LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 10/15 ful. 8-9
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu fi Barreessuu Jajjabeessu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu fi Barreessuu Jajjabeessu
  • Dammaqaa!—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Sagantaalee Barumsaa
    Dhugaa Baatota Yihowaafi Barumsa
  • Waaqayyo Namoota Gurrisaanii hin Dhageenyeef ni Yaadaa?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Fakkeenya Daaniʼelirraa Baradhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Barumsaaf Ilaalcha Akkamii Qabu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
Dammaqaa!—2015
g 10/15 ful. 8-9
Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko yommuu dubbisuu fi barreessuu barsiisu

Birooshurri Dubbisuu Fi Barreessuu Barachuuf Carraaqqii Godhi jedhamuu fi gama kanaan nama gargaaruu dandaʼu afaan 100 oliin koppiin miliyoona hedduudhaan lakkaaʼamu maxxanfameera

Barumsa, Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu fi Barreessuu Jajjabeessu

“Dubbisuu fi barreessuun mirga namummaa humna namootaa ittiin cimsan, karaa hawaasummaa fi humni uummataa ittiin guddatu dha.”—YUUNESKOO.a

GABAASNI akka argisiisutti addunyaa maratti, namoonni miliyoona 700 ol taʼan kan umuriin isaanii waggaa 15 fi isaa ol taʼan dubbisuu fi barreessuu hin dandaʼan. Kanaaf, barumsawwan naamusaa fi hafuuraa gaggaarii Kitaaba Qulqulluu keessatti “nu barsiisuuf caafaman” dabalatee, beekumsa addunyaa balʼaa taʼe qoruu hin dandaʼan. (Roomaa 15:4) Kanaan kan kaʼes, biyyoota hedduutti Dhugaa Baatonni Yihowaa sagantaa barumsa Kitaaba Qulqulluu kennanii wajjin leenjii dubbisuu fi barreessuu ni kennu; barumsawwan kana hundas kaffaltii malee barsiisu. Maarree sagantaan kun buʼa qabeessa taʼeeraa?

Mee akka fakkeenyaatti hojii Dhugaa Baatota Yihowaa Meksiikoo biyya afaan Ispaanishii balʼinaan itti dubbatamu keessatti hojjetamu haa ilaallu. Bara 1946 jalqabee Dhugaa Baatonni Meeksikoo namoonni 152,000 ol taʼan dubbisuu fi barreessuu akka baratan kan gargaaran siʼa taʼu, barattoota sana keessaa hedduun isaanii yeroo booda barsiisota taʼaniiru. Mootummaan biyya sanaa Dhugaa Baatotaaf hojii isaanii dinqisiifachuudhaan xalayaa hedduu isaaniif ergeera. Xalayaawwan sana keessaa tokko akkas jedha: “Boordiin Waliigala Barumsaa kun gumaacha isin Sagantaa Gaʼeessota Barsiisuu irratti gootaniif beekamtii isinii kenna, akkasumas guddaa isin dinqisiifata.”

Ijoolleenis taʼe maanguddoonni sagantaa dubbisuu fi barreessuuf godhame kana irraa faayidaa argachaa jiru. Fakkeenyaaf, maanguddoon umurii waggaa 101 taʼanii fi Hoseefinaa jedhaman sagantaa kana irraa leenjii argachuuf galmaaʼanii turan; waggaa lama gidduuttis barumsa isaanii haala gaariidhaan xumuraniiru!

Meeksikoo keessatti afaan balʼinaan dubbatamu Ispaanishii taʼus, sagantaan dubbisuu fi barreessuu kun afaan kan biraatiinis ni kennama. Bara 2013⁠tti namoonni biyyattii afaan garagaraa saddeet dubbatan, sagantaa barumsaa kanaan afaan dhalootaa isaaniitiin dubbisuu fi barreessuu barataniiru.

Dhuguma iyyuu dubbisuu fi barreessuu dandaʼuun, wantoota haaraa hedduu barachuuf carraa namaaf bana. Hunda caalaa garuu, dubbisuu fi barreessuun namoonni akaakuu adda addaa qaban Kitaaba Qulqulluu isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi ilaalcha dogoggoraa, amantii sobaa fi amalawwan gadhee nama garboomsan irraa walaba isaan baasuu dandaʼu akka dubbisan isaan gargaara.—Yohannis 8:32.

a Dhaabata Mootummoota Gamtoomaniitti Waldaa Barumsaa, Saayinsii fi Aadaa.

MAATII ISAA BAAYʼEE DINQISIISE

Namni duudaan Daaniʼel jedhamu tokko Diiviidiin Afaan Mallattoo Meeksikoo yommuu dhagaʼamu inni immoo yaadannoo qabata

Daaniʼel Diividiitti fayyadamee Afaan Mallattoo Meksiikoo barateera

Daaniʼel gurri isaa kan duudee fi akka gaariitti namootaa wajjin walii galuun kan isa rakkisu ture. Kanaan kan kaʼes, yeroo baayʼee abdii kutata, akkasumas aariidhaan maatii isaa itti iyya ture. Yommuu umuriin isaa 23 taʼu, Dhugaa Baatuu gurri isaa duudaa taʼee fi Hoosee jedhamu, kan dubbatu fakkeessee ykn sochii qaamaa fi fakkiidhaan Kitaaba Qulqulluu isa qayyabsiisuu jalqabe. Achiis, Daaniʼel Diiviidiitti fayyadamee Afaan Mallattoo Meeksikoo barate.b

Daaniʼel barumsa Kitaaba Qulqulluu hubachaa yommuu adeemu, wanta Kitaabni Qulqulluun “namummaa haaraa” jedhee waamu, isa amalawwan ‘araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa fi obsa’ fakkaataniin beekamu horachuu jalqabe. (Qolosaayis 3:10, 12) Daaniʼel gorsa Kitaaba Qulqulluu ijoolleen warra isaaniitiif ajajamuu fi ulfina isaaniif kennuu akka qaban dubbatus hubateera. (Efesoon 6:1, 2) Maatiin isaa baayʼee dinqisiifaman! Haati Daaniʼel imimmaan ishii hudhaa Hooseen ilma isaanii karaa hafuuraa waan gargaareef isa galateeffatte. Daaniʼel bara 2007⁠tti cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf gaʼumsa qabaachuu dandaʼeera.

b Meeksikoo keessatti barreeffamoonni Dhugaa Baatota Yihowaa 46 Afaan Mallattoo Meeksikootiin Diiviidiidhaan ni argamu. Weeb saayitiin keenya jw.org jedhamus barreeffamoota afaan mallattoo 80 taʼan kan qabate dha. Namoota qaro dhabeeyyii taʼan gargaaruufis Bireeliidhaan barreeffamni qophaaʼeera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi