-
Rahaab Basaastoota DhoksiteBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 30
Rahaab Basaastota Dhoksite
Basaastonni Israaʼel lamaan magaalaa Yerikoo basaasuuf yeroo deemanitti mana dubartii Rahaab jedhamtu tokkoo buufatan. Mootiin Yerikoo dhimma kana yeroo dhagaʼu, loltoota isaa mana Rahaabitti erge. Ishiinis basaastota lamaan baaxii manaa irra dhoksitee loltoota sana karaa gara biraa irra ergite. Basaastota sanaanis akkana jette: ‘Yihowaan akka isinii wajjin jiruu fi biyya kana akka mootan waanan beekuuf isin nan gargaara. Isin immoo maatii koo akka naaf oolchitan maaloo waadaa naaf galaa.’
Basaastonni sunis Rahaabiin akkana jedhan: ‘Nama mana kee keessa jiru tokko irra illee miidhaan akka hin geenye waadaa siif galla. Foddaa kee irratti wadaroo diimaa rarraasi; akkas yoo goote maatiin kee ni oola.’
Rahaab basaastonni sun karaa foddaa ishii wadaroodhaan akka gadi buʼan goote. Deebiʼanii gara Iyyaasuu dhaquu isaanii duras, gara gaara tokkoo dhaqanii guyyaa sadiif achi dhokatan. Sana booda Israaʼeloonni Laga Yordaanos ceʼanii biyyatti qabachuuf qophaaʼan. Yerikoon magaalaa isaan jalqaba irratti moʼan turte. Yihowaan guyyaa jaʼaaf guyyaatti siʼa tokko magaalattiitti akka naannaʼan isaan ajaje. Guyyaa torbaffaatti garuu, magaalattiitti siʼa torba naannaʼan. Achiis luboonni fiinoo isaanii afuufan; loltoonni immoo hamma dandaʼan sagalee isaanii guddisanii iyyan. Dallaan magaalattiis ni jijjige! Manni Rahaab inni dallichatti maxxanee ijaarame garuu homaa hin taane. Rahaab Yihowaatti waan amanamteef ishii fi maatiin ishii duʼa irraa oolaniiru.
“Haaluma wal fakkaatuun, Rahaab . . . ergamtoota sana keessummummaa simattee karaa kan biraatiin erga isaan ergitee booda qajeeltuu jedhamtee kan waamamte hojiidhaan mitii?”—Yaaqoob 2:25
-
-
Iyyaasuu fi GibeʼonotaBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 31
Iyyaasuu fi Gibeʼonota
Oduun Yerikoo ilaalchisee odeeffamu saboota Kanaʼaan keessa jiran kaan bira gaʼe. Mootonni isaaniis tokkummaa uumanii Israaʼelota loluuf murteessan. Gibeʼononni garuu karoora addaa baafatan. Uffata moofaa uffatanii gara Iyyaasuu dhaquudhaan akkana jedhan: ‘Biyya fagoodhaa dhufne. Waaʼee Yihowaa fi tarkaanfii inni isiniif jedhee, Gibxii fi Moʼaab irratti fudhate dhageenyeerra. Akka nu hin miine waadaa nuuf galaa; nutis garboota keessan ni taanaa.’
Iyyaasuunis waan isaan amaneef akka isaan hin balleessine waadaa isaaniif gale. Guyyaa sadii booda, biyya dhihoodhaa akka dhufan beeke. Isaan biyya Kanaʼaanii dhufan. Iyyaasuun Gibeʼonota, ‘Maaliif nu sobdan?’ jedhee gaafate. Isaanis, ‘sodaanneeti! Waaqni keessan Yihowaan akka isiniif lolu beekna. Maaloo nu hin ajjeesinaa’ jedhan. Iyyaasuunis waadaa isaa kan eege siʼa taʼu, isaan hin ajjeesne.
Utuma baayʼee hin turinis, mootonni Kanaʼaanotaa shanii fi loltoonni isaanii Gibeʼonota irratti waraana banan. Iyyaasuu fi loltoonni isaas isaan oolchuudhaaf halkan guutuu deemaa bulan. Guyyaa itti aanu ganamas lolli ni jalqabe. Kanaʼaanonni kallattii hundaan baqachuu jalqaban. Bakka baqatan hundatti Yihowaan cabbii guguddaa isaan irratti roobse. Achiis Iyyaasuun aduun bakkuma jirtu akka dhaabattu Yihowaa gaafate. Aduun kanaan dura matumaa dhaabattee kan hin beekne taatus, Iyyaasuun Yihowaan akkas akka godhu kan gaafate maaliifi? Iyyaasuun Yihowaatti waan amanameef ture. Israaʼelonni mootota Kanaʼaanotaa fi loltoota isaanii hamma moʼanitti aduun guyyaa guutuu iddoo ishiitii hin sochoone.
“Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu; kanaan ala kan taʼe kan isa hamaa sanaa ti.”—Maatewos 5:37
-