-
Mootummaa Bara Baraaf JiraatuBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 60
Mootummaa Bara Baraaf Jiraatu
Gaaf tokko halkan, Nebukadnezaar Mootichi abjuu adda taʼe tokko abjoote. Abjuun sun waan baayʼee isa jeeqeef rafuu hin dandeenye. Achiis namoonni isaa falfala raawwatan gara isaa akka dhufan waamee, ‘Abjuu koo naa hiikaa’ isaaniin jedhe. Isaanis, ‘Yaa Mootii abjuu kee nutti himi’ isaan jedhan. Haa taʼu malee Nebukadnezaar, ‘Lakki! Wanta ani abjoodhe isin natti himaa; taʼuu baannaan garuu isinan ajjeesa’ isaaniin jedhe. Isaanis irra deebiʼanii, ‘Abjuu kee nutti himi; nutis siif hiikna’ isaan jedhan. Achiis inni, ‘Isin hundi keessan na gowwoomsuuf yaalaa jirtu. Wantan abjoodhe natti himaa!’ isaaniin jedhe. Isaan immoo mootichaan, ‘Namni kana gochuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Ati wanta matumaa hin dandaʼamne gaafatte’ isaan jedhan.
Nebukadnezaar baayʼee waan aareef namoonni ogeeyyiin biyyicha keessa jiran hundi akka ajjeefaman ajaje. Kun immoo Daaniʼel, Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo kan dabalatu ture. Daaniʼelis yeroo dabalataa akka isaaniif kennu mooticha gaafate. Achiis innii fi hiriyoonni isaa Yihowaan akka isaan gargaaru kadhannaa dhiheessan. Yihowaan maal godhe ree?
Yihowaan abjuu Nebukadnezaar arge mulʼataan Daaniʼelitti kan argisiise siʼa taʼu, hiika isaas itti himeera. Guyyaa itti aanutti Daaniʼel gara tajaajilaa mootichaa deemee, ‘Namoota ogeeyyii keessaa eenyuun iyyuu hin ajjeesin. Ani abjuu mootichaa hiikuu nan dandaʼa’ isaan jedhe. Tajaajilaan sunis Daaniʼeliin gara Nebukadnezaaritti geesse. Daaniʼelis mootichaan akkana jedhe: ‘Waaqayyo wanta gara fuulduraatti taʼu sitti mulʼiseera. Abjuun kee kana dha: Siidaa guddaa mataan isaa warqii, qomnii fi harki isaa meetii, garaa fi luqqeettuun isaa sibiila diimaa, lukti isaa sibiila, akkasumas miilli isaa walakkaan isaa sibiila irraa, walakkaan isaa immoo suphee irraa tolfame ni argite. Achiis dhagaan gaara irraa buqqaʼe tokko dhufee miilla siidaa sanaa rukute. siidichis caccabee ni hurraaʼe; qilleensis isa fudhate. Dhagichi immoo gaara guddaa taʼee guutummaa lafaa uwwise.’
Achiis Daaniʼel, ‘Hiikni abjuu keetii kana dha: Mataan warqii sun mootummaa kee dha. Meetichi immoo mootummaa si booda dhufu dha. Sana booda inni akka sibiila diimaa taʼee fi guutummaa lafaa bulchu ni dhufa. Mootummaan isatti aanu akka sibiilaa cimaa taʼa. Dhuma irrattis, mootummaa qoqqoodamaan walakkaan isaa akka sibiilaa cimaa taʼee fi walakkaan isaa immoo akka suphee dadhabaa taʼe ni jiraata. Dhagaan gaara taʼe sun, Mootummaa Waaqayyoo ti. Mootummaan kun mootummoota kana hunda ni caccabsa; inni garuu bara baraaf ni jiraata’ jedhe.
Nebukadnezaar fuula isaatiin Daaniʼel duratti lafatti gombifame. Innis Daaniʼeliin, ‘Waaqni kee abjuu kana siif ibseera. Waaqni akka isaa hin jiru’ jedhe. Nebukadnezaar Daaniʼeliin ajjeesuu mannaa, namoota ogeeyyii fi bulchitoota bulchiinsa Baabilon keessa jiran hunda irratti isa muude. Yihowaan kadhannaa Daaniʼel dhihesseef akkamitti deebii akka kenne hubattee?
“Isaanis bakka afaan Ibrootaatiin Armaagedoon jedhamutti walitti isaan qaban.”—Mulʼata 16:16
-
-
Isaan Gombifamanii hin SagadneBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 61
Isaan Gombifamanii hin Sagadne
Nebukadnezaar Mootichi waaʼee siidichaa abjuu erga argee yeroo muraasa booda, warqii irraa siidaa guddaa tokko hojjete. Isas dirree Duraa jedhamu irra kan dhaabe siʼa taʼu, fuuldura isaatti akka sassaabamaniif Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo dabalatee namoota biyyichaa iddoo guddaa qaban waame. Mootichi ajaja, ‘Sagalee xurumbaa, baganaa, ulullee qalqalloo yommuu dhageessan siidaa kanaaf gombifamaa sagadaa! Namni gombifamee hin sagadne kam iyyuu iddoo ibiddaa keessatti darbatama’ jedhu kenne. Ibroonni sadan sun siidichaaf sagadu moo Yihowaa qofa waaqeffatu laata?
Achiis mootichi muuziqaan akka jalqabamu ajaje. Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoodhaan alatti namoonni hundi gombifamanii sagaduudhaan siidicha waaqeffachuu jalqaban. Namoonni kana hubatan tokko tokko mootichatti, ‘Ibroonni sadan sun siidaa kee waaqeffachuu didan’ jedhanii himan. Nebukadnezaar nama itti ergee isaan waamsisuudhaan akkana isaaniin jedhe: ‘Siidicha akka waaqeffattan carraa kan biraa isiniif nan kenna. Akkana hin gootan taanaan garuu ibidda bobaʼu keessattan isin darbadha. Waaqni na harkaa isin oolchuu dandaʼu hin jiru.’ Isaan garuu, ‘Carraa kan biraa hin barbaannu. Waaqni keenya nu oolchuu dandaʼa. Yoo inni nu oolchuu baate illee, yaa mootii, nuti siidicha hin waaqeffannu’ jedhanii deebisan.
Nebukadnezaar baayʼee aare. Namoota isaatiin, ‘Humna ibiddichaa isa dur bobaʼu caalaa dachaa torba akka bobaʼu godhaa!’ jedhe. Achiis, ‘Namoota kana hidhaatii keessatti darbadhaa!’ jedhee loltoota isaa ajaje. Iddoon ibiddaa sun baayʼee hoʼaa waan tureef loltoota isaan darbatan sana yeruma sana gubee ajjeese. Ibroonni sadan sunis ibiddicha keessatti kufan. Haa taʼu malee, Nebukadnezaar gara keessaatti yommuu ilaalu iddoo ibiddaa keessa asii fi achi deemaa kan jiran namoota sadii utuu hin taʼin namoota afur taʼuu isaanii arge. Innis baayʼee sodaatee tajaajiltoota isaatiin, ‘Namoota sadii ibiddatti darbanne mitii? Namoota afuriin argaa jira; inni tokko immoo maleekaa fakkaata!’ jedhe.
Nebukadnezaar gara ibidda bobaʼu sanatti dhihaatee, ‘Yaa tajaajiltoota Waaqa Hundaa Olii gadi baʼaa!’ jedhe. Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon homaa utuu hin miidhamin, ibiddicha keessaa baʼuu isaanii yommuu argan namoonni hundi baayʼee ajaaʼibsiifaman. Gogaan isaanii, rifeensi isaanii fi uffanni isaanii hin gubanne; foolii ibiddaa illee hin qaban turan.
Nebukadnezaar, ‘Waaqni Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo guddaa dha. Inni maleekaa isaa ergee isaan oolcheera. Waaqni akka Waaqa isaanii taʼe hin jiru’ jedhe.
Atoo akkuma Ibroota sadan sanaa maal iyyuu utuu uumame Yihowaadhaaf amanamaa taʼuuf murteessiteettaa?
“Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi”—Maatewos 4:10
-