HAAGEE QABIYYEE KITAABICHAA 1 Mana qulqullummaa deebisanii waan hin ijaarreef ni ifataman (1-11) ‘Mana muka bareedaadhaan miidhagfame keessa jiraachuun yeroo isaa tii?’ (4) “Daandii keessaniif xiyyeeffannaa kennaa” (5) Baayʼee facaasanii xinnoo galfachuu (6) Sabichi sagalee Yihowaa dhagaʼe (12-15) 2 Manni qulqullummaa inni lammaffaan ulfinaan guutama (1-9) Saboonni hundi ni sochoofamu (7) Wantoonni gatii guddaa qaban saboota keessaa ni dhufu (7) Mana qulqullummaa deebisanii ijaaruun eebba fida (10-19) Qulqullummaan warra kaanitti darbuu hin dandaʼu (10-14) Ergaa Zarubaabeliif ergame (20-23) “Akka qubeellaa chaappaa sin godha” (23)