LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Haagee 1:1-2:23
  • Haagee

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Haagee
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Haagee

HAAGEE

1 Daariyos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, jiʼa jaʼaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa jalqabaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu karaa Haagee*+ raajichaa gara Zarubaabel+ ilma Saalaatiʼel bulchaa Yihudaa fi gara Iyyaasuu ilma Yehozaadaaq luba ol aanaa ni dhufe:

2 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Namoonni kun, “Mana* Yihowaa ijaaruuf* yeroon isaa hin geenye” jedhu.’”+

3 Dubbiin Yihowaa akkana jedhu ammas karaa Haagee+ raajichaa ni dhufe: 4 “Manni kun utuu diigamee jiruu isin mana keessan isa muka bareedaadhaan miidhagfame keessa jiraachuun keessan yeroo isaa tii?+ 5 Egaa Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Daandii keessaniif xiyyeeffannaa kennaa.* 6 Sanyii hedduu facaafattan, garuu muraasa galfattu.+ Ni nyaattu, garuu hin quuftan. Ni dhugdu, garuu dheebuu hin baatan. Ni uffattu, garuu namni itti hoʼu hin jiru. Namni mindeeffamee hojjetu mindaa isaa korojoo uraa baayʼee qabu keessa kaaʼata.’”

7 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Daandii keessaniif xiyyeeffannaa kennaa.’*

8 “‘Gara gaarichaatti ol baʼaatii muka soofame fidaa.+ Akkan itti gammaduu fi ulfina argadhuuf+ mana koo ijaaraa’+ jedha Yihowaan.”

9 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isin wanta baayʼee eeggattan, garuu muraasa argattan; yommuu gara manaatti isa fiddan immoo ani afuufeen bittinneesse.+ Kun kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas, tokkoon tokkoon keessan utuma manni koo diigamee jiruu mana keessan kunuunsuuf asii fi achi jettu.+ 10 Kanaafuu, samiin isinii ol jiru fixeensa isaa isin dhowwate, laftis oomisha kennuu didde. 11 Anis lafa irratti, gaarota irratti, midhaan irratti, wayinii haaraa irratti, zayitii irratti, wanta lafa irraa biqilu irratti, nama irrattii fi horii irratti, wanta harka keessaniin itti dadhabdan hundumaa irrattis ongee nan erga.’”

12 Zarubaabel+ ilmi Saalaatiʼelii+ fi Iyyaasuun ilmi Yehozaadaaq+ lubni ol aanaan, namoonni kaan hundis sagalee Waaqa isaanii Yihowaa fi dubbii Haagee raajichaa ni dhagaʼan; sababiin isaas, kan isa erge Waaqa isaanii Yihowaa dha; sabichis Yihowaadhaan kan kaʼe sodaachuu jalqabe.

13 Achiis Haageen ergamaan Yihowaa, ergama Yihowaa biraa fudhatee wajjin haala wal simuun sabichaaf ergaa kana ni dabarse: “‘Yaa saba nana, ani isinii wajjinan jira’+ jedha Yihowaan.”

14 Kanaafuu, Yihowaan hafuura Zarubaabel ilma Saalaatiʼel bulchaa Yihudaa,+ hafuura Iyyaasuu+ ilma Yehozaadaaq luba ol aanaa, hafuura namoota kaan hundumaas ni kakaase;+ isaanis dhufanii mana Waaqa isaanii Yihowaa Gooftaa Raayyaa ijaaruu jalqaban.+ 15 Kun kan taʼe Daariyos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, jiʼa jaʼaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 24ffaatti ture.+

2 Jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 21ffaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu karaa Haagee+ raajichaa ni dhufe: 2 “Maaloo, Zarubaabel+ ilma Saalaatiʼel bulchaa Yihudaa+ fi Iyyaasuu+ ilma Yehozaadaaq+ luba ol aanaa, namoota kaan hundumaas akkana jedhii gaafadhu: 3 ‘Isin keessaa namni ulfina mana* kanaa isa duraa arge jiraa?+ Manichi amma maal fakkaatee isinitti mulʼata? Yeroo isa jalqabaa wajjin wal bira qabamu homaattuu kan hin lakkaaʼamne dha mitii?’+

4 “Yihowaan akkana jedha: ‘Amma garuu yaa Zarubaabel, jabaadhu, yaa Iyyaasuu ilma Yehozaadaaq luba ol aanaa, atis jabaadhu.’

“Yihowaan akkana jedha: ‘Isin namoonni biyyattii hundi, jabaadhaa+ hojjedhaa.”

“Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani isinii wajjinan jira.+ 5 Wantan yommuu Gibxiidhaa baatanitti waadaa isiniif gale yaadadhaa;+ hafuurri koos isin gidduu ni jiraata.*+ Hin sodaatinaa.’”+

6 “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Yeroo muraasa booda al tokko dabalee samiiwwanii fi lafa, akkasumas galaanaa fi lafa isa gogaa nan sochoosa.’+

7 “‘Ani saboota hundumaa nan sochoosa; wantoonni gatii guddaa qabanis* saboota hundumaa keessaa ni dhufu;+ mana kanas ulfinaan nan guuta’+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

8 “‘Meetiin kan koo ti, warqiinis kan koo ti’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

9 “‘Ulfinni mana kanaa inni gara fuulduraa isa duraa ni caala’+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

“‘Ani iddoo kanatti nagaa isiniif nan kenna’+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”

10 Daariyoos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, jiʼa saglaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 24ffaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Haagee+ raajichaa ni dhufe: 11 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Mee, waaʼee seerichaa akkana jedhiitii luboota gaafadhu:+ 12 “Namni tokko uffata isaatti foon qulqulluu baatee utuu jiruu uffanni isaa daabboo yookiin ittoo yookiin wayinii yookiin zayitii yookiin nyaata akkamii iyyuu yoo tuqe wanti sun qulqulluu ni taʼaa?”’”

Luboonnis, “Lakki!” jedhanii deebisan.

13 Achiis Haageen, “Namni reeffa tuquu isaatiin* xuraaʼe tokko wantoota kana keessaa tokko yoo tuqe, wanti sun xuraaʼaa ni taʼaa?”+ jedhee isaan gaafate.

Luboonnis, “Eeyyee, xuraaʼaa ni taʼa” jedhanii deebisan.

14 Kanaafuu, Haageen akkana jedhe: “‘Namoonni kunis akkasuma, sabni kun na duratti akkasuma, hojiin harka isaanii hundis akkasuma; wanti isaan achitti dhiheessan kam iyyuu xuraaʼaa dha’ jedha Yihowaan.

15 “‘Amma garuu, maaloo, guyyaa harʼaatii kaasee wanta kanaaf xiyyeeffannaa kennaa:* Mana qulqullummaa Yihowaa keessatti dhagaan dhagaa irra kaaʼamuu isaa dura haala ture yaadadhaa;+ 16 Yeroo sanatti, namni tokko safartuu 20 argachuu yaadee gara tuullaa midhaanii yeroo dhaqu safartuu 10 qofa argate; namni tokko wayinii safartuu 50 argachuu yaadee iddoo wayinii itti cuunfan yeroo dhaqu safartuu 20 qofa argate;+ 17 Ani isiniin, jechuunis hojii harka keessanii hundumaa bubbee waxaluun, waagiidhaan,+ cabbiidhaanis nan rukute; garuu isin keessaa tokko illee gara kootti hin deebine’ jedha Yihowaan.

18 “‘Maaloo, guyyaa harʼaatii kaasee, jiʼa saglaffaa keessaa guyyaa 24ffaa, guyyaa buʼuurri mana qulqullummaa Yihowaa itti kaaʼamee+ kaasee wanta kanaaf xiyyeeffannaa kennaa,* eeyyee, wanta kanaaf xiyyeeffannaa kennaa: 19 Amma iyyuu gootaraa* keessa sanyiin jiraa?+ Mukti wayinii, mukti harbuu, mukti romaanii fi mukti ejersaa* firii hin godhanne mitii? Ani guyyaa harʼaatii kaasee eebba nan erga.’”+

20 Jiʼicha keessaa guyyaa 24ffaatti ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu siʼa lammaffaadhaaf gara Haagee ni dhufe:+ 21 “Zarubaabel bulchaa Yihudaatiin akkana jedhi: ‘Ani samiiwwanii fi lafa nan sochoosa.+ 22 Teessoo mootummootaa nan garagalcha; jabina mootummoota sabootaas nan balleessa;+ gaarii fardaa fi warra isa oofan nan garagalcha; fardeenii fi warri isaan gulufan ni kufu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee obboleessa isaaniitiin ni kufu.’”+

23 “‘Guyyaa sanatti’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa, ‘Yaa tajaajilaa koo Zarubaabel+ ilma Saalaatiʼel,+ ani sin fudhadha’ jedha Yihowaan, ‘Ati isa ani filadhe waan taateef, akka qubeellaa chaappaa sin godha’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”

“Guyyaa Ayyaanaatti kan Dhalate” jechuu dha.

Ykn., “Mana qulqullummaa.”

Ykn., “deebisanii ijaaruuf.”

Ykn., “Daandii keessan irratti of eeggannoodhaan yaadaa.”

Ykn., “Daandii keessan irratti of eeggannoodhaan yaadaa.”

Ykn., “mana qulqullummaa.”

Ykn tarii, “yeroo hafuurri koo isin gidduu dhaabbachaa ture sanas yaadadhaa.”

Ykn., “jaallatamoo taʼanis.”

Ykn., “lubbuudhaan.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “wanta kana irratti of eeggannoodhaan yaadaa.”

Ykn., “wanta kana irratti of eeggannoodhaan yaadaa.”

Ykn., “boolla midhaanii.”

Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi