LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g16 Lakk. 3 ful. 5
  • 2. Wanta Dhiibbaa Gadhee Si Irratti Godhu Irraa Fagaadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 2. Wanta Dhiibbaa Gadhee Si Irratti Godhu Irraa Fagaadhu
  • Dammaqaa!—2016
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1 Dhugaa Jiru Amanii Fudhadhu
    Dammaqaa!—2016
  • Seensa
    Dammaqaa!—2016
  • Ittiin Lixa
    Dammaqaa!—2017
  • Barsiifata Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2016
g16 Lakk. 3 ful. 5
Uffannaanii fi kopheen ispoortii, koddaan bishaanii, akkasumas meeshaan muuziqaa itti dhaggeeffatan galgala kaaʼameera

MATADUREE FUULA JALQABAA | BARSIIFATA KEE TOʼACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

2 Haala Naannoo Kee Jiru Toʼadhu

  • Nyaata madaalamaa nyaachuuf murteessiteetta; haa taʼu malee, aayis kireemii si bira jiru sana nyaachuuf qoramta.

  • Tamboo xuuxuu dhiisuuf murteessiteetta; haa taʼu malee, michuun kee inni akka ati tamboo dhiisuuf yaalaa jirtu beeku tokko ammas tamboo tokko sitti hiixata.

  • Harʼa sochii qaamaa gochuuf karoorfatteetta; haa taʼu malee, kophee ittiin fiigdu qumsaaxinii kee keessaa barbaaduun illee hojii guddaa sitti fakkaata!

Wanti haalawwan armaan olii wal fakkeessu maal akka taʼe hubachuu ni dandeessaa? Naannoon keenya, jechuunis haalli nuti keessa of galchinuu fi namoonni wajjin yeroo dabarsinu, amala gaarii guddifachuu fi amala gadhee dhiisuu wajjin haala wal qabateen milkaaʼina argachuu fi dhiisuu keenya irratti dhiibbaa akka godhu muuxannoon ni mirkaneessa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.”—Fakkeenya 22:3.

Kitaabni Qulqulluun dursinee akka yaannu nu gorsa. Kana gochuudhaan haalawwan galma keenya nu jalaa fashaleessan irraa malaan fagaachuu fi haala galma keenya irra gaʼuuf caalaatti mijataa taʼe keessa of galchuu dandeenya. (2 Ximotewos 2:22) Salphaadhumatti wanta dhiibbaa gadhee nu irratti godhu irraa fagaachuun keenya ogummaa dha.

Wanta dogoggora taʼe raawwachuun caalaatti ulfaataa akka sitti taʼu, wanta sirrii taʼe raawwachuun immoo caalaatti salphaa akka siif taʼu godhi

WANTA GOCHUU DANDEESSU

  • Wanta dogoggora taʼe raawwachuun caalaatti ulfaataa akka sitti taʼu godhi. Fakkeenyaaf, nyaata kee keessaa wanta faayidaa hin qabne balleessuu yoo barbaadde, nyaanni siif gaarii hin taane kushinaa kee keessa akka hin jiraanne gochuuf yaali. Akka kanaan yommuu qorumsi si mudatu, harka kennuu mannaa harka kennuu dhiisuun caalaatti carraaqqii guddaa kan gaafatu akka taʼu goota.

  • Wanta sirrii taʼe raawwachuun caalaatti salphaa akka siif taʼu godhi. Fakkeenyaaf, ganama sochii qaamaa gochuuf yoo karoorfatte, galgala uffata ispoortii kee siree kee bira kaaʼadhu. Wanta sana jalqabuun caalaatti salphaa yoo siif taʼe, wanta sana itti fufuun kee hin oolu.

  • Michuuwwan kee of eeggannoodhaan filadhu. Namoota wajjin yeroo dabarsinu fakkaachuuf fedhii qabna. (1 Qorontos 15:33) Kanaafuu, walitti dhufeenya namoota barsiifata ati dhiisuuf yaalii gootu jajjabeessanii wajjin qabdu daangessi; akkasumas namoota barsiifata gaarii akka gabbifattu si gargaaruu dandaʼan argachuuf yaalii godhi.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU DABALATAA

“Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa.”—Fakkeenya 13:20.

“Yaadni [“karoorri,” NW] warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba.”—Fakkeenya 21:5.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi