LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 81
  • Yoon Nuffe Maalan Godha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yoon Nuffe Maalan Godha?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanta beekuu qabdu
  • Wanta gochuu dandeessu
  • Ijoolleen Koo Yoo Nuffan Maal Gochuun Qaba?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 81
Dargaggeessi tokko meeshaa elektirooniksii hedduu kan qabu taʼus, siree isaa irra ciisee baaxii ilaalaa jira

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Yoon Nuffe Maalan Godha?

Namoota tokko tokkoof guyyaa bokkaan roobu utuu homaa hin hojjetin ykn bakka tokko illee utuu hin dhaqin mana ooluun baayʼee isaanitti ulfaata. Dargaggeessi Roobertoo jedhamu, “Anis yeroo tokko tokko wantan godhu wallaaleen taaʼa” jedheera.

Atoo miirri akkasii sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, mata dureen kun si gargaaruu dandaʼa!

  • Wanta beekuu qabdu

  • Wanta gochuu dandeessu

  • Hiriyoonni kee maal jedhu

Wanta beekuu qabdu

  • Teknooloojii fayyadamuun furmaata taʼuu dhiisuu dandaʼa.

    Intarneetii sakattaʼuudhaan yeroo dabarsuu dandeessa taʼa taʼus, dandeettii kee ukkaamsuu fi akka nuffitu gumaacha gochuu dandaʼa. Jeermii inni umuriin isaa waggaa 21 taʼe akkana jedheera: “Callisteedhuma televijiinii ilaalta malee sammuun kee homaa akka hin hojjenne hubatta.”

    Shamarreen Eelenaa jedhamtu yaada kana irratti walii galti. Akkas jettetti: “Teknooloojiidhaan wanti gochuu dandeessu muraasa dha. Dhugaa jiru irratti akka hin xiyyeeffanne si taasisa, kanaafuu meeshaa kee yommuu keessu caalaatti nuffita!”

  • Ilaalchi jijjiirama fida.

    Wanta hojjettu hedduu qabaachuun akka hin nuffine si taasisaa? Kun fedhii ati wanta hojjettuuf qabdu irratti kan hundaaʼe dha. Fakkeenyaaf, shamarreen Kaaren jedhamtu akkas jettetti: “Guyyaa hundumaa wantan hojjedhu kanan qabu taʼus, anaaf barumsi baayʼee nuffisiisaa ture. Akka hin nuffineef wanta hojjechaa jirtu irratti guutummaatti xiyyeeffachuu qabda.”

Kana beektaa? “Wanta hojjettu dhabuun” gufuu utuu hin taʼin, akkuma biyyoo gaarii carraa waa kalaquuf si dandeessisu siif bana.

Gitaarri, iskiriptoonii fi waraqaan akkasumas gabateen halluu qodaa biqiltuu tokko keessatti guddachaa waan jiran fakkaata.

Yeroon ati qabdu akkuma biyyoo gaarii dandeettii kee guddifachuuf carraa gaarii siif bana

Wanta gochuu dandeessu

Fedha wantoota garagaraa raawwachuuf qabdu guddifadhu. Michoota haaraa horadhu. Wanta haaraa hojjedhu. Wanta haaraa baradhu. Namoonni wanta adda addaa gochuuf fedhii qaban yeroo baayʼee yeroo kophaa taʼanittis taʼee, yeroo namootaa wajjin taʼanitti hin nuffan.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wanta gochuu dandeessu kam iyyuu humna kee guutuudhaan raawwadhu.”—Lallaba 9:10.

“Dhiheenyatti afaan Chaayinaa Mandariin barachuun jalqabe, achiis guyyaa guyyaadhaan yommuun shaakalu barumsa akkasii dursee jalqabuun akka na irra tureen hubadhe. Wantan hojjedhu tokko qabaachuu nan jaalladha. Sammuun koo hojiidhaan akka qabamuu fi yeroo koo sirriitti akkan itti fayyadamu na gargaara.”—Meeliindaa.

Galma kee irratti xiyyeeffadhu. Kaayyoo wanta hojjettuu yoo hubatte, fedhiin ati wanta sana hojjechuuf qabdu ni dabala. Kaayyoo kee irratti yoo xiyyeeffatte, hojiin mana barumsaa baayʼee si hin nuffisiisu.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “[Namni] hojii isaa isa jabaatee hojjetetti gammachuu argachuu caalaa wanti namaaf gaarii taʼe tokko illee hin jiru.”—Lallaba 2:24.

“Barumsa koo xumuruu jala yommuun gaʼu, dursee qoʼachaa waanan hin turreef, guyyaatti saʼaatii saddeet qoʼachaan ture. Nama hin nuffisiisuu? Lakki, sababiin isaas galma koo irra gaʼuuf waanan murteesseefi. Barumsa koo xumuree eebbifamuu irratti xiyyeeffachuun koo kakaʼumsa koo naaf dabaleera.”—Haannaa.

Wanta jijjiiruu hin dandeenye amanii fudhadhu. Hojiin baayʼee nama gammachiisu illee, wanta nuffisiisu tokko tokko qaba. Akkasumas michoonni keenya gaggaarii taʼan yeroo tokko tokko beellama qabanne jijjiiru, kunis hojii nu hiiksisa. Haalli akkasii gammachuu akka si dhabsiisu heyyamuu mannaa, ilaalcha sirrii qabaachuuf yaali.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Namni garaa gammade qabu yeroo hunda affeerraa irra jira.’—Fakkeenya 15:15.

“Michuun koo tokko yeroo kophaa taʼuudhaan dabarsuutti gammadduu akkan baradhu natti himte. Isheen, yeroo warra kaan wajjin dabarsitu yeroo kophaa taʼuudhaan dabarsitu wajjin wal madaalchisuu barachuun ogummaa jireenya keessatti gatii guddaa qabuu fi namni hundi horachuu qabudha naan jettetti.”—Iviiyi.

Hiriyoonni kee maal jedhu

Haannaa

“Namoota jireenya gammachiisaa akka qaban fakkaatanitti nan hinaafan ture. Achiis isaan namoota akkuma kootii wantoota tokko tokko raawwatan akka taʼan hubadhe. Kanaafuu, wantoota tokko tokko raawwachuun jalqabe. Wanta haaraa hojjechuun jalqabe akkasumas mata dureewwan xiyyeeffannaa namaa harkisan irratti qorannoo gochuun jalqabe. Wantoota naannoo kee jiran caalaatti yommuu beekaa deemtu, caalaatti si gammachiisa akkasumas barachuu kee itti fufuu barbaadda.”—Haannaa.

Kaaleb

“Umurii koo waggoota kurnaniitti, miira nuffuu natti dhagaʼamu tapha viidiyoo taphachuudhaan darbuufan yaala ture. Yeroon guddachaa deeme garuu, tapha viidiyoo taphachuun kanaaf furmaata akka hin taanen hubadhe. Taphni kun guutummaatti xiyyeeffannaa kee kan harkisu taʼus, yeroo taphicha xumurtu wanti hojjette tokko illee akka hin jirre hubatta. Yeroo koo wanta gaarii taʼeen dabarsuu akkan qabu na hubachiiseera.”—Kaaleb.

Mikaaʼelaa

“Guyyaan ani dabarsu dheeraa fi kan nama nuffisiisu akka taʼe natti dhagaʼama, yeroo booda garuu namoonni anaa wajjin yeroo akka dabarsan kanan barbaadu yoo taʼe, anis isaanii wajjin yeroo dabarsuu akkan qabu hubadheera. Akkas gochuu jalqabeera baayʼees na gargaareera. Amma, yeroo ani kophaa itti taʼutti nan gammada sababiin isaas, yeroowwan kun hin argaman!”—Mikaaʼelaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi