Jajjabina
Tajaajiltoonni Waaqayyoo wal jajjabeessuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Isa 35:3, 4; Qol 3:16; 1Ta 5:11; Ibr 3:13
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Se 32:2-8—Hisqiyaas Mootichi yommuu saba isaarra doorsisni cimaan gaʼetti isaan jajjabeesseera
Dan 10:2, 8-11, 18, 19—Maleekaan tokko Daaniʼel maanguddichi yeroo dadhabeetti isa jajjabeesseera akkasumas isa cimseera
Jajjabina yeroo abdii kutannutti Kitaaba Qulqulluu irraa argannu
Yaaddoo
“Yaaddoo” isa jedhu ilaali
Aarii; Haaloo
Namoonni tokko tokko rakkina hedduu ykn jalʼina haqaa isaanirra gaʼeen kan kaʼe ni aaruu
Dabalataanis Fr 142:4; Lal 4:1; 7:7 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Caqasoota nama jajjabeessan:
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:
Rut 1:6, 7, 16-18; 2:2, 19, 20; 3:1; 4:14-16—Naaʼomiin saba Waaqayyootti dhihaattee gargaarsa erga argattee fi warra kaan erga gargaartee booda aariin ishii gammachuutti jijjiirameera
Iyo 42:7-16; Yaq 5:11—Iyyoob amantiitti jabaatee dhaabbateera, Yihowaanis eebba guddaa isa eebbiseera
Namoonni tokko tokko gocha gara jabinaa warri kaan raawwataniin kan kaʼe baayʼee aaru
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 1:6, 7, 10, 13-16—Haannaan gocha gara jabinaa Phiniinaa n raawwatteen baayʼee miidhamtee turte akkasumas Elii inni Luba Olaanaa taʼe dogoggoraan ishii hubatee ture
Iyo 8:3-6; 16:1-5; 19:2, 3—Michoonni Iyyoob sadan dogoggoraan waan isatti murteessaniif haalli Iyyoob akka itti hammaatu godhanii turan
Caqasoota nama jajjabeessan:
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:
1Sa 1:9-11, 18—Haannaan kadhannaadhaan miira ishiitti dhagaʼamu Yihowaadhaaf erga ibsitee booda dhiphina ishiirraa boqonnaa argattetti
Iyo 42:7, 8, 10, 17—Iyyoob michootasaa sadaniif dhiifama erga godhee booda Yihowaan fayyaasaa fi gammachuusaa isaaf deebiseera
Miira balleessaa cimaa
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Mo 22:8-13; 23:1-3—Mootichi Yosiyaasii fi namoonni isaa wajjin jiran Seerri Musee yommuu isaaniif dubbifamu erga dhagaʼanii booda balleessaa guddaa akka raawwatan hubataniiru
Iz 9:10-15; 10:1-4—Namoonni tokko tokko fedha Yihowaarraa haala faallaa taʼeen dubartoota biyya ormaa fuudhanii waan turaniif Izraa lubichii fi sabichi miirri balleessaa guddaan isaanitti dhagaʼameera
Luq 22:54-62—Pheexiros ergamaan Yesuusiin siʼa sadii erga ganee booda miira balleessaa cimaa isatti dhagaʼameen baayʼee gaddeera
Caqasoota nama jajjabeessan:
Dabalataanis Isa 38:17; Mik 7:18, 19 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:
2Se 33:9-13, 15, 16—Minaaseen mootota Yihudaa keessaa baayʼee hamaa ture, taʼus waan yaada geddarateef dhiifama argateera
Luq 15:11-32—Yesuus Yihowaan hammam arjaa akka taʼee fi guutummaatti dhiifama akka godhu argisiisuuf fakkeenya waaʼee ilma badee ibsu dubbateera
Yeroo warri kaan nu miidhan ykn nu gananitti abdii kutachuu
“Abdii Kutachuu” isa jedhu ilaali
Dadhabinaa fi cubbuu keenyaan kan kaʼe abdii kutachuu
“Abdii Kutachuu” isa jedhu ilaali
Gatii qabaachuu keenya shakkuu
“Shakkii” isa jedhu ilaali
Rakkina cimaa nu mudate dandamachuu ykn hojii nuuf kenname hojjechuu akka hin dandeenye yommuu nutti dhagaʼamu
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Bau 3:11; 4:10—Museen Faraʼoonitti akka dubbatuu fi saba Waaqayyoo Gibxii keessaa akka baasu yommuu isatti himametti gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture
Er 1:4-6—Ermiyaas daaʼima akka taʼee fi muuxannoo akka hin qabne waan isatti dhagaʼameef saba didaa gidduutti raajii Yihowaa taʼee tajaajiluuf gaʼumsa akka hin qabne yaadee ture
Caqasoota nama jajjabeessan:
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:
Hinaaffaa; goomachuu
“Hinaaffaa” isa jedhu ilaali
Sababa dhukkubaa fi dullumaatiin hamma yaadne hojjechuu dadhabuu
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Mo 20:1-3—Hisqiyaas mootichi yeroo dhukkubni cimaan isa qabetti gaddaan imimmaansaa dhangalaasee ture
Flp 2:25-30—Ephaafrodixos yeroo dhukkubsatetti ‘gumichi waaʼee dhukkuba kanaa waan dhagaʼeef itti gaafatamummaa koo baʼuu akkan dadhabetti yaadaa laata’ jedhee dhiphatee ture
Caqasoota nama jajjabeessan:
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:
2Sa 17:27-29; 19:31-38—Baarzilaay nama iddoo guddaa qabu taʼus, humnasaa waan beekuuf akka dulloomee fi itti gaafatamummaa isaaf kenname fudhachuu akka hin dandeenye dubbateera
Fr 41:1-3, 12—Daawit Mootichi yeroo dhukkubsatee turetti Yihowaan akka isa gargaaru mirkanaaʼaa ture
Mar 12:41-44—Yesuus dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko waan qabdu hunda buusii waan gooteef ishii galateeffateera
Miidhaa warri kaan nurraan gaʼaniin kan kaʼe dhiphachuu
“Hacuucuu” isa jedhu ilaali
Sodaa cimaa; rom’uu
“Sodaa” isa jedhu ilaali
Ariʼatama
“Ariʼatama” isa jedhu ilaali
Warri aangoo qaban jajjabeessuu ilaalchisee itti gaafatamummaa akkamii qabu?
Dabalataanis Mat 11:28-30 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Kes 3:28; 31:7, 8—Museen raajichi akkuma Yihowaan isatti himetti Iyyaasuu isa bakka isaa buʼuuf jedhu jajjabeesseera akkasumas cimseera
HoE 11:22-26; 14:22—Phaawulosii fi Barnaabaas yeroo ariʼatamni gaʼetti Kiristiyaanota Anxokiyaa jajjabeessaniiru
Garaadhaa galateeffachuun wantoota jajjabeessuuf barbaachisan keessaa tokkodha kan jennu maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Abo 11:37-40—Intalli Yiftaa mana ishii dhiiftee manaa qulqullummaatti tajaajiluuf waan murteessiteef dubartoonni Israaʼel waggaa waggaadhaan dhaqanii ishii galateeffatu turan
Mul 2:1-4—Yesuus Kiristiyaanota Efesoon keessa turan sirreessuun kan isa barbaachise taʼus wanta gaarii isaan gochaa turaniif isaan galateeffateera
Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan wal jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti?
Fak 15:23; Efe 4:29; Flp 1:13, 14; Qol 4:6; 1Ta 5:14
Dabalataanis 2Qo 7:13, 15, 16 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 23:16-18—Yonaataan yeroo michuunsaa Daawit rakkina keessa ture tokkotti, barbaadee argatee isa jajjabeesseera
Yoh 16:33—Yesuus addunyaa akka injifate isaanitti himuudhaan barattootasaa jajjabeessera, isaanis fakkeenyasaa yoo hordofan addunyaa akka injifatan isaaniif mirkaneesseera
HoE 28:14-16—Phaawulos yeroo murtiitti dhihaachuuf gara Roomaa deemaa turetti, obboloonni amanamoon isa simachuu fi isa jajjabeessuuf akka dhufan yommuu argu jajjabaateera
Tuffii fi guungumuurraa fagaachuun barbaachisa kan taʼe maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Lak 11:10-15—Museen raajichi ilaalcha jalʼaa fi ajajamuu diduu sabichi argisiiseen abdii kutatee ture
Lak 13:31, 32; 14:2-6—Dubbii jalʼaan basaastonni kurnan amantii hin qabne dubbatan, sabichi abdii akka kutatuu fi akka fincilu taasiseera
Obboloota keenyaa wajjin walitti qabamuun kan nu jajjabeessu akkamiiti?
Fak 27:17; Rom 1:11, 12; Ibr 10:24, 25; 12:12
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Se 20:1-19—Yoshaafaax Mootichi yommuu raayyaan guddaan tokko isatti dhufetti kadhannaadhaaf sabicha walitti qabeera
HoE 12:1-5, 12-17—Yaaqoob ergamaan erga ajjeefamee fi Pheexiros ergamaan yeroo hidhametti gumiin Yerusaalem jiru kadhachuuf walitti qabamee ture
Ilaalcha gaarii qabaachuun yeroo rakkinaatti jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
HoE 5:40, 41; Rom 8:35-39; 1Qo 4:11-13; 2Qo 4:16-18; 1Ph 1:6, 7
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 39:19-23; 40:1-8—Yooseef sobaan kan himatamee fi jalʼinaan kan hidhame taʼus amanamaa ture akkasumas warra kaan gargaaruuf hawwii qaba ture
2Mo 6:15-17—Eelsaaʼi raajichi yommuu raayyaan tokko isatti dhufetti hin sodaanne, tajaajilaan isaas akka hin sodaanneef isaaf kadhateera
Dubbii Yihowaa irraa jajjabina argachuu
Yihowaan nu gargaaruuf waadaa akkamii nuuf galeera?
Obsaa fi gara laafina Yihowaa irratti xiinxaluun nu jajjabeessuu kan dandaʼu akkamitti?
Warra dadhabbiin isaanitti dhagaʼamuuf Yihowaan maal gochuu dandaʼa?
Fr 46:1; Isa 12:2; 40:29-31; Flp 4:13
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 1:10, 11, 17, 18—Yeroo Haannaan dhiphattee fi gadditetti Yihowaan kadhannaa ishii dhagaʼeera akkasumas nagaa akka argattu ishii gargaareera
1Mo 19:1-19—Yeroo Eeliyaas raajichi abdii kutatetti Yihowaan nyaataa fi bishaan isaaf kenneera. Kana malees, abdii isaaf kennuudhaan isa jajjabeesseera
Abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe jabina kan nuuf kennu akkamitti?
2Se 15:7; Fr 27:13, 14; Ibr 6:17-19; 12:2
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Iyo 14:1, 2, 7-9, 13-15—Iyyoob yeroo haala baayʼee rakkisaa taʼe keessa turettillee abdii duʼaa kaʼuurraa jajjabina argateera
Dan 12:13—Daaniʼel raajichi inni umuriinsaa gara waggaa 100 ture eebba inni gara fuulduraatti argatuu fi maleekaan tokko isatti himerraa jajjabina argateera
Yihowaatti kadhannaa dhiheessuunii fi waaʼee isaa xiinxaluun nu jajjabeessuu kan dandaʼu maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 30:1-9—Daawit Mootichi yeroo rakkinni cimaan isarra gaʼetti gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessee jajjabina argateera
Luq 22:39-43—Yesuus yeroo qorumsi cimaan isarra gaʼetti cimsee kadhateera, Yihowaanis akka isa jajjabeessuuf maleekaasaa ergeera
Gabaasa gaarii dhagaʼuu fi warra kaanitti himuun jajjabina nuuf argamsiisuu kan dandaʼu akkamitti?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
HoE 15:2-4—Phaawulos ergamaa fi Barnaabaas gumiiwwan daawwataniif madda jajjabinaa taʼanii turan
3Yo 1-4—Yohaannis maanguddichi namoonni inni misiraachicha barsiise amanamummaadhaan jiraachaa akka jiran dhagaʼuu isaatti baayʼee jajjabaateera