LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w21 Onkoloolessa ful. 29-31
  • 1921—Waggoota Dhibba Tokko Dura

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 1921—Waggoota Dhibba Tokko Dura
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • LABSITOOTA IJA JABEEYYII
  • QOʼANNAA DHUUNFAA FI QOʼANNAA MAATII
  • KITAABA HAARAA!
  • HOJII GARA FUULDURAATTI HOJJETAMU
  • Wanta Yihowaan Ajaje Raawwachuudhaan Eebba Ani Argadhe
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • 1922—Waggaa Dhibba Tokko Dura
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • 1923—Waggaa Dhibba Tokko Dura
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
w21 Onkoloolessa ful. 29-31

1921 Waggoota Dhibba Tokko Dura

MASARAAN EEGUMSAA Amajjii 1, 1921 Barattoota Kitaaba Qulqulluu, “Waggaa kanatti hojii akkamiitu nu eeggata?” jedhee gaafatee ture. Achiis Isaayyaas 61:1, 2 irraa yaada hojii lallabaa isa ergama isaanii taʼe isaan yaadachiisu caqase. “Sagalee misraachoo warra gadadamootti akkan himuuf, Waaqayyo na dibeera; . . . waggaa Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame, guyyaa Waaqayyo keenya itti ijaa baafatu akkan labsuuf . . . na ergeera.”

LABSITOOTA IJA JABEEYYII

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu ergama isaaniif kenname raawwachuuf ija jabeeyyii taʼuu qabu. Warra garraamotatti “misraachoo” akka himanii fi “guyyaa Waaqayyo keenya itti ijaa baafatu” akka labsan isaan irraa eegama.

Obboleessi keenya Joon Henarii Haaskan inni Kaanaadaa jiraatu mormiin utuma jiruu ija jabinaan dhugaa baʼeera. Obboleessi kun bara 1921⁠tti waqtii arfaasaatti tajaajilaa Metoodistii tokkoo wajjin wal arge. Obboleessi keenya Haaskan marii isaa akkana jechuudhaan jalqabe: “Utuu walitti hin buʼin waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuu qabna. Wantoota tokko tokko irratti yoo walii galuu baanne illee, marii keenya nagaadhaan dhaabuudhaan michoota taanee itti fufuu dandeenya.” Garuu akka inni yaade hin taane. Obboleessi keenya Haaskan, “Mariʼachuu jalqabnee utuma baayʼee hin turin [tajaajilaan sun] balbala garmalee waan rukuteef foddaan isaa waan cabe natti fakkaatee ture” jechuudhaan wanta yeroo sanatti taʼe dubbateera.

Tajaajilaan sunis, “Maaliif dhaqxee namoota Kiristiyaanota hin taaneef hin lallabdu?” jedhee iyye. Obboleessi keenya Haaskan garuu homaa hin deebisneef; achiis, namni sun amala Kiristiyaanaa argisiisaa waan hin turreef garaa isaatti, ‘Amma iyyuu nama Kiristiyaana hin taaneefan lallabaa jira!’ jedhe.

Tajaajilaan sun guyyaa itti aanutti waldaa isaa keessatti yeroo lallabu waaʼee obboleessa keenya Haaskan wanta soba taʼe dubbate. Haaskan, “[Tajaajilaan sun] namoota gara magaalattii dhufan keessaa namni akka koo sobduu taʼe akka hin jirree fi ajjeefamuu akkan qabu isaanitti hime” jechuudhaan dubbateera. Taʼus, lallabuu isaa hin dhaabne; kanaa mannaa, namoota hedduu wajjin mariʼachuu isaa itti fufeera. Akkana jedheera: “Naannoo sanatti lallabuun baayʼee na gammachiisee ture. Namoonni tokko tokko, ‘Ati nama Waaqayyoo ti!’ naan jedhanii illee turan; wanta na barbaachisu naaf kennuu akka barbaadanis natti himaniiru.”

QOʼANNAA DHUUNFAA FI QOʼANNAA MAATII

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu namoonni fedhii qaban guddina akka godhan gargaaruuf sagantaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu barruu The Golden Age jedhamu irratti ni baasu turan.a Sagantaan kun gaaffiiwwan warri ijoollee isaanii wajjin irratti mariʼatan kan qabate ture. Warri gaaffiiwwan kana ijoollee isaanii gaafachuudhaan deebii isaa Kitaaba Qulqulluu keessaa akka argatan isaan gargaaru. Gaaffiiwwan kana keessaa tokko tokko gaaffiiwwan sasalphaa kan akka, “Kitaabni Qulqulluun kitaabota meeqa qaba?” jedhanii ti. Gaaffiiwwan kaan immoo kan akka, “Kiristiyaanota dhugaa hunda irra ariʼatamni gaʼuu qabaa?” jedhanii ti; gaaffiiwwan akkasii ijoolleen ija jabinaan akka lallaban gargaaru turan.

Gaaffiiwwanii fi deebiiwwan Kitaaba Qulqulluu namoota beekumsa qabaniif qophaaʼanis jiru turan. Deebiin isaaniis kitaaba Studies in the Scriptures jildii isa jalqabaa irratti argama. Dubbistoonni kumaan lakkaaʼaman sagantaawwan kana irraa faayidaa guddaa argataniiru; taʼus barruun The Golden Age Muddee 21, 1921 baʼe sagantaan kun akka dhaabbatu beeksise. Maaliif?

KITAABA HAARAA!

Kitaaba The Harp of God

Kaardii mata duree dubbifamu qabate

Kaardii gaaffiiwwan qabate

Obboloonni dursa fudhatanii geggeessan namoonni reefu Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqaban karaa caalaatti qindoomina qabuun dhugaa barachuun akka isaan barbaachisu hubatan. Kanaafuu, Sadaasa 1921⁠tti, kitaabni The Harp of God jedhamu ni baʼe. Namoonni fedhii qabanii fi kitaaba kana fudhatan sagantaa The Harp Bible Study Course jedhamu irrattis ni hirmaatu turan. Sagantaan ofiin geggeeffatan kun kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaa bara baraaf eebbisuuf qabu akka hubatan isaan gargaareera. Sagantaan kun maal fakkaata ture?

Namni tokko kitaaba kana yommuu fudhatu, kaardii xiqqoo kitaaba sana keessaa fuula kam dubbisuu akka qabu ibsus ni fudhata. Torbee itti aanutti immoo, kaardiin gaaffiiwwan yaada dubbise irratti hundaaʼan qabate isaaf ergama. Kaardiin kun dhuma irratti wanta torbee itti aanu dubbisu qabateera.

Barataan kun kaardii kana torban torbaniin torbeewwan 12f karaa poostaa ykn karaa gumii naannoo isaa jiruu isaaf kennama. Yeroo baayʼee kaardiiwwan kana kan ergan obboloota maanguddoota taʼan ykn obboloota manaa gara manaa deemuu hin dandeenye dha. Fakkeenyaaf, Aanaa Kaatriin Gaardinar ishiin Miilvaal, Pensilvaaniyaa, Yuunaayitid Isteetis keessa jiraachaa turte, “Yommuu kitaabni The Harp of God jedhamu baʼetti, obboleettiin koo Taayil ishiin deemuun ishii rakkisu kaardii gaaffiiwwan qabate namootaaf erguudhaan caalaatti tajaajila irratti hirmaachuu dandeesseetti” jetteetti. Namni sun sagantaa sana yeroo xumuru, miseensi gumii tokko caalaatti waaʼee Kitaaba Qulqulluu akka baratu isa affeera.

Taayil Gaardinar wiilcheerii irra teessee

HOJII GARA FUULDURAATTI HOJJETAMU

Obboleessi keenya Raazarfoordi dhuma waggichaatti gumiiwwan hundaaf xalayaa erge. Xalayaa isaa irratti ‘hojiin lallabaa waggaa kanatti hojjetame, isa kanaan duraa caalaa misiraachicha namoota hedduutti himuu fi isaan gargaaruuf akka dandeessise’ ibseera. Itti dabaluudhaanis, “Hojiin hojjetamu hedduun jira. Warri kaanis hojii eebbifamaa kana irratti akka hirmaatan jajjabeessaa” jedheera. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu wanta inni dubbate akka hojii irra oolchan ifa dha. Bara 1922⁠tti ija jabinaan karaa sana dura taʼee hin beekneen Mootummicha beeksisaniiru.

Michoota Ija Jabeeyyii Taʼan

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu wal gargaaruudhaan jaalala obbolummaa argisiisaniiru. Akka muuxannoon armaan gadii ibsutti, michoota ija jabeeyyii “yeroo dhiphinaatiif [dhalatan]” turan.—Fak. 17:17.

“Kibxata, Caamsaa 31, 1921⁠tti, namichi gurraachi magaalaa Toolsaa (Oklaahoomaa, Yuunaayiti Isteetis) keessa jiraatu tokko dubartii adii arrabseera jedhamee mana hidhaa erga seenee booda namoonni adii 1,000 ol taʼan garee namoota gurraachotaa muraasaa wajjin walitti buʼan. Walitti buʼiinsi sunis naannoo Giriinwuud jedhamtuu fi gurraachonni hedduun keessa jiraatanitti saffisaan babalʼate. Manneenii fi bakkeewwan daldalaa 1,400 ol taʼan saamamaniiru, achiis barbadeeffamaniiru. Namoonni 36 akka duʼan kan gabaafame taʼus, namoonni duʼan gara 300 taʼuu hin oolan. Jeequmsi kun yeroo booda Toolsaa Rees Masaakar jedhameera.

Obboleessi keenya Riichaardi Hiil, inni gurraacha taʼee fi Giriinwuud keessa jiraatu wanta taʼe akkana jechuudhaan dubbateera: “Galgala jeequmsi sun kaʼetti akkuma yeroo kaanii walgaʼii gumii irra turre. Erga gumii fixnee booda walakkaa magaalaatti dhukaasa dhageenye. Dhukaasni sunis hamma halkaniitti itti fufe.” Roobii ganama, jechuunis Waxabajjii 1, haalli isaa caalaatti hammaate. “Namoonni muraasni dhufanii eegumsa argachuuf gara galma guddaa namoonni magaalattii itti fayyadaman akka dhaqnu nutti himan.” Kanaafuu, obboleessi keenya Riichaardi haadha manaa isaa fi ijoollee isaa shanii wajjin gara galma sanaatti baqatan. Galma sana keessattis gurraachonni 3,000 ol taʼan loltoota mootummaan lola sana dhaabsisuuf ergeen eegamaa turan.

Yeroodhuma sana keessa, obboleessi keenya Aartar Kilaawus inni nama adii taʼe murtoo ija jabina gaafatu murteesse. “Yeroo guutummaa Giriinwuud keessatti jeequmsi, saamichii fi mana namaa gubuun babalʼatetti haala michuun koo Riichaardi keessa jiru beekuufan murteesse” jedheera.

Aartar Kilaawus kitaaba The Harp of God jedhamutti fayyadamee yeroo ijoollee 14 barsiisu

Yommuun mana obboleessa keenya Riichaardi gaʼus namichi adiin tokko qawwee qabateen arge. Ollaan isaa kun michuu obboleessa keenya Riichaardi dha; innis namoota jeequmsicha irratti hirmaatan keessaa tokko akka taʼetti waan yaadeef, “As kan dhufte maaliifi?” jedhee Aartaritti iyye.

Aartaris wanta yaadatu yeroo dubbatu, “Utuu deebiin koo isa hin quufsine taʼee, natti dhukaasa ture” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Michuu obboleessa keenya Riichaardi akkan taʼee fi yeroo baayʼee mana isaa dhufaa akkan turen itti hime” jedheera. Aartarii fi ollaan isaa qabeenyi obboleessa keenyaa akka hin saamamne eeguu dandaʼaniiru.

Achiis, Aartar obboleessi keenya Riichaardii fi maatiin isaa galma magaalattii keessa akka jiran dhagaʼe. Hamma jeneraalli Baareet jedhamuu fi dhimmi kun isa ilaallatu ajaja kennutti namoonni gurraachi galma sana keessaa baʼuu akka hin dandeenye Aartaritti himame. Aartar akkana jedhee ture: “Jeneraala sana argachuun baayʼee ulfaataa ture. Yommuun obboleessa Riichaardii fi maatii isaa fudhachuu akkan dhufe isatti himutti: ‘Maatii kanaaf eegumsa ni gootaa? Akkasumas wanta isaan barbaachisu isaaniif ni dhiheessitaa?’ jedhee na gaafate. Anis gammachuudhaan, ‘Eeyyee’ jedheen deebise.”

Aartaris heyyama isaaf kenname qabatee ariitiidhaan gara galmichaa dhaqe. Yeroo poolisii tokkotti kennus poolisichi ajaaʼibsiifatee, “Baayʼee nama dinqisiisa, jeneraalichatu mallatteesse! Hamma yoonaatti namni heyyama akkasii argate hin jiru, ati kan jalqabaa ti” isaan jedhe. Utuu baayʼee hin turinis, obboleessa keenya Riichaardii fi maatii isaa barbaadanii argatan. Achiis konkolaataa Aartar keessa seenanii gara mana Aartaritti qajeelan.

“Sabni Waaqayyoo hundi wal qixa”

Obboleessi keenya Aartar obboleessa keenya Riichaardii fi maatii isaatiif eegumsa godheera. Namoonni kaanis ija jabinaa fi jaalala obboleessi keenya Aartar argisiise baayʼee ajaaʼibsiifataniiru. Aartar akkana jedheera: “Namichi qabeenya obboleessa keenya Riichaardi eegaa ture, saba Yihowaa caalaatti jaallachuu dandaʼeera. Namoonni hedduun saba Waaqayyoo gidduu sanyiidhaan wal qoqqooduun akka hin jirree fi sabni waaqayyoo hundi wal qixa akka taane yommuu hubatan ergaa Mootummichaatiif fedhii horataniiru.”

a Barruun The Golden Age jedhamu bara 1937⁠tti Consolation, bara 1946⁠tti immoo Awake! (Dammaqaa!) jedhameera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi