-
Iyyoob Eenyu Ture?Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 16
Iyyoob Eenyu Ture?
Namni Yihowaa Waaqeffatu tokko biyya Uuz keessa jiraachaa ture. Maqaan isaa Iyyoob jedhama. Nama baayʼee sooressa taʼee fi maatii balʼaa qabu ture. Inni arjaa, akkasumas hiyyeessota, dubartoota abbaan manaa irraa duʼee fi ijoollee haadhaas taʼe abbaa hin qabne kan gargaaru ture. Iyyoob nama wanta sirrii taʼe hojjechaa ture waan taʼeef, rakkinni tokko iyyuu isa irra hin gaʼuu jechuu dhaa?
Iyyoob beekuu baatus, Seexanni inni Diyaabilos jedhame isa ilaalaa ture. Yihowaan Seexanaan akkana jedhe: ‘Tajaajilaa koo Iyyoobiin argiteettaa? Namni akka isaa lafa irra hin jiru. Inni anaaf ni ajajama; wanta gaariis ni hojjeta.’ Seexannis deebisee akkana jedhe: ‘Dhugaa dha, Iyyoob siif ni ajajama. Ati isa ni eegda; isa ebbisteettas. Lafaa fi horii isaaf kenniteetta. Mee wantoota kana jalaa fudhadhu; inni si waaqeffachuu ni dhiisa.’ Yihowaanis, ‘Iyyoobiin qoruu dandeessa. Akka isa ajjeestu garuu siif hin heyyamu’ jedhe. Yihowaan, Seexanni Iyyoobiin akka qoru kan heyyame maaliifi? Iyyoob amanamaa akka taʼu mirkanaaʼaa waan taʼeefi dha.
Seexanni rakkina hedduu Iyyoobitti fiduudhaan isa qoruu jalqabe. Jalqaba irratti namoonni Saabaa saawwanii fi harroota isaa akka hatan erge. Achiis, ibiddi hoolota Iyyoob hunda fixe. Warri Kaldootaa immoo gaalota isaa hatan. Tajaajiltoonni isaa horiiwwan kana eegaa turanis ni ajjeefaman. Itti aansee immoo, wanta kana caalutu isa mudate. Ijoolleen Iyyoob hundi mana tokko keessatti utuu nyaachaa fi dhugaa jiranii manichi isaan irratti jigee isaan ajjeese. Iyyoob wanta kanatti baayʼee kan gadde taʼus, Yihowaa tajaajiluu isaa hin dhiisne.
Seexanni rakkinni kana caalu Iyyoob irra akka gaʼu waan barbaadeef, guutummaan qaama isaa akka madaaʼu taasise. Madaan kun baayʼee isa dhiphisa ture. Iyyoob rakkinni kun hundi maaliif akka isa irra gaʼe hin beeku ture. Taʼus, Yihowaa waaqeffachuu isaa itti fufe. Waaqayyo wantoota kana hunda kan arge siʼa taʼu, Iyyoobitti baayʼee gammade.
Achiis, Seexanni akka isa qoraniif namoota sadii Iyyoobitti erge. Isaanis, ‘Cubbuu hojjettee dhoksuuf yaalaa jirtu qabda. Kanaaf, Waaqayyo si adabaa jira’ isaan jedhan. Iyyoob garuu, ‘Ani wantan balleesse hin qabu’ jedhe. Sana booda Iyyoob rakkoowwan kana Waaqayyo akka isatti fidee fi Waaqayyo akka garaa isatti jabaate yaaduu jalqabe.
Yeroo kanatti dargaggeessi Eliihuu jedhamu callisee maree isaanii dhaggeeffachaa ture. Dhuma irrattis akkana jedhe: ‘Wanti hundi keessan dubbattan dogoggora dha. Yihowaan hubannaa keenya caalaa guddaa dha. Inni matumaa wanta hamaa hin raawwatu. Inni wanta hunda ni arga; namoota rakkatanis ni gargaara.’
Sana booda Yihowaan Iyyoobitti dubbate. Akkana jedhe: ‘Samii fi lafa yeroon uume ati eessa turte? Inni qajeelaa miti maaliif naan jetta? Wantoonni kun maaliif akka si irra gaʼan kan hin beekne taʼus ni dubbatta.’ Iyyoob balleessaa isaa amanuudhaan akkana jedhe: ‘Ani dogoggoreera. Waaʼee kee dhagaʼeen ture; amma garuu sirriitti si beekeera. Siif wanti hin dandaʼamne hin jiru. Wantan dubbadheef dhiifama naa godhi.’
Qorumsi isa irra gaʼu yeroo xumurametti Yihowaan Iyyoob akka fayyu taasise; qabeenya isa duraanii irra baayʼee caalus isaaf kenne. Sana booda, Iyyoob umurii dheeraa fi jireenya gammachiisaa jiraate. Yihowaan, Iyyoob haala rakkisaa keessatti illee waan isaaf ajajameef isa eebbise. Ati hoo akkuma Iyyoob wanti akkamii iyyuu yoo si irra gaʼe, Yihowaa waaqeffachuu kee itti fuftaa?
“Iyyoob jabaatee akka dhaabbate dhageessaniittu; wanta Yihowaan isaaf godhes argitaniittu.”—Yaaqoob 5:11
-
-
Museen Yihowaa Waaqeffachuu FilateBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 17
Museen Yihowaa Waaqeffachuu Filate
Maatiin Yaaqoob Gibxii keessatti Israaʼelota jedhamanii beekamu turan. Yaaqoobii fi Yoseef erga duʼanii booda, Faraʼoon kan biraan Gibxii bulchuu jalqabe. Innis Israaʼelonni warra Gibxii caalaa baayʼachaa jiru jedhee sodaate. Kanaaf, Faraʼoon kun Israaʼelota garboota taasise. Xuubii akka tolchanii fi maasii irratti hojii ulfaataa akka hojjetan isaan dirqisiise. Warri Gibxii Israaʼelonni hojii ulfaataa akka hojjetan isaan dirqisiisanis, lakkoofsi Israaʼelotaa garuu dabalaa deeme. Faraʼoon haalli kun waan isa yaaddesseef, ijoolleen dhiiraa Israaʼelotaa dhalatan hundi akka ajjeefaman ajaje. Israaʼelonni hammam sodaatanii akka turan tilmaamuu dandeessaa?
Dubartiin Israaʼel Yokebeed jedhamtu ilma bareedaa tokko deesse. Namoota jalaa isa dhoksuufis guuboo keessa isa keessee, dhallaadduu Laga Abbayyaa qarqara jiru keessa isa dhoksite. Obboleettiin isaa Miiriyaamis naannuma sana dhaabattee wanta raawwatamu hordofaa turte.
Intalli Faraʼoon dhaqna ishii dhiqachuuf gara lagichaa yeroo dhuftu, guuboo sana argite. Guuboo sana keessattis mucaa booʼaa jiru argitee, baayʼee gadditeef. Miiriyaam intala Faraʼooniin, ‘Dubartii mucicha hoosistu sii waamuu?’ jettee gaafatte. Intalli Faraʼoon tole yommuu jettu, Miiriyaam dhaqxee haadhuma ishii Yokebeediin waamte. Intalli Faraʼoonis, ‘Mucaa kana fuudhii hoosisi, anis siifan kaffala’ jette.
Mucichi yeroo guddatus, Yokebeed gara intala Faraʼonitti isa geessite; ishiinis maqaa isaa Musee jettee kan moggaaste siʼa taʼu, akkuma ilma ishiitti isa guddiste. Museen akka ilma mootiitti guddate; wanta barbaade hundas argachuu ni dandaʼa ture. Museen garuu matumaa Yihowaa hin irraanfanne. Inni nama Israaʼel malee nama Gibxii akka hin taane beeka ture. Kanaaf, Yihowaa tajaajiluu filate.
Umuriin isaa waggaa 40 yommuu guutu garuu Museen saba isaa gargaaruuf murteesse. Namni Gibxii tokko nama Israaʼel garbicha taʼe tokko yommuu rukutu argee, nama Gibxii sana rukutee ajjeese. Reeffa isaas cirracha jala dhokse. Faraʼoon kana yeroo beeku Musee ajjeesuuf yaale. Museen garuu gara biyya Miidiyaanitti baqate. Achittis Yihowaan isa kunuunse.
“Museen . . . amantiidhaan ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu dide; . . . saba Waaqayyoo wajjin rakkachuu filate.—Ibroota 11:24, 25
-