Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 57—Filemon
Barreessaan: Phaawulos
Bakki Itti Barreeffame: Roomaa
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 60–61
ERGAAN Phaawulos karaa jaalala calaqqisuufi ogummaan barreeffame kun, xiyyeeffannaa Kiristiyaanota yeroo har’aatti argaman baay’ee hawwata. Ergaa Phaawulos inni “Saba Waaqayyoo warra hin ta’iniif ergamaa” ta’e barreesseefi hanga har’aatti argaman keessaa gabaabaa kan ta’e Filemon yommuu ta’u, guutummaa Macaafa Qulqulluu keessaas Lammaffaafi Sadaffaa Yohannisiin alatti macaafota kaanirra gabaabaadha. Kana malees, ergaan Phaawulos kun gumii tokkoof ykn nama itti gaafatamummaa hojii ilaaltuu olaanaa qabuuf kan barreeffame utuu hin ta’in, ergaa “dhuunfaa” nama tokkoof barreeffameefi Phaawulos rakkoo adda ta’e tokko ilaalchisee Kiristiyaana sooressa Filemon jedhamuufi handhuura Eeshiyaa Ishee Xinnoo magaalaa Firiigiyaa Qolosaayis jedhamtu keessa jiraatuu wajjin marii inni gochuu barbaade qofa kan ibsudha.—Rom. 11:13.
2 Kaayyoo ergichaarraa ifatti hubachuun akkuma danda’amutti, Phaawulos (Dh.K.B. bara 59-61) jalqaba yommuu Roomaatti hidhamee ture waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabuuf mirga qaba ture. Namoota lallabasaa dhaga’uudhaan deebii gaarii kennan keessaa, garbichi Oneesimos jedhamuufi Filemon isa michuu Phaawulos ture jalaa bade isa tokko ture. Kanaan kan ka’es, Oneesimos yeroo booda Kiristiyaana ta’e; Phaawulos Oneesimos gara Filemonitti deebi’uuf fedhii akka qabu erga mirkaneessee booda isa erguuf murteesseera. Phaawulos gumiiwwan Efesooniifi Qolosaayisitti argamaniif ergaa kan barreesse yeroo kanatti ture. Ergaasaa kana lamaanirratti, garboonni Kiristiyaanota ta’aniifi gooftoliinsaanii amala akkamii argisiisuu akka qaban ilaalchisee gorsa gaarii kenneera. (Efe. 6:5-9; Qol. 3:22–4:1) Haata’u malee, sababii guddaan Phaawulos ergaa kana barreessuuf itti kaka’e Filemon Oneesimosiin akka simatu kadhachuuf ture. Phaawulos barsiifata ergaasaa ofiisaatiin barreessuu kan hin qabne ta’us, ergaa kana garuu harkasaatiin barreesse. (Film. 19) Ergaa kana ofiisaatii barreessuunsaa kadhannaansaa caalaatti akka ulfina qabaatu godheera.
3 Phaawulos Roomaatti amantoota kan argate yeroo dheeraaf erga lallabee booda ta’uu waan danda’uuf, ergaa kana kan barreesse Dh.K.B. naannoo bara 60-61tti utuu hin ta’in hin oolu. Kana malees, lakkoofsa 22rratti hiikamuuf abdii akka qabu ibsuunsaa, ergaasaa kan barreesse hanga tokko mana hidhaa erga turee booda ta’uu danda’a jennee akka yaannu nu taasisa. Ergaan sadan Filemoniif, gumii Efesooniifi Qolosaayisiif barreeffaman kun Xikiqoosiifi Oneesimosiin kan ergaman fakkaata.—Efe. 6:21, 22; Qol. 4:7-9.
4 Maqaan Phaawulos lakkoofsa jalqabaa ergaa Filemonirratti (Film. lakkoofsa 1rratti) caqasamuunsaa xalayicha kan barreessee isa ta’uusaa mirkaneessa. Oriijaniifi Tartuuliyaanis ergaa Filemon kan barreesse Phaawulos ta’uusaa amananiiru.a Macaafni kun ciccitaa Muraatoorii Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti qophaa’an keessatti ergaawwan Phaawulos warra kaanii wajjin caqasamuunsaa sirrii ta’uusaa mirkaneessa.
