LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 10/15 ful. 10-11
  • Yeroo gaaʼelaaf wal qorachuun addaan citu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo gaaʼelaaf wal qorachuun addaan citu
  • Dammaqaa!—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HAALA RAKKISAA
  • Miidhaa Gargar Baʼuun Keenya Narraan Geessise Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Namni Kun Nama Naaf Taʼudhaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuu—Kutaa 3: Gargar Baʼuu Qabnaa?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Milkaaʼinaan Wal Qorachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2015
g 10/15 ful. 10-11
Dargaggeessa waaʼee shamarree wal irraa addaan baʼan tokkoo yaadaa jiru

MAATIIDHAAF | DARGAGGOOTA

Gaaʼelaaf Wal Qorachuun Yommuu Addaan Citu

HAALA RAKKISAA

“Nama naaf taʼu akkan argadhe natti dhagaʼamee ture. Keessa kootti, ‘Gurbaa kanaa wajjin bara baraaf jiraachuu nan dandaʼa’ jedheen yaade. Haa taʼu malee jiʼa lamaaf erga wal qorannee booda, isa irraa addaan baʼuufan dirqame. Wanti abdii guddaadhaan jalqabame kun saffisa kanaan addaan cituu isaa amanuun natti ulfaate!”—Aaanaa.a

“Wanta itti wal fakkaannu hedduu qabna turre. Garaa kootti akka gaaʼela godhannu mirkanaaʼaa taʼeen ture. Yeroo booda garuu garaa garummaa hedduu akka qabnu hubachuun jalqabe. Dogoggora guddaa hojjechuu koo yommuun hubadhu isa irraa addaan nan baʼe.”—Elaayaan.

Atoo wanti akkanaa si mudatee beekaa? Taanaan mata dureen kun rakkina kana moʼuuf si gargaaruu dandaʼa.

WANTA BEEKUU QABDU

Wal qorachuu addaan kutuun abbaa yaada kana dhiheesse illee gaddisiisuu dandaʼa. Shamarreen Saaraa jedhamtu tokko erga jaalallee ishii wajjin wal qorachuu dhaabdee jiʼa jaʼa booda akkana jetteetti: “Miirri koo ni jeeqame! Daqiiqaa tokkoof namni kun ammas taʼe gara fuulduraatti naa wajjin ture; daqiiqaa itti aanutti immoo ana biraa dhabame. Sirboota lamaan keenya baayʼee jaallannu nan dhaggeeffadha, kunis yeroo gaarii waliin dabarsine na yaadachiisa. Iddoowwan lamaan keenya baayʼee jaallannu yommuun dhaqus inni ana biraa dhibamuun isaa akka malee na gaddisiisa. Walitti dhufeenya keenya akka addaan kutnu yaada kan dhiheesse ana yoo taʼe illee wanti kun hundi natti dhagaʼama!”

Addaan baʼuun kan nama gaddisiisu taʼus gaarii taʼuu dandaʼa. Elaayaan akkana jetteetti: “Nama sana miidhuu hin barbaaddan. Karaa gara biraa immoo wanti kun akka hin taane utuu beektanii wal qorachuu keessan yoo itti fuftan yeroo booda lamaan keessan iyyuu akka miidhu ni hubattu.” Saaraanis yaada kana irratti walii galti. Akkana jetteetti: “Nama tokkoo wajjin yeroo wal qorataa jirtanitti yoo hin gammaddan taʼe, yoo nama sanaa wajjin gaaʼela godhattanis tarii gammaduu hin dandeessan taʼa, kanaaf addaan baʼuun keessan caalaatti gaarii taʼa.”

Nama tokko irraa addaan baʼuun kee ati nama gaarii akka hin taane hin argisiisu. Dhugaa dubbachuuf karaa buʼa qabeessa taʼeen wal qorachuun, murtoo tokko irra gaʼuudhaan xumurama malee yeroo hunda gaaʼela godhachuudhaan xumurama miti. Ati ykn jaalalleen kee mamii cimaa qabdu taanaan murtoon sirrii taʼe addaan baʼuu taʼuu dandaʼa. Murtoo akkasii irra geessee walitti dhufeenyi keessan addaan cite jechuun ati nama gaarii hin taane dha jechuu miti. Haala si mudate moʼuu ni dandeessa! Akkamitti?

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Gadduu akka dandeessu amanii fudhadhu. Elaayaan ishiin seensa irratti ibsamte, “Kan ani dhabe michuu qofa utuu hin taʼin, michuu hunda caalu dha” jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti. Nama baayʼee sitti dhihaatu tokko irraa yommuu addaan baatu yeroo murtaaʼeef gadduun waanuma jiru dha. Dargaggeessi Addaam jedhamu tokko, “Walitti dhufeenyi keessan addaan cituun isaa caalaatti gaarii akka taʼe yoo beektan illee gadda fiduun isaa waan hin oolle dha” jedheera. Atis akkuma Daawit isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame sanaa sitti dhagaʼama taʼa. Daawit, “Halkanuma dhuftu booʼuu kootiin siree koo nan tortorsa” jechuudhaan wanta yeroo gadde isatti dhagaʼame barreesseera. (Faarfannaa 6:6) Yeroo tokko tokko karaan gadda moʼuun itti dandaʼamu inni hunda irra caalu, rakkina sana keessa darbuu malee rakkina sana irraa baqachuu miti. Gadda kee moʼuuf tarkaanfiin inni jalqabaa miira sitti dhagaʼamu amantee fudhachuu dha.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Faarfannaa 4:4, NW.

Namoota siif yaadaniitti dhihaadhu. Kana gochuun salphaa akka hin taane beekamaa dha. Aanaan ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Jalqaba irratti nama arguu illee hin barbaaduun ture. Waaʼee dhimma sanaa yaaduu fi wanta raawwatame hubachuuf yeroon na barbaachisa ture.” Taʼus Aanaan yeroo booda michoota ishii warra ishii jajjabeessuu dandaʼanitti dhihaachuun barbaachisaa akka taʼe hubatteetti. Akkana jetteetti: “Amma sirriitti yaaduu nan dandaʼa. Addaan baʼuun akka yeroo duraa sana akka malee ana hin gaddisiisu.”—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Fakkeenya 17:17, NW.

Wanta Sirra Gaʼe Irraa Baradhu. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Muuxannoon kun gama ani itti guddachuu qabu tokko akka jiru mulʼiseeraa? Taanaan, nama kan biraa wajjin yeroon wal qoradhu kana irraa haala adda taʼeen maal gochuun dandaʼa?’ Shamarreen Maarsiyaa jedhamtu tokko, “Yeroo booda, amma wanta raawwatamee ture akka gaariitti hubachuu dandaʼeera. Haa taʼu malee, wanta hunda miiraan utuu hin taʼin, ragaa irratti hundaaʼee sirriitti madaaluuf yeroo natti fudhateera” jetteetti. Addaam inni olitti ibsames akkasuma itti dhagaʼama. Akkana jedheera: “Miidhaa addaan baʼuun ana irraan gaʼe irraanfachuuf waggaa tokko natti fudhateera. Wanta raawwatame irraa maal barachuu akkan dandaʼu hubachuuf immoo kana caalaa yeroo dheeraa natti fudhateera. Wanti ani keessa darbe waaʼee ofii koo, waaʼee saala faallaa fi waaʼee michummaa wanta hedduu na barsiiseera. Yeroo ammaatti miidhaan addaan baʼuun ana irra geessise baayʼee naaf hirʼateera.”

Waaʼee wanta si yaaddessuu kadhadhu. Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo “warra garaan isaanii cabe in fayyisa, madaa isaaniis walitti qabee in hidhaaf” jedha. (Faarfannaa 147:3) Waaqayyo hiriyaa gaaʼelaa kan nuuf hin fillee fi wal qorachuun keenya addaan cituu isaatiif komatamuu kan hin qabne taʼus, inni nageenya keetiif ni yaada. Kanaaf wanta sitti dhagaʼamu hunda kadhannaadhaan isatti dhangalaasi.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: 1 Phexros 5:7.

a Maqaawwan mata duree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.

CAQASOOTA IJOO TAʼAN

  • “Dheekkamaa . . . wanta dubbattan utuu siree keessan irra jirtanii garaa keessanitti dubbadhaa.”—Faarfannaa 4:4, NW.

  • “Michuu dhugaan . . . yeroo rakkinaatiif dhalata.” —Fakkeenya 17:17, NW.

  • “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” —1 Phexros 5:7.

“GARAAN FAYYUU NI DANDAʼA”

“Jaalalleen koo yeroo ana irraa addaan baʼe, balleessaa akkan hojjedhe, akkan burjaajaʼe, kophaa akkan taʼee fi gatii akkan hin qabne natti dhagaʼame. Wantoota moʼuuf ulfaataa taʼan keessaa inni hunda irra caalu garaan namaa miidhamuu isaa ti. Taʼus, Waaqayyo jaallachuuf dandeettii akka qabaannu godhee kan nu uume, ittiin nu dhiphisuuf jedhee miti. Miidhaa nu irra gaʼe irraa fayyuuf dandeettii akka qabaannu godhees nu uumeera. Nama tokko jaallachuun yeroo fudhata, walitti dhufeenyi nama sanaa wajjin qabnu yommuu addaan citu deebiʼanii bayyaannachuunis yeroo fudhata. Taʼus bayyaannachuun ni dandaʼama. Garaan fayyuu ni dandaʼa.”—Maarsiyaa.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaa fi Deebiiwwan Hojii Irraa Ooluu Dandaʼan jedhu Jildii 1⁠ffaa (Amaariffa) boqonnaa 31 ilaali. የሕትመት ውጤቶች > መጻሕፍትና ብሮሹሮች jalaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi