LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w20 Fulbaana ful. 31
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Warri Amanamummaa Yihowaadhaaf Qaban Eegan Gammadoodha’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Aboo Kabajuu Kan Qabnu Maaliifi?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
w20 Fulbaana ful. 31
Fakkii Yihowaan maleekota hedduudhaan marfamee teessoo imeraaldii irra akka taaʼe argisiisu. Balaqqeessi ifa guddaa qabu teessichatti marsee jira.

Gaaffii Dubbistootaa

Lallabni 5:8 bulchitoota namootaa qofa argisiisa moo Yihowaas ni dabalata?

Caqasni xiyyeeffannaa namaa harkisu kun akkas jedha: “Hojjetaan mootummaa inni isa tokko gararraa jiru, isa isaa gadii in eega, isaan lamaan gararraa kan jirus isaan in eega waan taʼeef, kutaa biyya tokkoo keessatti hiyyeessota cunqurfamanii, firdii qajeelaanii fi wanti isaaniif taʼu isaan irraa fudhatame yoo argite hin dinqisiifatin!”—Lal. 5:8.

Akka ilaalcha namaatti yaadni kun namoota aangoo mootummaa qaban akka gaariitti ibsa. Kana irra darbinees yoo yaanne, waaʼee Yihowaas dhugaa jiru tokko ibsa, kana beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa akkasumas amanannaa keenya nuuf cimsa.

Lallabni 5:8 bulchaa hiyyeessa cunqursuu fi haqa isaan dhowwatu argisiisa. Bulchaan kun namni aangoo isa caalu qabu ykn mootummaa keessatti aangoodhaan isa caalu akka jiruu fi isa ilaaluu akka dandaʼu yaadachuu qaba ture. Warri aangoo guddaa qaban kaanis jiraachuu dandaʼu taʼa. Kan nama gaddisiisu, bulchitoonni mootummoota ilmaan namootaa keessa jiran kun hundi haqa kan jalʼisan taʼuu dandaʼu, kanaan kan kaʼes, namoonni kaan jalʼina haqaa sadarkaa hedduutti raawwatamu dandaʼanii jiraachuuf dirqamu.

Taʼus, haalli isaa hammam iyyuu abdii kan hin qabne yoo fakkaate, Yihowaan ‘hojjetaa mootummaa isa gararraa jiru’ sana illee akka ilaalu beekuun baayʼee nama jajjabeessa. Waaqayyotti iyyannoo dhiheessuu fi baʼaa keenya isa irratti gatuu ni dandeenya. (Far. 55:22; Filp. 4:6, 7) ‘Waaqayyo guutummaa biyya lafaa akka ilaalu, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan akka gargaaru’ beekna.—2 Sen. 16:9.

Kanaafuu, Lallabni 5:8 haala qabatamaa namoonni aangoo mootummaa qaban keessa jiranii fi yeroo hundumaa qaamni aangoo guddaa qabu tokko akka jiru nu yaadachiisa. Hunda caalaa immoo caqasni kun Yihowaan hundumaa akka caalu, jechuunis Aangoo Ol Aanaa kan qabu taʼuu isaa akka xiinxallu nu gargaaruu dandaʼa. Inni yeroo ammaa karaa Ilma isaa, Yesuus Kiristoos isa Mootii Mootummichaa taʼeen bulchaa jira. Inni Hundumaa Dandaʼuu fi hundumaa ilaalu, guutummaatti haqa qabeessa dha, Ilmi isaas akkasuma dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi