LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 32
  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Bara 1914 Ilaalchisee Lakkoofsi Baraa Kitaaba Qulqulluu Maal Ibsa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe?—Kutaa 2
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Bara 1914—​Waggaa Raajii Macaafa Qulqulluu Keessatti Iddoo Guddaa Qabu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 32
Barumsa 32. Yesuus Kiristoos inni samii irratti Mootii taʼe ulee mootii qabatee guutummaa lafaa yommuu bulchu.

BARUMSA 32

Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Mootummaan Waaqayyoo bara 1914 kaasee samii irratti bulchuu jalqabeera. Guyyoonni dhumaa bulchiinsa ilmaan namootaas kan jalqabe bara kanatti ture. Kana akkamitti beekna? Mee raajii Kitaaba Qulqulluu, wanta addunyaa keessatti raawwatamaa jiruu fi amala namoonni bara 1914 kaasee argisiisaa jiran haa ilaallu.

1. Raajiin Kitaaba Qulqulluu maal argisiisa?

Kitaaba Qulqulluu keessaa kitaabni Daaniʼel Mootummaan Waaqayyoo bulchuu kan jalqabu “barri torba” yommuu xumuramu akka taʼe argisiisa. (Daaniʼel 4:16, 17) Jaarraawwan hedduu booda Yesuus yeroo sana ‘bara sabootaaf murteeffame’ jechuudhaan ibseera; barri sun yeroo inni lafa irra turettis akka hin xumuramne barsiiseera. (Luqaas 21:24) Akkuma barumsa kana keessatti ilaallu, barri torba bara 1914⁠tti xumurame.

2. Bara 1914 kaasee addunyaa keessatti maaltu raawwatamaa jira? Namoonni hoo amala akkamii argisiisaa jiru?

Barattoonni Yesuus, “Mallattoon argama keetii fi kan dhuma sirna kanaa maali dha?” jedhanii isa gaafatanii turan. (Maatewos 24:3) Yesuusis deebii yeroo isaaniif kennu, Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee samii keessatti erga bulchuu jalqabee booda wantoonni hedduun akka raawwataman raajii dubbateera. Isaan keessaa tokko tokko waraana, hanqina nyaataa fi kirkira lafaa ti. (Maatewos 24:7 dubbisi.) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun amalli namoonni “guyyoota dhumaatti” argisiisan jireenyi “baayʼee rakkisaa” akka taʼu kan godhu taʼuu isaa dursee dubbateera. (2 Ximotewos 3:1-5) Haalawwanii fi amalli namoonni argisiisan kun keessumaa bara 1914 kaasee ifatti mulʼachaa jira.

3. Mootummaan Waaqayyoo bulchuu erga jalqabee kaasee addunyaan kun baayʼee mancaʼaa kan deeme maaliifi?

Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo erga taʼee utuma baayʼee hin turin, samii keessatti Seexanaa fi jinniiwwan irratti waraana baneera. Waraanicha irratti Seexanni injifatameera. Kitaabni Qulqulluun, “Inni gara lafaatti gad darbatame; maleekonni isaas isaa wajjin gad darbataman” jedha. (Mulʼata 12:9, 10, 12) Seexanni akka balleeffamu waan beekeef baayʼee aareera. Kanaafuu, dhiphinnii fi rakkinni guutummaa lafaa irratti akka baayʼatu godheera. Haalli addunyaa kanaa garmalee mancaʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan kana hunda ni balleessa.

CAALAATTI BARADHU

Mootummichi bara 1914⁠tti bulchuu akka jalqabe kan beekne akkamitti akka taʼee fi kun immoo nuuf hiika maalii akka qabu qori.

4. Duraa duubni yeroo Kitaaba Qulqulluu Mootummichi bara 1914tti bulchuu akka jalqabe argisiisa

VIIDIYICHA taphachiisaa.

VIIDIYOO: Mootummaan Waaqayyoo Bara 1914⁠tti Bulchuu Jalqabe (5:02)

Waaqayyo mootii Baabilon durii kan ture Nebukadnezaar abjuu raajii of keessatti qabate tokko akka argu godheera. Abjuun sunii fi hiikni Daaniʼel abjuu sanaaf kenne, waaʼee bulchiinsa Nebukadnezaarii fi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo kan ibsu ture.—Daaniʼel 4:17 dubbisaa.a

Daaniʼel 4:20-26 dubbisaa, achiis chaartichatti fayyadamuudhaan gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kennaa:

  • (A) Nebukadnezaar abjuu isaa keessatti maal arge?—Lakkoofsa 20 fi 21 ilaali.

  • (B) Mukichi maal taʼe?—Lakkoofsa 23 ilaali.

  • (C) “Barri torba” yommuu xumuramu maaltu taʼe?—Lakkoofsa 26 ilaali.

Abjuun Waaʼee Mukichaa Ibsu Mootummaa Waaqayyoo Wajjin kan Wal Qabatu Akkamitti?

RAAJII (Daaniʼel 4:20-36)

Bulchiinsa

(A) Muka baayʼee dheeraa

A tree of enormous height.

Bulchiinsichi addaan cite

(B) “Mukicha muraa,” ‘barri torbas isa irratti haa darbu’

Gufuu mukaa sibiilaa fi sibiila diimaadhaan hidhame.

Bulchiinsichi iddootti deebiʼe

(C) “Mootummaan kee siif deebiʼa”

Muka baayʼee dheeraa.

Raawwii jalqabaa

  • (D) Mukichi eenyuun argisiisa?—Lakkoofsa 22 ilaali.

  • (E) Bulchiinsi isaa addaan kan cite akkamitti?—Daaniʼel 4:29-33 dubbisaa.

  • (F) “Barri torba” yommuu xumuramu Nebukadnezaar maal taʼe?—Daaniʼel 4:34-36 dubbisaa.

RAAWWII JALQABAA

Bulchiinsa

(D) Nebukadnezaar Mootii Baabilon

Nebukadnezaar Mootichi of tuulee jira.

Bulchiinsichi addaan cite

(E) Dh.K.D. bara 606 booda Nebukadnezaar sammuun isaa waan tuqameef waggoota torbaaf bulchuu hin dandeenye

Nebukadnezaar lafa ciisee akka bineensaatti marga yommuu nyaatu.

Bulchiinsichi iddootti deebiʼe

(F) Nebukadnezaar fayyee deebiʼee bulchuu jalqabe

Nebukadnezaar Mootichi harka isaa ol qabee gara samii ilaalaa jira.

Raawwii lammaffaa

  • (G) Mukichi eenyuun argisiisa?—1 Seenaa Baraa 29:23 dubbisaa.

  • (H) Bulchiinsi isaanii addaan kan cite akkamitti? Yeroo Yesuus lafa irra turettis bulchiinsi isaanii addaan citee akka ture akkamitti beekna?—Luqaas 21:24 dubbisaa.

  • (I) Bulchiinsi kun iddootti kan deebiʼe yoomii fi eessatti?

RAAWWII LAMMAFFAA

Bulchiinsa

(G) Mootota Israaʼel warra bulchiinsa Waaqayyoo bakka buʼan

Mootonni Israaʼel walitti aananii bulchan wal duraa duubaan teessoo irra taaʼanii. Calaqqisni ifaa asii gad isaan irratti ifaa jira.

Bulchiinsichi addaan cite

(H) Yerusaalem balleeffamuun ishii, bulchiinsi mootota Israaʼel waggoota 2,520f akka addaan citu godhe

Ibidda Dh.K.D. bara 607⁠tti Yerusaalemiin balleessaa jiru. Achiis waggoonni 2,520 erga darbanii booda.

Bulchiinsichi iddootti deebiʼe

(I) Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee samii irratti bulchuu jalqabe

Yesuus Dh.K.B. bara 1914 kaasee teessoo isaa isa samii irra taaʼee lafa bulchuu jalqabe. Calaqqisni ifaa isa keessaa ifaa jira.

Barri torba hammam dheerata?

Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko kutaawwan kaan hubachuuf nu gargaaru. Fakkeenyaaf, kutaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe kitaabni Mulʼataa barri sadii fi walakkaan guyyoota 1,260 wajjin qixxee akka taʼe dubbata. (Mulʼata 12:6, 14) Barri torba immoo dachaa guyyoota sanaa ykn guyyoota 2,520 taʼa. Yeroo tokko tokko Kitaabni Qulqulluun jecha guyyaa tokko jedhu waggaa tokko argisiisuuf itti fayyadama. (Hisqiʼel 4:6) Kanaafuu barri torba inni kitaaba Daaniʼel keessatti ibsame waggoota 2,520 argisiisa jechuu dha.

5. Bara 1914 kaasee addunyaan kun jijjiirameera

VIIDIYICHA taphachiisaa.

VIIDIYOO: Bara 1914 Kaasee Addunyaan Kun Jijjiirameera (1:10)

Yesuus erga Mootii taʼee booda haalli addunyaa kanaa maal akka fakkaatu raajii dubbateera. Luqaas 21:9-11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Haalawwan kanneen keessaa kan ati argite ykn dhageesse isa kami?

Phaawulos ergamaan guyyoota dhumaa bulchiinsa ilmaan namootaatti namoonni amala akkamii akka argisiisan ibseera. Ximotewos Lammaffaa 3:1-5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Namoonni yeroo harʼaa jiran amalawwan kanneen keessaa kamfaa yommuu argisiisan hubatteetta?

Fakkiiwwan: Fakkiiwwan haalawwan addunyaa fi amala namootaa guyyoota dhumaa argisiisan. 1. Geggeessaan loltootaa tokko waltajjii irra dhaabatee harka isaa ol kaasuudhaan dhaadannoo dhageessisaa jira. 2. Gamoowwan kirkira lafaatiin diigaman. 3. Xiyyaara lolaa. 4. Namoota maaskii godhatanii deemaa jiran. 5. Gamoowwan Niwu Yoorki lamaan balaa shororkeessitoonni geessisan booda gubachaa jiran. 6. Namicha qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachaa jiru. 7. Abbaa manaa haadha manaa isaa abootteedhaan rukutuuf jedhuu fi itti iyyaa jiru. 8. Qorichawwan sammuu namaa hadoochanii fi dhugaatiiwwan alkoolii gara garaa. 9. Dubartoota uffata ammayyaa uffatanii fi faayaawwan kaaʼatan lama yommuu suuraa of kaasan. 10. Diijee koonsartii irratti muuziqaa taphachiisaa jiru. 11. Namni jeequmsa irratti hirmaatu tokko ibidda qabsiisee yommuu darbachuuf jedhu.

6. Bulchiinsi Mootummaa Waaqayyoo maal gochuuf nu kakaasuu qaba?

Maatewos 24:3, 14 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Hojii barbaachisaan Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiru argisiisu isa kami?

  • Hojii kana irratti hirmaachuu kan dandeessu akkamitti?

Mootummaan Waaqayyoo bulchaa jira, guyyaan itti guutummaatti lafa toʼatus dhihaateera. Ibroota 10:24, 25 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • “Guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu,” tokkoon tokkoon keenya maal gochuu qabna?

Fakkiiwwan: 1. Barattuu Kitaaba Qulqulluu walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamte. 2. Barattuun Kitaaba Qulqulluu sun dubartii beektu takkaaf yommuu lallabdu.

Wanta namoota gargaaruu fi lubbuu isaanii oolchuu dandaʼu utuu beektee maal goota?

NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Dhugaa Baatonni Yihowaa barri 1914 waggaa addaa akka taʼe kan dubbatan maaliifi?”

  • Maal jettee deebista?

MAAL BARATTE?

Raajiin Kitaaba Qulqulluu, duraa duubni yeroo fi haalli addunyaa kanaa Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiru mirkaneessu. Waaʼee kanaa lallabuu fi walgaʼiiwwan gumii irratti argamuudhaan Mootummichi bulchaa jiraachuu isaa akka amannu argisiisna.

Irra Deebii

  • Barri torba inni kitaaba Daaniʼel keessatti raajiidhaan dubbatame yommuu xumuramu maaltu taʼe?

  • Mootummaan Waaqayyoo bara 1914⁠tti bulchuu akka jalqabe kan si amansiise maali dha?

  • Mootummichi bulchaa akka jiru akka amantu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Barreessitoonni seenaa fi namoonni kaan, jijjiirama bara 1914 kaasee addunyaa irra jiru ilaalchisee maal akka jedhan dubbisi.

“Yeroo Itti Naamusni Namootaa Akka Tasaa Mancaʼuu Jalqabe” (Dammaqaa!, Ebla 2007)

Raajiin Maatewos 24:14 irratti argamu, jireenya nama tokkoo irratti jijjiirama kan fide akkamitti akka taʼe dubbisi.

“Wanta Kam Iyyuu Caalaa Beezboolii Taphachuun Jaalladha Ture!” (Masaraa Eegumsaa, Lakk. 3 2017)

Raajiin Daaniʼel boqonnaa 4 irratti argamu, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo kan ibsu taʼuu isaa akkamitti beekna?

“Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe? (Kutaa 1)” (Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessaa-Muddee 2014)

“Barri torba” inni Daaniʼel boqonnaa 4 irratti ibsame, bara 1914⁠tti akka xumurame wanti argisiisu maali dha?

“Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe? (Kutaa 2)” (Masaraa Eegumsaa, Amajjii-Bitootessaa 2015)

a Mata dureewwan dhumaa lamaan kutaa Qorannoo Dabalataa Godhi jedhuu fi barumsa kana keessatti argamu jala jiran ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi