yesuus keessatti uffatu irratti carraa buufatan

      Loltoonni arfan uffata Yesuus irratti uffatu bakka afuritti hiran. Eenyu isa kam akka fudhatu murteessuufis carraa buufatan. Uffanni Yesuus keessatti uffatu garuu baayʼee adda kan taʼee fi ‘gubbaadhaa hamma gadiitti dhaʼaa tokkichaan kan baʼe malee, kan hodhame’ miti. Kanaaf loltoonni kun, “Kottaa, uffata kana hin tarsaasnu, carraa buufannee eenyuuf akka baʼu ilaalla” waliin jedhan. Haala kanaanis raajiin, “Uffata koo ni hirmaatan, wayyaa koo irrattis carraa buufatan” jedhu raawwii isaa argate.—Yohaannis 19:23, 24; Faarfannaa 22:18.

      Yakkamaan inni tokko garuu Yesuus dhuguma mootii taʼuu isaa hubate. Kanaaf yakkamaa isaa wajjin fannifamee jirutti akkana jedhee dheekkame: “Murtiin isa irratti dabarfame si irrattis dabarfamee utuu jiruu Waaqayyoon illee hin sodaattuu? Adabni nuuf kenname sirrii dha, nuti wanta hojjenneef gatii keenya argachaa jirra; namichi kun garuu balleessaa tokko illee hin hojjenne.” Achiis, “Yommuu gara Mootummaa keetti dhuftu na yaadadhu” jedhee Yesuusiin kadhate.—Luqaas 23:40-42.

      Yesuusis, “Ani dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin Jannata keessa taata” jedheen. Taʼus, Yesuus anaa wajjin Mootummicha keessa taata isaan hin jenne. (Luqaas 23:43) Waadaan kun, waadaa inni Mootummaa isaa keessatti isaa wajjin akka taʼaniif ergamoota isaatiif gale irraa adda dha. (Maatewos 19:28; Luqaas 22:29, 30) Haa taʼu malee, yakkamaan Yihudii taʼe kun, waaʼee lafa Jannataa Yihowaan Addaamii fi Hewwaan, akkasumas ilmaan isaaniitiif jalqaba qopheessee dhagaʼee taʼuu hin oolu. Amma namichi saamtuu taʼe kun duʼus abdii qaba.

      • Yesuus wayinii isaaf kenname dhuguu kan dide maaliifi?

      • Mataa Yesuusii olitti barreeffama maal jedhutu fannifame? Kun hoo Yihudootatti maaltu akka dhagaʼamu godhe?

      • Uffata Yesuus ilaalchisee raajiin dubbatame raawwii kan argate akkamitti?

      • Yesuus yakkamaa fannifamee ture tokkoof waadaa akkamii gale?

  • “Dhuguma Iyyuu Namni Kun Ilma Waaqayyoo Ture”
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus yakkamtoota lama gidduutti muka irratti erga fannifamee booda, ajajaan dhibbaa tokko, “Dhuguma iyyuu namni kun Ilma Waaqayyoo ture” jedhe

      BOQONNAA 132

      “Dhuguma Iyyuu Namni Kun Ilma Waaqayyoo Ture”

      MAATEWOS 27:45-56 MAARQOS 15:33-41 LUQAAS 23:44-49 YOHAANNIS 19:25-30

      • YESUUS MUKA IRRATTI AJJEEFAME

      • YESUUS YOMMUU DUʼU WANTOONNI ADDA TAʼAN NI RAAWWATAMAN

      Amma yeroon isaa guyyaa keessaa “saʼaatii jaʼa” dha. ‘Hanga saʼaatii sagaliitti guutummaa lafaa’ irratti dukkanatu taʼe. (Maarqos 15:33) Dukkanni adda taʼe kun akka uumamu kan godhe addeessi lafaa fi aduu gidduu seenuu ishii miti. Haalli akkasii kan uumamu addeessi lafaa fi aduu gidduu yommuu seentutti dha; amma garuu yeroon isaa waqtii Faasikaa yeroo addeessi guutuu itti taatu dha. Dukkanni yeroo addeessi lafaa fi aduu gidduu seentu uumamu daqiiqaa muraasaaf qofa tura; yeroo kanatti garuu dukkanni kun yeroo dheeraadhaaf ture. Kanaaf, dukkanni kun akka uumamu kan godhe Waaqayyo dha!

      Wanti taʼe kun namoota Yesuusitti qoosaa turan irratti dhiibbaa akkamii akka geessise mee yaadi. Yeroo dukkanni kun uumame, dubartoonni afur gara muka dhiphinaa kana dhufan. Isaanis haadha Yesuus, Saloomee, Maariyaam Magdalaa fi Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuu ti.

      Yohaannis haadha Yesuus ishii gaddaa jirtuu wajjin ‘muka dhiphinaa bira’ jira. Maariyaam, ilmi ishiin deessee guddiste fannifamee yeroo dhiphatu ilaalaa jirti. Kun ishiidhaaf ‘goraadee dheeraadhaan’ waraanamuu wajjin tokko dha. (Yohaannis 19:25; Luqaas 2:35) Yesuus garmalee isa dhukkubaa kan jiru taʼus, waaʼeen ishii isa yaaddesse. Mataa isaa gara Yohaannisitti qabuuf yaalaa, haadha isaatiin, “Dubartii nana, ilaa ilma kee!” jedhe. Achiis mataa isaa gara Maariyaamitti qabee, Yohaannisiin “Ilaa haadha kee!” jedhe.—Yohaannis 19:26, 27.

      Yeroo kanatti haati isaa abbaan manaa ishii irraa duʼuu waan hin oolleef, akka ishii kunuunsuuf ergamaa isa hunda caalaa jaallatutti haadha isaa imaanaa kenne. Yesuus ilmaan Maariyaam warri obboloota isaa taʼan kaan amma yoonaatti akka isatti hin amanne beeka. Kanaaf, karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa haadha isaa kunuunsuuf haala mijeesse. Kun fakkeenya gaarii kan taʼu dha!

      Dukkanni kun utuu badaa jiruu Yesuus, “Nan dheebodhe” jedhe. Kun raajiin Kitaabota Qulqulluu akka raawwatamu taasiseera. (Yohaannis 19:28; Faarfannaa 22:15) Yesuus, ejjennoon isaa hanga xumuraatti akka qoramuuf jecha Abbaan isaa eegumsa isaa gochuu akka dhiise hubateera. Kiristoos tarii afaan Aramaayikii akkaataa dubbii warra Galiilaatiin, “Eelii, Eelii, laamaa saabaaqtaanii?” jedhe. Hiikni isaas, “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko maaliif na dhiiste?” jechuu dha. Namoonni naannoo sana dhaabatan tokko tokko wanta inni jedhe waan hin hubanneef, “Ilaa, inni Eliyaasiin waammachaa jira” jedhan. Isaan keessaa inni tokko fiigee ispoonjii daadhii wayinii dhangaggaaʼaa keessa erga cuuphee booda, ulee shomboqqootti diree akka inni dhugu isaaf kenne. Warri kaan garuu, “Dhiisaa! Mee Eliyaas dhufee akka gad isa buusu ilaalla” jedhan.—Maarqos 15:34-36.

      Achiis Yesuus, “Ni raawwatame!” jedhee iyye. (Yohaannis 19:30) Wanta Abbaan isaa akka inni hojjetuuf gara lafaatti isa erge hundumaa raawwateera. Dhuma irrattis, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo imaanaadhaan harka keetti nan kennadha” jedhe. (Luqaas 23:46) Haala kanaan Yesuus, hafuura isaa akka isaaf deebisu amanuudhaan Yihowaatti kenne. Kiristoos amantii inni Waaqayyo irratti qabu utuu hin hirʼatin, mataa isaa gad qabee duʼe.

      Yeroo kanatti kirkirri lafaa uumamee, kattaawwan babbaqaqse. Kirkirri kun cimaa waan taʼeef awwaalonni Yerusaalemii ala jiran banamanii reeffonni keessaa yaaʼan. Namoonni karicha irra darbanii fi reeffota kana argan, gara “magaalaa qulqulluutti” galanii wanta argan dubbatan.—Maatewos 12:11; 27:51-53.

      Yeroo Yesuus duʼe, golgaan mana qulqullummaa Waaqayyoo dheeraa taʼee fi ulfaatu, akkasumas Iddoo Qulqulluu kutaa isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe irraa adda baasu, gararraadhaa hamma gajjallaatti bakka lamatti tarsaʼe. Wanti dinqisiisaa taʼe kun Waaqayyo warra Ilma isaa ajjeesanitti dheekkamuu isaa, akkasumas amma karaan gara Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼetti, jechuunis gara samiitti geessu banamuu isaa argisiisa.—Ibroota 9:2, 3; 10:19, 20.

      Namoonni achi jiran baayʼee sodaachuun isaanii nama hin dinqisiisu. Ajajaan dhibbaa murtoo Yesuus irratti darbe raawwachiise, “Dhuguma iyyuu namni kun Ilma Waaqayyoo ture” jedhe. (Maarqos 15:39) Namichi kun, Yesuus gaaffiidhaaf Philaaxos duratti yeroo dhihaatee fi ilma Waaqayyo taʼuuf dhiisuu isaa yeroo gaafatametti achi hin jiraatin hin oolu. Ajajaan kun, amma Yesuus qajeelaa akka taʼee fi dhuguma Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa amaneera.

      Namoonni kaan wantoota dinqisiisoo taʼan kanaan tuqamanii “gaddaan qoma isaanii rurrukutaa” mana isaaniitti deebiʼan. Akkana gochuun isaanii gaddaa fi qaanii guddaa isaanitti dhagaʼame argisiisa. (Luqaas 23:48) Warra fagoo dhaabatanii ilaalan keessa, dubartoonni hedduun barattoota taʼanii fi darbee darbee Yesuus duukaa deemaa turan jiru. Isaanis wantoota ajaaʼibsiisoo taʼaniin baayʼee tuqaman.

      “FANNISI”

      Diinonni Yesuus, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan. (Yohaannis 19:15) Jechi afaan Giriikii “muka” jedhamee hiikamee fi Wangeelota keessatti itti hojjetame Istaawuroos kan jedhu dha. Kitaabni, History of the Cross (Seenaa Fannoo) jedhamu akkana jedhee gabaaseera: “Istaawuroos jechuun ‘muka solooloo,’ jechuunis muka cimaa, kan akka qonnaan bultoonni dallaa ijaaruuf itti fayyadamanii jechuun ala hiika biraa hin qabu.”

      • Saʼaatii sadiif dukkanni kan taʼe, addeessi aduu fi lafa gidduu waan seenteef miti kan jennu maaliifi?

      • Yesuus abbaa fi haadha ofii umuriidhaan sokkan kunuunsuu ilaalchisee fakkeenya akkamii nuu kaaʼe?

      • Kirkirri lafaa yeroo uumame maaltu taʼe? Golgaan mana qulqullummaa bakka lamatti tarsaʼuun isaa maal argisiisa?

      • Duuti Yesuusii fi wantoonni yeroo sana taʼan namoota achi turan irratti dhiibbaa akkamii geessisan?

  • Yesuus Ni Awwaalame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Reeffi Yesuus awwaalchaaf yommuu qophaaʼu

      BOQONNAA 133

      Yesuus Ni Awwaalame

      MAATEWOS 27:57–28:2 MAARQOS 15:42–16:4 LUQAAS 23:50–24:3 YOHAANNIS 19:31–20:1

      • REEFFI YESUUS MUKA IRRAA BUUFAME

      • REEFFI ISAA AWWAALCHAAF QOPHEEFFAME

      • DUBARTOONNI BAKKI AWWAALAA DUWWAA TAʼEE ARGAN

      Guyyaan isaa Jimaata Niisaan 14 gara galgalaa ti. Yommuu aduun lixxu Sanbata Niisaan 15ttu jalqaba. Yesuus dursee kan duʼe siʼa taʼu, saamtonni lamaan isa cinaatti fannifaman garuu amma iyyuu hin duune. Akka Seerichaatti reeffi nama duʼee “guyyaadhuma sana” awwaalamuu qaba malee, ‘muka irra buluu’ hin qabu.—Keessa Deebii 21:22, 23.

      Kana malees, guyyaa namoonni nyaata itti qopheessanii fi wantoota ariifachiisaa hanga Sanbanni darbutti turuu hin dandeenye hunda itti xumuran waan taʼeef, guyyaan Jimaataa Guyyaa Qophii jedhamee waamama. Aduun yommuu lixxu Sanbata dachaa ykn ‘Sanbata guddaatu’ jalqaba. (Yohaannis 19:31) Niisaan 15 guyyaa jalqabaa Ayyaana Maxinoo isa guyyoota torbaaf kabajamu dha; guyyaan jalqabaa ayyaana kanaa yeroo hunda Sanbata irra oola. (Lewwoota 23:5, 6) Yeroo kanatti guyyaan jalqabaa ayyaana kanaa Sanbata torbanii, jechuunis guyyaa torbaffaa wajjin wal irra oole.

      Kanaaf Yihudoonni, Yesuusii fi saamtonni isa cinaatti fannifaman lamaan dafanii akka duʼan akka godhu Philaaxosiin gaafatan. Akkas gochuun kan dandaʼamu akkamitti? Lafee miilla isaanii cabsuudhaani dha. Lafeen miilla isaanii yoo cabe qaama isaanii ol qabuu fi hafuura baafachuun akka isaanitti ulfaatu taasisa. Loltoonni dhufanii miilla saamtota kana lamaanii cabsan. Yesuus garuu duʼee waan tureef lafee miilla isaa hin cabsine. Kun raajiin Faarfannaa 34:20 irra jiruu fi “Lafee dhagna isaa hundumaa inni in eega, isaan keessaas tokko illee hin cabu” jedhu akka raawwatamu taasise.

      Yesuus akka duʼe mirkaneessuuf loltoota kana keessaa tokko eeboodhaan cinaacha isaa irra naannoo onnee isaa waraane. “Yeruma sana dhiignii fi bishaan keessaa yaaʼe.” (Yohaannis 19:34) Kun immoo raajiin gara biraan, “Isaanis isa waraanan sana in ilaalu” jedhu akka raawwatamu taasise.—Zakaariyaas 12:10.

      “Namni sooressi” magaalaa Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi miseensa Saanhediriin beekamaa taʼe, Yesuus yommuu ajjeefamu bakka kana ture. (Maatewos 27:57) Yoseef, “nama gaarii fi qajeelaa” ‘mootummaa Waaqayyoo eeggatu’ akka taʼe ibsameera. Inni, “Yihudoota waan sodaateef dhoksaatti barataa Yesuus” kan taʼe yommuu taʼu, murtii manni murtichaa Yesuus irratti dabarse hin deggerre. (Luqaas 23:50; Maarqos 15:43; Yohaannis 19:38) Yoseef reeffa Yesuus akka isaaf kennu ija jabinaan Philaaxosiin gaafate. Philaaxosis ajajaa loltootaa murtii Yesuus irratti darbe raawwachiisee fi inni duʼuu isaa mirkaneesse waame. Achiis, reeffa Yesuus Yoseefiif kenne.

      Yoseef uffata quncee talbaa irraa hojjetamee fi qulqulluu taʼe bitee fide; qaama Yesuusis muka irraa buuse. Achiis awwaalchaaf qopheessuuf reefficha uffatichaan kafane. Niqodimoos “inni kana dura halkaniin gara [Yesuus] dhufee ture” reefficha qopheessuu irratti isa gargaare. (Yohaannis 19:39) Muka qumbii fi sabirii gara kiiloo giraamii 33 taʼuu fi gatii guddaa baasu fidee dhufe. Reeffi Yesuus, uffata urgooftuu kana qabateen kafanamee akka aadaa Yihudootaatti awwaalchaaf qophaaʼe.

      Yoseef awwaala kattaa keessatti qopheeffamee fi namni keessatti awwaalamee hin beekne naannoo sanaa qaba; reeffi Yesuusis achi keessa kaaʼame. Achiis balballi awwaalichaa dhagaa guddaadhaan cufame. Kana kan godhan guyyaan Sanbataa utuu hin jalqabin ariitiidhaani dha. Maariyaam Magdalaa fi Maariyaam haati Yaaqoob isa quxisuu reeffa Yesuus qopheessuu irratti gargaaruu hin oolan. Sanbata booda qaama Yesuus akka gaariitti qopheessuu akka dandaʼanitti, “urgooftuu fi dibata urgaaʼu qopheessuuf” ariitiidhaan gara manaatti deebiʼaa jiru.—Luqaas 23:56.

      Sanbata guyyaa itti aanuutti, dura buutonni lubootaa fi Fariisonni Philaaxos bira dhaqanii akkana jedhan: “Fakkeessituun sun utuu lubbuudhaan jiruu, ‘Guyyaa sadii booda nan kaʼa’ jedhee akka ture yaadanne. Kanaaf, barattoonni isaa dhufanii reeffa isaa hatanii namootaanis ‘Inni duʼaa kaʼeera!’ akka hin jenneef, awwaalichi hanga guyyaa sadiitti akka eegamu ajaji. Kun taʼuu baannaan garuu gowwoomsaan inni boodaa isa duraa caalaa gadhee taʼa.” Philaaxosis, “Eegdota qabdu. Isinumti dhaqaatii akka beektanitti eegsifadhaa” isaaniin jedhe.—Maatewos 27:63-65.

      Dilbata bariidhaan, Maariyaam Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoobii fi dubartoonni kaan reeffa Yesuusitti dibuuf urgooftuu fidanii bakka awwaalaa dhufan. Dubartoonni kun, “Eenyutu afaan awwaalichaa irraa dhagicha nuuf gangalcha?” waliin jedhan. (Maarqos 16:3) Yeroo kanatti kirkirri lafaa ni taʼe. Maleekaan Waaqayyoo dhagicha gangalchee irraa kaase, eegdonni iddoo sanaa deeman, bakki awwaalchaa garuu duwwaa dha!

      • Guyyaan Jimaataa Guyyaa Qophii kan jedhame maaliifi? “Sanbata guddaa” kan jedhame hoo maaliifi?

      • Yoseefii fi Niqodimoos Yesuusiin awwaaluuf maal godhan? Yesuusii wajjin walitti dhufeenya akkamii qabu?

      • Luboonni maal akka godhamu barbaadan? Haa taʼu malee Dilbata barii maaltu taʼe?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi