-
Ilmi Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Duʼaa ni KaʼeBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 48
Ilmi Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Duʼaa ni Kaʼe
Yeroo ongee sanaatti Yihowaan Eeliyaasiin, ‘Gara Saraaptaa dhaqi. Achitti dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko nyaata siif kenniti’ jedhe. Eeliyaas karra magaalattii biratti dubartii hiyyeettiin abbaa manaa irraa duʼe tokko utuu qoraan funaannattu arge. Innis bishaan budduqsee tokko akka isaaf fiddu ishii gaafate. Akkuma ishiin fiduu deemteenis Eeliyaas ishii waamee, “Maaloo, daabboo xinnoos naa fidi” ishiidhaan jedhe. Dubartittiin garuu, ‘Daabboon sii kennu hin qabu. Daakuu fi zayitii anaa fi ilma kootiif nyaata xinnoo ittiin qopheessu qofan qaba’ isaan jette. Achiis Eeliyaas, ‘Yoo ati anaaf daabboo xinnoo tolchite hamma bokkaan deebiʼee roobutti, daakuunis taʼe zayitiin kee akka hin dhumne Yihowaan waadaa galeera’ ishiidhaan jedhe.
Kanaaf, dubartiin sun gara manaa dhaqxee raajii Yihowaatiif daabboo tolchite. Akkuma Yihowaan waadaa galettis, yeroo ongeen ture sana hundatti dubartiin sunii fi ilmi ishii wanta nyaatan hin dhabne turan. Miini daakuu fi miini zayitii ishii akkuma guutuu taʼetti itti fufe.
Sana booda garuu wanti gaddisiisaan tokko ni uumame. Mucaan dubartii sanaa baayʼee dhukkubsatee duʼe. Ishiinis akka ishii gargaaru Eeliyaasiin kadhatte. Eeliyaas mucicha ishii harkaa fuudhee gara kutaa mana ishii irra keessa jiruutti baatee isa geesse. Achiis siree irra isa ciibsee, ‘Yaa Yihowaa, mucaan kun deebiʼee akka jiraatu godhi’ jedhee kadhate. Yihowaan kana gochuun isaa baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu kan taʼe maaliif akka taʼe beektaa? Hamma beeknutti sana dura namni duʼaa kaʼe hin jiru. Kana malees, dubartiin kunii fi ilmi ishii Israaʼeloota miti.
Taʼus jireenyi mucichaa isaaf deebiʼe; hafuura baafachuus ni jalqabe! Eeliyaasis dubartii sanaan, ‘Kunoo! Ilmi kee gara jireenyaatti deebiʼeera’ jedhe. Ishiinis baayʼee gammaddee Eeliyaasiin, ‘Dhuguma iyyuu ati nama Waaqayyoo ti. Kanas kanan beeke wanta Yihowaan akka dubbattu sitti hime qofa waan dubbattuufi’ jette.
“Mee arraagessota ilaalaa: Isaan sanyii hin facaasan, hin haamanis; gootaraa yookiin mana kuusaa hin qaban; garuu Waaqayyo isaan ni soora. Maarree isin allaattiiwwan caalaa gatii guddaa hin qabdanii?”—Luqaas 12:24
-
-
Mootuu Hamtuun Tokko ni AdabamteBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 49
Mootuu Hamtuun Tokko ni Adabamte
Ahaab Mootichi karaa foddaa masaraa mootummaa isaa isa Yezriʼel jiruun yommuu ilaalu maasii wayinii nama Naabot jedhamu tokkoo arguu dandaʼa. Ahaab maasii wayinii kana waan barbaadeef Naabot irraa bitachuuf gaafate. Naabot garuu lafa dhaalaa isaa gurguruun Seera Yihowaa wajjin waan wal faallessuuf itti gurguruu dide. Ahaab, Naabot wanta sirrii taʼe gochuu isaatiin isa kabajeera? Lakki. Ahaab baayʼee aare. Kanaaf gara mana isaatti deebiʼee siree isaa irra ciise, midhaanis ni lagate.
Iizaabel Mootittiin, haati manaa Ahaab ishiin hamtuun akkana isaan jette: ‘Ati Mootii Israaʼeli. Wanta barbaaddu hunda argachuu ni dandeessa. Ani lafa sana akka ati fudhattu nan godha.’ Achiis jaarsolii magaalattiitti xalayaa barreessitee Naabot Waaqayyoon arrabseera jedhanii himata sobaa akka isa irratti dhiheessanii fi dhagaadhaan rukutanii akka isa ajjeesan isaanitti himte. Jaarsoliin sunis wanta Iizaabel isaanitti himte ni raawwatan; achiis Iizaabel Ahaabiin akkana jette: ‘Naabot duʼeera. Amma maasiin waynichaa kan kee taʼeera!’
Iizaabel, namoota balleessaa hin qabne kan akka Naabot hedduu ajjeesisteetti. Namoota Yihowaa jaallatan hedduu ajjeesteetti. Waaqolii tolfamoo waan waaqeffattuuf wantoota gadhee taʼan kan biroos raawwatteetti. Yihowaan, wantoota gadhee Iizaabel hojjette hunda argeera. Tarkaanfii akkamii ishii irratti fudhate ree?
Ahaab erga duʼee booda, ilmi isaa Yoraam mootii taʼe. Yihowaan, Iizaabelii fi maatii ishii adabuuf nama Yehuu jedhamu erge.
Yehuun gaarii fardaatiin Yezriʼel bakka Iizaabel jiraattu dhaqe. Yooraam gaarii fardaatiin Yehuu simachuu baʼee, ‘Naguma dhuftee?’ jedhee isa gaafate. Yehuunis akkana jedhe: ‘Wantoota gadhee haati kee Iizaabel raawwattu utuu jiruu nagaa maaliitu jira?’ Kanaaf, Yoraam gaarii fardaa isaa naanneffatee isa jalaa baqachuuf yaale. Yehuun garuu xiyya isaa itti gadhiisee isa waraane, innis ni duʼe.
Achiis Yehuun gara masaraa mootummaa Iizaabel dhaqe. Iizaabel Yehuun dhufaa akka jiru yommuu dhageessu, ija ishee kuullattee, rifeensa ishii tottolfattee foddaa manaa ishii isa irra keessaa irra dhaabattee isa eegdi turte. Yommuu Yehuun achi gaʼu tuffiidhaan nagaa isa gaafatte. Innis tajaajiltoota ishii warra ishii bira dhaabataniin sagalee isaa guddisee, “Gad ishii darbadhaa!” jedhe. Isaanis Iizaabeliin karaa foddaa gad ishii darbatan, ishiinis lafa dhooftee duute.
Sana booda, Yehuun ilmaan Ahaab 70n ajjeesuudhaan biyyattii waaqeffannaa Baʼal irraa ni qulqulleesse. Yihowaan wanta hunda akka beekuu fi yeroo sirrii taʼetti namoota wanta gadhee raawwatan akka adabu hubattee?
“Dhaalli jalqaba irratti sassataan argame dhuma irratti eebba hin taʼu.”—Fakkeenya 20:21
-