MATA DUREE FUULA JALQABAA
Kitaabni Qulqulluun Kitaaba Gaarii Qofa Dhaa?
Kitaabni Qulqulluun barreeffamee kan xumurame gara waggaa kuma lamaa dura dha. Sana booda, kitaabonni hedduun maxxanfamaniiru; yeroo boodas hojii ala taʼaniiru. Kitaabni Qulqulluun garuu kana irraa adda dha. Mee yaadawwan armaan gadii qalbeeffadhu.
Kitaabni Qulqulluun miidhaa cimaa namoonni aangoo guddaa qaban irra geessisan hedduu irraa ooleera. Fakkeenyaaf, kitaabni Ingiliffaa An Introduction to the Medieval Bible jedhamu akka ibsetti, jaarraa 13ffaatii hanga 15ffaatti biyyoota “Kiristiyaana” ofiin jedhan tokko tokkotti, “namni Kitaabni Qulqulluu afaan isaatiin [afaan namoonni baayʼeen dubbataniin] qophaaʼe harkatti argamee fi utuu dubbisuu argame, mormituu fi didaa akka taʼetti ilaalama ture.” Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu afaan namoonni baayʼeen dubbatanitti hiikanii fi namoonni Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan jajjabeessan lubbuun isaanii balaadhaaf saaxilamaa ture. Tokko tokko immoo ajjeefamaniiru.
Kitaabni Qulqulluun diinota hedduu qabaatus, seenaa keessatti kitaaba kam iyyuu caalaa balʼinaan raabsamuu dandaʼeera. Guutummaatti ykn gar tokkoon isaa afaan 2,800 oliin koppiin biliyoona shan akka maxxanfame tilmaamama. Kun immoo kitaabota falaasamaa, saayinsii fi dameewwan barumsaa kaan baayʼinni ittiin raabsaman murtaaʼaa taʼee fi yeroo booda yeroon itti darbu irraa adda isa godha.
Kitaabni Qulqulluun afaan ittiin hiikame tokko tokko akka hin badnee fi caalaatti akka guddatu gargaareera. Hiikkaan Maartiin Luutar afaan Jarmaniitiin qopheesse, afaanicha irratti dhibbaa guddaa geessiseera. Jildiin jalqabaa hiika King James Version, “tarii kitaabota seenaa keessatti [Ingiliffaan] qophaaʼan hunda caalaa dhiibbaa guddaa kan geessise” akka taʼe ibsameera.
Kitaabni Qulqulluun “amantii fi barsiifata dhaabbilee amantii irratti qofa utuu hin taʼin, ogummaa, og-barruu, seera, siyaasaa fi dameewwan barnootaa hammana hin jedhamne irratti dhiibbaa waan geessiseef, aadaa biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaa irratti jijjiirama guddaa fideera.”—The Oxford Encyclopedia of the Books of the Bible.
Kunneen wantoota Kitaaba Qulqulluu adda godhan keessaa muraasa isaanii qofa dha. Haa taʼu malee, namoota baayʼee biratti beekamaa akka taʼu kan godhe maali dha? Namoonni isaaf jedhanii lubbuu isaanii balaadhaaf kan saaxilan maaliifi? Sababiiwwan hedduu keessaa muraasni kan armaan gadii ti: Kitaabni Qulqulluun waaʼee naamusaa fi hafuuraa barumsa ogummaa guddaa dabarsu qabateera. Kitaabni Qulqulluun rakkoowwan namootaatii fi walitti buʼiinsa uumamuuf sababiin isaa maal akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Kana malees, rakkoowwan kun akka hafan abdii kenna; akkamitti akka hafanis ni ibsa.
Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Naamusaa fi Hafuuraa Hubannaa Nuu Kenna
Barumsi idilee barbaachisaa dha. Taʼus, barreessaan gaazexaa Kaanaadaa Ottawa Citizen jedhamu akka dubbatetti, “barumsi . . . maqaa ulfinaa kan nuuf argamsiisu taʼus . . . naamusaa wajjin haala walqabateen murtoo sirrii akka goonu nu hin dandeessisu.” Qoʼannaan biyyoolessaa Edelmaan inni ogeessa odeeffannoo hawaasummaa taʼe maxxanse akka argisiisutti, namoota dhaabbilee daldalaa geggeessanii fi abbootii taayitaa dabalatee namoonni barumsa guddaa qaban hedduun namoota ni gowwoomsu, akkasumas ni hatu; kun immoo “namoonni geggeessitoota isaaniitti akka hin amanamne” godheera.
Kitaabni Qulqulluun barumsa naamusaa fi hafuuraa irratti xiyyeeffata. “Wanta qajeelaa taʼee fi firdii dhugaa, amanamummaa fi wanta baʼeessa taʼe” ilaalchisee hubannaa nuu kenna. (Fakkeenya 2:9) Fakkeenyaaf, Isteefan umuriin isaa waggaa 23 yeroo turetti Poolaanditti hidhamee ture. Mana hidhaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi gorsa inni qabateef iddoo guddaa kennuu jalqabe. Akkana jedhee barreesseera: “Amma ‘abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni’ jechuun maal jechuu akka taʼe naa galeera. Miira koo toʼachuu, keessumaa immoo garmalee aaruu irraa fagaachuus baradheera.”—Efesoon 4:31; 6:2.
Gorsi Isteefan hubate yaada Fakkeenya 19:11 irra jiruu fi “Hubataa taʼuun dheekkamsaaf suuta nama jechisiisa, balleessaa irra namaaf darbuunis ulfina isaa ti” jedhu dha. Amma, Isteefan haalli rakkisaan yeroo isa mudatu, haalicha tasgabbiidhaan ilaaluu fi gorsa Kitaaba Qulqulluu haala sanaaf taʼu hojii irra oolchuuf yaala. “Kitaabni Qulqulluun kitaaba qajeelfama hunda irra wayyu qabate taʼuu isaa hubadheera” jedheera.
Maariyaan ishiin Dhugaa Baatuu Yihowaa taate, dubartiin jibba qabdu tokko namoota duratti kan ishii arrabsite siʼa taʼu, kunis namoonni achitti akka walitti sassaabaman godhe. Maariyaan garuu deebii ishiidhaaf kennuu mannaa callistee karaa ishii itti fufte. Sana booda, dubartittiin amala argisiistetti gaabbitee Dhugaa Baatota barbaaduu jalqabde. Gara jiʼa tokko booda Maariyaa yommuu argitu hammattee dhiifama ishii gaafatte. Kana malees, gaarummaa fi amalli of toʼachuu Maariyaan argisiiste waaʼee amantii ishii kan mulʼisu taʼuu isaa hubatte. Buʼaa maaliitu argame ree? Dubartiin duraan jibba qabdu kunii fi miseensonni maatii ishii shan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf murteessan.
Yesuus Kiristoos, ogummaan buʼaa ishiitiin sirrii taʼuun ishii akka mirkanaaʼu dubbatee ture. (Luqaas 7:35) Kanaaf, ragaan gorsi Kitaaba Qulqulluu sirrii akka taʼe mirkaneessu hedduu dha! Gorsi kun wanta gaarii nuti qabnu nuu guddisa. Gama naamusaa fi hafuuraatiin qajeelfama ifa taʼe kennuudhaan, ‘wallaalota beektota godha,’ ‘garaa namaa gammachiisa,’ akkasumas ‘ija namaa ibsa.’—Faarfannaa 19:7, 8.
Kitaabni Qulqulluun Sababii Rakkinni fi Walitti Buʼiinsi Itti Uumamu ni Ibsa
Qorattoonni waaʼee dhukkuba daddarbaa tokkoo yommuu qoʼatan jalqaba kaʼumsa isaa, jechuunis wanta dhukkuba sana fide qoratu. Sababii namoota irra rakkinni itti gaʼuu fi walitti buʼiinsi itti uumamu hubachuu wajjin haala wal qabateenis kun ni hojjeta. Kitaabni Qulqulluun gama kanaan baayʼee nu gargaara; sababiin isaas seenaa bara durii, jechuunis yeroo itti rakkoowwan kun jalqaban ibsu qabateera.
Kitaabni Uumamaa, rakkinni ilmaan namootaa kan jalqabe yeroo namoonni jalqabaa Waaqayyo irratti fincila kaasanitti akka taʼe ibsa. Wantoota isaan godhan keessaa tokko ulaagaa naamusaa ofuma isaaniitiif baafachuuf yaaluu isaanii ti; taʼus mirga akkasii kan qabu Uumaa keenya qofa dha. (Uumama 3:1-7) Kan nama gaddisiisu garuu, yeroo sanaa jalqabee namoonni ofiin of geggeessuu barbaadu. Buʼaan isaa hoo maal taʼe? Seenaan ilmaan namootaa, seenaa bilisummaa fi gammachuu utuu hin taʼin, seenaa walitti buʼiinsaa, hacuucaa, akkasumas seenaa namoonni karaa naamusaa fi hafuuraa akka mancaʼan argisiisu taʼeera. (Lallaba 8:9) Kitaabni Qulqulluun, ‘namni karaa jireenya isaatii ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye’ dubbachuun isaa sirrii dha. (Ermiyaas 10:23) Taʼus, rakkinni sababii fincila ilmaan namootaatiin dhufe dhiheenyatti kan hafu taʼuun isaa oduu gammachiisaa dha.
Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo namoota aangoo fi ulaagaa isaa kabajaniif jaalala waan qabuuf, hammeenyii fi rakkinni sababa hammeenyaatiin dhufe bara baraaf akka jiraatu akka hin heyyamne nuu mirkaneessa. Hamoonni ‘ija hojii isaanii in nyaatu.’ (Fakkeenya 1:30, 31) Karaa biraatiin immoo, “Warri garraamonni . . . [lafa in dhaalu, hiika bara 1899], isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—Faarfannaa 37:11.
“Fedhiin [Waaqayyoo] akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe akka argatani dha.”—1 Ximotewos 2:3, 4
Waaqayyo kaayyoo lafti nagaa akka taatuuf qabu karaa ‘Mootummaa isaa’ galmaan gaʼa. (Luqaas 4:43) Mootummaan sun, bulchiinsa addunyaa mara bulchu dha; Waaqayyos karaa Mootummaa kanaa ol aantummaa ilmaan namootaa irratti qabu mirkaneessa. Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti dhiheesse irratti, “Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee . . . lafatis irratti haa taʼu” jechuudhaan Mootummicha lafaa wajjin wal qabsiisee ibseera.—Maatewos 6:10.
Eeyyee, namoonni Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan Bulchaa isaanii taʼuuf mirga kan qabu nama utuu hin taʼin Uumaa isaanii akka taʼe hubachuudhaan fedha Waaqayyoo raawwatu. Malaanmaltummaan, sassatni, wal caalmaan dinagdee, jibbi sanyii fi waraanni ni hafa. Yeroo sanatti addunyaa tokko, bulchiinsa tokko, ulaagaa naamusaa fi hafuuraa tokko qofatu jiraata.—Mulʼata 11:15.
Addunyaa haaraa sana arguuf barumsi murteessaa dha. Ximotewos Inni Duraa 2:3, 4, “Fedhiin [Waaqayyoo] akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe akka argatani dha” jedha. Dhugaan kun heera Mootummichaa, jechuunis seeraa fi qajeelfama inni ittiin bulchu kan dabalatu dha; wantoota kana keessaa tokko tokko Lallaba Yesuus Kiristoos isa Gaara Irraa keessatti ibsamaniiru. (Maatewos, boqonnaa 5-7) Boqonnaawwan kana sadan yeroo dubbistu, namni hundi gorsa Yesuus yeroo hojii irra oolchu jireenyi maal akka fakkaatu yaadaan ilaaluuf yaali.
Kitaabni Qulqulluun kitaaba hunda caalaa baayʼinaan raabsame taʼuun isaa nu dinqisiisuu qabaa? Matumaa! Barumsi inni qabate geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame taʼuu isaa mirkaneessa. Balʼinaan raabsamuun isaa immoo, Waaqayyo namoonni afaan hunda dubbatanii fi saba hunda keessa jiran waaʼee isaa akka beekanii fi eebbawwan Mootummaan isaa fidu irraa akka fayyadaman akka barbaadu argisiisa.—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.