KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA
Jireenyi Koo Caalaatti Mancaʼaa Deeme
BARA DHALOOTAA: 1952
BIYYA DHALOOTAA: YUNAAYITID ISTEETIS
SEENAA: AARIISAA TOʼACHUU KAN HIN DANDEENYE
JIREENYA KOO DURAA:
Kanan dhaladhe magaalaa Loos Aanjalas, Kaalifoorniyaa, Yunaayitid Isteetis keessatti dha. Naannoon keenya bakka kashalabboonni jiranii fi qorichi sammuu namaa hadoochu itti babalʼate ture. Ijoollee jaʼan warri koo qaban keessaa ani isa lammaffaa dha.
Haati tiyya waldaa Ivaanjalikaalii akka hordofnu gootee nu guddiste. Haa taʼu malee, yommuun umurii kurnanii irra gaʼu, jireenya bifa lamaa jiraachuun jalqabe. Dilbata Dilbata garee faarfattootaa wajjinan faarfadha ture. Guyyoota kaanitti immoo, mana shubbisaa dhaquudhaan, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuudhaan, akkasumas halalummaa raawwachuudhaanan dabarsa ture.
Nama dafee aaruu fi aarii isaa toʼachuu hin dandeenyen ture. Lola tokko irratti moʼuuf meeshaan argadhe kamitti iyyuu nan fayyadama ture. Wantin waldaatti baradhe na hin fayyanne. “Haaloo baʼuun kan Gooftaa ti, ani immoo meeshaa isaa ti!” jedheen yaada ture. Dhuma waggoota 1960mmanii yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turetti, gareen siyaasaa Bilaak Paantarsi jedhamuu fi mirga namootaa kabachiisuuf humnatti fayyadamuuf yaalu xiyyeeffannaa koo harkise. Achiis waldaa barattootaa mirga namootaatiif falmuttin makame. Yeroo baayʼee mana barumsaa cufnee hiriira mormii baana turre.
Hiriirri mormii garuu aarii koo qabbaneessuu hin dandeenye. Kanaafuu jibbaan kakaʼee yakka raawwachuun jalqabe. Fakkeenyaaf, yeroo tokko anii fi hiriyoonni koo fiilmii garboota Afriikaa Yunaayitid Isteetis keessatti rakkinni isaan irra gaʼaa ture argisiisu ilaalle. Jalʼina haqaa isaan irratti raawwatamaa tureen garmalee waan aarreef, dargaggoota adii mana fiilmii sana keessa turan reebuu jalqabne. Achiis namoota dabalataa reebuuf gara naannoo namoonni adii jiraatan dhaqne.
Yeroon dhuma waggoota kurnanii irra gaʼu, anii fi obboloonni koo yakkawwan ciccimoo taʼan raawwanneerra. Abbootii taayitaa wajjinis walitti buuna turre. Obbolaawwan koo warra quxusuu keessaa inni tokko miseensa garee kashalabbootaa hammina raawwachuudhaan beekamanii taʼe. Jireenyi koos caalaatti mancaʼaa deeme.
KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA KOO KAN JIJJIIRE AKKAMITTI?
Hiriyoota koo keessaa inni tokko warri isaa Dhugaa Baatota Yihowaa turan. Warri isaas walgaʼii gumii isaanii irratti na affeeran, anis nan dhaqe. Jalqabumaa kaasee iyyuu Dhugaa Baatonni namoota kaan irraa adda taʼuu isaanii hubachuu dandaʼeen ture. Walgaʼii isaanii irratti namni hundi Kitaaba Qulqulluu isaa baafatee hordofa ture. Dargaggoonni illee walgaʼicha irratti haasaa kennu turan! Waaqayyo maqaa Yihowaa jedhamu akka qabu beekuun koo fi yommuu itti fayyadaman dhagaʼuun koo baayʼee na dinqisiiseera. (Faarfannaa 83:18) Gumichi namoota lammii garaa garaa qaban hedduu kan of keessatti qabate ture; taʼus sanyiidhaan wal qoqqooduun gidduu isaanii akka hin turre ifatti mulʼata ture.
Jalqaba irratti, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kanan hin barbaanne taʼus, walgaʼii isaanii irratti argamuun garuu natti tola ture. Gaaf tokko galgala, ani walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa tokko irra utuun jiru, hiriyoonni koo konsartii tokko irratti argamuu dhaqan. Achitti mucaan umurii kurnanii keessa jiru tokko, jaakkeettii leezarii isaa isaaniif kennuu waan dideef reebanii isa ajjeesan. Guyyaa itti aanu mucicha reebanii ajjeesuu isaaniitti of jajuu jalqaban. Yommuu mana murtiitti dhihaatanitti illee yakka cimaa akka raawwatan isaanitti hin dhagaʼamne. Baayʼee isaaniitti hidhaan umurii guutuu itti murteeffamee ture. Gaafas galgala isaanii wajjin jiraachuu dhiisuu kootti baayʼee gammadeera. Kanaafuu jireenya koo jijjiiruu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabuufan murteesse.
Jibba sanyiitiif baayʼee saaxilamee waanan tureef, Dhugaa Baatota biratti wantoota nama dinqisiisan argeera. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatuun adii taʼe tokko gara biyya alaa yommuu deemu ijoollee isaa maatii gurraacha taʼe tokkotti kenne. Kana malees, maatiin adii taʼe tokko dargaggeessa gurraacha bakki jireenyaa isa barbaachisu mana isaaniitti simatanii turan. Kana arguun koo Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta Yesuus Yohaannis 13:35 irratti, “Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedhe hojii irra akka oolchan akkan amanu na taasiseera. Waldaa obbolummaa dhugaa akkan argadhe hubadheera.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu irraa ilaalcha koo jijjiiruu akkan qabu hubachuun jalqabe. Naga qabeessa taʼuuf qofa utuu hin taʼin, jireenyi akkasii hunda irra kan caalu akka taʼetti ilaaluuf sammuu koo haaressuudhaan jijjiiramuun qaba ture. (Roomaa 12:2) Suutuma suuta jijjiiraman godhe. Achiis Amajjii 1974tti, cuuphamuudhaan Dhugaa Baatuu Yihowaan taʼe.
Naga qabeessa taʼuuf qofa utuu hin taʼin, jireenyi akkasii hunda irra kan caalu akka taʼetti ilaaluuf sammuu koo haaressuudhaan jijjiiramuun qaba ture
Haa taʼu malee, ergan cuuphamee booda illee aarii koo toʼachuuf carraaqqii gochuu koo itti fufuun qaba ture. Fakkeenyaaf, yeroo tokko manaa gara manaa deemnee yommuu tajaajillu, hattuu konkolaataa koo keessaa raadiyoo hate tokko duukaa fiigeen ture. Yeroon isatti dhihaachaa deemu, raadiyicha lafa buusee baqate. Raadiyoo koo akkamitti akkan deebifadhe obboloota naa wajjin jiranitti yommuun himu, jaarsi gumii tokko “Isteefan, hattuu sana utuu qabattee maal goota turte?” jedhee na gaafate. Gaaffiin kun dhimmicha irratti akkan yaaduu fi naga qabeessa taʼuu koo itti fufuuf na kakaaseera.
Onkoloolessa 1974, tajaajilaa yeroo guutuu taʼee Kitaaba Qulqulluu namoota barsiisuudhaan jiʼatti saʼaatii 100 dabarsuun jalqabe. Yeroo boodas, waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa isa Biruukiliin Niwuu Yoorki jiru keessatti tajaajiluuf mirga argadheen ture. Bara 1978tti immoo, haadha tiyya ishii dhukkubsatte kunuunsuuf Loos Aanjalasittin deebiʼe. Waggaa lama boodas, Araandaa wajjin gaaʼela godhanne. Hamma haati tiyya duʼaan boqottetti deggersa guddaa naaf gootetti. Yeroo boodas, Araandaa wajjin mana barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliyaad irratti hirmaanne; achiis Paanaamaatti ramadamnee misiyoonota taanee tajaajiluu keenya itti fufne.
Ergan cuuphamee kaasee, wantoonni na aarsan hedduun na mudataniiru. Namoota sana biraa deemuu ykn karaa biraatiin haala sana tasgabbeessuu baradheera. Haadha manaa koo dabalatee, namoonni hedduun akkaataan namoota sanaaf deebii itti kenneef na galateeffataniiru. Kun anumaan iyyuu baayʼee na dinqisiiseera! Jijjiirama kana ofuma kootiin akkan godhe natti hin dhagaʼamu. Kanaa mannaa, kun humna Kitaabni Qulqulluun jireenya namootaa jijjiiruuf qabu kan mirkaneessu akka taʼen amana.—Ibroota 4:12.
FAAYIDAA ANI ARGADHE:
Kitaabni Qulqulluun jireenyi koo kaayyoo akka qabaatu godheera; akkasumas dhugumaan naga qabeessa akkan taʼu na barsiiseera. Amma namoota hin reebu, kanaa mannaa, namoonni karaa hafuuraa akka fayyan gargaaraan jira. Nama yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa barachaa turetti diina koo ture tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu dandaʼeera! Erga cuuphamee booda yeroo muraasaaf waliin jiraanneerra. Hanga ammaatti illee michuu koo ti. Anii fi haati manaa koo, hanga ammaatti namoota 80 ol taʼan Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan gargaarreerra.
Yihowaan waldaa obbolummaa dhugaa keessatti jireenya kaayyoo fi gammachuudhaan guutame waan naa kenneef guddaan galateeffadha.