-
Daawitii fi GoliyaadBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 40
Daawitii fi Goliyaad
Yihowaan Saamuʼeliin akkana jedhe: ‘Gara mana Issey dhaqi. Ilmaan isaa keessaa tokko mootii Israaʼel isa itti aanu taʼa.’ Kanaaf, Saamuʼel gara mana Issey dhaqe. Ilma Issey isa angafa yommuu argus, ‘Dargaggeessi kun isa filatame taʼuu qaba’ jedhee yaade. Yihowaan garuu isa kana akka hin taane Saamuʼelitti hime. Yihowaan, ‘Ani wanta alaan mulʼatu utuu hin taʼiin, wanta garaa namaa keessa jirun ilaala’ jedhe.
Issey dabalataan ilmaan isaa jaʼan gara Saamuʼelitti fide. Saamuʼel garuu, ‘Yihowaan isaan kana keessaa tokko iyyuu hin filanne. Ilmaan kan biraa hin qabduu?’ jedhe. Isseyis, ‘Ilma kan biraa tokko qaba; inni Daawit ilma koo isa quxisuudha; hoolota tiksaa jira’ jedhe. Yommuu Daawit dhufee ol seenu, Yihowaan ‘Inni filatame isa kana!’ jedhee Saamuʼelitti hime. Saamuʼelis, Daawit mootii Israaʼel isa gara fuulduraa akka taʼuuf mataa isaa irratti zayitii dhangalaasee isa dibe.
Yeroo muraasa booda, Israaʼelonni Filisxeemota goota guddaa Goliyaad jedhamu qabanii wajjin wal waraanaa turan. Goliyaad guyyuma guyyaadhaan Israaʼelotatti gaʼisaa ture. Akkana jedhee iyya ture: ‘Nama anaa wajjin wal lolu tokko natti ergaa. Inni yoo moʼe, nuti garboota keessan taana. Ani yoon moʼe immoo, isin garboota keenya taatu.’
Yeroo kanatti Daawit, obboloota isaa warra loltoota taʼaniif nyaata fidee gara buufata waraanaa Israaʼelotaa dhufe. Wanta Goliyaad jedhu yommuu dhagaʼus, ‘Ani isa nan lola!’ jedhe. Saaʼol Mootichi garuu, ‘Ati mucaa xinnoo dha’ isaan jedhe. Daawit immoo deebisee, ‘Yihowaan na gargaara’ jedhe.
Saaʼol, Daawitiif miʼa lolaa isaa isaaf kennuu kan barbaade taʼus, Daawit garuu, ‘Ani miʼa lolaa kana hidhadhee loluu hin dandaʼu’ jedhe. Kanaaf, Daawit furrisa isaa fudhatee gara lagaa dhaqe. Achiis dhagaa shan funaannatee korojoo isaa keessa naqatee gara Goliyaaditti fiige. Namichi guddaan sunis, ‘Mucaa xinnoo nana, as kottu. Allaattiiwwan samii fi bineensotaaf nyaata akka taatun sin godha’ isaan jedhe. Taʼus, Daawit hin sodaanne. Daawit immoo deebisee akkana jedhe: ‘Ati goraadee fi eeboodhaan natti dhufte, ani garuu maqaa Yihowaatiinan sitti dhufa. Ati Waaqayyoon malee nuun lolaa jirta miti. Namoonni as jiran hundi, Yihowaan goraadee ykn eeboo caalaa humna guddaa akka qabu ni hubatu. Inni hunda keessan harka keenyatti dabarsee kenna.’
Achiis Daawit dhagaa tokko furrisa isaa keessa kaaʼee humna isaa hundaan of irra naanneesse. Dhagichi gargaarsa Yihowaatiin darbatamee adda Goliyaad keessa gadi bade. Namichi guddaan sunis lafa dhaʼee duʼe. Achiis Filisxeemonni lubbuu isaanii oolfachuuf baqatan. Ati hoo akkuma Daawit Yihowaatti ni amanamtaa?
“Kun namaaf hin dandaʼamu, Waaqayyoof garuu akkana miti; Waaqayyoof wanti hundi ni dandaʼama.”—Maarqos 10:27
-
-
Daawitii fi SaaʼolBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 41
Daawitii fi Saaʼol
Daawit Goliyaadiin erga ajjeesee booda, Saaʼol Mootichi ajajaa raayyaa waraanaa isaa isa godhate. Daawit waraana hedduu irratti waan injifateef, nama baayʼee beekamaa taʼe. Daawit yommuu waraana irraa gara manaatti deebiʼu dubartoonni shubbisaa fi sirbaa, ‘Saaʼol kumaatama ajjeese, Daawit immoo kumaatama kudhan ajjeese!’ jedhu turan. Saaʼol, Daawititti waan hinaafeef isa ajjeesuu barbaade.
Daawit akka gaariitti baganaa taphachuu dandaʼa ture. Gaaf tokko utuu Daawit Saaʼoliif baganaa taphachaa jiruu, mootichi eeboo isaa itti darbate. Daawit hamma xinnoof waan jalaa miliqeef, eeboon sun keenyan waraane. Sana booda Saaʼol, Daawitiin ajjeesuuf yeroo hedduudhaaf yaalii godhee ture. Dhuma irrattis, Daawit dhokachuuf gara lafa onaatti baqate.
Saaʼolis loltoota 3,000 fudhatee, barbaadee isa qabuu deeme. Achiis akkuma tasaa holqa dhagaa Daawitii fi namoonni isaa keessa dhokatanitti seene. Namoonni Daawit, ‘Carraan Saaʼoliin itti ajjeestu ammadha’ jedhanii asaasanii dubbatan. Daawit suuta jedhee Saaʼol bira gaʼuudhaan fiixee uffata mootichaa kute. Saaʼol garuu kana hin hubanne. Sana booda, Daawit mootii Yihowaan dibeef kabaja utuu hin argisiisin hafuu isaatti sammuun isaa isa ceephaʼe. Kanaaf, namoonni isaa Saaʼoliin akka ajjeesan isaaniif hin heyyamne. Achiis sagalee guddaadhaan Saaʼoliin waamee, isa ajjeesuuf carraa argatee akka ture itti hime. Haalli kun ilaalcha Saaʼol Daawitiif qabu jijjiireeraa?
Lakki. Saaʼol Daawitiin barbaaduu isaa ittuma fufeera. Gaaf tokko halkan, Daawitii fi Abishaay ilmi obboleettii isaa bakka Saaʼol buufate keessa dhokatanii seenan. Yeroo kanatti Abneer inni eegduu Saaʼol taʼe illee rafee ture. Abishaay, ‘Kun carraa gaarii dha! Isan ajjeesa’ jedhe. Daawit garuu deebisee, ‘Saaʼol irratti tarkaanfii kan fudhatu Yihowaa dha. Eeboo isaa fi miʼa bishaanii isaa qofa fudhannee haa deemnu’ jedhe.
Sana booda Daawit tulluu naannoo buufata Saaʼol gubbaa jiru tokkotti ol baʼe. Achiis sagalee isaa guddisee, ‘Abneer, maaliif mootii kee eeguu dhiiste? miini bishaanii fi eeboon Saaʼol eessa jira?’ jedhe. Saaʼolis, sagalee Daawit taʼuu isaa beekee, ‘Ati na ajjeesuu dandeessa turte, garuu kana hin goone. Ati mootii Israaʼel isa itti aanu akka taatu beeka’ jedhe. Kana booda, Saaʼol gara mana mootummaa isaatti deebiʼe. Haa taʼu malee, Daawitiin kan jibbu maatii Saaʼol hunda hin turre.
“Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa. Yaa obboloota jaallatamo, . . . dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa malee ofii keessan haaloo hin baʼinaa.” —Roomaa 12:18, 19
-