-
Daaniʼel Boolla Leencotaa Keessatti DarbamateBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 64
Daaniʼel Boolla Leencotaa Keessatti Darbatame
Mootiin Baabilon inni kaan Daariyos isa nama Meedon ture dha. Daariyos, Daaniʼel nama adda taʼuu isaa hubateera. Kanaaf, Daaniʼeliif namoota biyyattii iddoo guddaa qaban irratti aangoo kenneef. Namoonni kunis Daaniʼelitti waan hinaafaniif, isa ajjeesuu barbaadan. Daaniʼel guyyaa hundumaa siʼa sadii gara Yihowaatti kadhannaa akka dhiheessu waan beekaniif, Daariyosiin, ‘Yaa mootii, namni hundi gara keetti qofa kadhannaa akka dhiheessu seerri ajaju tokko baʼuu qaba. Namni seera kanaaf hin ajajamne hundi, boolla leencotaan guutame keessatti darbatamuu qaba’ jedhan. Daariyos yaada kana deggeruudhaan, seericha irratti mallatteessee raggaasise.
Daaniʼel waaʼee seera haaraa kanaa akkuma dhagaʼeen, gara mana isaa deeme. Foddaa isaa isa baname durattis, jilbeenfatee gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesse. Namoonni hinaafan sunis tasa gara mana isaa seenanii utuu inni kadhatuu isa qaban. Achiis fiiganii gara Daariyos deemuudhaan, ‘Daaniʼel siif ajajamuu dideera. Inni guyyaa guyyaadhaan siʼa sadii gara Waaqa isaatti kadhannaa dhiheessa’ isaan jedhan. Taʼus, Daariyos Daaniʼeliin waan jaallatuuf akka inni duʼu hin barbaanne. Guyyaa guutuu karaa Daaniʼeliin oolchuuf yaalii itti godhu yaadaa oole. Haa taʼu malee, seera mootichi takkaa irratti mallatteesse innumti iyyuu jijjiiruu hin dandaʼu. Boolla leenconni sodaachisan keessa jiranitti Daaniʼeliin akka darbatan namoota isaa ajajuu qaba ture.
Gaafa sana halkan Daariyos waaʼee Daaniʼel baayʼee waan yaaddaʼeef rafuu hin dandeenye. Ganama fiigee gara boollichaa dhaquudhaan Daaniʼeliin waamee, ‘Waaqni kee si oolcheeraa?’ jedheen.
Daariyos sagalee tokko dhagaʼe. Daaniʼel ture! Innis Daariyosiin waamee, ‘Maleekaan Yihowaa afaan leencotaa cufe. Isaan matumaa na hin miine’ isaan jedhe. Daariyosis baayʼee gammade! Daaniʼel boollicha keessaa akka baafamu ajaje. Qaama isaa irra dirmammuun illee hin jiru ture. Achiis mootichi, ‘Namoota Daaniʼeliin himatan boollichaatti darbadhaa’ jedhee ajaje. Namoonni sun gara boollichaatti yommuu darbataman leenconni sun lafee isaanii caccabsanii nyaatan.
Daariyos ajaja akkana jedhu namoota isaatti erge: ‘Namni hundi Waaqa Daaniʼel sodaachuu qaba. Inni Daaniʼeliin leencota irraa oolcheera.’
Atoo akkuma Daaniʼel guyyaa hunda gara Yihowaatti kadhannaa ni dhiheessitaa?
“Yihowaan namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu . . . beeka.”—2 Pheexiros 2:9
-
-
Asteer Saba Ishii OolchiteBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 65
Asteer Saba Ishii Oolchite
Asteer nama shamarree Yihudii taatee fi Shushaan ishii magaalaa warra Faarsi taate keessa jiraattu turte. Nebukadnezaar maatii ishii Yerusaalemii boojuudhaan kan fudhate waggoota hedduu dura dha. Kan ishii guddise Mordekaay isa durbii ishii taʼee fi tajaajilaa Ahaashweros Mootii Faarsi taʼe dha.
Ahaashweros Mootichi, mootuu haaraa barbaadee ture. Tajaajiltoonni isaa biyyattii keessaa Asteeriin dabalatee dubartoota hunda caalaa babbareedoo taʼan isaaf fidan. Mootichi dubartoota sana hunda keessaa Asteer mootuu akka taatu filate. Mordekaay nama Yihudii taʼuu ishii akka hin dubbanne Asteeritti himee ture.
Namichi of tuulaan Haamaan jedhamu bulchitoota hunda irratti ajajaa ture. Inni namoonni hundi akka isaaf sagadan barbaada ture. Mordekaay akkana gochuu waan dideef, Haamaan baayʼee aaree isa ajjeesuu barbaade. Haamaan Mordekaay nama Yihudii taʼuu isaa yommuu beeku Yihudoota biyyicha keessatti argaman hunda ajjeesuuf karoora baafate. Mootichaan, ‘Yihudoonni hamoota dha; haxooftee isaan balleessuu qabda’ jedhe. Ahaashwerosis, ‘Wanta barbaadde hunda godhi’ isaan jedhee seera tokko akka baasu aangoo isaaf kenne. Haamaan jiʼa Adaar keessa guyyaa 13ffaatti seera namoonni Yihudoota hunda akka ajjeesan ajaju baase. Taʼus, Yihowaan haala kana ilaalaa ture.
Asteer waaʼee seera kanaa waan beektu hin qabdu turte. Kanaaf, Mordekaay koppii isaa ishiidhaaf ergee, ‘Dhaqiitii mooticha haasofsiisi’ ishiidhaan jedhe. Asteer garuu akkana jette: ‘Namni utuu hin affeeramin gara mootichaatti seenu kam iyyuu ni ajjeefama. Mootichi immoo guyyoota 30f na hin affeerre! Garuu nan deema. Ulee mootii isaa yoo natti qabe lubbuudhaan nan oola. Taʼuu baannaan garuu duʼuu koo ti.’
Asteer gara mooraa mootichaa deemte. Yommuu mootichi ishii ilaalu ulee mootii isaa ishiitti qabe. Ishiinis gara isaa dhaqxe; innis, ‘Asteer, maal siif godhu?’ jedhee ishii gaafate. Ishiinis, ‘Atii fi Haamaan harʼa galgala affeerrii koo irratti akka naaf argamtanin barbaada’ jette. Affeerrii sana irratti immoo Asteer yeroo lammaffaatiif isaan affeerte. Affeerrii isa lammataa irratti mootichi ammas irra deebiʼee, ‘Maal akkan siif godhu barbaadda?’ jedhee ishii gaafate. Ishiinis, ‘Namni tokko anaa fi saba koo ajjeesuuf jedha. Maaloo nu oolchi’ jette. Mootichis, ‘Isin ajjeesuu kan barbaade eenyu?’ jedhee ishii gaafate. Ishiinis, ‘Haamaan isa nama hamaa taʼe kana dha’ jette. Ahaashweros baayʼee waan aareef Haamaan yeruma sana akka ajjeefamu godhe.
Haa taʼu malee, eenyu illee seera Haamaan baase sana hambisuu hin dandaʼu; mootichi illee kana gochuu hin dandaʼu. Kanaaf, mootichi Mordekaay bulchitoota irratti ajajaa akka taʼu godhe; seera haaraa akka baasuufis aangoo isaaf kenne. Mordekaay seera Yihudoonni yommuu miidhaan isaan irratti geessifamu of irra dhowwuu akka dandaʼan heyyamu baase. Jiʼa Adaar keessa guyyaa 13ffaatti Yihudoonni diinota isaanii injifatan. Yeroo sanaa jalqabee, Yihudoonni guyyaa injifannoo itti argatan kana waggaa waggaadhaan ni kabaju.
“Isaaniifis taʼe sabootaaf waaʼee koo dhugaa baʼuudhaaf, anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota duratti ni dhiheeffamtu.”—Maatewos 10:18
-