LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Waadaa Yiftaan Gale
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yiftaan yommuu intalli isaa isa simachuudhaaf gad baatu uffata isaa tarsaase

      BARUMSA 36

      Waadaa Yiftaan Gale

      Israaʼelonni ammas Yihowaa dhiisanii waaqolii sobaa waaqeffachuu jalqaban. Haa taʼu malee, Amoononni Israaʼelota irratti yommuu waraana banan, waaqoliin sobaa sun gargaarsa tokko illee isaaniif hin goone. Kanaan kan kaʼes, Israaʼelonni waggoota hedduudhaaf ni dhiphatan. Dhuma irrattis Yihowaadhaan, ‘Nuti cubbuu hojjenneerra. Maaloo diinota keenya jalaa nu oolchi’ jedhan. Israaʼelonni waaqolii tolfamoo isaanii balleessanii, deebiʼanii Yihowaa waaqeffachuu jalqaban. Kanaaf, Yihowaan dhiphachuu isaanii akka itti fufan arguu hin barbaanne.

      Yeroo kanatti, waraana sabichi Amoonota irratti godhu akka geggeessuuf loltuu jabaan Yiftaa jedhamu tokko ni filatame. Innis Yihowaadhaan, ‘Ati waraana kana irratti akka moonu yoo nu gargaarte, ani yommuun gara manaatti deebiʼu nama na simachuuf jalqaba mana koo keessaa baʼu akkan siif kennu waadaa nan gala’ jedhe. Yihowaan kadhannaa Yiftaa dhagaʼee waraanicha akka injifatu isa gargaare.

      Yiftaan yommuu gara manaatti deebiʼu namni jalqaba isa simachuuf gad baʼe intala tokkittii inni qabu turte. Ishiinis shubbisaa fi dibbee rukkuchaa turte. Yeroo kanatti Yiftaan maal godhe? Waadaa gale sana yaadachuudhaan akkana jedhe: ‘Wayyoo yaa intala koo! Baayʼee na gaddisiiste. Ani Yihowaadhaaf waadaa galeera. Waadaa koo raawwachuuf immoo, godoo qulqulluu Shiiloo jiru keessatti akka tajaajiltuuf si erguun qaba.’ Intalli isaa garuu akkana jette: ‘Yaa abbaa ko, Yihowaadhaaf waadaa galteetta taanaan raawwachuu qabda. Hiriyoota koo warra durbaa wajjin gaarota irra jiʼa lamaaf akka ani turu qofan si gaafadha. Achiis nan deema.’ Intalli Yiftaa umurii ishii hafe hunda godoo qulqulluu keessatti amanamummaadhaan tajaajilteetti. Hiriyoonni ishiis waggaa waggaadhaan ishii gaafachuuf Shiiloo dhaqu turan.

      Michoonni intala Yiftaa godoo qulqulluu dhaqanii yommuu ishii gaafatan

      “Namni ana caalaa ilma yookiin intala isaa jaallatu kam iyyuus anaaf hin malu.”—Maatewos 10:37

      Gaaffii: Yiftaan waadaa akkamii gale? Intalli Yiftaa waadaa abbaan ishii gale ilaalchisee maal jette?

      Abbootii Murtii 10:6–11:11; 11:29-40; 1 Saamuʼel 12:10, 11

  • Yihowaan Saamuʼelitti Dubbate
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Saamuʼel balbaloota godoo qulqulluu yommuu banu

      BARUMSA 37

      Yihowaan Saamuʼelitti Dubbate

      Eelii inni Luba Ol Aanaa taʼe, ilmaan godoo qulqulluu keessa tajaajilan lama qaba ture. Maqaan isaanii Hofnii fi Finahaas ture. Isaan seera Yihowaatiif hin ajajaman, sabichas ni cunqursu turan. Israaʼeloonni yommuu Yihowaadhaaf aarsaa fidan, Hofnii fi Finahaas foon isa caalaatti gaarii taʼe ofii isaaniitiif fudhatu turan. Eeliin wanta ilmaan isaa raawwatan kan dhagaʼe taʼus, tarkaanfiin inni fudhate tokko illee hin jiru. Yihowaan garuu haalli kun raawwatamuu isaa akka itti fufu ni heyyamaa?

      Saamuʼel, Hofnii fi Finahaas irra umuriin isaa baayʼee xinnaatus, fakkeenya isaanii hin hordofne. Yihowaan, Saamuʼelitti gammadeera. Saamuʼel gaaf tokko halkan utuu rafuu sagaleen tokko yommuu maqaa isaa waamu dhagaʼe. Innis kaʼee gara Eeliitti fiigee, ‘Kunoo asan jira!’ isaan jedhe. Eeliin garuu, ‘Ani si hin waamne. Deebiʼii ciisi’ isaan jedhe. Saamuʼelis deebiʼee ciise. Sagalichi garuu ammas isa waame. Saamuʼel sagalicha siʼa sadaffaadhaaf dhagaʼe; yeroo kanatti Eeliin, Saamuʼeliin waamaa kan jiru Yihowaa akka taʼe hubate. Achiis Eeliin, Saamuʼel deebisee sagalicha yoo dhagaʼe, ‘Yaa Yihowaa, dubbadhu. Tajaajilaan kee dhagaʼaa jira’ akka jedhu itti hime.

      Saamuʼel wanta Yihowaan dubbate Eeliitti hime

      Saamuʼel ammas deebiʼee ciise. Achiis, ‘Saamuʼel! Saamuʼel!’ yommuu jedhu dhagaʼe. Innis deebisee, ‘Dubbadhu, tajaajilaan kee dhagaʼaa jira’ jedhe. Yihowaanis akkana isaan jedhe: ‘Eelii fi maatii isaa adabuuf akkan yaade Eeliitti himi. Inni ilmaan isaa godoo qulqulluu keessatti wanta sirrii hin taane raawwachaa akka jiran kan beeku taʼus, tarkaanfii tokko iyyuu hin fudhanne.’ Guyyaa itti aanu ganama, Saamuʼel akkuma yeroo hunda godhu balbala godoo qulqulluu bane. Taʼus, Saamuʼel wanta Yihowaan dubbate luba ol aanaatti himuu ni sodaate. Haa taʼu malee, Eeliin isa waamee, ‘Yaa ilma ko, Yihowaan maal siin jedhe? Wanta hunda natti himi’ jedhee isa gaafate. Kanaaf, Saamuʼel waan hundumaa Eeliitti hime.

      Saamuʼel yommuu guddachaa adeemu, Yihowaan isaa wajjin ture. Israaʼeloonni guutummaa biyyichaa keessa jiran, Yihowaan, Saamuʼeliin raajii fi abbaa murtii akka isaaf taʼuuf filachuu isaa beekan.

      “Bara dargaggummaa keetti Uumaa kee isa Guddaa yaadadhu!”—Lallaba 12:1

      Gaaffii: Saamuʼel, Hofnii fi Finahaas irraa adda kan ture karaa kamiini? Yihowaan ergaa akkamii Saamuʼelitti hime?

      1 Saamuʼel 2:12-17, 22-26; 3:1-21; 7:6

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi