LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g17 Lakk. 4 ful. 10-11
  • Yeroo Ijoolleen Guddatanii Manaa Baʼaan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Ijoolleen Guddatanii Manaa Baʼaan
  • Dammaqaa!—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HAALA RAKKISAA
  • SABABIIN ISAA MAALI DHA?
  • WANTA GOCHUU DANDEESSAN
  • Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Gaaʼelaa Maal Jedha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Dulluma Keessa Wal Hiikuu
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • “Gaa’elli Hundumaa Biratti Ulfina-Qabeessa Haa Ta’u”
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2017
g17 Lakk. 4 ful. 10-11
Abbaan manaa iddoo tokko taaʼee televizyiinii ilaala, haati manaa immoo iddoo biraa teessee xilfii hodhiti

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA

Yeroo Ijoolleen Guddatanii Manaa Baʼaan

HAALA RAKKISAA

Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo baayʼee yommuu ijoolleen isaanii guddatanii mana baʼan rakkinni guddaan isaan qunnama. Mana keessa ijoolleen jiraachuu dhiisuun isaanii, keessumummaan akka isaanitti dhagaʼamuu gochuu dandaʼa. Hayyuun maatiidhaaf gorsa kennanii fi Gaarii Niiwumaan jedhaman akkana jedhaniiru: “Namoota karaa hariiroo hiriyaa gaaʼelaa isaanii wajjin qaban deebisanii itti cimsan hin beekne hedduudhaaf gorsa kenneera. Amma ijoolleen manaa waan baʼaniif, wanti [warri] waliin dubbatan ykn hojjetan baayʼee muraasa.”a

Kun hamma tokko haala gaaʼela keessanii kan ibsu dhaa? Taanaan, deebistanii hariiroo keessan cimsachuu ni dandeessu. Jalqaba garuu, wantoota hiriyaa gaaʼelaa keessan irraa akka fagaattan godhan tokko tokko haa ilaallu.

SABABIIN ISAA MAALI DHA?

Waggoota hedduudhaaf, ijoollee keessaniif dursa kennaa turtan. Warri hedduun yaada gaariidhaan kakaʼanii, gaaʼela isaanii caalaa fedhii ijoollee isaaniitiif dursa kennu. Shoora haadhaa fi abbaa taʼuudhaan qaban irratti waan xiyyeeffataniif, hariiroo isaan haadha manaa fi abbaa manaa taʼuudhaan qaban ni laafa; kunis dhugaa akkuma ijoolleen manaa baʼaniin mulʼatu dha. Haati manaa umuriin ishii waggaa 59 taʼe tokko, “Yeroo ijoolleen turanitti, yoo xinnaate wantoota tokko tokko waliin hojjenna turre” jetteetti. Erga ijoolleen manaa baʼanii booda garuu, “akka nama karaa gara garaa irra deemuu taane” jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti. Haala tokko tokko irratti, “Waan wal aarsinuuf waliin taʼuu hin barbaannu turre” jechuudhaan waaʼee abbaa manaa ishii dubbatteetti.

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko haala haaraa kanaaf of hin qopheessan. Kitaabni Empty Nesting jedhamu, “Hiriyoota gaaʼelaa hedduudhaaf haalli kun akkuma nama reefuu gaaʼela godhatanii fakkaata” jedheera. Waan wal isaan fakkeessu hedduu akka hin qabne waan itti dhagaʼamuuf, dhimma dhuunfaa isaanii irratti waan xiyyeeffataniif, hiriyaa gaaʼelaa utuu hin taʼin namoota akkasumaan mana tokko keessa jiraatan fakkaatu.

Wanti nama gammachiisu garuu, rakkina dhufuuf jiru kana hirʼisuu, darbees haala haaraa kana irraa faayidaa argachuu ni dandeessu. Gama kanaan Kitaabni Qulqulluun akkamitti isin gargaaruu akka dandaʼu haa ilaallu.

WANTA GOCHUU DANDEESSAN

Jijjiirama dhufu fudhachuuf kutadhaa. Ijoollee guddatan ilaalchishee Kitaabni Qulqulluun, “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa hin dhiisa” jedha. (Uumama 2:24) Warra waan taataniif, kaayyoon keessan yeroo kanaaf ijoollee keessan leenjisuu, jechuunis akka gaʼeessotaatti jiraachuuf dandeettii akka qabaatan gargaaruu dha. Haala kanaan yoo ilaaltan, ijoolleen keessan manaa baʼuu isaaniitti hamma tokko boonuun keessan sirrii dha.—Dhugaa buʼuuraa: Maarqos 10:7.

Isin yoom iyyuu ijoollee keessaniif warra akka taatan beekamaa dha. Amma garuu gaʼeen keessan gorsa kennuu malee isaan toʼachuu miti. Hariiroon haaraan kun, ijoollee keessanii wajjin caalaatti akka walitti dhihaatan kan godhu taʼus, xiyyeeffannaa guddaa kennuufii kan qabdan hiriyaa gaaʼelaa keessaniifi dha.b—Dhugaa buʼuuraa: Maatewos 19:6.

Yaaddoo keessan irratti waliin mariʼadhaa. Haalli jireenyaa haaraan kun hangam dhiibbaa akka isin irratti godhe hiriyaa gaaʼelaa keessanitti himaa; miira hiriyaa gaaʼelaa keessan dhaggeeffachuufis of qopheessaa. Obsa qabaadhaa, akkasumas wal hubadha. Hariiroo haadha manaa fi abbaa manaa taʼuudhaan qabdan cimsuun yeroo kan fudhatu taʼus, akkana gochuun garuu faayidaa guddaa qaba.—Dhugaa buʼuuraa: 1 Qorontos 13:4.

Wantoota haaraa waliin hojjetan barbaadaa. Galmawwan akka haadha manaa fi abbaa manaatti irra gaʼuu barbaaddan ykn wanta isin gammachiisu waliin hojjechuuf mariʼadhaa. Ijoollee waan guddistaniif, ogummaa hedduu argattaniittu. Ogummaa keessan kana warra kaan gargaaruuf maaliif itti hin fayyadamtan?—Dhugaa buʼuuraa: Iyoob 12:12.

Waadaa galtan haaressaa. Amalawwan akka isin wal jaallattan godhanii turan irratti yaadaa. Akka hiriyoota gaaʼelaatti seenaawwan galmeessistanii fi buʼaa baʼii jireenyaa mootan irratti xiinxalaa. Dhuma irrattis, haalli jireenyaa haaraan kun gaarii isiniif taʼuu dandaʼa. Carraaqqiin isin waliin gootan, amalawwan gaaʼela keessan cimsanii fi caalaatti fooyyessan horachuuf carraa kan isiniif banu taʼuu isaa irra iyyuu, jaalala isin jalqaba irratti waliif qabdan deebisee caalaatti isiniif cimsa.

a Kitaaba Emotional Infidelity jedhamu irraa kan fudhatame.

b Amma iyyuu ijoollee guddisaa jirtu yoo taʼe, hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin “foon tokko” taʼuu keessan yaadadhaa. (Maarqos 10:8) Ijoolleen keessumaa hariiroon warri isaanii qaban cimaa yoo taʼe caalaatti nageenyi itti dhagaʼama.

CAQASOOTA IJOO TAʼAN

  • “Namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa.”—Maarqos 10:7.

  • “Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”—Maatewos 19:6.

  • “Jaalalli obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa.”—1 Qorontos 13:4.

  • “Ogummaa warra lafa guurantu qaba mitii ree?”—Iyoob 12:12.

Saalvaatooree fi Awurooraa

SAALVAATOOREE FI AWUROORAA

“Amma yeroo hedduu waan qabnuuf akka gaariitti itti fayyadamuu barbaanna. Kanaaf namoota baayʼee, jechuunis maatiiwwan ijoollee qabanii fi hiriyoota gaaʼelaa haaraa taʼan gargaaruuf murteessine. Warra kaan gargaaruu fi muuxannoo keenya isaanitti himuun nu gammachiisa.”

Kaarloo fi Kaatariinaa

KAARLOO FI KAATARIINAA

“Jireenyi keenya akka jijjiirame yaaduu amannee fudhachuun yeroo nutti fudhateera. Waggoota hedduudhaaf gara caalaa waaʼee ijoollee dubbachaa turreerra. Amma garuu yommuu waliin hojjennu, suutuma suuta waaʼee ofii keenyaa fi wantoota nu barbaachisan irratti mariʼachuu baranneerra.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi