LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Geggeessaa Haaraa fi Dubartoota Ija Jabeeyyii Lama
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Baaraaq Dibooraan isaa wajjin akka deemtuuf yommuu mallattoodhaan ishii waamu

      BARUMSA 32

      Geggeessaa Haaraa fi Dubartoota Ija Jabeeyyii Lama

      Iyyaasuun waggoota hedduudhaaf saba Yihowaa geggeessaa erga turee booda waggaa 110​tti duʼe. Hanga inni lubbuudhaan turetti Israaʼelonni Yihowaa waaqeffachaa turan. Erga inni duʼee booda garuu, isaanis akkuma Kanaʼaanotaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu jalqaban. Israaʼelonni Yihowaa waaqeffachuu waan dhiisaniif, jireenyi ulfaataa akka isaanitti taʼuuf inni mootii Kanaʼaanotaa Yaabiin jedhamutti dabarsee isaan kenne. Yeroo kanatti, sabichi Yihowaan akka isa gargaaru kadhate. Kanaaf, Yihowaan geggeessaa haaraa Baaraaq jedhamu isaaniif kenne. Innis sabichi gara Yihowaatti akka deebiʼu gargaare.

      Dibooraa raajittiin nama itti ergitee Baaraaqiin waamsiste. Ergaa Yihowaa biraa isaaf dhufe akkana jettee isatti himte: ‘Dhiirota 10,000 fudhadhuu laga Qiishoonitti loltoota Yaabiin irratti waraana bani. Achitti Siseeraa isa ajajaa waraanaa Yaabiin taʼe ni injifatta.’ Baaraaqis Dibooraadhaan, ‘Yoo ati anaa wajjin dhaqxe qofan dhaqa’ jedhe. Ishiinis akkana isaan jette: ‘Dhaquu illee si wajjin nan dhaqa. Siseeraa kan ajjeesu garuu siʼi akka hin taane beeki. Yihowaan dubartiin tokko akka isa ajjeestu dubbateera.’

      Kanaaf, Dibooraan waraanaaf qophaaʼuuf, Baaraaqii fi loltoota isaa wajjin gara Gaara Taaboritti ol baate. Siseeraan akkuma waaʼee kanaa dhagaʼeen, gaariiwwan fardaa fi loltoota isaa sulula Gaara Taabor jala jiru keessatti walitti qabate. Dibooraan Baaraaqiin, ‘Harʼa guyyaa Yihowaan itti moʼicha siif kennu dha’ isaan jette. Achiis, Baaraaqii fi dhiironni isaa 10,000 loltoota Siseeraa warra humna guddaa qaban sana loluuf gaaricha irraa gad buʼan.

      Yeroo kanatti, Yihowaan lagni Qiishoon guutee akka dhangalaʼu godhe. Gaariiwwan waraanaa Siseeraa dhoqqeedhaan qabaman. Kanaaf, Siseeraan gaarii isaa dhiisee baqachuu jalqabe. Baaraaqii fi loltoonni isaa loltoota Siseeraa ni moʼan, Siseeraan garuu ni miliqe! Achiis, baqatee dunkaana dubartii Yaaʼel jedhamtu tokkoo keessa dhokate. Yaaʼel aannan akka dhugu erga kenniteefii booda, uffata hoʼa kennu isatti uffiste. Loltuun dadhabe kun hirribni cimaan isa fudhate. Achiis, Yaaʼel qaxxistee gara isaa dhaquudhaan qofoo dunkaanaa illee isaa keessa baaste. Innis ni duʼe.

      Baaraaqii fi Dibooraan faarfannaadhaan yommuu Yihowaa jajatan

      Baaraaqis Siseeraa barbaacha dhufe. Yeroo kanatti Yaaʼel dunkaana ishii keessaa baatee, ‘Ol seeni! Nama ati barbaaddu sana sittan argisiisa!’ jetteen. Baaraaq ol seenee reeffi Siseeraa lafa irratti diriiree arge. Baaraaqii fi Dibooraan, Yihowaan Israaʼelotaaf diinota isaanii irratti moʼicha waan kenneef faarfannaadhaan isa jajatan. Achiis Israaʼelonni waggoota 40 itti aananiif nagaa argatan.

      “Dubartoonni misiraachicha labsan raayyaa guddaa dha.”—Faarfannaa 68:11

      Gaaffii: Dibooraan Israaʼelota kan gargaarte akkamitti? Yaaʼel ija jabina kan argisiiste akkamitti?

      Abbootii Murtii 4:1–5:31

  • Ruutii fi Naaʼomii
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Naaʼomiin, Ruut gara biyya ishiitti akka deebitu yommuu itti himtu

      BARUMSA 33

      Ruutii fi Naaʼomii

      Yeroo Israaʼel keessatti beelli buʼee turetti, dubartiin Israaʼel Naaʼomii jedhamtu tokko abbaa manaa ishii fi ilmaan ishii lamaanii wajjin biyya Moʼaab dhaqxe. Yeroo booda abbaan manaa Naaʼomii ni duʼe. Ilmaan ishii, dubartoota Moʼaab Ruutii fi Oorfaa jedhaman fuudhan. Kan nama gaddisiisu garuu, yeroo booda ilmaan Naaʼomiis ni duʼan.

      Naaʼomiin, beelli Israaʼel keessa ture akka darbe yommuu dhageessu biyyaa ishiitti deebiʼuuf murteessite. Ruutii fi Oorfaanis ishii wajjin deemuuf kaʼan, Naaʼomiin garuu akkana isaaniin jette: ‘Isin ilmaan kootiif haadha manaa gaarii turtan, anaafis gaarii turtan. Ani lamaan keessan iyyuu deebitanii akka heerumtan nan barbaada. Kanaaf gara mana keessan, gara Moʼaabitti deebiʼaa’ isaaniin jette. Isaan garuu, ‘Nuti si jaallanna! Si biraa hafuu hin barbaannu’ ishiidhaan jedhan. Naaʼomiinis akka deebiʼan isaan kadhachuu ishii itti fufte. Dhuma irrattis Oorfaan ni deebite, Ruut garuu ishii biratti hafte. Yeroo kanatti Naaʼomiin, ‘Oorfaan gara saba ishii fi gara waaqolii ishiitti deebiteetti. Atis ishii wajjin deemi, gara mana haadha keettis deebiʼi’ ishiidhaan jette. Ruut garuu, ‘Ani si biraa hin hafu. Sabni kee saba koo, Waaqni kees Waaqa koo anaaf in taʼa’ ishiidhaan jette. Ruut yommuu akkana jettu Naaʼomitti maaltu dhagaʼame jettee yaadda?

      Ruutii fi Naaʼomiin yeroo garbuun haamamuu jalqabutti biyya Israaʼel gaʼan. Gaaf tokko, Ruut qaarmii funaannachuuf gara maasii Boʼaaz isa ilma Rahaab taʼee dhaqxe. Inni, Ruut dubartii Moʼaab akka taatee fi amanamummaadhaan Naaʼomii wajjin akka turte dhagaʼe. Boʼaaz, Ruut qaarmii akka funaannattuuf mataa midhaanii muraasa akka ishiidhaaf dhiisan hojjettoota isaatti hime.

      Ruut maasii Boʼaaz keessaa yommuu qaarmii funaannattu

      Galgala sana Naaʼomiin, ‘Harʼa maasii eenyuu keessaa funaannachaa oolte?’ jettee ishii gaafatte. Ruutis, ‘Maasii namicha Boʼaaz jedhamu keessaa ti’ jettee deebisteef. Naaʼomiin immoo akkana ishiidhaan jette: ‘Boʼaaz firoottan abbaa manaa koo keessaa tokko dha. Kanaaf, dubartoota maasii isaa keessaa hojjetan biraa hin hafin. Achitti miidhaan si irra hin gaʼu.’

      Naaʼomiin, Boʼaaz, Ruutii fi Yoobeedii wajjin

      Ruut hanga haamaan xumuramutti maasii Boʼaaz keessa hojjechuu ishii itti fufte. Boʼaaz, Ruut jabaatte kan hojjettuu fi dubartii gaarii taʼuu ishii hubatee ture. Bara sanatti namni tokko utuu ilmaan hin godhatin yoo duʼe, firri isaa tokko haadha manaa isaa sana ni fuudha ture. Kanaaf, Boʼaaz Ruutiin fuudhe. Isaan ilma Yoobeed jedhamuu fi yeroo booda akaakayyuu Daawit Mootichaa taʼe godhatan. Michoonni Naaʼomiis baayʼee gammadan. Isaan akkana ishiidhaan jedhan: ‘Jalqaba, Yihowaan Ruut ishii baayʼee gaarii taate siif kenne, amma immoo kunoo akkoo taate. Yihowaan haa jajamu.’

      “Michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.”—Fakkeenya 18:24

      Gaaffii: Ruut, Naaʼomii akka jaallatu akkamitti argisiiste? Yihowaan, Ruutii fi Naaʼomii kan gargaare akkamitti?

      Ruut 1:1–4:22; Maatewos 1:5

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi