GAAFANNOO | MASSIMO TISTARELLI
Namni Diizaayinii Roobootii Baasu Sababa Itti Waaqayyotti Amane Ibse
Piroofeesar Maasiimoo Tiistaareliin, Yunivarsiitii Xaaliyaanii, Saasaritti argamutti saayintiistii kan taʼedha. Namni kun barruulee saayinsii addunyaarratti beekamaa taʼan sadiirratti gargaaraa qopheessaa siʼa taʼu, barreeffamoota saayinsiirratti xiyyeeffatan gara dhibba tokkoo ol taʼan qopheessuurrattis hirmaateera. Namoonni fuula namaa adda baasanii beekuufi kubbaa qabuu dabalatee wantoota salphaa fakkaatan akkamitti akka raawwatan qorannoo godheera. Achiis diizaayinii ijaa wanta namni hojjetu hojjechuuf roobootota gargaaru qopheesseera. Dammaqaan! amantiisaafi hojii inni saayintiistii taʼuudhaan hojjechaa jiru ilaalchisee gaafannoo isaaf godheera.
Amantiinkee maal ture?
Warrikoo Kaatolikii taʼanis waldaa hin dhaqan turan. Ijoollummaakootti Waaqayyo akka hin jirre baradheen ture. Jireenyi kan argame jijjiirama tirannaatiin akka taʼe kanan baradhe siʼa taʼu, achiis dhugaadha jedheen itti amane. Waaqayyo akka jiru amanuu baadhus, qaamni nu caalaa humna qabu akka jiru natti dhagaʼama ture. Qaama kana baruuf amantii Budiizimii, Hinduuzimiifi Taaʼoozimii kanan qore taʼus, wanta isaan barsiisanirraa deebii quubsaa argachuu hin dandeenye.
Saayinsiidhaaf fedhii akka qabaattu kan si godhe maalidha?
Ijoollummaakootii kaasee waaʼee maashinii addaddaa barachuu baayʼeen jaalladhan ture. Kanaan kan kaʼe, ashaangulliitota elektiriikiidhaan hojjetaniifi ittiin taphadhu diigee deebiseen suphan ture. Abbaankoo injiinara teeleekomunikeeshinii waan taʼeef, raadiyoofi bilbilli akkamitti akka hojjetu isa gaafachaan ture.
Saayintiistii taʼuu kan dandeesse akkamitti?
Yunivarsiitii Jenowaatti elektirooniik injiinariingii kanan baradhe siʼa taʼu, achiis diizaayinii roobootii baasuudhaan qorannaan godheen doktoorummaa argadheera. Dandeettii namoonni waa ilaaluuf qabanirratti qorannoo kanan geggeesse siʼa taʼu, kana fakkeessuudhaanis rooboototaaf diizaayinii ijaa baaseera.
Dandeettiin namoonni waa ilaaluuf qaban kan si hawwate maaliifi?
Dandeettiin waa ilaaluu baayʼee dinqisiisaa siʼa taʼu, iji waa ilaaluu qofa utuu hin taʼin, wanti ilaalle sun maal akka taʼe hiikuus kan dabalatudha. Fakkeenyaaf, kubbaa yeroo qabattu wanta raawwatamu mee hubadhu. Kubbicha qabuuf siʼa fiigdu leensiin ijakee fakkiin kubbichaa ratiinaa keerra sirriitti akka taaʼu godha. Achiis fakkichi sochii ijakeefi kubbichaa hordofuudhaan ratiinaa keerraan kallattii tokkoo gara kallattii garabiraatti sochoʼa. Ijikee kubbicharratti akka xiyyeeffatu beekamaadha. Kanaaf, yeroo kubbichi iddoo tokkoo gara kaanitti rukutamu fakkiinsaa ratiinaa keerratti maxxanfamee taaʼa.
Yeroo kanatti ijikee saffisaafi kallattii kubbichi itti rukutames ni shallaga. Baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu, shallaggii kana kan jalqabu ratiinaa keessatti siʼa taʼu, yeroo ijikee sochii kubbichi iddoo tokkoo gara kaanitti godhu tilmaamuttidha. Narviin ijakee ergaa ratiinaarraa isa gaʼe gara sammuutti kan dabarsu siʼa taʼu, sammuunis ergaa kana fudhachuudhaan kubbicha akka qabdu si godha. Akkaataan kun itti raawwatamu wal xaxaa waan taʼeef baayʼee kan nama ajaaʼibsiisudha.
Wanti Waaqayyotti akka amantu si godhe maalidha?
Bara 1990tti Ayerlaandi, Dabliin Kolleejjii Tiriiniitiitti qorannoo gochuuf jiʼoota muraasa dabarseen ture. Haadha manaakoo Baarbaaraa wajjin gara biyyaatti siʼa deebinu waaʼee jireenya ijoollee keenyaa isa gara fuulduraa mariʼanne. Obboleettiikoo ishee Dhugaa Baatuu Yihowaa taate gaafachuufis deemnee turre. Isheenis kitaaba Laayif—Haaw Diid It Geet Hir? Baay Ivooluushin oor baay Kiriʼeeshin? (Ingiliffa) jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe naa kennite. Qorannoo balʼaan kitaaba kana qopheessuuf godhame baayʼee na tuqe. Kitaaba kana yeroon dubbisu jijjiirama tirannaa ragaadhaan utuun hin mirkaneessin akkan fudhadhen hubadhe. Fakkeenyaaf, jijjiiramni tirannaa qorannoo hambaalee lafa keessaatiin kan deggerame natti fakkaata ture. Haataʼu malee miti. Jijjiirama tirannaa caalaatti qorachaa siʼan deemu, ragaarratti kan hundaaʼe utuu hin taʼin soba akka taʼen hubachaa deeme.
Waaʼee roobootiin hojjedhuu yaaduun jalqabe. Diizaayinii eenyu baasen fakkeessee hojjechaa jira?
Achiis, waaʼee roobootiin hojjedhuu yaaduun jalqabe. Diizaayinii eenyu baasen fakkeessee hojjechaa jira? Diizaayinii, roobootii akka namaatti kubbaa qabuu baasuu hin dandaʼu. Roobootii tokko kubbaa akka qabu godhanii hojjechuun kan dandaʼamu taʼus, kana gochuu kan dandaʼu ajaja isaaf kennamuun qofadha. Wanta ajajame hojjechuudhaan ala waan garabiraa raawwachuu hin dandaʼu. Dandeettiin barachuuf qabnu roobootii kamirrayyuu kan caalu siʼa taʼu, rooboototayyuu kan hojjete namadha. Sababa hedduu Qaamni nu uume akka jiru na amansiisan keessaa tokko kanadha.
Dhugaa Baatuu Yihowaa kan taate maaliifi?
Sababiin inni tokko, aniifi Baarbaaraan, malli isaan qorannoo balʼaa itti godhan nu gammachiisuusaati. Keessumaa qorannoo isaan barreeffamootasaanii qopheessuuf godhan baayʼee na hawwata. Nama wanta tokko balʼinaan hubachuu barbaadu akka kootiitiif barreeffama qorannoo balʼaan irratti godhame argachuun isatti tola. Fakkeenyaaf, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran baruuf fedhii ani qabu guddachuu jalqabe. Kana qayyabachuunkoo Macaafni Qulqulluun kennaa Waaqayyoo taʼuusaa na amansiiseera. Achiis bara 1992tti Baarbaaraafi ani cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa taane.
Waaʼee saayinsii qorachuun amantiinkee akka laafu godheeraa?
Matumaa! Kanaa mannaa caalaatti amantiikoo naa cimseera. Fakkeenyaaf, akkaataa itti fuula namaa adda baasnee beekuu dandeenyu mee yaadi. Mucaan tokko dhalatee saʼaatii muraasa gidduutti nama tokko adda baasee beekuu dandaʼa. Nama beeknu tokko namoota hedduu keessaa adda baasnee beekuu dandeenya. Miira isatti dhagaʼamaa jirullee hubachuu dandeenya. Nama kana beekuuf sammuun keenya saffisaan odeeffannoo hedduu kan qindeessu taʼuusaa garuu matumaa hin beeknu.
Dandeettiin waa ilaaluuf qabnu kennaa guddaa Yihowaa biraa arganne taʼuusaa guutummaatti amaneera. Kennaansaa kun Macaafa Qulqulluu kan dabalatu siʼa taʼu, kunis akkan isa galateeffadhuufi waaʼeesaa namootatti akkan himu na kakaaseera. Hunda caalaammoo, wantoota inni uumeef isa galateeffachuun sirrii akka taʼe keessikoo natti hima.