-
Yihowaan Yoonaasiif ObseeraBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 54
Yihowaan Yoonaasiif Obseera
Namoonni Nanawwee ishee magaalaa Asoor taate keessa jiraatan hamoota turan. Yihowaan, raajiin isaa Yoonaas gara Nanawwee dhaqee daandii isaanii jijjiirrachuu akka qaban akka isaan akeekkachiisu isatti himee ture. Yoonaas garuu kallattii gara biraatti baqate. Doonii gara Tarshiish dhaqu yaabbatee deeme.
Doonichi utuu galaana irra deemaa jiruu, obomboleettii jabaan waan kaʼeef hojjettoonni doonichaa baayʼee sodaatan. Isaanis ‘Wanti kun maaliif nu irra gaʼe?’ jedhanii gara waaqolii isaaniitti kadhannaa dhiheessan. Dhuma irratti Yoonaas akkana isaaniin jedhe: ‘Kan balleesse ana dha. Wanta Yihowaan akka ani raawwadhu na ajaje dhiisee baqachaan jira. Galaanichatti na darbadhaa obomboleettiin kun ni dhaabata.’ Hojjettoonni sun Yoonaasiin galaanichatti darbachuu hin barbaanne; inni garuu akka isaan isa darbatan irra deddeebiʼee isaan gaafate. Yommuu galaanichatti isa darbatan obomboleettiin jabaan sun ni dhaabate.
Yoonaas nan duʼa jedhee yaade. Yeroo galaanichaan gad liqimfamaa deemu gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesse. Achiis, Yihowaan qurxummii guddaa tokko erge. Qurxummichi Yoonaasiin liqimse; haa taʼu malee isa hin ajjeesne. Yoonaas garaa qurxummichaa keessaa, ‘Yeroo hunda siif ajajamuuf waadaan gala’ jedhee kadhannaa dhiheesse. Yihowaan, Yoonaas garaa qurxummichaa keessa guyyaa sadiif akka turu erga godhee booda, qurxummichi lafa gogaa irratti akka isa tufu godhe.
Yihowaan Yoonaasiin waan oolcheef, Yoonaas kana booda gara Nanawwee dhaquu hin qabu jechuudhaa? Lakki. Yihowaan, Yoonaas ammas akka achi dhaqu isatti hime. Yeroo kanatti Yoonaas ni ajajame. Yoonaas achi dhaqee, ‘Nanawween guyyaa 40 booda ni balleeffamti’ jedhee namoota hamoo sanatti dubbate. Isa booda garuu wanta hin eegamnetu raawwatame; namoonni Nanawwee isaa dhagaʼanii daandii isaanii jijjiirrattan. Mootiin Nanawwee namoota isaatiin akkana jedhe: ‘Waaqayyoon waammadhaa, yaada keessaniis geddaradhaa. Tarii nu balleessuu ni dhiisa taʼa.’ Yihowaanis namoonni sun yaada isaanii akka geddaratan waan argeef Nanawwee hin balleessine.
Yoonaas magaalattiin utuu hin balleeffamin waan hafteef ni aare. Mee yaadi: Yihowaan Yoonaasiif obseera, garaas isaaf laafeera; Yoonaas garuu namoota Nanawweetiif garaa hin laafne. Kanaa mannaa, mufatee magaalicha keessaa baʼee gaaddisa biqiltuu akka qobboo tokko jala taaʼe. Achiis biqiltuun sun waan gogeef Yoonaas ni aare. Kanaaf Yihowaan, Yoonaasiin akkana jedhe: ‘Ati namoota Nanawwee caalaa biqiltuu kanaaf gaddite. Ani gara laafina isaanitti argisiiseera, kanaaf isaan ni oolu.’ Ergaan dabarfamuu barbaade maali dha? Namoonni Nanawwee, biqiltuu kam irra iyyuu caalaa iddoo guddaa qabu.
“Yihowaan . . . hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu waan hin barbaanneef isiniif jedhee obsa.”—2 Pheexiros 3:9
-
-
Maleekaan Yihowaa Hisqiyaasiif Eegumsa GodheBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 55
Maleekaan Yihowaa Hisqiyaasiif Eegumsa Godhe
Asooronni mootummaa gosoota Israaʼel kurnaan toʼannaa isaanii jala oolchan. Senaaheriib mootiin Asoor amma immoo mootummaa Yihudaa gosoota lamaan toʼannaa isaa jala galchuu barbaade. Magaalota Yihudaa, tokko tokkoon toʼannaa jala oolchuu jalqabe. Magaalaan inni caalaatti toʼannaa isaa jala galchuu barbaadu garuu Yerusaalem turte. Senaaheriib, Yihowaan Yerusaalemiin akka eegu hin beeku ture.
Hisqiyaas mootiin Yihudaa, Senaaheriib Yerusaalem irraa akka deebiʼuuf qarshii hedduu kaffaleera. Senaaheriib qarshicha kan fudhate taʼus, Yerusaalem irratti waraana banuuf loltoota isaa warra jajjaboo erge. Loltoonni Asoor dhihaachaa waan dhufaniif namoonni magaalattii baayʼee sodaatan. Hisqiyaasis, ‘Hin sodaatinaa. Asooronni ciccimoo dha; taʼus, Yihowaan isaan caalaa nu cimsa jedhe.’
Senaaheriib, Raabshaaqicha isa ergamaa isaa taʼe namoota sanatti akka qoosuuf gara Yerusaalemitti isa erge. Raabshaaqichi magaalattii ala dhaabatee, sagalee isaa ol fuudhee akkana isaaniin jedhe: ‘Yihowaan isin gargaaruu hin dandaʼu. Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Waaqni harka keenya jalaa isin oolchuu dandaʼu hin jiru.’
Hisqiyaas maal gochuu akka qabu Yihowaa gaafate. Yihowaan akkana jedhee isaaf deebise: ‘Wanta Raabshaaqichi jedhe hin sodaatinaa. Senaaheriib Yerusaalemiin hin qabatu.’ Achiis, Senaaheriib Hisqiyaasiif xalayaa erge. Xalayichi akkana jedha: ‘Harka keessan kennaa. Yihowaan isin oolchuu hin dandaʼu.’ Hisqiyaas, ‘Namni hundi ati Waaqa dhugaa tokkicha akka taate akka beekuuf, yaa Yihowaa maaloo nu oolchi’ jedhee kadhate. Yihowaanis, ‘Mootiin Asoor gara Yerusaalem hin dhufu. Ani magaalaa kootiif eegumsa nan godha’ jedhe.
Senaaheriib, Yerusaalem yeroo dhihootti toʼannaa isaa jala akka ooltu mirkanaaʼaa taʼeera. Haa taʼu malee, Yihowaan gaafas galgala bakka loltoonni isaanii magaalattii ala buufatanitti maleekaa tokko erge. Maleekaan kunis loltoota 185,000 ajjeese! Senaaheriib Mootichi loltoota isaa warra ciccimoo dhabe. Filannoo waan hin qabneef moʼamee gara mana isaatti deebiʼe. Yihowaan akkuma waadaa galee turetti, Hisqiyaasii fi Yerusaalemiif eegumsa godheera. Ati yeroo sanatti utuu Yerusaalem keessa jiraatta taʼee, Yihowaatti ni amanamta turtee?
“Maleekaan Yihowaa naannoo warra Waaqayyoon sodaatan hundumaa ni buufata. Isaan ni oolchas.”—Faarfannaa 34:7
-