FAAYIDAASAA
7 Phaawulos “wangeela hawaasummaa” lallabuudhaan sirna yeroo sanatti tureefi barsiifatawwan akka garbummaa balleessuuf yaalii gochaa akka hin turre ergaa kanarraa ifatti hubachuun ni danda’ama. Garboonni Kiristiyaanota ta’anillee, fedhasaatiin birmaduu akka ba’an gochuu mannaa, Oneesimos inni badee ture Roomaadhaa hanga Qolosaayisitti kiilomeetira 1,400 ol deemee gara Filemon gooftaasaatti akka deebi’u isa ergeera. Kanaaf, Phaawulos hojii guddaa Waaqayyo isaaf kennerratti xiyyeeffachuufi dhimma garabiraa keessa seenuurraa of qusachuudhaan, “mootummaa Waaqayyoo in lallaba, waa’ee Yesus Kristos gooftichaas in barsiisa ture.”—HoE. 28:31; Film. 8, 9.
8 Ergaan Filemoniif barreeffame jaalalaafi tokkummaa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gidduu ture kan argisiisudha. Kiristiyaanonni durii “obboleessa” akkasumas “obboleettii” jedhanii akka wal waaman ergicharraa hubachuu dandeenya. (Film. 2, 20) Akkasumas, seerri bu’uuraa Kiristiyaanummaa obboloota dhiiraa gidduutti akkamitti hojiirra oolchuun akka danda’amu, Kiristiyaanota yeroo har’aatti argamaniif akka gaariitti ifa godha. Jaalala Phaawulos obbolootaaf qabu, hariiroo inni warra kaanii wajjin qabu, ulfina inni qabeenya namoota kaaniitiif qabu, malawwan gaarii inni itti fayyadameefi fakkeenya inni gad of deebisuudhaan argisiise hubachuu dandeenya. Phaawulos gumii Kiristiyaanaa keessatti itti gaafatamummaa guddaa qabuun fayyadamee, Filemon Oneesimosiif dhiifama akka godhu dirqisiisuu mannaa jaalala Kiristiyaanummaafi michummaa gidduusaanii jirurratti hundaa’ee gad of deebisuudhaan isa kadhateera. Ilaaltonni olaanaan yeroo har’aatti argamanis, mala Phaawulos Filemoniif yaada itti dhiheesserraa barumsa gaarii argachuu danda’u.
9 Gaaffii inni isaaf dhiheesse Filemon fudhachuudhaan akka hojiirra oolchu Phaawulos akka isarraa eegu beekamaadha; Filemonis akkas gochuunsaa wanta Yesus Maatewos 6:14rratti, Phaawulosimmoo Efesoon 4:32rratti dubbatan hojiirra oolchuusaa kan argisiisu ta’a. Kiristiyaanonni yeroo har’aatti argamanis, obboleessi tokko yommuu isaan mufachiisu gaarummaa argisiisuufi dhiifama gochuun isaanirraa eegamuu danda’a. Filemon nama garbichasaa ta’eefi wanta barbaade irratti raawwachuuf seerri isaaf heyyamu erga dhiifama godhee, Kiristiyaanonni yeroo har’aatti argamanis obboleessa isaan mufachiiseef dhiifama gochuuf qophaa’uu qabu; wanta Filemon godhee wajjin yommuu ilaalamu akkas gochuun baay’ee rakkisaa miti.
10 Ergaan Filemoniif ergame kun hafuura Yihowaa akka qabu homaa hin shakkisiisu. Phaawulos rakkoo salphaatti miira namaarra miidhaa guddaa geessisuu danda’u ogummaadhaan hiikuun qajeelfamni hafuura qulqulluu akka gaariitti akka mul’atu godheera. Miira michummaa, jaalala ho’aafi namoota hidhata amantiisaa ta’anirratti amantii cimaa qabaachuunsaa kana kan argisiisudha. Ergaan Filemoniif ergame, akkuma Caaffata Qulqullaa’oo kaanii seera bu’uuraa Kiristiyaanummaa kan barsiisu, tokkummaa Kiristiyaanummaa kan jajjabeessu, jaalalaafi amantii ‘qulqulloota’ Mootummaa Waaqayyoo abdiin eeggataniifi gaarummaa Waaqayyoo jireenyasaaniitti calaqqisan gidduuti mul’atu akka gaariitti kan argisiisu ta’uunsaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin akka barreeffame mirkaneessa.—Film. Lak. 5.
[Miiljalee]
a Za Intarnaashinaal Istaandaardi Baayibil Insaaykilooppiidiyaa, J. Dabliiwu. Biroomileyiin bara 1986 kan qophaa’e, Jildii 3, ful. 831.