LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lv boq. 4 ful. 36-49
  • Aboo Kabajuu Kan Qabnu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Aboo Kabajuu Kan Qabnu Maaliifi?
  • “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ULFAATAA KAN TA’E MAALIIFI?
  • ABOO KABAJUU KAN QABNU MAALIIFI?
  • MAATII KEESSATTI ULFINA ARGISIISUU
  • GUMII KEESSATTI ULFINA ARGISIISUU
  • NAMOOTA BIYYA BULCHUUF ABOO QABANIIF ULFINA ARGISIISUU
  • Aangoo Kabajuu kan Qabnu Maaliifi?
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Aangoo Yihowaa Fudhadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Ulfina Walii Kennuuf Wal Dorgomtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Namootatti Kabaja Argisiisi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
lv boq. 4 ful. 36-49
Abbaan tokko maatii isaa barsiisaa jira

BOQONNAA 4

Aboo Kabajuu Kan Qabnu Maaliifi?

“Namoota hundumaaf ulfina kennaa.”—1 PHEXROS 2:17.

1, 2. (a) Namoota aboo qabaniif ulfina kennuun salphaa kan hin taane maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?

MUCAA xinnoon tokko wanta gochuu hin barbaanne akka godhu yommuu ajajamu, wanta sana gochuu akka hin barbaanne akkamitti akka ibsu argitee beektaa? Fuulasaarraa wanti fudhatamuufii dide tokko akka jiru hubatta. Wanta warrisaa isa ajajan dhaga’uufi aboosaanii kabajuu akka qabu beeka. Yeroo kanatti garuu matumaa ajajamuu hin barbaadu. Kun wanta darbee darbee hunda keenya mudatu akka gaariitti kan argisiisudha.

2 Yeroo baay’ee namoota aboo qaban kabajuun salphaa miti. Al tokko tokko namoota aboo qaban kabajuun sitti ulfaataa? Taanaan, kanaa wajjin kan qabsaa’u si qofa miti. Yeroo namoota aboo qabaniif ulfina kennuun garmalee hir’achaa jiru keessa jiraanna. Ta’us, Macaafni Qulqulluun namoota nurratti aboo qabaniif ulfina kennuu akka qabnu ibsa. (Fakkeenya 24:21) Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegnee jiraachuuf, namoota aboo qabaniif ulfina kennuun barbaachisaadha. Kanaaf, gaaffiiwwan tokko tokko gaafachuun keenya sirriidha. Namoota aboo qabaniif ulfina kennuun keenya ulfaataa kan ta’e maaliifi? Yihowaan namoota aboo qabaniif ulfina akka kenninu kan nurraa barbaadu maaliifi? Kana gochuuf maaltu nu gargaara? Namoota aboo qabaniif ulfina akka kenninu karaawwan kamiin argisiisuu dandeenya?

ULFAATAA KAN TA’E MAALIIFI?

3, 4. Cubbuufi hir’inni yoom jalqabe? Cubbuun namoota aboo qabaniif ulfina kennuun akka nutti ulfaatu kan taasisu maaliifi?

3 Sababiiwwan namoota aboo qabaniifi ulfina kennuun ulfaataa itti ta’e lama gabaabaatti haa ilaallu. Tokkoffaa, cubbuu dhaaluu keenya yommuu ta’u, lammaffaan, namoonni aboo qaban cubbamoota ta’uusaaniiti. Cubbuufi hir’inni ilmaan namootaarratti dhiibbaa geessisuu kan jalqabe waggoota dheeraa dura, yommuu Addaamiifi Hewwaan dhaaba Eeden keessatti aboo Waaqayyoorratti ka’anitti ture. Kanaaf, cubbuun Waaqayyorratti ka’uudhaan jalqabe. Yeroo sanaa kaasee hanga har’aatti aboorratti ka’uuf kan qoramnus kanumaafi.—Uumama 2:15-17; 3:1-7; Faarfannaa 51:5; Roomaa 5:12.

4 Cubbuu dhaaluu keenyaan, baay’een keenya kan of tuulluufi kan koorru waan taaneef, amala gad of deebisuu qabaachuun garuu, amala bal’inaan hin argamneefi fooyyeffachuuf carraaqqii gochuun nu barbaachisudha. Waggoota hedduuf amanamummaadhaan Waaqayyoon erga tajaajillee boodas, boqu-jabeeyyii ta’uufi kiyyoo kooraatiin qabamuu dandeenya. Qoraahi isa saba Waaqayyoorraa utuu gargar hin ba’in waggoota hedduuf amanamummaan rakkoo dabarsee ture akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Haata’u malee, hawwii guddaa aboo dabalataa argachuuf qabuun qaanii tokko malee Musee isa namoota bara sana turan hunda caalaa gara laafessa turerratti akka ka’amu godhe. (Lakkoobsa 12:3; 16:1-3) Uziyaa Mooticha isa of gurguddisuunsaa mana qulqullummaa Yihowaatti seenee hojii qulqulluu lubootaaf qofa kenname akka hojjetu isa taasises mee yaadi. (2 Seenaa 26:16-21) Namoonni kun yakka raawwatan kanaaf adabni cimaan isaanirra ga’eera. Adabni isaanirra ga’es akeekkachiisa gaarii nuuf ta’a. Amala of gurguddisuu namoota aboo qabaniif akka hin ajajamne nu godhu wajjin qabsaa’uu qabna.

5. Namoonni cubbamoo ta’an aboosaaniitti seeraan ala kan fayyadaman akkamitti?

5 Karaa kaanimmoo namoonni aboo qabaniifi cubbamoo ta’an, aboo ulfina dhabsiisaniiru. Baay’eensaanii hamoota, gara jabeeyyii ykn cunqursitootadha. Seenaan ilmaan namootaa, namoota aboosaaniitti garmalee fayyadamaniin kan guutamedha. (Lallaba 8:9) Fakkeenyaaf, Saa’ol yeroo Yihowaan mootii akka ta’uuf isa filate nama gaariifi gad of deebisu ture. Haata’u malee, of gurguddisuufi hinaaffaadhaan Daawit isa amanamaa ariyachuu jalqabe. (1 Saamu’el 9:20, 21; 10:20-22; 18:7-11) Boodas Daawit mootota Israa’elirratti mo’an hunda caalaa gaarii ture. Ta’us haadha manaa Uriiyaa Heetichaa fudhachuusaarrayyuu nama balleessaa hin qabne kana, dirree waraanaatti ajjeesisuudhaan aboosaatti garmalee fayyadameera. (2 Saamu’el 11:1-17) Eeyyee cubbuun, ilmaan namootaa aboosaaniitti karaa sirrii ta’een akka itti hin fayyadamne taasisa. Namoonni aboorra jiran Yihowaaf ulfina kan hin laanne yommuu ta’anittimmoo, miidhaa cimaa geessisuu danda’u. Abbaan taayitaa biyya Biriitaaniyaa tokko Phaaphaasonni Kaatolikii tokko tokko ariisaa cimaan akka babal’atu akkamitti akka godhan erga ibsanii booda: “Aboon amala namaa mancaasa; aboon daangaa hin qabnemmoo, garmalee nama mancaasa” jedhaniiru. Seenaa ilmaan namootaa aboosaaniitti garmalee fayyadaman kana yaadatti qabannee, gaaffii: Aboo kabajuu kan qabnu maaliifi? jedhu haa qorru.

ABOO KABAJUU KAN QABNU MAALIIFI?

6, 7. (a) Jaalalli Yihowaaf qabnu maal gochuuf nu kakaasa? Maaliif? (b) Yihowaaf bitamuun maal dabalata?

6 Sababii guddaan aboo akka kabajnu nu kakaasu, jaalala Yihowaaf, namootaafi ofiif qabnurraa kan maddudha. Hunda caalaa Yihowaa waan jaallannuuf garaasaa ciibsuu barbaanna. (Fakkeenya 27:11; Maarqos 12:29, 30) Dhaaba Eeden keessatti isarratti ka’uun erga jalqabee kaasee, lafa kanarratti olaantummaafi mirga inni uumama cufa bulchuuf qaburratti gaaffiin kan ka’e yommuu ta’u, ilmaan namootaa hedduun Seexana cina hiriiruudhaan bulchiinsa Yihowaa mormaniiru. Nuti garuu haala kanarraa adda ta’een olaantummaa Yihowaa deggeruun keenya baay’ee nu gammachiisa. Jechoota dinqisiisoo Mul’ata 4:11⁠rratti argaman yommuu dubbisnu garaan keenya baay’ee tuqama. Nuuf, Yihowaan uumama cufa bulchuuf mirga hin sarbamne kan qabu ta’uunsaa baay’ee ifaadha! Guutummaa jireenya keenyattis, qajeelfamasaa fudhachuudhaan olaantummaasaa deggerra.

7 Ulfinni akkasiimmoo, yeroo nuu mijatu ajajamuudhaan alattis wanta dabalatu qaba. Yihowaa waan jaallannuuf garaa guutuudhaan isaaf ajajamna. Ta’us, ajajamuun yommuu baay’ee ulfaataa nutti ta’u jira. Yeroo akkasiitti, akkuma mucaa keeyyata jalqabaarratti ibsamee abboomamuuf carraaqqii gochuu nu barbaachisa. Yesus yeroo haallisaa baay’ee rakkisaa ta’ettillee jaalala Abbaasaatiif akka bitame ni yaadanna. Abbaasaatiin, “Akka ani jaalladhe utuu hin ta’in, akka ati jaallatte haa ta’u!” jedheera.—Luqaas 22:42.

8. (a) Yeroo har’aatti aboo Yihowaatiif bitamuun maal kan dabalatudha? Gama kanaan Yihowaatti maaltu akka dhaga’amu seenaa isa kamtu argisiisa? (b) Gorsa dhaga’uufi adaba fudhachuuf maaltu nu gargaaruu danda’a? (Saanduqa “Gorsa Dhaga’i, Barsiisa Fudhadhu!” jedhu ilaali.)

8 Yihowaan yeroo har’aatti dhuunfaatti utuu hin ta’in, Dubbiisaafi bakka buutotasaa lafarratti argamaniin gargaaramee nutti dubbata. Kanaaf, yeroo baay’ee namoota inni aboorra kaa’e ykn aboorra akka taa’an heyyameef ulfina kennuudhaan aboosaatiif akka bitamnu argisiisna. Fakkeenyaaf, sirreeffamaafi gorsa namoonni kun Caaffata Qulqullaa’aarratti hundaa’anii nuu kennan yoo fudhachuu didne Waaqa keenya gaddisiisna. Israa’eloonni yommuu Museerratti guungumaniifi irratti ka’an, Yihowaan gochasaanii kana kallattiidhaan akka isarratti ka’anitti ilaaleera.—Lakkoobsa 14:26, 27.

9. Jaalalli namoota hidhata keenya ta’aniif qabnu, warra aboorra jiraniif ulfina kennuuf kan nu kakaasu maaliifi? Fakkeenya kenni.

9 Jaalala namootaaf qabnuunis warra aboo qabaniif ulfina kennina. Akkamitti? Mee akka nama macca waraanaa keessaa tajaajiluutti of ilaali. Milkaa’inniifi balaarraa ooluun macca waraanaa kanaa, loltoonni hundi hoggantoota sadarkaa sadarkaadhaan jiranii wajjin walii galuudhaan ajajamuufi ulfina kennuusaaniirratti kan hundaa’edha. Aboo macca waraanaa kana keessatti argamuuf ajajamuu diduudhaan tokkummaa waraanichaa yoo diigde, lubbuun loltoota waraana kana hundaa balaaf saaxilamuu danda’a. Macci waraanaa ilmaan namootaa, yeroo har’aatti argaman biyya lafaarratti badiisa guddaa geessisaa akka jiran beekamaadha. Yihowaan garuu macca waraanaa ilmaan namootaa fayyadan qofa qaba. Macaafni Qulqulluun, yeroo dhibbaan lakkaa’amaniif “Waaqayyo gooftaa maccaa” jedhee waa’ee Yihowaa dubbata. (1 Saamu’el 1:3) Inni Ajajaa macca waraanaa uumamawwan hafuuraa jaboo ta’aniiti. Yihowaan yeroo tokko tokko tajaajiltootasaa lafarratti argaman macca waraanaa wajjin wal fakkeessa. (Faarfannaa 68:11; Hisqi’el 37:1-10) Namoota Yihowaan aboorra kaa’erratti yoo kaane loltoota hafuuraa hidhata keenya ta’an balaaf saaxiluu hin ta’uu? Kiristiyaanni tokko jaarsolii muudamanirratti yommuu ka’u, miseensonni gumii kaanis ni dhiphatu. (1 Qorontos 12:14, 25, 26) Mucaan tokko aboo warrasaarratti yoo ka’e guutummaa maatichaatu dhiphata. Kanaaf, warra kaaniif ulfina kennuufi walii galtee qabaachuudhaan jaalala namoota hidhata keenya ta’aniif qabnu argisiisna.

10, 11. Fedhiin karaa sirrii ta’een faayidaa argachuuf qabnu, namoota aboo qabaniif akka abboomamnu kan nu kakaasu akkamitti?

10 Namoota aboo qabaniifi ulfina kan kenninus faayidaa keenyaaf jechadha. Yihowaan namoota aboorra jiraniif ulfina akka kenninu yommuu nu ajaju, yeroo baay’ee faayidaa abboomamuun argamsiisus ni ibsa. Fakkeenyaaf, ijoolleen bara dheeraa akka jiraataniifi gaarii akka isaanii ta’uuf, warrasaaniitiif akka abboomaman isaan ajajeera. (Keessa Deebii 5:16; Efesoon 6:2, 3) Hariiroo Yihowaa wajjin qabnu waan nu dhabsiisuuf, jaarsolii gumiitiif ulfina akka kenninu nutti himeera. (Ibroota 13:7, 17) Faayidaa keenyaaf jecha namoota biyya bulchuuf aboo qabaniif ulfina akka kenninu nu abboomeera.—Roomaa 13:4.

11 Yihowaan akka abboomamnu kan nurraa barbaadu maaliif akka ta’e beekuun, namoota biyya bulchuuf aboo qabaniif ulfina akka kenninu kan nu gargaaru sitti hin fakkaatuu? Kanaaf, karaawwan gurguddaa namoota aboo qabaniif ulfina kennuu itti dandeenyu sadii haa ilaallu.

MAATII KEESSATTI ULFINA ARGISIISUU

12. Yihowaan maatii keessatti abbaa manaafi abbaaf hojii akkamii kenneera? Ga’eesaa kana akkamitti raawwachuu qaba?

12 Maatii kan hundeesse Yihowaadha. Waaqayyo yoomiyyuu sabrii kan qabu waan ta’eef, maatiin karaa sirrii hojjechuu akka danda’u godhee hundeesseera. (1 Qorontos 14:33) Abbaan manaafi abbaan, mataa maatii akka ta’uuf aboon kenneeraaf. Fakkeenya Yesus aboo gumiirratti qabu itti fayyadame hordofuudhaan, Kiristos isa Mataasaa ta’eef ulfina akka kennu argisiisa. (Efesoon 5:23) Kanaaf, abbaan manaa itti gaafatamummaasaa raawwachuuf jabaatee hojjechuudhaan, jaalala qabeessa, sababi qabeessaafi gaarii ta’uu qaba malee, gara jabeessa ykn kan hacuucu ta’uu hin qabu. Aboon isaaf kenname daangaa kan qabu malee, aboo Yihowaa ol akka hin taane hubata.

Abbaan Kiristiyaana ta’e, matummaasaatti yeroo fayyadamu fakkeenya Kiristos hordofa

13. Haati manaafi haati, itti gaafatamashee karaa Yihowaa gammachiisuun raawwachuu kan dandeessu akkamitti?

13 Haati manaafi haatimmoo, abbaa manaashee kan gargaartu ta’uu qabdi. Macaafni Qulqulluun “barsiisa haadha keetiis” hin tuffatin waan jedhuuf, isheefis maatii keessatti aboon kennameera. (Fakkeenya 1:8) Aboon isheef kenname garuu kan abbaa manaashee gadidha. Haati manaa Kiristiyaana taate, abbaan manashee itti gaafatamummaa inni mataa maatii ta’uudhaan qabu sirriitti akka raawwatu gargaaruudhaan, aboosaatiif ulfina akka kennitu argisiisti. Isa hin tuffattu, gara barbaaddetti isa hin jal’istu ykn aboosaa hin fudhattu. Kanaa mannaa, isa deggerti, akkasumas isaa wajjin walii galti. Murtoonsaa yeroo ishee hin gammachiisnetti, yaadashee karaa ulfina qabuun ibsitus ni bitamtiif. Abbaan manaa hidhata amantiishee utuu hin ta’in hafuusaatiin haalli rakkisaan ishee mudatus, isaaf bitamuunshee Yihowaa akka barbaadu isa kakaasuu danda’a.—1 Phexros 3:1.

Abbaan tokko ilma isaa isa dhoqqeedhaan mana xureesse jaalalaan gorsaa jira

14. Ijoolleen warrasaaniifi Yihowaa kan gammachiisan akkamitti?

14 Ijoolleen abbaafi haadhasaaniitiif yommuu abboomaman Yihowaa ni gammachiisu. Warrasaaniitiifis ulfinaafi gammachuu argamsiisu. (Fakkeenya 10:1) Abbaa ykn haadhaan qofa kan bulanis, deggersi caalaatti akka isaan barbaachisu hubachuudhaan warrasaaniitiif abboomamuu qabu. Miseensonni maatii hundi ga’ee Waaqayyo isaaniif kenne sirriitti yoo raawwatan, maatichi nagaafi gammachuu qabaata. Kunimmoo, Yihowaa isa maatii hundeesseef ulfina argamsiisa.—Efesoon 3:14, 15, hiika bara 1899.

GUMII KEESSATTI ULFINA ARGISIISUU

15. (a) Gumii keessatti aboo Yihowaatiif ulfina akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Seerri bu’uuraa namoota nu geggeessaniif akka abboomamnu nu gargaaru kamidha? (Saanduqa ‘Geggeessitoota Keessaniif Abboomamaa’ jedhu ilaali.

15 Yihowaan, Ilmasaa gumii Kiristiyaanaarratti Bulchaa godhee muudeera. (Qolosaayis 1:13) Yesusis, soora hafuuraa saba Waaqayyoo lafarra jiraniif dhihaatu akka to’atuufi akka guutuuf, ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ muudeera. (Maatewos 24:45-47) Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa kutaa hojjetaa amanamaa bakka bu’a. Jaarsoliin yeroo keenyatti argaman akkuma gumii Kiristiyaanaa jaarraa tokkoffaa, Qaama Olaanaarraa qajeelfamaafi gorsa kan argatan kallattiidhaan ykn karaa bakka buutotaa, jechuunis karaa daawwattoota olaanaa aanaa ta’uu danda’a. Dhuunfaadhaan aboo jaarsolii gumii Kiristiyaanaatiif ulfina kan kenninu yoo ta’e, Yihowaaf abboomamaa jirra jechuudha.—Ibroota 13:17.

16. Jaarsoliin hafuura qulqulluudhaan muudamu jechuun kan danda’amu akkamitti?

16 Jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii cubbuurra walaba miti. Isaanis akkuma keenya dogoggoru. Haata’u malee, jaarsoliin gumichi hariiroo Yihowaa wajjin qabu akka jabeeffatu gargaaruuf ‘dhiirota kennamanidha.’ (Efesoon 4:8, NW) Jaarsoliin hafuura qulqulluudhaan muudamu. (Hojii Ergamootaa 20:28) Akkamitti? Dhiironni kun, muudamuusaanii dura ulaagaalee Dubbii Waaqayyoo geggeessaa hafuurasaatiin barreeffaman guutuu waan qabaniifidha. (1 Ximotewos 3:1-7, 12; Tiitoos 1:5-9) Kana malees, jaarsoliin obboleessi tokko ulaagaalee Caaffata Qulqullaa’aa guutuufi dhiisuusaa madaalan, hafuurri Yihowaa akka isaan gargaaru cimsanii kadhatu.

17. Yeroo tokko tokko, dubartoonni sochiiwwan gumii keessatti godhamurratti mataasaanii kan haguuggatan maaliifi?

17 Hojiiwwan jaarsolii ykn tajaajiltoota gumiitiif kennaman, jechuunis walga’ii tajaajila dirree kan geggeessan yeroon itti dhabaman jiraachuu danda’a. Yeroo akkasiitti obboloonni dhiiraa cuuphaman garabiraan bakka bu’uudhaan hojii kana raawwachuu danda’u. Obboloonni cuuphaman hin jiran taanaanimmoo, obboleettiin ga’umsa qabdu bakka bu’uu dandeessi. Haata’u malee, obboleettiin Kiristiyaana taate hojii obboleessi cuuphame raawwachuu qabu yommuu hojjettu hundaatti mataashee haguuggachuu qabdi.a (1 Qorontos 11:3-10) Ulaagaan kun dubartoota kan gadi qabu miti. Kanaa mannaa, matummaa Yihowaan maatiifi gumii keessatti hundeesseef ulfina akka qabdu argisiisuuf carraa isheedhaaf bana.

NAMOOTA BIYYA BULCHUUF ABOO QABANIIF ULFINA ARGISIISUU

18, 19. (a) Seera bu’uuraa Roomaa 13:1-7⁠rratti argamu akkamitti ibsita? (b) Namoota biyya bulchaniif ulfina akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Kiristiyaanonni dhugaa, yaada garaasaaniitiif ajajamuudhaan seera bu’uuraa Roomaa 13:1-7⁠rratti argamu hojiirra oolchu. Yaadawwan caqasa kanarratti argaman yommuu dubbistu, “warra biyya bulchuudhaaf aboo qaban” jedhamanii kan ibsaman mootummoota addunyaa kanaa ta’uusaanii hubatta. Mootummoonni kunis, hanga Yihowaan isaaniif heyyametti hamma tokko seera kabachiisuufi wantoota barbaachisaa ta’an raawwachuudhaan tajaajila kennu. Seeraaf ajajamuudhaan namoota aboorra jiraniif ulfina akka kenninu argisiisna. Gibira nutti murame baasuuf, foormiiwwan mootummaan akka guunnu nurraa barbaadu hundaa guutuufi seerawwan nuun, maatii, hojii ykn qabeenya keenya ilaallatan hundaa kabajuuf of eeggannoo goona. Namoonni biyya bulchuuf aboo qaban kun abboommii Waaqayyoo akka cabsinu yoo nu gaafatan garuu, isaaniif hin ajajamnu. Kanaa mannaa, akkuma ergamoota Yesus durii: “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jenna.—Hojii Ergamootaa 5:28, 29; saanduqaa mataduree “Aboo Eenyuufan Abboomamuu Qaba?” jedhu ilaali.

Aboo Eenyuufan Abboomamuu Qaba?

Seera bu’uuraa: “Waaqayyo abbaa firdii keenya, Waaqayyo seera nuuf in kenna, Waaqayyo mootii keenya.”—Isaayaas 33:22.

Gaaffiiwwan of gaafachuu qabdu tokko tokko

  • Ulaagaa Yihowaa akkan cabsu utuun gaafatame maalan godha?—Maatewos 22:37-39; 26:52; Yohannis 18:36.

  • Abboommota Yihowaa akkan hin raawwanne utuun gaafatame maalan godha?—Hojii Ergamootaa 5:27-29; Ibroota 10:24, 25.

  • Namoota aboo qabaniif abboomamuu barachuuf maaltu na gargaaruu danda’a?—Roomaa 13:1-4; 1 Qorontos 11:3; Efesoon 6:1-3.

19 Amala keenyaanis, namoota biyya bulchuuf aboo qabaniif ulfina akka kenninu argisiisna. Al tokko tokko namoota biyya bulchuuf aboo qaban duratti yeroon itti dhihaannu jiraachuu danda’a. Phaawulos, Herodis Agriiphaa mootichaafi Bulchaa biyyaa Fesxoos duratti dhihaatee ture. Namoonni kun gaarii akka hin taane beekus, ulfinaan isaan haasofsiiseera. (Hojii Ergamootaa 26:2, 25) Nutis nama aboo guddaa qabus ta’e, poolisii aboo hin qabne duratti yeroo dhihaannu fakkeenya Phaawulos hordofna. Dargaggoonni Kiristiyaanaas mana barumsaatti barsiisota, hoggantootaafi hojjettootaaf ulfina kennuuf carraaqqii wal fakkaatu godhu. Namoota amantaa keenya kabajan qofa utuu hin ta’in namoota Dhugaa Baatota Yihowaa mormanittis ulfina akkasii argisiisna. Walumaa galatti namoonni hin amannes akka ulfina kenninuuf hubachuu qabu.—Roomaa 12:17, 18; 1 Phexros 3:15.

20, 21. Eebbawwan aboo kabajuun argaman tokko tokko maalfa’i?

20 Ulfina argisiisuuf sassatuu hin qabnu. Phexros, “Namoota hundumaaf ulfina kennaa” jechuudhaan barreesseera. (1 Phexros 2:17) Namoonni ulfina akka kenninuuf yommuu hubatan garaansaanii ni tuqama. Yeroo har’aatti namootaaf ulfina kennuun gadi badaa akka dhufe yaadadhu. Kanaaf abboommii Yesus: “Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!” jechuudhaan kenne, karaan itti hojiirra oolchinu keessaa inni tokko namoota hundaaf ulfina kennudha.—Maatewos 5:16.

21 Namoonni biyya lafaa isa dukkana keessatti argamaniifi garaa qajeelaa qaban gara ifa hafuuraati dhufuu danda’u. Kanaaf, maatii, gumiifi namoota biyya bulchuuf aboo qabaniif akka ulfina kenninu argisiisuun keenya, namoonni tokko tokko nu wajjin ifa keessa akka deddeebi’an isaan gargaaruu danda’a. Kun mirga baay’ee dinqisiisaadha! Kun ta’uu baatus, dhugaan hin haalamne tokko jira. Namootaaf ulfina kennuun keenya Yihowaa gammachiisuusaarrayyuu, jaalalasaa keessatti of eegnee jiraachuuf nu gargaara. Mirgi guddaan kana caalu jiraa?

a Kutaan Dabalataa fuula 209-12⁠rra jirru, karaawwan seerri bu’uuraa kun hojiirra itti ooluu danda’an keessa muraasasaanii ibsa.

“Gorsa Dhaga’i, Barsiisa Fudhadhu!”

Yeroo har’aatti, biyyi lafaa hafuura Seexanaatiin, jechuunis walirratti ka’uufi qoccolloodhaan guutameera. Kanaaf Macaafni Qulqulluun, Seexana ‘aboo qilleensa keessa jiru irratti isa gooftummaa qabuufi hafuura hamaa amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jiru’ godhee ibsa. (Efesoon 2:2) Har’as namoonni hedduun aboo namoota kaaniirraa guutummaatti walaba ta’uu barbaadu. Hafuurri akkasii kun namoota gumii Kiristiyaanaa keessatti argaman tokko tokkos mancaasuunsaa baay’ee nama gaddisiisa. Fakkeenyaaf, jaarsi tokko gaarummaadhaan balaa bashannanawwan gocha gara jabinaafi amala addaggummaa argisiisan ilaalchisee gorsa kennuu danda’a. Haata’u malee, obboloonni tokko tokko gorsa kanatti mufachuu ykn ittiin mormuu danda’u ta’a. Hundi keenyayyuu gorsa Fakkeenya 19:20⁠rratti: “Gara booddeetti ogeessa akka taatutti, gorsa dhaga’i, barsiisas fudhadhu!” jedhu hojiirra oolchuu nu barbaachisa.

Gama kanaan maaltu nu gargaaruu danda’a? Sababiiwwan beekamoo sadan namoonni gorsa ykn barsiisa fudhachuu itti didan erga ilaaltee booda, kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu qalbeeffadhu.

  • “Gorsisaa sirrii natti hin fakkaatu.” Gorsi kenname haala keenyaa wajjin kan wal hin simne ykn obboleessi gorsa kenne dhimma kana guutummaatti akka hin hubanne jennee yaanna ta’a. Battala sanatti wanti nutti mul’atu gorsicha akka salphaatti ilaaluu ta’uu danda’a. (Ibroota 12:5) Hundi keenya cubbamoota waan taaneef, ilaalcha dhimma kanaaf qabnurratti jijjiirama gochuun nu hin barbaachisuu? (Fakkeenya 19:3) Gorsicha kennuuf sababiiwwan tokko tokko jiraachuu hin danda’anii? Taanaan isarratti xiyyeeffachuu qabna. Dubbiin Waaqayyoo: “Gorsa siif kennamtetti jabaadhu, gad ishee hin dhiisin! Isheen jireenya kee waan taateef, ba’eessa godhii eeggadhu!” jechuudhaan nu gorsa.—Fakkeenya 4:13.

  • “Akkaataa gorsichi itti kenname natti hin tolle.” Dubbiin Waaqayyoo akkaataa gorsi itti kennamuu qabu ilaalchisee seera bu’uuraa guddaa qabateera. (Galaatiyaa 6:1) Akkasumas, “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera” jedha. (Roomaa 3:23) Gorsa mudaa hin qabne karaa sirrii ta’een argachuu kan dandeenyu nama mudaa hin qabnerraa qofadha. (Yaaqoob 3:2) Yihowaan namoota cubbamootatti fayyadamee gorsa nuu kenna; kanaaf akkaataa gorsisaa itti kennamerratti xiyyeeffachuu dhiisuun gaariidha. Kanaa mannaa, gorsicharratti xiyyeeffachuufi akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu kadhannaadhaan irratti yaaduun gaarii ta’a.

  • “Inni na gorsuuf ga’eessa miti!” Namni gorsa nuu kenne hir’ina kan qabuufi gorsisaa faayidaa kan hin qabne yoo nutti fakkaate yaadawwan armaan olitti caqasaman yaadachuu nu barbaachisa. Haaluma wal fakkaatuunis, umrii, muuxannoo ykn itti gaafatamummaa gumii keessatti qabnuun gorsi waan nu hin barbaachisne yoo nutti fakkaate, ilaalcha keenya sirreessuu nu barbaachisa. Israa’el durii keessatti mootiin itti gaafatamummaa gudaa kan qabu ta’us, gorsa raajonni, luboonniifi namoonni isa jalatti bulan kennaniif fudhachuu qaba ture. (2 Saamu’el 12:1-13; 2 Seenaa 26:16-20) Har’as, jaarmiyaan Yihowaa namoonni cubbamoota ta’an gorsa akka kennan kan muudu yommuu ta’u, Kiristiyaanonni bilchaatoonimmoo gorsicha gammachuudhaan hojiirra oolchu. Itti gaafatamummaa guddaa ykn muuxannoo warra kaanirra caalu qabaachuu dandeenya; haata’u malee gorsa nuu kenname fudhannee hojiirra oolchuudhaan kan gorsa fudhannu, kan gad of qabnuufi kan hojiirra oolchinu ta’uudhaan fakkeenya gaarii ta’uu qabna.—1 Ximotewos 3:2, 3; Tiitoos 3:2.

Namni gorsi isa hin barbaachisne hin jiru. Kanaaf, gorsa nuu kennamu fudhannee hojiirra oolchuufi abboomamuudhaan, Yihowaa isa qophii lubbu baraarsaa kana nuu qopheesse garaadhaa galateeffachuuf murtoo haa goonu. Gorsi jaalala Yihowaan nuuf qabu kan ibsu yommuu ta’u, nutis jaalala Yihowaa keessatti of eegnee jiraachuu barbaanna.—Ibroota 12:6-11.

‘Geggeessitoota Keessaniif Abboomamaa’

Israa’el durii keessatti sabicha geggeessuuf gurmaa’uun baay’ee ariifachiisaa ture. Museen saba miliyoonaan lakkaa’amuufi lafa onaa sodaachisaa ta’e keessa adeemaa jiru qofaasaa geggeessuu hin dandeenye. Maal godheree? “Museen guutummaa Israa’el keessaa namoota danda’an fo’ee, eegdota kumaa, eegdota dhibbaa, eegdota shantamaa, eegdota kudhaniis godhee, saba geggeessuu akka isa gargaaraniif aboo in kenneef.”—Ba’uu 18:25.

Har’as, gumii Kiristiyaanaa keessatti gurmaa’inni akkasii barbaachisaadha. Tuutni tajaajila dirree ilaaltuu olaanaa kan qabate, gumiin jaarsolii kan qabaate, gumiiwwan addaddaa daawwataa olaanaa aanaa kan qabaatan, tuutni aanaawwan addaddaa daawwattoota olaanaa koonyaa kan qabaatan, biyyi tokko Koree Biyyaa ykn Koree Waajjira Damee kan qabaate kanaafidha. Gurmaa’inni akkasii waan jiruuf, dhiirri tiksee ta’ee tajaajilu hundi hoolota Yihowaa eegumsasaa jalatti argaman dhiheenyatti hordofuu danda’a. Tiksitoonni kunis, Yihowaafi Kiristos duratti itti gaafatamu.—Hojii Ergamootaa 20:28.

Qophiin gurmaa’inaa kun, hundi keenya kan abboomamnuufi kan bitamnu akka taanu nurraa barbaada. Matumaa akka Diyotreefes isa namoota barasaatti geggeessitoota turaniif ulfina utuu hin kennin hafee ta’uu hin barbaannu. (3 Yohannis 9, 10) Gorsa Phaawulos akkas jechuudhaan barreesse raawwachuu barbaanna: “Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waa’ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf! [“bitamaa,” NW] Kanas gaddaan utuu hin ta’in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba’eessa miti.” (Ibroota 13:17) Warri tokko tokko qajeelfama obboloonni geggeessitoota ta’an kennanii wajjin yeroo walii galan qajeelfamicha ni raawwatu; fudhatamuufii ykn sababii qajeelfamni kun itti kenname hubachuu yommuu dadhabani garuu hin bitaman. Haata’u malee, bitamuu jechuun yeroo nutti toluu diduttis abboomamuu kan dabalatu ta’uusaa qalbeeffadhu. Kanaaf hundi keenya, ‘Warra na geggeessaniif nan abboomamaa? Akkasumas nan bitamaa?’ jennee of gaafachuu qabna.

Dhugaadha, Macaafni Qulqulluun qophii gumichaaf godhamu ykn akkaataa hojiin itti hojjetamuu qabu ilaalchisee wantoota hundaa tokko tokkoon hin ibsu. Haata’u malee, “Wanti hundinuu garuu akka tolutti, sabiriidhaanis hojjetamuutu irra jira” jedha. (1 Qorontos 14:40) Qaamni Olaanaan qajeelfama kanaaf abboomamuudhaan hojiin gumii akka toluufi karaa sabrii qabuun akka geggeeffamuuf, akkaataa hojiin itti hojjetamuu qabu ilaalchisee qajeelfama addaddaa qopheesseera. Dhiironni Kiristiyaanota ta’aniifi itti gaafatamummaa qaban, abboomamuufi qophiiwwan kana hojiirra oolchuudhaan fakkeenya gaarii ta’u. Namoota itti gaafatamummaa qabaniifis “sababi qabeeyyiifi ajajamuuf kan qophaa’an” ta’u. (Yaaqoob 3:17, NW) Kanaaf, tuutni tajaajila dirree, gumiin, aanaan, koonyaafi biyyi hundi, Waaqayyo isa eebbifama kan kabachiisu, tokkummaa kan qabuufi amantoota akka qaama tokkootti sabriidhaan hojjetan kan qabatedha.—1 Qorontos 14:33; 1 Ximotewos 1:11.

Karaa biraammoo, jechoonni Phaawulos Ibroota 13:17⁠rratti argaman abboomamuu diduun balaa kan geessisu maaliif akka ta’e ibsu. Namoonni itti gaafatamummaa qaban hojiisaanii “gaddaan” akka hojjetan gochuu danda’a. Obboleessi tokko, walta’iinsa dhabuufi mormii karra hoolotaa gidduutti uumamee wajjin qabsaa’uuf yoo dirqame, tajaajilli qulqulluu akka mirga guddaatti ilaalamuu qabu ba’aa ulfaataa akka ta’e isatti dhaga’amuu danda’a. Kunimmoo, ‘siinis’ ta’e guutummaa gumichaa miidha. Namni tokko seera ti’ookraasiitiif bitamuu diduusaatiin rakkoon ga’uu danda’u garabiraanis jira. Gad of deebisuu diduudhaan of gurguddisuusaa yoo itti fufe, Abbaasaa isa samiirraa waan fagaatuuf hariiroo Yihowaa wajjin qabu ni dhaba. (Faarfannaa 138:6) Kanaaf, hundi keenya abboomamuufi bitamuuf murtoo haa goonu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi