LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp22 Lakk. 1 ful. 10-11
  • 3 | Jibba Sammuu Kee Keessaa Baasi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 3 | Jibba Sammuu Kee Keessaa Baasi
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu:
  • Maal Jechuu Dha?
  • Maal Gochuu Dandeessa?
  • Isxifaanos​—⁠“Gaarummaa Waaqayyoo fi Humna Isaatiin Guutame”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Isxifaanos Dhagaadhaan Rukutame
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Jibba Injifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Jibba Injifachuu ni Dandeenya!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
wp22 Lakk. 1 ful. 10-11
Namichi tokko nama sanyii biraa yeroo harka qabee nagaa gaafatu yaadaa jira. Gaaddidduun isaanii mallattoo qabatanii yeroo wal falman argisiisa.

JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

3 | Jibba Sammuu Kee Keessaa Baasi

Barumsa Kitaaba Qulqulluu:

“Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.”—ROOMAA 12:2.

Maal Jechuu Dha?

Waaqayyo wantoota yaannuuf xiyyeeffannaa ni kenna. (Ermiyaas 17:10) Wanta jibba argisiisu dubbachuu ykn raawwachuu irraa of qusachuu kan qabnu taʼus, kun qofti gaʼaa miti. Jibbi sammuu fi garaa keessaa jalqaba. Kanaafuu, yaadaa fi miira jibba argisiisu kamiyyuu of keessaa baasuu qabna. Guutummaatti ‘jijjiiramuudhaan’ jibba injifachuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofa dha.

Maal Gochuu Dandeessa?

Namoota kaaniif keessumaa warra sanyii ykn lammummaa sirraa adda taʼe qabaniif ilaalchaa fi miira akkamii akka qabdu haqaan of qori. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Ilaalcha akkamiin isaaniif qaba? Ilaalchin isaaniif qabu wantan waaʼee isaanii beeku irratti moo jibba halaalaa irratti kan hundaaʼe dha?’ Weebsaayitii hawaasaa, fiilmiiwwanii fi bashannana jibbaa fi hammina babalʼisan irraa fagaadhu.

Dubbiin Waaqayyoo jibba garaa fi sammuu keenya keessa jiru injifachuuf nu gargaara

Yaadaa fi miira keenya haqaan gamaaggamuun yeroo hunda salphaa miti. Taʼus Dubbiin Waaqayyoo “yaadaa fi kaayyoo garaa [keenyaa hubachuuf]” nu gargaaruu dandaʼa. (Ibroota 4:12) Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu qoruu kee itti fufi. Yaada kee barumsa Kitaaba Qulqulluu irraa argattu wajjin wal bira qabii ilaali; achiis yaada kee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu wajjin wal simsiisuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Dubbiin Waaqayyoo jibba sammuu fi yaada keenya keessatti akka ‘dahoo jabaa’ taʼe injifachuuf nu gargaara.—2 Qorontos 10:4, 5.

Seenaa Dhugaa​—ISTEEFAN

Ilaalcha Isaa Jijjiireera

Isteefan.

Isteefanii fi miseensonni maatii isaa namoota adii irraa jibbi isaan irra gaʼeera. Kanaan kan kaʼes, gareen siyaasaa mirga namootaa kabachiisuuf lolu tokko xiyyeeffannaa isaa harkise. Yeroo boodas jibbaan kakaʼee yakka raawwachuu irratti hirmaachuu jalqabe. Isteefan akkana jedheera: “Yeroo tokko anii fi hiriyoonni koo fiilmii garboota Afriikaa Yuunaayitid Isteetis keessatti rakkinni isaan irra gaʼaa ture argisiisu ilaalle. Jalʼina haqaa isaan irratti raawwatamaa tureen garmalee waan aarreef, dargaggoota adii mana fiilmii sana keessa turan reebuu jalqabne. Achiis namoota dabalataa reebuuf gara naannoo namoonni adii jiraatan dhaqne.”

Isteefan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroo jalqabu ilaalchi isaa guutummaatti jijjiirame. Akkana jedheera: “Jibba sanyiitiif baayʼee saaxilamee waanan tureef, Dhugaa Baatota biratti wantoota nama dinqisiisan argeera. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatuun adii taʼe tokko gara biyya alaa yommuu deemu ijoollee isaa maatii gurraacha taʼe tokkotti kenne. Kana malees, maatiin adii taʼe tokko dargaggeessa gurraacha bakki jireenyaa isa barbaachisu mana isaaniitti simatanii turan.” Kanaafuu, Isteefan Dhugaa Baatonni Yihowaa jaalala Yesuus Kiristiyaanota dhugaa gidduu akka jiraatu dubbate akka qaban mirkanaaʼaa taʼe.—Yohaannis 13:35.

Isteefan aarii isaa akka toʼatuu fi warra kaan jibbuu akka dhiisu maaltu isa gargaare? Yaanni Roomaa 12:2 irratti argamu isa gargaareera. Akkana jedheera: “Ilaalcha koo jijjiiruu akkan qabu hubachuun jalqabe. Naga qabeessa taʼuuf qofa utuu hin taʼin, jireenyi akkasii hunda irra kan caalu akka taʼetti ilaaluuf sammuu koo haaressuudhaan jijjiiramuun qaba ture.” Isteefan jibba erga injifatee waggaa 40 ol taʼeera.

Waaʼee seenaa Isteefan caalaatti beekuuf mata duree “Jireenyi Koo Caalaatti Mancaʼaa Deeme” jedhu dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi