-
Mootummaa Akka Muka Guddaa Taʼe TokkoBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 62
Mootummaa Akka Muka Guddaa Taʼe Tokko
Gaaf tokko halkan Nebukadnezaar abjuu nama sodaachisu tokko abjoote. Hiika isaa akka itti himaniif namoota isaa ogeeyyii taʼan waame. Haa taʼu malee, isaan keessaa namni tokko illee abjuu isaa hiikuu hin dandeenye. Dhuma irrattis, mootichi Daaniʼeliin gaafate.
Nebukadnezaar Daaniʼeliin, ‘Abjuu kootiin muka tokko nan arge. Innis hamma samii bira gaʼutti ni guddate. Lafa irratti iddoo kamii iyyuu ni mulʼata. Baalawwan babbareedoo fi firiiwwan hedduu qaba. Bineensonni gaaddisa isaa jalatti boqotu; simbiroonnis mandhee isaanii damee isaa irratti ijaarratan. Achiis maleekaan tokko samiidhaa gadi buʼe. Innis akkana jedhee iyye: “Mukicha muraa; dameewwan isaas kukkutaa. Haa taʼu malee, gufuu isaa hidda isaa wajjin lafa keessatti dhiisaa; hidhaa sibiilaa fi sibiila diimaatiin hidhaa. Sammuun mukichaa sammuu namaa irraa gara bineensaatti haa geddaramu; barri torbas isa irratti haa darbu. Namoonni hundi Waaqayyo Bulchaa akka taʼee fi inni mootummaa tokko abbaa barbaadeef kennuu akka dandaʼu haa beekan.”’
Yihowaan hiikni abjuun sun qabu maal akka taʼe Daaniʼelitti mulʼiseera. Daaniʼel hiika abjuu sanaa yommuu hubatu ni sodaate. Akkana jedhe: ‘Yaa mootii, abjuun kun kan dubbatu waaʼee diinota keetii utuu taʼee nan gammadan ture; garuu abjuun kun waaʼee kee kan dubbatu dha. Mukti guddaan murame sun si dha. Ati mootummaa kee ni dhabda; akkuma bineensota bosonaa marga lafaa dheedda. Garuu maleekichi gufuun isaa hidda isaa wajjin akka dhiifamu waan dubbateef deebitee mootii ni taata.’
Waggaa tokko booda, Nebukadnezaar baaxii masaraa mootummaa isaa irra deemaa Baabiloniin dinqisiifachaa ture. Inni, ‘Magaalaa dinqisiisaa ani ijaare kana ilaalaa. Ani hammam guddaa akkan taʼe ilaalaa!’ jedhe. Utuma inni dubbachaa jiruu sagaleen tokko samii irraa, ‘Nebukadnezaar! Amma ati mootummaa kee ni dhabda’ jedhe.
Bataluma sanatti, Nebukadnezaar sammuun isaa hojjechuu waan dideef akka bineensa bosonaa taʼe. Masaraa mootummaa isaa dhiisee bineensota wajjin bosona keessa jiraachuuf dirqame. Rifeensi Nebukadnezaar akkuma baallee joobiraa ni guddate; qeensi isaas akka qeensa allaattii taʼe.
Barri torba erga darbee booda, Nebukadnezaar gara sammuu isaatti kan deebiʼe siʼa taʼu, Yihowaanis mootii Baabilon isa godhe. Achiis Nebukadnezaar akkana jedhe: ‘Ani Yihowaa isa Mootii samiiwwanii taʼe nan jajadha. Amma Yihowaan Bulchaa taʼuu isaa beekeera. Inni namoota kooran gadi qaba; inni abbaa barbaadeef mootummaa kennuu ni dandaʼa.’
“Koorri kufaatii dura jira, hafuurri of tuulummaas gufannaa dura jira.”—Fakkeenya 16:18
-
-
Barreeffama Keenyan Irratti MulʼateBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 63
Barreeffama Keenyan Irratti Mulʼate
Yeroo booda, Belshaazaar mootii Baabilon taʼe. Gaaf tokko galgala, inni affeerrii tokko irratti namoota biyyichaa iddoo guddaa qaban hedduu affeeree ture. Miʼawwan warqii warra Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yihowaatii fudhate akka isaaf fidan tajaajiltoota isaa ajaje. Belshaazaarii fi keessummoonni isaa miʼawwan sanaan dhugaa fi waaqolii isaanii jajachaa turan. Akkuma tasaa harki namaa tokko mulʼatee jechoota iccitii taʼan keenyan galma mana nyaataa sana irratti barreessuu jalqabe.
Belshaazaar baayʼee naʼee ture. Namoota isaa falfala raawwatan waamee, ‘Namni kam iyyuu jechoota kana naa hiikuu yoo dandaʼe, ani Baabilon keessatti bulchaa sadaffaa isa nan taasisa.’ Isaan yaalii kan godhan taʼus, isaan keessaa namni kam iyyuu jechoota kana hiikuu hin dandeenye. Achiis haati mootichaa ol seentee, ‘Namichi Daaniʼel jedhamuu fi Nebukadnezaariif wantoota hunda hiikaa ture tokko jira. Inni jechoota kana siif hiikuu ni dandaʼa’ isaan jette.
Achiis Daaniʼel gara mootichaa dhufe. Belshaazaaris, ‘Jechoota kana dubbisuu fi hiikuu yoo dandeesse, amartii mormaa warqii irraa tolfame sin badhaasa, Baabiloon keessattis bulchaa sadaffaa ni taata’ isaan jedhe. Daaniʼelis akkana jedhe: ‘Ani kennaa kee hin barbaadu; garuu hiika jechoonni kun qaban sittan hima. Abbaan kee Nebukadnezaar nama kooru waan tureef Yihowaan isa salphise. Atis wanta isa irra gaʼe hundumaa beekta; garuu miʼawwan warqii mana qulqullummaa isaatii fudhatamaniin waynii dhuguudhaan Yihowaa tuffatteetta. Kanaaf, Waaqayyo jechoota, Miinii, Miinii, Tiqeelii fi Faarsiin jedhan barreesse. Jechoonni kunis warri Meedonii fi warri Faarsi Baabiloniin akka injifatan argisiisu; atis kana booda mootii miti.’
Eenyu iyyuu Baabiloniin injifachuu kan dandaʼu hin fakkaatu ture. Magaalaan kun dallaa furdaa fi laga gadi fageenya qabuun eegumsi ishiidhaaf godhama ture. Haa taʼu malee, gaafuma sana halkan warri Meedonii fi warri Faarsi ishii weeraran. Mootii Faarsi kan taʼe Qiiros loltoonni isaa kallattiidhaan gara karra magaalattiitti deemuu akka dandaʼaniif lagichi gara kallattii kan biraatti akka yaaʼu godhe. Yommuu isaan achi gaʼanis karrichi banaa ture! Raayyaan waraanaa sunis gara keessaatti seenee magaalattii qabate; mootichis ni ajjeefame. Achiis Qiiros bulchaa Baabilon taʼe.
Waggaa tokko keessatti Qiiros, ‘Yihowaan Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa isaa deebisee akkan ijaaru natti himeera. Namoota isaa keessaa gargaarsa gochuu kan barbaadu kam iyyuu deemuu ni dandaʼa’ jedhee beeksise. Kanaaf, akkuma Yihowaan waadaa galee turetti, Yihudoonni hedduun erga Yerusaalem balleeffamtee waggaa 70 booda gara biyya isaaniitti deebiʼan. Qiirosis miʼawwan warqii fi meetii, akkasumas miʼawwan Nebukadnezaar mana qulqullummaatii fudhate hunda deebisee erge. Yihowaan saba isaa gargaaruuf Qiirositti akkamitti akka fayyadame hubachuu ni dandeessaa?
“Kufteetti! Baabilon Guddittiin kufteetti; ishiin bakka jinniiwwan jiraatan . . . taateetti.”—Mulʼata 18:2
-