FAARFANNAA 136
‘Gatii Guutuu’ Yihowaa Biraa Argamu
1. Yihowaan amanamaa dha, ni beeka
Waaʼee tajaajiltootasaa.
Garaa guutuudhaan isaaf buluunsaanii,
Aarsaa isaan kaffalchiisa.
Mana, maatii ykn michuu yoo dhiiste,
Waaqni kana hunda beeka.
Waldaa obbolummaatiin si gargaara;
Si galcha addunyaa haaraa.
(BUUSAA)
Yihowaan gatii kee haa kaffalu.
Si haa kiisu guutummaa guutuutti.
Gaaddisa siif haa taʼu dawoo.
Innʼ amanamaa dha; Waaqa dhugaa ti.
2. Jireenya keenyaan wanti nurra gaʼu
Humnaa ol fakkaata taʼa.
Wanti guyyaa hunda nurraa eegamus
Rakkisaa taʼuu dandaʼa.
Waaqni jajjabinaa hunda hubata;
Kadhannaa kees ni dhagaʼa.
Dubbiif hafuurasaa, michoota keerraas
Jajjabina ni argatta.
(BUUSAA)
Yihowaan gatii kee haa kaffalu.
Si haa kiisu guutummaa guutuutti.
Gaaddisa siif haa taʼu dawoo.
Innʼ amanamaa dha; Waaqa dhugaa ti.
(Dabalataan, Abo. 11:38-40; Isa. 41:10 ilaali.)