-
Isaayyaas 60:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Bakka sibiila diimaa warqii,
Bakka sibiilaa meetii,
Bakka mukaa sibiila diimaa,
Bakka dhagaas sibiila nan fida;
Nagaa ilaaltuu ol aanaa kee,
Qajeelummaas isa si hojjechiisu godhee nan muuda.+
18 Kana booda biyya kee keessatti jeequmsi
Yookiin daangaawwan kee keessatti badiisnii fi diigamuun hin dhagaʼamu.+
Atis dallaawwan kee Fayyina,+ karrawwan kees Jajannaa jettee ni waamta.
-